Tawbah-Kutaa 6ffaa

Offline dubbisuf

Miidhaa Tawbah tursiisuu
Namni badii erga hojjatee dafee badii isaa amanuun tawbatu, dhugumatti adabbii jalaa baha. Garuu gara fuunduraatti tawbah kan dabarsu yoo ta’ee, rakkoo baay’eef of saaxila. Namoota meeqatu badii keessatti taranii yommuu adabbiin isaanitti bu’uu tawbachuu barbaadan. Garuu yeroon waan irra darbeef carraa tawbatanii adabbii jalaa itti bahan ni dhaban. Namni yeroon yoo hin tawbatin, du’aan ykn Qiyaamaan dhooyun carraa tawba dhaba. Ergasii gaabbi cimaa gaabba.  Namni badii hojjataa turee yommuu duuti itti dhuftu dhugaan waan isatti mul’atuuf tawbachuu barbaada. Kanaafi Qur’aana keessatti akkana jedha:

“Yeroo tokkoon isaaniitti duuti dhuftu ni jedha, “Gooftaa kiyya! Na deebisi. Waaniin dhiise keessatti hojii gaarii hojjachuun kajeela.” Lakki! Ishiin kuni jecha inni jedhu qofa. Hanga guyyaa kaafamaniitti isaan duuba barzakha (cufaatu) jira.” Suuratu Al-Mu’minuun23:99-100

Kana jechuun nama daangaa darbee fi Rabbiif ajajamuu dide yommuu duuti isatti/ishitti dhuftu, akkana jedha,“Yaa Rabbii kiyya! gara addunyaa na deebisi. Hojii gaggaarii duraan hojjachuu dhiise hojjadhaati.” Rabbiinis ni jedha, “Lakki!” Kana jechuun gara addunyaa deebi’uun hin jiru. Jechi inni “Rabbii kiyya na deebisi” jedhu kuni, jecha inni arrabaan jedhu qofa, faayda homaatu hin qabdu. Gaabbi fi gadda malee homaa hin dabaltuuf.

Tawbah tursiisuun addunyaa tana keessattis akka salphatan nama taasisa. Namni badii hojjachuu yommuu itti fufu, keessaa fi alaan salphinni itti dhagahama. Keessa isaatti salphinni waan itti dhagahamuuf kabajaa fi tasgabbiin ummata keessa deemun itti ulfaata. Akkasumas, namoonni ija jibbaati fi tuffitiin isa ilaalu. Namni yommuu keessa isaatti salphinni itti dhagahamee fi namoonni yoo isa jibbanii fi tufatan hangam akka miidhamu itti haa yaadu. Kanarratti dabalatee osoo hin tawbatin yoo du’e adabbii cimatu isa eeggata. Karaaan salphinna, jibba, tuffii fi adabbii ofirraa itti deebisan tawbaadha. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun gabroottan nafsee ofii irratti daangaa darban tawbatti waama:

“Jedhi,”Yaa gabroottan kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha. Gara Rabbii keessanii deebi’aa, Isaafis ajajamaa odoo adabbiin isinitti hin dhufiniin duratti. Sana booda hin tumsamtanu. Adabbiin tasa osoo isin hin beekin isinitti dhufuun dura irra gaarii waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti bu’e hordofaa.” Suuratu Az-Zumar 39:53-55

Yaa namoota badii lubbuun ittii nama waamtu hojjachuu fi Rabbii waa hundaa beeku dallansuun, lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Namni yommuu badii hojjatu lubbuu ofii irratti daangaa darba. Sababni isaas, sababa yakka ykn badii hojjatef adabbii Rabbiitiif of saaxila.  Yaa gabroottan Kiyya badii hojjachuun lubbuu ofii irratti daangaa dabartan, Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Kana jechuun rahmata Isaatirraa abdii kutachuun harka keessaniin baditti of hin darbinaa. “Badiin keenya baay’ate, aybiin keenya walirra tuulame, karaan ittiin ofirraa oofanii fi deebisaniin hin jiru.” Jechuun abdii hin kutinaa. Sababa kanaan badii irra turtu, wanta Rabbii keessan dallansu siinqi godhattu. Garuu Rabbii keessan maqaalee arjoominna Isaatti akeekaniin beekaa[1]. Dhugumatti Rabbiin nama tawbatee fi araarama Isa kadhateef balleessaa hundaa ni araarama. Kanaafu, araarama kadhaa, isiniif araaramati. Amanuu fi Isaaf ajajamuun gara Isaatti deebi’aa, tawbaa keessan isin irraa qeebalaati. “Dhugumatti Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama.” Kana jechuun nama tawbatee fi araarama Isa kadhateef, balleessa ykn badii isaa hunda ni haguugaf[2]. Badii erga haguuge immoo irra darbaaf, hin adabu.

Gara Rabbii keessanii deebi’aa, Isaafis ajajamaa odoo adabbiin isinitti hin dhufiniin duratti. Sana booda hin tumsamtanu.” Kana jechuun gara Rabbii keessanii kan iimaana irratti isin uumeetti deebi’uun Isatti amanaa, Isa malee haqaan kan gabbaramu akka hin jirre labsuun Isaaf ajajamaa. Azaabni (adabbiin) Rabbii keessanii isinitti dhufuun dura of dhaqqabaa. “Sana booda hin tumsamtanu” kana jechuun sababa badii keessaniitiin adabbiin erga isinitti bu’ee booda, adabbii kan isin irraa deebisuu fi isin gargaaru hin jiru. Kanaafu, “Adabbiin tasa osoo isin hin beekin isinitti dhufuun dura irra gaarii waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti bu’e hordofaa.
Kana jechuun erga amantanii fi Islaama labsitanii booda hojii gaggaarii qalbii fi qaamaa Rabbiin itti ajajee hojjadhaa. Kan akka iklaasa, Isa sodaachu, salaata, sooma, sadaqaa fi kkf. Wanti Inni irraa dhoowwes dhiisaa. Kanneen akka kufrii, shirkii, zinaa fi kkf irraa fagaadhaa. Kunniin ajajamoota Rabbii keenya irraa gara keenyaatti bu’aniidha. Wanti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa itti ajajuu wanta hundarra gaarii ta’eedha[3]. Namni wanta gaggaarii itti ajajamee yoo hojjachuu didee fi wanta badaa dhoowwame irraa yoo of qusachu dhiise, Guyyaa Qiyaamaa gaabbii cimaaf of saaxila:

Lubbuun [takka] “Karaa Rabbii keessatti wanta hanqiseef yaa gaabbi kiyya! Dhugumatti ani warra qishinan irraa ture.” akka hin jenneef (hordofaa).
Yookiin “Odoo Rabbiin na qajeelchee silaa warra Rabbiin sodaatan irraan ta’aa ture” akka hin jenneef.
Yookiin “Yeroo adaba Rabbii argite, carraan duniyatti deebi’uu tokko odoo naaf ta’ee, silaa toltuu dalagdoota irraan ta’aa ture.” akka hin jenneef .
Lakki! Dhugumatti Aayaanni kiyya sitti dhufanii jiru. Ati isaan sobsiiftee, itti boontee kaafiroota irraa taate. “ Suuratu Az-Zumar 39:55-59

Guyyaan garmalee itti gaabban isaanitti dhufuun dura gaflaa fi badii keessa akka hin turre akkana jechuun isaan akeekachiise:  Lubbuun takkaa  “Karaa Rabbii keessatti wanta hanqiseef yaa gaabbi kiyya! Dhugumatti ani warra qishinan irraa ture.” akka hin jenneef, ajajamoota Rabbii keessanii hordofaa.  

“Karaa Rabbii keessatti wanta hanqiseef yaa gaabbi kiyya!” kana jechuun wanta Rabbiin itti na ajajee dhiisu kootiif yaa gaabbi koo! “Dhugumatti ani warra qishinan irraa ture.” Kana jechuun addunyaa irratti Qur’aanatti, Nabiyyitti, Guyyaa Qiyaamaa kaafamutti fi warroota amananiitti baacaa fi qishnaa ture. Guyyaan Qiyaamaa namni hundi mindaa itti argatu hin jiru jechuun baacaa ture. Yookiin “Odoo Rabbiin na qajeelchee silaa warra Rabbiin sodaatan irraan ta’aa ture” akka hin jenneef. Yookiin “Yeroo adaba Rabbii argite, carraan duniyatti deebi’uu tokko odoo naaf ta’ee, silaa toltuu dalagdoota irraan ta’aa ture.” akka hin jenneef, qajeelcha Rabbii keessanii hordofaa.  

Guyyaa Qiyaamaa wanti nafseen kafartee fi ajaja Rabbitti buluu didde hawwitu hundi bu’aa akka hin buusne, Rabbiin Olta’aan akkana jechuun ibsa: Lakki! Dhugumatti aayaanni Kiyya sitti dhufanii jiru. Ati isaan sobsiiftee, itti boontee kaafiroota irraa taate.” Kana jechuun mallattooleen, keeyyannii fi ragaaleen gara haqaa agarsiisanii fi Guyyaan Qiyaamaa jiraachu ifa godhan siif dhufanii jiru. Ati garuu kuni soba jechuun kijibsiifte. Ergamaa Rabbiin siif erge hordofuu irraa of tuultee kaafiroota irraa taate.

Kanaafu tawbah duubatti harkisuun miidhaa hangana hin jedhamne fida: 
1ffaa-Namni dafee badii irraa yoo hin tawbatin, addunyaa tana keessatti yommuu adabbiin itti bu’u dhiphinnaa fi gadda cimaa keessatti kufa. Namoonni Rabbiin irraa fagaatan yommuu rakkoon isaanitti bu’u hangam akka gaddanii fi dhiphatan ilaalun ni danda’ama. Inuma hanga lubbuu ofii galaafachu gahu. Garuu namni badii irraa tawbachuun Rabbiif yoo ajajame, yeroo rakkoo Rabbiin tasgabbii qalbii isaa irratti buusa. Qur’aana keessatti:

Dhugumatti, isaan amananii, hojii gaggaarii hojjatanii, salaata sirreessanii salaatanii fi zakaas kennan, mindaan isaanii Gooftaa isaanii biraa isaaniif jira. Sodaan isaan irra hin jiru, isaan hin gaddanis.” Suuratu Al-Baqarah 2:277
Namni yommuu rakkoon itti buutu wanta isa jala darbeef ni gadda, wanta dhufuuf ni sodaata. Garuu warroonni dhugaan Rabbii fi arkaana iimaana birootti amanan, hojii gaggaarii hojjatan, salaata sirnaan salaatanii fi zakaas kennan, wanta isaan jala darbeef garmalee hin gaddan. Wanta dhufuufis hin sodaatan.

2ffaa– Yommuu duuti namatti dhuftu haqiiqan (dhugaan) hundi ifa waan ta’uuf, namni hin tawbanne “Yaa Rabbii! Hojii gaggaarii dalagadhaa gara addunyaa na deebisi.” Jechuun Rabbiitti warwaata. Garuu yeroon waan darbeef deebii hin argatu. Namni tawbatee yeroon of qopheesse immoo wanta isa gammachiisutu isa eeggata.

3ffaa– Namni hin tawbannee fi Rabbii isa uumeef hin ajajamne, Guyyaa Qiyaamaa yommuu adabbii cimaa arguu, gaabbii gonkumaa gaabbe hin beekne gaabba. Ergasii gara adabbii cimaatti oofama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

27:90

Namni hamtuun dhufe, fuulli isaanii ibidda keessatti gonbifamtee, “Sila waan dalagaa turtan malee mindeefamtu?” [isaaniin jedhama].” Suuratu An-Naml 27:90
Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa namoonni badii hojjatanii osoo hin tawbatin dhufan, fuula isaaniitiin ibiddatti darbamu. Badiin guddaan hunda caalu, kufrii fi shirkiidha. Itti aanse badii gurguddaa biroo of keessatti hammata.

Faallaa kanaa, namoonni tawbatanii, amananii, hojii gaggaarii hojjatanii fi haala ofii fooyyessanii dhufan Guyyaa Qiyaamaa adabbii irraa nagaha bahu:

27:89

“Namni toltuun dhufe, [mindaa] gaarii san caalutu isaaf jira. Isaanis rifannaa Guyyaa sanii irraa nagaha bahoodha.” Suuratu An-Naml 27:89

Toltuun hunda caalu iimaana sirrii ta’eedha. Ergasii hojiiwwan dirqama fi jaallatamoo ta’aniidha. Kanaafu, namni iimaana sirrii qabaachun, ergasii hojii gaggaarii hojjachuun Guyyaa Qiyaamaa dhufe, wanta hojjate caalaa mindaan isaaf kennama. Warri iimaana qabu fi hojii gaggaari hojjatan kunniin adabbii fi rifannaa Guyyaa Qiyaamaa irraa nagaha bahu.
Kanaafu, namni carraan tawbaa osoo isa jala hin darbin tawbachuu fi hojii gaggaarii hojjachuun addunyaa fi Aakhiratti adabbii cimaa jalaa bahuu danda’a. Akkasumas, kabaja fi gammachuu guddaa argata.  


Kitaabban Wabii:
[1] Tafsiir Sa’diyyi fuula 855
[2] Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 12/255 Abdurahman Habanka
[3] Maddoota armaan olii

Tawbah-Kutaa 7.1
Tawbah-Kutaa 5ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply