Uumama Namaatti Xinxalluu-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Har’as kutaa darbe irraa itti fufuun uumama keenyatti xinxalluun iimaana keenya cimsanna.
Funyaan
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa funyaan fuula jidduu godhe. Boca, haalaa fi bakka isaa ni tolche. Qaawwa lama isa keessaan baasee jidduu isaanii addaan baasaa (barrier) taasise. Qaawwa lamaan kana keessa qaama miiraa fuunfachuu godhe. Qaama miiraa fuunfachuutiin urgaa’a fi ajaa’a, gaarii fi badaa addaan baasan. Akkasumas, qaawwi lamaan kunniin qileensa harkisuun onnee geessa. Onneenis qilleensa kanaan ni haarofti, boqonnaa fudhatti.

Fooli akka hin qabne, hin laaffisnee fi yaa’insa isaa akka hin kunneef keesso funyaanii akka keessoo gurraa jajallaa fi gingilchaa hin taasisne. Rabbiin olta’aan funyaan xuriin sammuu keessaa yaa’u iddoo itti walitti qabamu taasise. Xuriin sammuu keessaa yaa’u funyaan keessatti walitti qabamuun ergasii gara alaatti baha. Ajaa’ib!!!!

Ogummaa Isaatiin jala caalaa gubbaa funyaanii dhiphaa godhe. Jalli funyaanii bal’aa ta’uun, xuriin sammuu irraa dhufu isa keessatti walitti qabamuun haala salphaan gara alaatti akka bahuu gargaara. Akkasumas, qilleensa baay’ee fudhachuun ergasii hanga onnee gahuu xiqqoo xiqqoon gara olii ol fudhata. Ogummaa fi rahmata Isaatiin qaawwa funyaanii lamaan cufaan (barrier) addaan baase. Funyaan ujumoo wanti sammuu irraa dhufe keessa yaa’u fi qilleensa alaa fudhachuun gara onnee dabarsuu waan ta’eef cufaan kuni qaawwa lamaan jidduu jiraachuun faayda guddaa qaba. Funyaan keessatti cufaan (addaan baasaan) qaawwa lamaan jidduutti argamu, qilleensi qulqulluun gara funyaanii seenu xurii sammuu irraa dhufuun akka hin faalamne eega. Yeroo baay’ee dhangala’aan surrii (mataa) keessaa bahuu qaawwa funyaani tokkoon dhangala’a. Qaawwi biraa immoo qilleensaaf duwwaa ta’a. Garuu dhangala’aan qaawwa lamaan keessaan kan dhangala’u yoo ta’e, dhangala’aan gara tokkotti ta’uun qilleensaaf bakka dhiisa. Funyaan akka ijaa ykn gurraa lama waan hin taaneef qaawwa funyaani bakka lamatti qoodun barbaachisaa ta’e. Qaawwi tokko osoo miidhamee ykn dhukkubni tuqe, qaawwi biraa hojii ofii hojjachuun wanta nama barbaachisu galmaan gaha. Fuula tokko irratti funyaan lama qabaachun wanta nama fokkisuu waan ta’eef Khaaliqni Beekaa fi Ogeessa ta’e fuunyaan tokko qofa godhe. Garuu qaawwa lamaan isa keessatti gochuun cufaan addaan baase. Rabbii Gooftaa aalamaa ta’ee fi uumamtota hunda caalee tolti Isaa baay’atte.

Afaan
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala namaaf iddoo isaaf maluu fi gaarii ta’etti afaan baaseef. Afaan kana keessa faaydaa baay’ee, meeshaalee dhandhamaa, dubbachuu fi meeshaalee ciniinu, muruu fi bulleessu godhe. Mallattoolee gara Rabbii akeekan keessaa tokko arraba afaan keessa godhe. Mootii kutaalee qaamaa kan ta’ee qalbiif arraba tarjumaan (hiikaa) taasisee. Akkuma gurri wantoota alaa walitti qabuun gara qalbii geessu arrabnis wanta qalbiin feetu fi labsuu barbaaddu irraa fuudhe gara alaatti baasa. Gurri ergamaa oduu alaa walitti guurun gara qalbii geessudha. Arrabni immoo ergamaa wanta qalbiin barbaaddu gara alaatti geessudha. Gurri ala irraa gara qalbii, arrabni immoo qalbii irraa gara alaatti oduu geessa. Subhaanallah!!!

Rabbiin ogummaa Isaatiin ergamaa kana (arraba) eeggamaa fi haguuggamaa godhe. Akka funyaani, ijaa fi gurraa ifatti kan bahee miti. Kutaaleen qaamaa kunniin ala irraa gara keessatti odeefannoo waan geessaniif ifatti kan bahanii fi kan mul’atan taasise. Arrabni immoo qalbii irraa gara alaatti odeefannoo waan baasuf kan haguuggamuu fi eeggamu taasifame. Gara alatti bahuun homaa hin fayyadu waan ta’eef.

Akkasumas, arrabni qalbiin booda kutaa qaamaa kabajamaa waan ta’eef isa irratti daasin ykn waxxeen godhame. Akkuma qalbiin qoma keessatti godhamte, arrabnis daasi keessa godhame. (Arraba afaan keessatti yommuu ilaallu daasi ykn waxxee jala waan jiru fakkaata.) Akkasumas, arrabni kutaalee qaama hunda caalaa qaama laafaa fi jiidhaa ta’eedha. Jiidhinna isa marseen malee hojjachuu hin danda’u. Osoo ifatti kan bahuu ta’ee, silaa hoo’insaa fi gogiinsa hojii isaatirraa dhoowwuf saaxilamaa ture. Kanaan alatti faaydaalee birootif arrabni afaan keessatti eeggame.

Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilkaan namaaf faaya, meeshaa jireenyaa fi soorannaa gochuun afaan miidhagse. Ilkaan gariin meeshaa itti bulleessaniidha, gariin immoo meeshaa itti cininanii fi muraniidha. Hundee isaa ni jabeesse, fiixee isaa ni qare, bifa isaa ni addeesse, hiriira isaa tartiiba qabsiisee walitti galoo taasise.

Kana hundarratti immoo gidaara (girgiddaa) lamaaniin ni marsee. Faaydaalee fi iccitii isaan keessa gochuu qabu ni godhe. Gidaarri lamaan kunniinis hidhii lamaani. Bifa, boca, haalaa fi bakka isaanii ni tolche. Afaaniif haguuggii taasise. Akkuma laagaan fagoon iddoo jalqabaa sagaleen qubeewwanii irraa ka’uu taasisee, hidhii lamaaniis iddoo xumuraa sagaleen itti dhumatu taasisee. Arrabni immoo jidduu lamaanii ta’uun uumama qubeewwaniitiif gahee ol’aanaa taphata. Dhugaatiif akka mijaa’uu fi cufanii banuuf akka salphatuuf Rabbiin subhaanahu ogummaa Isaatiin hidhii foon qofa lafee kan hin qabne taasise.

Kutaa afaanii isa gadii aanu sochiif ni murteesse; sababni isaas, salphaa fi sochiif waan ta’uuf. Kutaa afaanii gara olii immoo kutaalee qaamaa garmalee barbaachisoo ta’an waan of keessaa qabuuf socho’uun akka hin miidhamne taasise. Kan socho’uu fi nyaata afaan keessa oli gadi oofu kutaa afaanii gara gadiiti. Kutaan olii immoo bakkuma ofii qabatee tura. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Sila Nuti ija lama isaaf hin goonee? Arrabaa fi hidhii lamas [isaaf hin goonee]? Karaa lama isaaf ibsine.” Suuratu Al-Balad 90:8-10

Kana jechuun sila ilma namaatiif ija lamaa ittiin ilaalu isaaf hin goonee? Arrabaa fi hidhi lama ittiin haasawu isaaf hin goonee? Kanarratti dabalatee karaa gaarii, haqaa, qajeelaa fi karaa badaa, sobaa fi jallataa isaaf hin ibsinee? Kitaabban buusu fi Ergamtoota erguun karaalee lamaan kanniin ifa goone.

Amma mee gara kokkee ilaali! Dhiphinnaa fi bal’innaan, jabinnaa fi laafinnaan, dheerinnaa fi gabaabbinnaan kokkee boca garagaraa akka qabaattu taasisee uume. Sababa kanaan, sagaleen namootaa garaagarummaa guddaan garagara ta’an. Darbe darbee yoo ta’e malee sagaleen lama wal hin fakkaatan. Kanaafi, namni ballaan ragaan isaa ni fudhatama jenne amanna. Akkuma namni ijaan arguu namoota suuraa isaanii addaan baasu namni ballaanis namoota sagaleedhaan addaan baasa.

Rifeensa
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala mataa rifeensan ni miidhagse. Waan isa barbaachisuuf rifeensa uffata isaaf godhe. Rifeensa bocaa fi hamma garagaraa qabuun fuulas ni faaye. Nyaaranis ni miidhagse. Nyaarri wantoota gogaa mataa irraa gara ijaatti bu’u ni eega. Akkasumas, boca nyaaraa marfataa (jallaa) godhe. Qola ijaas rifeensaan miidhagse. Fuula dhiiraas areeda kabajaa fi dhaabbannaa isaaf kennuun bareechise. Hidhii lamaanis gubbaan afkarroo, jalaan immoo areeda magarsuun miidhagse.

Harka, Qubbiini fi Qeensa (Kottee)

Haaluma kanaan harka lamaan meeshaa garmalee barbaachisaa, soorata ittiin argatuu fi hojii adda addaa ittiin hojjatu uumeef. Qaama isaatirra bakka fedhe akka gahuuf harka lamaan ni dheeresse. Dachaasu fi diriirsuuf akka isatti tolu ganaa ni bal’iseef. Qubbiin shan ni godheef. Quba guddaa malee qubbiin hundaa bakka sadii saditti qoode. Quba guddaa immoo bakka lamatti qoode. Qubni guddaan qubbiin hundarra akka naannaa’uuf qubbiin afran cinaa tokko, quba guddaas cinaa tokko kaa’e. Iddoon kaa’umsa iddoo hundarra gaarii dachaasuuf, diriirsuu fi hojii hojjachuuf toluudha. Namoonni jalqaba irraa kaasee hanga dhumaa walitti sassaabamuun bakka kanaan alatti bakka irra gaarii qubbiin kaa’uuf osoo yaadanii gonkumaa gochuu hin danda’an. Rabbii akkanatti qubbiin godheef tolti Isaa baay’atte! Osoo fedhee silaa qubbiin shanan akka saanii dundumaa gochaa ture. Silaa namnis hojii isaa garagaraa kanneen akka barreessu, bocu, qotuu fi kkf gochuu hin danda’u ture. Qubbiin ofii yoo diriirse akka saanii ykn tirii ta’uun wanta fedhe irraa kaa’a. yoo dachaase immoo meeshaa ittiin dhayuu ta’aaf. Diriirsuu fi dachaasu jidduu yoo godhee immoo akka fal’aana waa itti nyaatu fi waan fedhe ittiin guutuu ta’aaf.

Miidhaginna, jabeenyaa fi eeggumsa akka ta’uuf fiixee qubbiinii irratti kottee (qeensa) godhe. Wantoota xixiqoo fi haphii qubbiin dhaqqabuu hin dandeenye dhaqqabuuf qeensi barbaachisaadha. Namaan ala bineensotaa fi allaattiwwaniif kottee meeshaa waraanaa fi soorataa godhe. Namni yeroo barbaadu akka qaama isaa ittiin hooquf qeensa godheef. Kotteen kutaalee qaamaa keessa isa xiqqaa fi tufatamaa ta’e kuni osoo dhabamee fi ergasii namni qaama ofii hooqu yoo barbaade, silaa haajaan inni kotteef qabuu garmalee itti cima. Qaama hooquf bakka kottee wanti bakka bu’uu osoo jiraachu baatee ergasii harka isaa bakka san hooquf dheeresse, hanga kottee homaa isa hin fayyadu.

Dabalata waa’ee qubaa ilaalchisee Qur’aanaa fi Saayinsii irraa:

“Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa? Eeyyen [walitti ni qabna]. Fiixee qubbiin isaatu akka turanitti deebifnee sirreessu irratti Danda’oodha.”

Akkuma irranatti jenne uumamni qubbiinii uumama ajaa’ibaa Dandeetti fi Tokkichummaa Rabbii olta’aa agarsiisaniidha. Ashaaraa qubbiinii namoota lamaa addunyaa keessatti yookiin inuma seenaa keessatti wal hin fakkaatan. Namoonni biliyoonatti lakkaawaman dachii irra jiran ashaaran quba isaanii wal hin fakkaatu. Inuma namoonni lakkuu dhalatan ashaaraa wal fakkaatu hin qaban. Kanaafi, biyyoonni addunyaa hundi eenyummaa namaa beekuuf ashaaraa qubaatti fayyadamu. Biyyoota garii keessatti yuniversitii, hospitaala, buufata xiyyaaraa fi iddoo adda addaatti ashaara fayyadamu. Fiixee qubaatin meeshaa ashaaraa yoo tuqan, eenyummaa nama ni baasa. Namoonni kumaatamatti lakkaawaman meeshaa kana tuqan ashaaraan isaanii gonkumaa wal hin fakkaatu. Eenyutu akkanatti qubbiin namoota biliyoonatti lakkaawaman ashaaraa isaanii garagara godhee? Dhugumatti, Rabbii waan hundaa beeku, ogeessa ta’e malee eenyullee gochuu hin danda’u. Inni waan hundaa irratti Danda’aa, Beekaadha.

3:189

Mootummaan samii fi dachii kan Rabbiiti. Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu Aali-Imraan 3:189

Kitaabban wabii:
[1]Miftaahu Daaru sa’aadah-fuula 544-550, Imaamu ibn Al-Qayyiim  
Men and The Universe-hiika boqonnaa muraasaa kitaaba armaan olii-fuula 16-26

Uumama Namaatti Xinxalluu-Kutaa 4
Uumama Namaatti Xinxalluu-Kutaa 2ffaa
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply