Tawbah-Kutaa 3ffaa

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti tawbah jechuun badii irraa buqqa’uu fi gaabbun gara Rabbiif ajajamuutti deebi’udha jennee turre. Akkasumas, Istighfaara jechuun araarama kadhachuudha.Yeroo baay’ee namni kan jeeqamu fi hirriba dhabuuf qalbiin isaa yommuu badiin xurooftudha. Namni badii irraa buqqa’uun yommuu araarama kadhatu, xurii badii qalbii isaa irraa dhiqaa jira. Kuni immoo qalbiin isaa akka qulqullooftu taasisa. Qalbiin yoo qulqulloofte namni jireenya keessatti boqonnaa sammuu, tasgabbii fi milkaa’inna argata. Har’as itti fufuun faaydaalee tawbah fi istighfaara ni ilaalla:

3-Aayata irraa kanneen fayyadaman namoota tawbataniidha
Jechi Aayata jedhu hiika baay’ee qaba. Garuu bakka lama gurguddootti qoodun ni danda’ama.
1ffaa– Aayata Kitaaba Rabbiin irraa bu’e. Afaan Oromootin keeyyata (verse) jechuuni dandeenya. Aayata (keeyyata) kana keessa barnoota, gorsa, qajeelcha, ragaalee fi odeefannootu jira.

2ffaa– Aayata Kawniyyah- Asitti hiikni aayata “mallattoo” ta’a, kawniyyah yommuu jennu wantoota uumamaniidha. Wantoonni uumaman kunniin Khaaliqa isaan uumeetti waan akeekaniif mallattoodha. Namni Baadiya tokko akkana jedhamuun gaafatame, “Rabbii kee akkamitti beekte?” Innis akkana jechuun deebise, “Biyyee gammoojji keessatti faanaa beelladaa yommuu argu, beellanni karaa kanaan akka darbe nan beeka. Kanaafu, Yuniversin (wantoonni uumaman) kuni hundi gara Khaaliqa akeeku. Beelladni yoo hin darbin akkuma faanni ofiin argamu hin dandeenye, wantoonni uumaman kunninis ofiin of argamsiisu hin danda’an.” Kanaafu, wantoonni uumaman kunniin hundi mallattoolee Tokkichummaa, Guddinnaa fi Dandeetti Rabbii olta’aa agarsiisaniidha.

Garuu gosoota aayata lamaan kanarraa kan fayyadamu, namoota xinxallanii fi uumamni isaanii sirrii ta’eedha. Wanta tokkotti xinxallanii barnoota irraa fudhachuuf, xinxallii irraa wanti nama dhoowwu ka’uu qaba. Yeroo baay’ee keeyyata Qur’aanaa fi wantoota uumamaniitti akka hin xinxalline kan nama taasisu gaflaa, fedhii lubbuu hordofuu fi badii keessatti taruudha. Kunniin qalbii irratti haguuggi ta’u. Karaan haguuggi kana itti kaasan immoo tawbah fi istighfaara. Kanaafi, Qur’aana keessatti akkana jedha:

Sila gara samii gubbaa isaanii jirtu, kan uraa (qaawwa) homaatuu hin qabne akkamitti akka ijaarree fi miidhagsine hin ilaallee? Dachii diriirsinee gaarreen gadi dhaabbatoo ishii keessatti gadi suuqne; akaaku [biqiltootaa] babbareedoo hunda irraa ishii keessatti magarsine. Gabricha tawbatu hundaaf hubannaa fi yaadachiisa” Suuratu Qaaf 50:6-8

Sila samii gubbaa isaanii jirtu itti hin xinxallanii? Utubaa malee akkamitti akka olkaasnee fi urjiileen akkamitti akka miidhagsinee hin ilaalanii? Kana keessa mallattoolee sadii dandeetti fi Guddinna Rabbii agarsiisantu jiru. 1ffaa- Samii hangana bal’attu utubaa malee ijaaru fi olkaasu. 2ffaa- samiin gara hundaan qaawwi fi uraan homaatu kan keessatti hin argamne ta’u. 3ffaa- Urjiileedhaan samii miidhagsuudha. Namni kana irratti yommuu xinxalluu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta hundaa irratti danda’aa akka ta’ee fi namoota du’an akka kaasu ni hubata.

Dachii keessas mallatoolee sadii dubbate: 1ffaa- jireenya lubbu-qabeeyyitiif akka toltu dachii diriirsu. 2ffaa-Dachiin akka hin sochoone gaarreen keessatti gadi suuqu, 3ffaa- gosoota biqiltootaa garagaraa nama hawwatan dachii keessatti magarsu. Mallatooleen kunniin nama itti xinxalluuf jalqaba irratti barnootaa fi hubannaa ta’uuf. Ergasii yaadannoo ta’uuf. Mallattooleen samii fi dachii keessa jiran sifaata (amaloota) Khaaliqa isaan uumee fi sirreesse nama barsiisu. Namni kana erga baratee booda akkuma irra deddeebi’e uumamtoota kanniin arguun yaadachisa isaaf ta’a. Wanta mallattolee kanniin irraa barate ni yaadata[1]. Garuu kana hunda kan hubatuu fi yaadatu nama yeroo hundaa gara Rabbii deebi’uudha (tawbatuudha).

Namni sirritti xinxallu, mallattoolee armaan olii irraa wanti baratuu fi hubatu: Uumamni samii fi dachii nama ajaa’ibsisuu, jabeenyi fi ciminni isaanii kuni Dandeettin Rabbii guutuu ta’uu argisiisu. Wanti Isa dhibu tokkollee akka hin jirre akeeku.
Miidhaginni fi tartiibni isaan keessa jiru Rabbiin ogeessota hunda caalaa Ogeessa akka ta’ee fi wanta hundaa akka beeku agarsiisu. Wantoonni nama fayyadanii fi fooyya’insa fidan samii fi dachii keessatti uumuun rahmata Rabbii agarsiisu.
Guddinni fi tartiibni isaanii Rabbiin Tokkicha wantoonni hundi irratti hirkatan akka ta’ee, shariika fi ilmoo kan hin qabne ta’uu agarsiisu. Samiin akka gonbisaa tan olkaatedha. Dachiin immoo lubbu-qabeeyyiif tan diriirtedha. Aduu fi jiiyni tartiiba kan qabataniidha. Walitti hin bu’an. Kan akkanatti tartiiba qabsiisu Rabbii Tokkicha. Kanaafu, Ibaadan (gabbarriin) guutuun Isa qofaaf ta’a.[2]

Namni kana hundatti yommuu itti xinxalluu yeroo hundaa gara Rabbii isaa deebi’uun Isa gabbara. Wanta Isaaf hin mallee irraa ni qulqulleessa.

4-Hidaaya (qajeelcha) argachuu
Namoonni hunduu jireenya keessatti dukkana keessaa bahuun ifa qajeelinnaa argachuu barbaadu. Badii hojjachuun dukkana namatti ta’a. Dukkana kana keessaa karaan itti bahan tawbaa fi istighfaara. Sababni isaas, namni yommuu gara Rabbii isaa deebi’u fi badii hojjateef araarama kadhatu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala gara daandii qajeelaatti isa qajeelcha. Qur’aana keessatti ni jedha:

Jedhi “Dhugumatti, Rabbiin nama fedhe ni jallisa, nama [tawbaan gara Isaatti] deebi’e immoo gara Isaatti qajeelcha.” Suuratu ar-Ra’ad 13:27

Namoonni Rabbiin jallise, sababa isaan waan badaa hojjatanii fi gara Isaatti deebi’u didaniifi. Yommuu isaan baditti lixanii fi gara Isaa deebi’uu didan jallinna isaanii keessatti isaan dhiisa. San booda sheyxaanni jallinna guddatti isaan dabarsa. Kana ilaalchise Qur’aana keessatti ni jedha:

7:202

Obboleeyyan isaaniis jallinna isaaniif dabalu. Ergasii [jallisuu irraa] hin gabaabbatan.” Suuratu Al-A’araaf 7:202

Kana jechuun obboleeyyan namoota jallatanii fi badii baay’ee hojjatanii sheyxaanota. Sheyxaanonni awliyaa (hiriyyoota dhiyoo) isaaniti. Sheyxaanonnii kunniin jallinnatti isaan dabarsu. Wanta badaa isaan hojjatan sheyxaanonni isaaniif miidhagsuun jallinna ni dabaluuf. Ergasii sheyxaanonnii isaan jallisuu irraa hin gabaabbatan (hin dhaabbatan). Garuu namoonni tawbatan, dhara sheyxaanaa jalaa ni bahu:

7:201

Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan yeroo naanna’aan (waswasaan) sheyxaana irraa ta’e isaan tuqe, [Rabbiin] yaadatu. Isaanis achumaan argaa ta’u.” Suuratu Al-A’araaf 7:201

Namoonni hojii itti ajajaman hojjatanii fi hojii irraa dhoowwaman dhiisan (muttaqoonni), sheyxaana irraa hasaasni badaan yommuu isaan tuqu, Rabbiin yaadatu. Namni yommuu badii hojjatu ykn wanta isarratti dirqama ta’e dhiisu, sheyxaanni wanta badaa isatti hasaasa (wasawasa). Wanti badaan sheyxaanni namatti hasaasu: badiitti nama kakaasu, dallansuu, shakkii fi kkf. Muttaqoonni sheyxaanni eessan isaanitti akka seene qorachuun dafanii tawbatu. Ergasii dhugaa arguun badii irraa ni deebi’u, karaa qajeelaa irratti gadi dhaabbatu. Hojii gaggaarii hojjachuu fi istighfaara baay’isuun dhara sheyxaanaa ofirraa deebisu.

Kanaafu, namni sababa tawbaa fi istighfaaratiin karaa lamaan qajeela.
1ffaa– Kaafira yoo ta’e ykn nama badii baay’ee hojjatu yoo ta’e, ergasii tawbatee Rabbiin yoo araarama kadhate, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala isa qajeelcha. Yuusuf Estes seenaa isaa yommuu himu akkana jedha: “’Guyyaa tokko xawlaa irratti sujuuda bu’uun yaa Rabbii kiyya hoo na qajeelchi.’ jedhe.” Yuusuf Estes duraan peenxe ture. Amma kunoo Ameerikaa keessatti sheeyka beekkamadha.

2ffaa– Namni erga qajeele booda sababa adda addaatin badii ni hojjata. Yeroo kanatti sheyxaanni carraa kanatti fayyadamuun isa jallisuuf tattaafata. Namni kuni dafee yoo tawbatee fi istighfaara baay’isee, jallinna irraa ni baraarama. Inuma qajeelinni isaaf dabalamu danda’a. Akka fakkeenyaatti, Nabii Aadamiin (AS) ilaalun ni danda’ama. Nabii Aadam badii erga hojjate booda dafee tawbatee araarama kadhate. Haadha warraa isaa waliin akkana jechuun araarama akka kadhatan Qur’aanni nuuf hima:
Gooftaa keenya! Lubbuu teenya miine jirra. Yoo Ati nuuf hin araaraminii fi rahmata nuuf hin godhin, dhugumatti nuti warra hoonga’an irraa taana.” Suuratu Al-A’araaf 7:23

Ergasii, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun deebiseef:

20:122

   “Ergasii Gooftaan isaa isa ni filate, isarraa tawbaa qeebalee isa qajeelche.” Suuratu Xaahaa 20:122

Kanaafu, namni abdii kutuu hin qabu.

5-Jannata seenu

Faaydaan tawbah fi istighfaara inni guddaa fi xumuraa Jannata seenu fi Jaalala Rabbal aalaminaa argachuudha.

Yaa warra amantan tawbaa qulqulluun gara Rabbii deebi’aa. Guyyaa Rabbiin Nabiyyii fi warra isa wajjiin amanan hin hoongessine san Gooftaan keessan diliiwwan keessan isin irraa haxaawee Jannata laggeen jala yaa’an isin seensisuun ni kajeellama. Ifti isaanii fuundura isaaniitii fi mirga isaanii deema; “Yaa Gooftaa keenya! Ifa keenya nuuf guuti, nuufis araarami; Ati waan hundaa irratti danda’aadha.” Jedhu.” Suuratu At-Tahriim 66:8

 Akkuma Umar bin Al-Khaxxaab fi kan biroo jedhan tawbaa qulqulluu jechuun badii irraa buqqa’uu fi gonkumaa itti deebi’u dhiisudha. Akkuma aannan gur’uu sa’aatti hin deebine, namni dhugaan tawbatus badiitti gonkumaa deebi’u dhiisudha. Ammas, Hasan ni jedha: tawbaa qulqulluu jechuun qalbiin gaabbu, arrabaan araarama kadhachuu, qaaman badii irraa buqqa’u fi gara fuunduratti itti deebi’u dhiisudha.

Namoota tawbaa qulqulluu tawbatan, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Guyyaa Qiyaamaa badii akka irraa haxaawu, Jannata laggeen jala yaa’an akka seensisuu, ibidda irraa isaan baraarun akka milkeessu waadaa galee jira. Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa Rabbiin Nabiyyii fi warroota amanan hin hoongessineedha. Kanaafu, namni har’a amanee Nabiyyii hordofe, Guyyaa san hin hoonga’u. Yommuu munaafiqonni ifni isaanii jalaa dhaamu, warroonni amanan ifti iimaana isaanii fuundura fi mirga isaaniitiin isaaniif ifa. Hanga Jannata gahanii nuura (ifa) kanaan deemu. Ifa kana akka isaaniif guutuu fi isaaniif araaramu Rabbiin kadhatu.

Kuni bu’aa tawbaa qulqulluuti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warra yeroo hundaa tawbaa qulqulluu tawbatuu fi araarama kadhatu nu haa taasisu.

Guduunfaa
➠Namni yommuu baditti taruu qalbiin isaa haguuggin ni haguugamti. Ergasii haqa aayataa arguun itti ulfaata. Karaan haguuggi kana itti kaasu, tawbah fi istighfaara.
➠Aayaata yommuu jennu aayata Qur’aanaa fi aayata kawniyyah of keessatti qabata. Aayanni (keeyyanni) Qur’aanaa ragaalee ifaa, qajeelcha, gorsaa fi odeefannoo gara fuunduraatti taasifamu of keessatti qabata. Aayanni kawniyyah immoo mallattoolee wantoota uumamaniidha. Wantoonni uumaman hundi gara Uumaa isaanii akeeku. Kanaafu, sifaata (amaloota) Isaa waan agarsiisaniif mallatooleedha.
➠Namni yeroo hundaa tawbatu fi istighfaara baay’isu keeyyattoota fi mallatoolee kanniinitti xinxalluun barnoota fi gorsa argata. Yommuu irra deddeebi’e mallatoolee kanniin ilaalu isaaf yaadachiisa ta’a.
➠Badii hojjachuu itti fufuun dukkana namatti ta’uun ifa qajeelinnaa akka hin argine nama taasisa.
➠Namni yommuu badii irraa tawbatuu fi araarama kadhatu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isa qajeelcha.
➠Karaan guddaan dhara sheyxaanaa jalaa itti bahan tawbaa fi istighfaara.
➠Hasaasni badaan sheyxaanaa namoota jaamsun wanta tokko sirriitti akka hin ilaalle taasisu danda’a. Rabbiin yaadachuun immoo ijaa fi qalbii bana. Yaanni sheyxaanaa namoota dukkanatti darba. Gara Rabbii deebi’uun immoo ifa isaaniif kenna*.
➠Tawbaa fi istighfaarri ka’uumsa namoota qajeelinna fi jijjirama barbaadaniiti. Akkasumas, gahuumsa fi xumura namoota milkaa’aniti.


Kitaabban Wabii
[1] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/39-40, Abdurahman Hanbakah
[2] Tafsiir Sa’diyyi fuula 949, 356 fi 1030
Al-Akhlaaqu Islaamiyyat wa ususuhaa– Jiildi 1 fuula 681-… Abdurahman Hanbakah
Kitaabban Tafsiiraa biroo
*In The Shade of The Qur’aan 6/263

Tawbah-Kutaa 4
Tawbah-Kutaa 2ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply