Uumama namaatti Xinxalluu-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Akkamitti gara Rabbii (Subhaanahu wa ta’aalaa) Dhiyaatan?
Marsaalee uumama namaa Aayata Qur’aanaati fi dhugaa sayiinsin irra gahe fayyadamuun hanga kutaa torbaa ilaala turreerra. Fakkiiwwan sanniin ilaalun nama uumama ofiitti xinxalluuf barnootaa fi gorsa ta’a. Ammas, itti fufuun uumama keenyatti ni xinxallina. Garuu uumama keenyatti xinxalluun bu’aan nuti argannu maalii? Namni jireenya isaa keessatti Gooftaa isa uumee beekuf karaa adda addaa barbaada. Erga Gooftaa isaa beekee booda Isa qofa gabbaruu fi jaallachuun jireenya keessatti tasgabbii fi milkaa’inna barbaada. Kanaafu, karaan Gooftaa ofii itti beekan keessaa tokko uumama ofiitti xinxalluudha. Aarifoonni (warroonni Rabbiin sirritti beekan) gariin akkana jedhu, “Jiraattonni addunyaa tanaa wanta garmalee mi’aayaa (gaarii) ta’ee osoo hin dhandhamin addunyaa tana gadi dhiisanii deeman.” Wanti garmalee gaariin (mi’aawan) suni maali? jedhamanii yommuu gaafataman, isaaniis akkana jechuun deebisan, “Rabbiin beekuu fi jaallachuudha.” 

Imaamu ibn Al-Qayyiim (rahimahullahu) karaalee Rabbii ofii itti beekanii fi itti dhiyaatan bakka afuritti qooda[1]:
1-Sifaata Rabbii beeku- asitti sifaata jechuun amaloota gaggaarii waa’ee Rabbii ibsaniidha. Kan akka waan hundaa beeku, dhagahuu, arguu, waan hundaa irratti danda’aa ta’uu,
2-Hojiiwwan, tola, mararfanna Rabbii gara sifaanni Isaa guutuu ta’uu agarsiisanitti xinxalluu
3-Namni amalootaa fi hojiiwwan Rabbiin jibbuu fi itti dallanuu itti yaadun irraa fagaachu.
4-Amalootaa fi hojiwwan Rabbiin jaallatu fi gara Isaatti nama dhiyeessan itti yaadun amaloota saniin of faayu fi hojjachuu.

Tuqaan 1ffaa fi 2ffaan Tawhiida fi sifaata Rabbiitii fi hojiwwan Isaatiin kan wal qabataniidha. 3ffaa fi 4ffaan immoo karaa Isatti nama geessu fi wanta karaa kanarraa nama deebisaniin kan wal qabataniidha. Amaloota nafsee ofiitti xinxalluun wanta Rabbiin jaallatuu fi jibbuu akka addaan baasu isa taasisa.

Sifaata Rabbii beeku fi hojiiwwanii fi murtiwwan Isaatti yaadun, iimaanaa fi kufrii, tawhiidaa fi shirkii, mirkaneessu fi diigu, wanta Rabbiif hin mallee irraa Isa qulqulleessu fi wanta Isaaf maluun ibsuu akka addaan baasu isa taasisa.

Karaalee kanniin armaan oli galmaan ittiin gahan
Namni sifaata (amaloota) Rabbii guddaa beeku kan danda’u qajeelcha yoo qabaatedha. Karaa Ergamtootaatin Rabbiin irraa qajeelchi yoo isa hin gahin, dhama’iinsa fi jallinna keessatti kufa. Addunyaa tana keessatti namoonni Rabbiin arguu hin danda’an. Kanaafu, qajeelcha Isa ittiin beekan barbaachisa. Qajeelchi kunis kitaabban gara Nabiyyootatti bu’aniidha. Kanaafu, karaan sifaata Rabbii Olta’aa itti beekan Kitaaba Qulqulluu Isarraa bu’e qo’achuudha. Kitaabni qulqulluun xumuraa Qur’aana. Qur’aana keessatti sifaata Isaaf maluu fi hin malle ni dubbata. Kanaafu, Qur’aana xinxalliin qo’achuun sifaata Rabbii akka beekan nama taasisa. Kanaafi, akkana jechuun gara Qur’aana xinxallutti nama kakaasa:

38:29

“[Yaa Muhammad] [Kuni] Kitaaba barakaa, akka isaan keeyyattoota isaa itti xinxallanii fi akka warri sammuu qaban ittiin gorfamaniif jecha gara keetti buufnedha.” Suuratu Saad 38:29

Barakaa jechuun tola baay’ee jechuudha. Dhugumatti Qur’aanni tola baay’een kan guuttameedha. Waa’ee Rabbii olta’aa haala ifa ta’een namaaf ibsuun dukkana kufrii fi shirkii keessaa gara ifa iimaanatti nama baasa.

Karaan biraa Rabbii ofii itti beekanii fi jaallatan mallatoolee samii fi dachii keessa faca’anitti xinxalluudha. Wantoonni uumaman samii fi dachii keessa jiran hundi sifaanni Rabbii guutuu ta’uu agarsiisu. Kanaafu, namni akkuma mallattoolee ijaan mul’atanitti xinxalluun Rabbii ofii beekaa fi jaallataa adeema. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Dhugumatti, uumama samii fi dachii, wal bakka bu’uu halkanii fi guyyaa keessa warra sammuu qabaniif mallatooleetu jira. Isaan warra dhaabbannaa, taa’umsa fi cinaacha isaanii irratti ta’uun Rabbiin faarsanii fi uumama sami fi dachiitti xinxalluun “Yaa Gooftaa keenya! Ati kana taphaaf hin uumne, Qulqulloofte! Adabbii ibiddaa irraas nu baraari.” [jedhaniidha].” Suuratu Aali-Imraan 3:190-191

Mee amma wanta yeroo hundaa irra deddeebinee ilaallu sammuu banuun haala haarawaan haa ilaallu. Samii fi dachii, halkanii fi guyyaa namni kamiyyuu ni arga. Garuu namoonni itti xinxallanii gara haqaatti qajeelan baay’ee xiqqoodha. Namoonni kunis namoota sammuu isaaniitti fayyadamanii fi haala kamiyyuu keessatti Rabbiin subhaanaha wa ta’aala kan yaadatanii fi faarsaniidha. Yommuu dhaabbatan, deeman, taa’an fi cinaacha irratti hirkatan qalbiin Rabbiin ni yaadatu, arrabaan ni faarsu. Warri kuni warra uumama samii fi dachiitti xinxallaniidha. Xinxalli booda wanti hubatan: samii fi dachiin hangana gurguddatan kunniin taphaaf akka hin uumamne ni hubatu. “Yaa Gooftaa keenya! Ati kana taphaaf hin uumne…” Kana jechuun yaa Gooftaa keenya wantoota kanniin kaayyoo fi ogummaa malee akkanumatti taphaaf hin uumne. Kana irra, hikma ykn kaayyoo guddaa tokkoof uumte. Namootaaf iddoo jireenyaa taasisu, Si beekuf ragaalee akka ta’aniif, Siif ajajamuun jireenyaa zalaalamii akka gahaniif uumte[2]. Kanaafu, uumamni samii fi dachii ajajuu fi dhoowwu, badhaasu fi adabuu kan barbaachisuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namootaaf dachii akka firaashaa diriirseef. Samii immoo akka gonbisaa gochuun rooba irraa buuse. Rooba kanaanis biqiltoota biqilchuun namootaaf soorata taasise. Namni xinxallu akkana jechuun of gaafata, “Rabbiin kana hunda kan godheef taphaafi?” Gonkumaa taphni wanta isaaf hin malleedha. Kanaafu, wanta namoota barbaachisu jireenya tana keessatti erga dhiyeessefi, dhumarratti wanta hojjataniif isaan gaafachuun mindaa isaaniif kenna. Kunis kan ta’u Guyyaa Qiyaamati. (Dhugaa kana hubachuuf suuratu baqarah 2:21-25 itti xinxalluun ni danda’ama) Aayaata kanniin keessatti, jalqaba Gooftaa isaan uume akka gabbaran namoota ni ajaja. Ergasii, uumama samii dachii fi qananii isaaniif oole ni dubbata. Uumamni fi qananiin kuni Rabbiin qofa gabbaruutti waan nama kakaasuf “Isa waliin waan biraa hin gabbarinaa” jechuun dhoowwa.  San booda, waa’ee Qur’aana ni dubbata. Kuni kan agarsiisu Qur’aanni Isarra akka bu’e fi namootaaf qajeelcha akka ta’e agarsiisa. Dhumarratti, xumura namoota kafaranii fi amananii dubbata.

Kanaafu, uumamni samii fi dachii jireenya tanaan ala jireenyi biraa akka jirtu kan agarsiisuudha. Jireenyi lammataa namni hunduu mindaa itti argatu yoo hin jiraatin, uumamni samii fi dachii tapha ta’aa jechuudha. Rabbiin subhaanahu tapha irraa kan qulqullaa’edha. Kanaafi, warroonni xinxallan, “Subhaanaka (Qulqulloofte)!” jechuun Rabbiin hanqinnaa fi tapha irraa qulqulleessu. Itti aansanii, Guyyaa Qiyaamaa ibidda irraa akka isaan baraaru kadhatan.

Kanaafu, uumamtootatti xinxalluun Rabbii ofii akka beekanii fi itti amanan, yeroo hundaa akka Isa yaadatanii fi faarsan nama taasisa. Akkasumas, kaayyoo wantoonni kunniin itti uumamaniif ni hubatu.
“Yommuu xinxallan ni gorfaman; yommuu gorfaman ni amanan; yommuu amanan Rabbiin ni gabbaran. Xinxalliin ibaadaa guddaa gabrichi hojjatuudha.[3]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gara uumama samii fi dachii qofa osoo hin ta’in uumama keenyattis akka xinxallinu nu kakaasa.

36:77

Sila namni akka Nuti copha bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroma san inni mormaa ifa bahaa ta’ee argama.” Suuratu Yaasin 36:77

Qur’aana keessatti iddoo adda addaatti ilma namaa jalqaba, guddinnaa fi xumura uumama isaatti akka xinxalluu ni waama. Nafseen isaatii fi uumamni isaa ragaalee gurguddaa gara Uumaa isaa akeekan irraayyi. Wanti hundarra dhiyoon gara namaa ta’e nafsee isaati. Wantoota ajaa’ibaa Guddinnaa Rabbii agarsiisantu keessa jira. Garuu namni nafsee ofiitti xinxalluu irraa kan garagalee fi dagateedha. Osoo itti xinxallee silaa ajaa’ibni inni uumama ofii keessatti arguu kufrii isaatirraa ni dhoowwaa ture[4]. Rabbiin ni jedha:

Namni abaarrame! Sila maaltu isa kafarsiisee?
[Rabbiin] waan akkamii irraa isa uumee?[hin xinxalluu?]
Copha bishaan saalaa irraa isa uumee ergasii isa sirreesse.
Ergasii karaa [inni ittiin dhalatu] isaaf laaffise.
Ergasii isa ajjeesee isa awwaalchise. Ergasii yeroo fedhe isa kaasa
.” Suuratu Abasa 80:17-22

Mee amma gara nuxfah ija xinxallitiin ilaali. Copha bishaan dadhabaa nama jibbisiisuudha. Osoo sa’aatin muraasni irra darbe cophni tuni ni baddi, fooliin ishii ni ajaaya. Gooftaan gooftotaa wanta hundaa beeku fi danda’aa ta’e akkamitti akka dugdaa fi qoma jidduudhaa baase itti xinxalli. Cophni tuni dandeetti Isaatiif masakamuu fi fedhii Isaatiif ajajamuun hanga iddoo gahuumsa geessu ajaja Isaatiif buluun deemti. Cophni dhiiraa fi dubartii keessaa bahan gara gadaamessa deemun akkamitti akka qubatan mee ilaali. Karaa irra deemanii gadaamessa itti gahan Kan mijeesseef eenyu? Karaa kana keessa deemun gadaamessa hanga gahanii kan qajeelchu Rabbiin malee jiraa? Cophni kunniin nafsee fi sammuu hin qaban. Kanaafu kan isaan qajeelchu barbaachisa.

Cophni wal makaan gadaamessa keessa erga gahee booda wanta adeemsifamu mee itti xinxalli. Copha akka duumessaa kanarraa dhiiga iititaa taasise. Dhiiga itiita kana gara muraa foonitti jijjire. Muraa foonii kanarraayis lafee uumuun foon uwwise.

55:13

“Kanaafu, tola Rabbii keessanii keessaa kamiin kijibsiiftuu?” Suuratu Ar-Rahmaan 55:13

Guduunfaa
☛Rabbii ofii beekanii fi itti amananii Isa qofa gabbaruun dhugumatti jireenya keessatti tasgabbii addaan hin cinne argachuudha.

Isaan warra amananii qalbiin isaani zikrii Rabbiitin tasgabbooftudha. Dhaga’aa! Zikrii Rabbiitin qalbiin ni tasgabboofti.” (Suuratu Ar-Ra’ad 13:28)
☛ Karaaleen Rabbii ofii itti beekan, itti amananii fi jaallatan Qur’aanaa fi wantoota uumamanitti xinxalluudha.
☛ Qur’aanatti xinxalluun sifaata (amaloota) Rabbii olta’aaf maluu fi hin malle, iimaanaa fi kufrii, tawhiidaa fi shirkii akka addaan baasan nama gargaara.
☛ Uumama samii fi dachiitti xinxalluun Guddinnaa fi Dandeetti Khaaliqa akka hubatan nama gargaara.
☛ Uumama ofiitti xinxalluun maaliif akka uumaman, jireenya tanaan ala jireenyi biraa akka jirtu fi Dandeetti Khaaliqa akka hubatan nama taasisa.
☛ Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota samii fi dachii keessa jiran ilmaan namaatiif erga uumee, akkanumatti osoo isaan hin ajajinii fi hin dhoowwin, dhumarratti osoo hin qoratin ni dhiisaa? Qorannoo fi jazaan yoo hin jiraatin bu’aan uumama samii, dachii fi ilma namaa maali ree? Kanaafu, Guyyaan Qiyaamaa namni wanta hojjateef itti qoratamuu fi mindaa itti argatu jiraachu qaba.
☛ Namni haala kanaan jireenya yoo ilaale, akkanumatti kan uumame osoo hin ta’in kaayyoo guddaaf akka uumame ni hubata. Kanaafu, waan gaarii hojjachuu fi waan badaa irraa fagaachun Guyyaa Qorannootiif of qopheessa.
☛ “Qoratamuun dura of qoradhaa, madaallamuun dura of madaalaa!” Umar ibn Al-Khaxxaab (radiyallahu anhu).


Kitaabban wabii:
[1] Miftaahu Daaru sa’aadah-fuula 530-533, Imaamu ibn Al-Qayyiim
[2] Tafsiirul Qur’aanil Kariim wa i’iraabuhi wa bayaanuh 2/346 Muhammad Aliyy Xaahaa 
[3] Madda olii-345
[4] Miftaahu Daaru Sa’aadah-fuula 539

Uumama Namaatti Xinxalluu-Kutaa 2ffaa
Isin Keessa Mallatto Jira-Kutaa 7
Offline dubbisuf

Leave a Reply