Tawbah-Kutaa 5ffaa

Offline dubbisuf

Sadarkaalee Tawbah*
Tawbaan sababa badiitiin ykn gaflaatin erga Rabbiin irraa fagaatanii booda gara Isaatti deebi’uu waan ta’eef, tawbaan sadarkaalee garagaraa qaba. Sadarkaalee tawbah haala armaan gadiitin tarreessu ni dandeenya:

1-Shirkii fi kufrii irraa tawbachuun gara iimaanatti seenu- Namni Rabbiin waliin waan biraa gabbaru (waaqefatu) ykn guutumaan guututti Rabbitti hin amanne, tawbachuun gara amanti Islaamaa seena. Fakkeenyaf, Namni Kiristaana ta’e, Iyyasuus waaqefachuu dhiise gara Islaamatti seenuun Rabbiin qofa yoo gabbare, shirkii irraa tawbate (deebi’e) jennaan.
2-Badii gurguddaa irraa tawbachuun sadarkaa taqwaatti ol bahuu- Namni badii gurguddaa akka zinaa, hatu, qumaari fi kkf irraa deebi’uun warroota Rabbiin sodaatan keessa ta’uu danda’a.
3-Badii xixiqaa irraa tawbachuun sadarka taqwaa ol’aanutti ol bahuu- namni badii gurguddaa erga dhiise booda badii xixiqaa irraa akkuma tawbatuun, taqwaan (Rabbiin sodaachuun) isaaf dabalamaa adeema.
4-Wantoota jibbamoo hojjachuu fi wantoota jaallatamoo dhiisu irraa tawbachuun gara sadarkaa al-birr itti olka’uu- kana jechuun wantoota jibbamoo dhiisu fi wanta jaallatamoo hojjachuun, namoota “Abraar” jedhaman keessaa ta’uudha. Abraar jechuun warroota waan itti ajajaman hojjatan, waan irraa dhoowwamaniis dhiisaniidha. Garuu akka dabalataatti hojii gaggaarii jaallatamaa baay’isanii ni hojjatu. Ammas, hojii jibbamaa (makruuh) ni dhiisu.

5- Hanqinna sadarkaa guutuu namummaa akka hin geenye nama taasisan irraa tawbachuun gara ihsaanitti ol siqu.
6-Kanaa oliis Rabbiin irraa yeroo garii gaflaa keessa ta’uu irraa tawbachuun gara Muqarrabiinatti ol bahuu. Muqarrabiina jechuun hunda caalaa warroota Rabbiitti dhiyoo ta’aniidha.

Tawbaan nabiyyoota tawbaa sadarkaa ol’aanudha. Kana jechuun sadarkaa ol’aanaa ihsaanaa fi muqarrabiina akka hin geenye hanqinna nama taasisu yoo of keessatti argan, ni tawbatu, araarama kadhatu.

Kanaafi, Ergamaan Rabbii (SAW) guyyaatti si’a 70 ol tawbataa fi istighfaara gochaa akka turan gabaasan mirkanaa’e jira. Nabiyyiin badii hojjatanii osoo hin ta’in sadarkaa ol’aanaa muqarrabiina keessaa ta’uu fi ummataaf fakkeenya ta’uudha. Sahiih Muslim keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhu:
يَا أَيُّهَا النَّاسُ تُوبُوا إِلَى اللَّهِ فَإِنِّي أَتُوبُ فِي الْيَوْمِ إِلَيْهِ مِائَةَ مَرَّةٍ ‏”‏ 
Yaa namoota gara Rabbii tawbadhaa! Dhugumatti ani guyyaatti si’a dhibba gara Isaatti tawbadha.” Sahiih Muslim 2702

Abdullah Ibn Umar akkana jedha: taa’umsa tokko keessatti Ergamaan Rabbii si’a dhibba
“رَبِّ اغْفِرْ لِي وَتُبْ عَلَىَّ إِنَّكَ أَنْتَ التَّوَّابُ الرَّحِيمُ ‏” (‘Rabbighfirlii wa tub `alayya innaka Antat-Tawwaabur-Rahim)” akka jedhe lakkaa’aa turre.” Suunan Ibn Maajah 3814

Rabbighfirlii-Yaa Rabbii naaf araarami, wa tub alayya-tawbaas narraa qeebali, Innaka-dhugumatti ati, anta-Ati, tawwaabu- baay’isee kan tawbaa namarraa qeebalu, rahiim-garmalee kan namaaf rahmata godhu.

Hiika hima: Yaa Rabbii naaf araarami, tawbaas narraa qeebali, dhugumatti Ati baay’isee tawbah Kan namarraa qeebalu, garmalee Kan namaaf rahmata godhuudha.
Rasuulli kan diliin (cubbuun) isaanii hundi kan araaramameef si’a dhibba yoo tawbatanii fi araarama kadhatan, warroonni badii hojjatan hoo si meeqa tawbachuu fi araarama kadhachuu qabuu?

Tawbah fi Hojii gaggaarii

Namni badii irraa erga deebi’ee fi buqqa’ee (tawbatee) booda, keessa isaatti duwwummaa fi dhiphinni itti dhagahama. Akkasumas, hasaasni sheyxaanaa itti jabaachun baditti deebi’u danda’a. Erga tawbatanii booda karaan of fooyyessanii fi badii guutumaan guututti itti haaqan hojii gaggaarii baay’isanii hojjachuudha.

11:114

Qaccee lamaan guyyaatii fi yeroo halkan irraa ta’ee salaata sirreessi salaati. Toltuwwan hamtuu ni deemsisu (ni haaqu). Kuni warra gorfamaniif gorsa.” Suuratu Huud 11: 114

Qaccee lamaan guyyaa jechuun jalqabaa fi dhuma guyyaati. Jalqabni fi dhumti guyyaa salaata fajrii (subhii), zuhrii fi asrii qabata. Yeroon halkanii immoo salaata maghriibaa, ishaa’i akkasumas, salaata leyli of keessatti hammata. 
Toltuwwan hamtu (cubbuu) xixiqqoo haaqu. Namni salaata sirnaan yoo salaatee fi hojii gaggaarii biro yoo hojjate, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hamtuu xixiqoo inni hojjate irraa haaqa. Hamtuun ykn badiin xixiqoon yoo namarraa haaqaman, badii gurguddaatti akka hin geenye sababa ta’u.

Akkasumas, namni badii gurguddaa irraa erga tawbatee booda hojii gaggaarii qulqullinnaa fi baay’innaan yoo hojjate, Rabbiin badii isaa isaaf haguuga, adabbiis isarraa deebisa. Rabbiin ni jedha:

“Gooftaan keessan of irratti rahmata katabe: Namni isin keessaa wallaalummaan hamtuu hojjatee ergasii san booda tawbatee fi toltuu hojjate, dhugumatti Inni araaramaa rahmata godhaadha.” (suuratu Al-An’aam 6:54)

Gooftaan keessan gabroota Isaa badii hojjataniif rahmata akka godhuuf of irratti dirqama godhee fi Lawhal Mahfuuz keessatti katabee jira. Qabiyyeen rahmata kanaa: “Namni isin keessaa wallaalummaan hamtuu hojjatee ergasii san booda tawbatee fi toltuu hojjate, dhugumatti Inni araaramaa rahmata godhaadha.”  
Kana jechuun namni badii erga hojjatee booda badii san irraa buqqa’ee fi gaabbee gara Rabbii deebi’uun hojii gaggaarii hojjate fi wanta balleesse fooyyesse, Rabbiin isaaf araarama, rahmata godhaaf. Badii isaa ni haguugaaf, isa hin adabu.

Kanaafu, badii erga hojjatanii booda tawbachuu fi hojii gaggaarii baay’ee hojjachuun, dhiibba badiin namarraan gahe akka deemu sababa ta’a. Kanaafi, Sahaabonni badii wayii erga hojjatanii booda ni tawbatu. Ergasii hojii gaggaarii baay’isu. Akka fakkeenyaati, Ka’ab ibn Maalik Duula Taabuk irraa duubatti hafuun dogongora guddaa hojjate. Sababa kanaan namoonni hunduu Ka’ab irraa ni fagaatan ykn ni oodaniin. Ergasii inni ni tawbate. Isaa fi hiriyyoota isaa lamaan irraa Rabbiin tawbah akka qeebale aayah buusun beeksise. (Suuratu Tawbah 9:118).
Ergasi Ka’ab bin Maalik Nabiyyi bira dhufuun akkana jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! Tawbaan kiyya akka guuttamuuf qabeenya kiyya akka sadaqaatti Rabbii fi Ergamaa Isaatiif gadi dhiisu barbaada.” Ergamaan Rabbiis ni jedhan: “Qabeenya kee muraasa qabadhu, santu irra siif gaariidha.” Anis ni jedhe, “Qooda kiyya kan Khaybar nan qabadha.” Sunan Abu Dawud 3317, Sunan an-nasaa’i-3824, Hadiisa guutuu Sahiih al-Bukhaari 4418 keessatti argachuun ni danda’ama.

Kunoo haalli namoota badii hojjatanii ergasii tawbatanii akkana ture. Erga tawbatanii booda hojii gaggaarii baay’ee hojjatu.
Garuu namni tawbadhe jedhee hojii gaggaarii yoo hin hojjatin hangas mara jireenya keessatti jijjirama hin argu.

Tolee, namni erga tawbatee hojii kam irraa jalqabu qaba? Jedhee gaafachu danda’a. Deebiin isaa haala armaan gadiitiin ta’a:

1-Salaata

Namni shirkii, kufrii fi badii biroo irraa tawbachuun gara Rabbii erga deebi’ee, hojiin jalqabaa inni hojjatu salaata. Sababni isaas, salaanni karaa hundarra gaarii gabrichi Gooftaa isaa itti qunnamuudha. Akkasumas, salaanni faaru Rabbii, gargaarsa kadhachuu, istighfaara, qajeelinna kadhachuu fi du’aayi biroo kan of keessatti qabateedha. Namni erga tawbatee booda salaata shanan dirqama (waajiba) ta’an salaatuf ni carraaqa. Kuni karaa qajeelaa irratti akka jabaatu fi badiitti akka hin deebine isa taasisa.

Namni salaata dirqamaa erga salaatee booda salaata sunnaah ykn nawaafila salaatun tawbaa ofii guutuu danda’a. Salaata nawaafila (dabalataa) keessaa salaanni gaariin salaata halkaniiti. Salaata halkanii yommuu salaatu istighfaara haa baay’isuu.

2-Zikrii fi Du’aayi Baay’isuu
Yeroo hundaa Rabbiin yaadachuun baditti akka hin kufne nama gargaara. Salaataa fi zikrii ilaalchisee Qur’aana keessatti ni jedha:

Kitaaba irraa waan gara kee buufame dubbisi. Salaatas sirreessi salaati. Dhugumatti salaanni wantoota fokkatoo fi jibbamoo ta’an irraa nama dhoowwa. Zikrii Rabbiitu [waan hundarra] guddaadha. Rabbiinis waan isin hojjattan ni beeka” Suuratu Al-Ankabuut 29:45

Salaanni zikrii (yaadannoo fi faaruu) Rabbii of keessaa qaba. Salaata keessattis ta’i salaatan ala qalbii fi arrabaan Rabbiin yoo yaadate fi faarse, wantoota fakkatoo fi jibbamoo irraa ni eeggama. Salaata keessatti fi salaatan alatti zikrii fi du’aayi godhan hadiisa keessatti dhufe jira. Namni zikrii sanniin fayyadamu danda’a. Bal’innaan linkii kanarraa argachuun ni danda’ama: https://www.sammubani.com/category/zikrii-fi-salaata/
Garuu kanniin keessaa nama tawbatuuf du’aayi fi zikrii baay’ee barbaachiso ta’an sadii osoo ilaalle gaariidha.

Sayyidul istighfaar- Du’aayi hundarra caalu
Du’aayin armaan gadi du’aayi hunda caalu araarama ittiin kadhataniidha. Asitti bakka waan fudhatuuf linki kanarraa ilaalun ni danda’ama. https://www.sammubani.com/2017/08/23/naamusa-duaayi-2/#more-3487

Nama du’aayin armaan olii itti ulfaate, du’aayi tana gochuu danda’a:
اللَّهُمَّ إِنِّي ظَلَمْتُ نَفْسِي ظُلْمًا كَثِيرًا وَلاَ يَغْفِرُ الذُّنُوبَ إِلاَّ أَنْتَ، فَاغْفِرْ لِي مَغْفِرَةً مِنْ عِنْدِكَ، وَارْحَمْنِي إِنَّكَ أَنْتَ الْغَفُورُ الرَّحِيمُ ‏”

Allaahumma innii zalamtu nafsii zulman kasiiran walaa yaghfiru zzunuuba illaa anta. Faghfirlii maghfiratan min indika warhamnii innaka ant-al-ghafuuru rahiim.” Sahih al-Bukhari 834

Hiika jechoota: Allaahumma (Yaa Rabbii), innii (dhugumatti ani), zalamtu (miidhee jira), nafsii (lubbuu tiyya), zulman (miidhaa), kasiiran (baay’een), walaa (hin jiru), yaghfiru (kan araaramu), zunuuba (badiiwwan), illaa (malee), anta (Si), faghfirlii (naaf araarami), maghfiratan (araarama), min indika(si biraa), warhamni (rahmatas naaf godhi), innaka (dhugumatti ati), ghafuur (kan namaaf araaramu), rahiim (rahmata kan namaaf godhu).

Hiika himaa: Yaa Rabbii! lubbuu tiyya miidhaa baay’een miidhee jira. Badii kan araaramu Si malee hin jiru. Araarama Si biraa ta’een naaf araarami. Rahmatas naaf godhi. Dhugumatti Ati Araaramaa, Rahmata godhaadha.

Itti xinxallaa arrabaan zikrii armaan gadii baay’isuu:
 سُبْحَانَ اللَّهِ وَبِحَمْدِهِ أَسْتَغْفِرُ اللَّهَ وَأَتُوبُ إِلَيْهِ
Subhaanallahi wa bihamdihi astaghfirullahi watuubu ileyh

Faaruu Isaa waliin Rabbiin Qulqullaa’e; Rabbiin araarama kadha, gara Isaatti deebi’a.” Sahiih Muslim 484

3-Sadaqaa kennu
Namni qabeenyi isaa hamma zakaa itti kennan yoo gahe zakaa kennu. Kana yoo dadhabe immoo hanga humni isaa danda’e sadaqaa kennuun badii hojjate irraa qulqullaa’u danda’a.

4-Sooma soomu
Ji’a Ramadaanaa erga soome booda sooma dabalata soomun, hojii badaa irraa of qulqulleessu danda’a. Sooma, sadaqaa fi salaata halkanii ilaalchise, Nabiyyiin (SAW) Mu’az bin Jabalin akkana jedhan: “Balbaloota keeyrii (waan gaarii) sitti akeeku? Soomni gaachana, akkuma bishaan ibidda dhaamsu sadaqaanis badii dhaamsiti (haaqxi); salaata halkan qixxee namtichi salaatu.Sunan Ibn Majah 3973

5- Hajjii fi Umraa- humna yoo qabaate, hajjii fi umraa gochuun hojii gaggaarii gurguddaa badiin akka namaaf irra darbamuu taasisaniidha.

Kanaa gaditti hojiwwan gaggaariin lakkawamanii hin dhuman. Haadha abbaaf tola oolu, beekumsa barbaadu, waan gaaritti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwu, fi kkf… Hojiiwwan armaan olii kunniin qaaman qofa osoo hin ta’in qalbiinis kan wal-qabataniidha. Hojiin qaamaa niyyaa qalbii keessa jiru irratti hundaa’a. Kanaafu, namni hojii hojjatu keessatti niyyaa ofii qulqulleessuf tattaafachu qaba.

Guduunfaa
➠Namni hanga fedhe badaa haa ta’uu, hojii fokkuu irraa yoo tawbatee fi hojii gaggaarii hojjate, sadarkaa kabajaa ol’aanu gahuu danda’a.
➠ Namni Kufrii, shirkii fi nifaaqa irraa tawbachuun sadarkaa iimaanatti seena.
➠ Badii gurguddaa, badii xixiqaa fi wantoota duubatti nama harkisan irraa akkuma tawbatuun sadarkaan isaa dabalaa adeema. Fakkii :Badii fi hanqinna irraa tawbachuun sadarkaa xiqqarraa gara sadarkaa ol’aanutti darbuu. http://www.sammubani.com/wp-content/uploads/2019/03/Badii-fi-hanqinna-irraa-tawbachuun-sadarkaa-xiqqarraa-gara.jpg
➠ Namni badii irraa erga tawbatee booda akkuma hojii gaggaarii baay’isee hojjatuun badii irraa qulqullaa’aa adeema.

Kitaabban Wabii
*Al-Akhlaaqu Islaamiyyat wa ususuhaa– Jiildi 1 fuula 690-691 Abdurahman Habankah 
Kitaabban Tafsiira

Tawbah-Kutaa 6ffaa
Tawbah-Kutaa 4
Offline dubbisuf

Leave a Reply