Uumama Namaatti Xinxalluu-Kutaa 2ffaa

Offline dubbisuf

Dhugumatti Rabbii ofii beekanii itti amanuu fi Isaaf ajajamuun mi’aa guddaa jireenya tana keessatti namni dhandhamuudha. Hanga fedhe, nyaata mi’aawa haa nyaatu, qabeenya fedhe haa qabaatu, dubartii fedhe haa fuudhu, mi’aan inni wantoota kanniin irraa argatu, mi’aa Rabbiitti dhiyaachu irraa argatuun gonkumaa wal hin qixxaatu. Rabbiin beekuu fi Isaaf ajajamuu irraa gammachuu fi tasgabbiin argamuu itti fufaa fi yeroo hundaa kan turuudha. Gammachuu fi mi’aan fedhii lubbuu fi foonii guuttachuun argamuu yeroo gabaabaaf kan turuu fi tarii gara hadhaatti jijjiramu kan danda’uudha. Kanaafu, namni jireenya keessatti gammachuu addaan cinne hawwuu, Rabbii isaa beekuu fi Isaaf ajajamuuf tattaafachu qaba. Akkuma yeroo darbe jennee Rabbii ofii beekuuf sifaata Isaa beeku fi uumamtoota gara sifaata Isaatti akeekanitti xinxalluudha. Uumamtoota ajaa’ibaa gara sifaata Rabbii akeekan keessaa tokko ilma namaati. Kutaa darbe irraa itti fufuun uumama mataa keenyatti ni xinxallina:

Cophni wal makaan gadaamessa keessa erga gahee booda wanta adeemsifamu mee itti xinxalli. Copha akka duumessaa kanarraa dhiiga ititaa taasise. Dhiiga itiita kana gara muraa foonitti jijjire. Muraa foonii kanarraayis lafee uumuun foon uwwise.

Amma mee akkamitti kutaa qaamaa wal-qixxaa’aa fi wal fakkaatu kana gara narvii, lafee, ujumoo dhiigaa fi kan birootti akka qoqqoode ilaali. Ergasii, tokko tokkootti hidhaa cimaan akkamitti akka walitti hidhee fi hiikamu irraa fagoo akka ta’e mee ilaali. Akkamitti lafee foon uwwisee fi itti maxxansee. Foon lafeef uffataa fi eeggumsa taasisee. Lafees foon kan baadhattuu fi kan dhaabdu taasise. Foon lafeen dhaabbata, lafeenis fooniin eeggamti. Kana hunda kan akkanitti ijaaree Rabbii Olta’aa malee jiraa?

Ilma namaa kana akkamitti akka boce fi boca isaa akkamitti akka miidhagse mee ilaali. Gurra, ija, afaan, funyaanii fi qaawa biro ni baasef. Harka lamaanii fi luka lamaan ni dheeresseef. Fiixee harkaa fi lukaa akkamitti qubbiinitti akka qoqqoode mee ilaali. Ergasi qubbiniis fiixee kottee ofirraa qaban godheef. Keessa qaamaa onnee, garaacha, kale, tiruu, sonba, gadaamessa, qaraxixii fincaanii fi mar’imaa irraa akkamitti akka ijaaree fi hundi isaaniitu hojii mataa isaanii akka qaban mee itti xinxalli.

Lafee qaamaaf jabeenyaa fi utubaa taatee keessatti ogummaa daangaa darbe mee ilaali. Khaaliqni hammaa fi boca garagaraa irratti safara lafee murteesse; lafeen gariin xiqqaa, gariin guddaa, gariin dheeraa, gariin gabaabaa, gariin jallataa, gariin geengoo, gariin haphii, gariin furdaa, gariin jajjaboo, gariin golbo. Tokko tokko keessa akkamitti akka seensisee ilaali. Gariin wal keessa seenun walitti maxxanu, gariin immoo walitti hidhaa qofa. Faaydaa ishii irratti hundaa’e bocni lafee akkamitti akka gargara ta’e mee ilaali. Fakkeenyaf, kutaa ilkaanii keessaa a’oon nyaata bulleessuf waan itti fayyadamaniif bal’oo taasifamte. Ilkaan fuunduraa (qaarriffaan) immoo meeshaa ittiin muran waan ta’eef fiixeen isaa qara.

Namni qaama isaa guutuu sochoosu fi kutaalee qaamaa muraasa naanneessuun haajaa isaa bahuu waan barbaaduf, lafee isaa lafee tokko hin goone. Kana irra, lafee baay’ee isaaf godhe. Lafeewwan jidduu wal-qunnamtii taasisuun salphatti akka socho’uu haala mijeessef. Lafeewwan walitti galanii fi hidhaman kunniin hangaa fi bocni isaanii sochii barbaadame irratti kan hundaa’edha.
Lafee walitti galan kanniini fi kutaalee qaamaa akkamitti akka jabeesse fi hidhaa cimaan walitti hidhee mee ilaali. Fiixee lafeewwanii kana irratti dabalata taasisuun tokko tokko keessa akka seenu fi walitti galoo godhe. Namni yommuu sochii barbaadu, lafeen walitti galan (gaxaaxamaman) kunniin isa hin didan. Osoo walitti galuumsi (joint) lafeewwan jidduu jiraachu baate silaa socho’u hin danda’u.

Uumama mataatii fi lafee baay’ee inni qabu mee itti xinxalli. Lafeewwan isa keessa jiran boca, dheerinnaa fi hojii garagaraa kan qaban yoo ta’u baay’inni isaanii hanga 55 gaha jedhama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkamitti akka ijaare fi akkuma namni geejjiba isaa yommuu yaabbatu gubbaa taa’u, mataas qaama gubbaa taasise. Mataan qaama gubbaa irra waan taa’eef, qaamolee miiraa shananii fi meeshaalee hubannoo biroo isa keessa kaa’e. Dhageettin, argituun, funfachuun, dhandhamuun mataa irra jiru. Gogaan qaama miiraa tuqaatii waan ta’eef isaa fi qaamoolee biro haguuga. (Asitti “mataa” yommuu jennuu kutaa mormaa ol jiruudha.)

Qaama miiraa argituu qaamaaf akka waardiyaa, eegdu fi qorataa taatuuf fuundura mataa godhe. Ija lamaanu baqana torba irraa ijaare. Baqanni hunduu amala, hamma fi hojii mataa isaa danda’e qabu. Baqannawaan kanniin keessaa baqanni tokko osoo keessaa bade ykn haalaa fi bakka isaa gadi lakkisee, silaa ijji arguu hin dandeessu. Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa baqana torban kana keessatti uumama ajaa’ibaa kaa’e. Innis qaroo ijaa gurraatti hanga firii misiraa geessudha. Qaroo ijaa tanaan wanta bahaa fi dhiya, samii fi dachii jidduu jiru ilaala. Baqanni torban kunniin, nyaarri fi qoolli ijaa qaroo ijaatiif tajaajiltootaa fi eegdota ta’u. Rabbiin uumamtoota hunda caale tolti Isaa baay’atte.  

Boca fi hanga ijaa akkamitti akka tolche, ergasii haguuggi, eeggumsaa fi miidhaginna akka ta’uuf nyaaraa fi qoolaan akkamitti akka miidhagsee mee ilaali. Qoolli ijaa ija irraa miidhaa, awwaara fi xurii eega. Akkasumas, hoo’a fi qorra baay’ee ija irratti miidhaa fiduu danda’u ittisa. Ergasii fiixee qoola ijaa irratti miidhaginnaa fi faaydaa birootiif akka tolu rifeensa magarse. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ija xiqqoo tanaaf wantoota samii fi dachii keessa jaran akka argitu dandeetti kenneef.  

Medical illustration of an ear

Rabbiin namaaf qaamaa miiraa dhageetti ni baaseef. Uumama gaarii irratti gurra uume. Hojii isaa sirnaan hojjata. Sagalee waraabun keessoo gurraatti akka geessuf ala gurraa golboo taasise. Akkasumas, alli gurraa sochii ilbisootaa namni hubachuun akka dafee ofirraa oofuuf ni barbaachisa. Qilleensaa fi sagalee erga sassaabe hamma isaanii hir’isuu fi laaffisuun gara keessotti akka dabarsuuf dhoqa, boollaa fi gingilchaa godheef. Akkasumas, ogummaan biraa ilbisni yommuu gurra seenu akka gara keessatti hin dabarree karaa itti dheeresa. Kuni immoo dafee namni ilbisa san akka of keessaa baasu isa taasisa.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ogummaa Isaatiin dhangala’aa gurraa garmalee kan hadhaawu taasise. Yommuu ilbiisni gurra seentu hadhaan kuni duubatti deebisa. Dhangala’aa ijaa immoo kuraawaa taasise. Kunis badiinsaa fi faallama irraa ija eega. Ijji moora waan taateef dhangalaa’an ishii kuraawaa ta’uun ishii eega. Dhandhama wantoota akka addaan baasuuf dhangala’aa afaanii immoo mi’aawaa taasise.

Mee haa gaafannu, warroota Rabbiit amanu didan, “Eenyutu akkanatti lafee ijaaree walitti galchee? Namaaf harkaa luka gochuun fiixee isaanii irratti qubbiin shan taasisee? Eenyutu ija, gurra fi afaan boca, haala fi amala garagaraa irratti uumee? Dhangala’oo gurraa hadhaawaa, dhangala’oo ijaa kuraawaa, dhangala’oo afaanii immoo mi’aawaa hin hadhoofnee fi kuraawaa hin taanee kan godhe eenyuu? Kuni hundi mataa ofiitiin boca, hamma fi amala ofii murteeffachuu danda’uu? Mataa ofiitiin kana hunda gochuu waan hin dandeenyeef Rabbii waa hundaa beeku fi ogeessa ta’etu uumee.
Rabbiin Olta’aan ni jedha:

16:78

Homaa kan hin beekne taatanii garaa haadha keessanii keessaa Rabbiin isin baase. Akka galateefattaniif dhageetti, argituu fi qalbii isiniif taasise.” Suuratu An-Nahl 16:78

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaa erga uumee garaa haadhaa keessaa gara addunyaatti baase. Yeroo kanatti beekumsa wanta jedhamu hin qabu. Meeshaalee beekumsa ittiin argatuu fi baratuu uumeef. Meeshaaleen kunniinis: dhageetti, argituu fi qalbiidha. Dhageettin wantoota naannoo jiru dhagahuun gara handhuura hubannaatti dabarsa. Argituunis wantoota naannoo jiru arguun gara handhuura hubannaatti dabarsa. Qalbiinis wantoota ijaan mul’atanii fi gurraan dhagahaman addaan baasti, ni hubatti. Qalbii yommuu jennu foon onnee qaama keessatti argamuu qofa osoo hin ta’in hiika bal’aa kan qabuudha. Fakkeenyaf, namni tokko namoonni haala salphaan kan isa gowwoomsan yoo ta’e, “Inni qalbii hin qabu” jedhama. Asitti qalbii hin qabu yommuu jedhamu onnee qaama keessaa hin qabu jechu miti. Kana irra handhuurri ykn wiirtuun hubannaa isaa dadhabaadha jechuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhageetti, argituu fi qalbii kan namaaf uumeef, akka Isa galateefatanii ganda qananii (Jannata) gahaniifi. Isa galatefachuun kan ta’u, qaamolee kanniinitti fayyadamuun Isatti amanuu, Isaaf gadi of qabuu fi hojii gaggaarii hojjachuudha. Fakkeenyaf, namni Rabbiin galateefatu, dhageetti isaatiin Qur’aana fi dubbii gaarii ni dhageefata. Argituu isaatiin uumamtoota dachii fi samii keessa jiran itti xinxalluuf ni ilaala, kitaabbanii fi barruulee gaggaarii ni dubbisa. Ergasii wantoota dhageefatee fi argee kanniin irraa qalbii isaatiin haqa ni hubata. San booda, Rabbitti amanuu fi Isaaf ajajamuun galata galcha. Yoo akkana godhe, ganda lamaanitti ni milkaa’a.

Kitaabban wabii:
[1]Miftaahu Daaru sa’aadah-fuula 541-544, Imaamu ibn Al-Qayyiim 
Men and The Universe-hiika boqonnaa muraasaa kitaaba armaan olii-fuula 11-16

Uumama Namaatti Xinxalluu-Kutaa 3
Uumama namaatti Xinxalluu-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply