Tawbah-Kutaa 7.1

Offline dubbisuf

Tawbachuuf wantoota nama gargaranKutaa 1ffaa
Tarii namni yeroo dheeraaf jireenyaa ofii badii keessatti dabarsuu danda’a. Hadhaa fi gadda badiin namatti fiduu yommuu hubatu, gara Mawlaa Isaa deebi’uun nama qulqulluu fi kabajamaa ta’uuf carraaqa. Carraaqqi kana keessatti gufuuwwan baay’een isa muudatu. Kanaafu, namni tawbachuun jijjirama barbaadu wantoota tawbachuuf isa gargaaran itti akeekuun faaydaa guddaa qaba. Wantoota Tawbachuuf nama gargaaraan haala armaan gadiitiin tarreessun ni danda’ama:

1-Qur’aana barachuu fi qo’achuuf tattaafachuu
Dhugumatti gara Qur’aanaa deebi’anii barachuu fi itti xinxalluuf carraaqun tawbachuuf jabeenya fi humna guddaa namaaf ta’a. Sababni isaas, Qur’aanni wantoota sadii gurgudda kan of keessatti qabateedha.

1ffaa– Wantoota gaggaarii namni hojjachuu qabuu fi wantoota badaa dhiisu qabu namaaf ibsuun gara daandii haqaatti nama qajeelcha.
2ffaa-Nama wanta gaarii hojjateef mindaan ykn badhaasni bareedaan akka isa eeggatu ni gammachiisa. Kuni immoo hojii gaggaari irratti akka jabaatan nama taasisa.
3ffaa– Nama hojii badaa hojjatu adabbiin cimaan akka isa eeggatu ni akeekachisa. Kuni immoo hojii badaa irraa akka fagaatan nama taasisa. Haala kanaan Qur’aanni ilma namaa daandii gammachuu fi milkaa’innaatti qajeelchuun sadarkaa 1ffaa irratti argama.

Wantoota sadan armaan olii Suuratu Al-Israa keessatti ni arganna:

“Dhugumatti, Qur’aanni kuni wanta hundarra haqaa fi qajeeltu taatetti nama qajeelcha. Warroota amananii hojii gaggaarii hojjatan mindaan guddaan akka isaaniif jiru ni gammachiisa. Isaan Aakhiratti hin amanne immoo adaba laalessaa ta’e isaaniif qopheessinee jirra.” Suuratu Al-Israa 17:9-10

Qur’aanni amantii, hojii, dubbii, yaada fi amala hundarra haqaa fi qajeelo ta’anitti nama qajeelcha. Fakkeenyaf amantii irraa yoo fudhanne, wantoota Rabbii gaditti gabbaraman dhiisuun Rabbiin qofa gabbaraa jechuun namoonni Gooftaa tokko qofaaf akka bitaman isaan qajeelcha. Ammas namni fedhii foonii guuttachuu waan barbaaduuf, akka Kiristaanota Moloksummaatti hin ajajne. Namni molokse yoo ta’e fuudha irraa ni dhoowwama. Faallaa kanaa, warroonni Dhiyaa Freedom (Bilisummaa) jechuun fuudhaa heeruma malee akka fedhanitti zinaa akka raawwatan lallabu. Kuni immoo amalli namaa akka baduu fi dhibee garagaraatiif akka saaxilaman nama taasisa. Qur’aanni daandii haqaa fi walakkaa hordofuun, namoonni karaa seera qabeessatin akka wal-fuudhan ni ajaja. Zinaa irraa ni dhoowwa. Kanaafu, namni Qur’aanan qajeele namoota hundarra nama haqaa, guutuu fi qajeelaa ta’a.

Amalli Qur’aanaa inni biraa, namoota dhugaan amanani fi hojii gaggaarii hojjatan ni gammachiisa. Kana jechuun namoota Rabbiitti, Malaykoota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Qiyaamatti fi Qadaratti amanan, ergasii immoo hojii gaggaarii hojjachuun amanti isaanii mirkaneessan, Qur’aanni badhaasni guddaan akka isaaniif jiru ni beeksisa.
Faallaa kanaa immoo warroota amanuu didan adabbiin garmalee nama dhukkubsuu fi laalessu akka isaaniif jiru ni beeksiisa.

Namni akkuma Qur’aana baratuu fi qo’atuun hiika jireenya tanaa fi maaliif akka jiraatu hubataa adeema. Wanta hojjachuu fi dhiisu qabu bara. Warroota milkaa’anii fi akkamitti akka milkaa’an Qur’aanni akka fakkeenyaatti dhiyeessa. Ammas, warroota badanii fi sababa maaliif akka badan Qur’aanni namaaf ifa godha. Namni kana hunda yommuu ilaalu, daandii qajeelaa filachuun irra deema. Haala kanaan gammachuu abadii (zalaalamii) argata.

Eeti, Namni tokko, “Ani Arabiffa hin beeku, akkamitti Qur’aana hubadha?” Jechuu danda’a. Rakkoo kana karaa lamaan füruun ni danda’ama. 1ffaa- Qur’aana aliifa irraa jalqabuun barachuuf carraaqu. Ergasii, suuta suuta hiika isaa aalimman naannoo irraa ykn oodiyoo irraa barachuun ni danda’ama. 2ffaa-Afaan Ingiliffaa fi Arabiffaa gabbifachuun hiikaa fi tafsiira Qur’aanaa dubbisuu. Yeroo amma Tafsiirri Qur’aanaa haala salphaan Arabiffaan, Ingiliffaan, Afaan Oromoo fi afaan birootiin dhiyaachaa jira. Yeroon yeroo teknolojii waan ta’eef kana argachuun nama hin dhibu.

Namni carraa kana hundaa argachuu hin danda’u kan jedhu yoo jiraate immoo sammubani.com irratti barruulee barraa’an keessatti aayata Qur’aana tafsiira garagaraa irraa walitti fiduun haala salphaan ibsuuf carraaqqi irra jirra. In sha Allah namni kanarra fayyadamuun akka jijjiramu abdii qabna.

2-Salaata irratti gadi dhaabbachuu fi jama’aan salaatuuf carraaqu salaata sirnaan salaatuuf carraaqu fi Jama’atti maxxanuun, badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’uuf (tawbachuuf) humna cimaa namaaf ta’a. Sababni isaas, salaanni shanan kan walitti dhiyaatanii fi Rabbiin akka yaadatan waan nama taasisuuf carraa badii itti raawwatan dhiphisa. Ammas, namni salaata salaatun Rabbii Abbaa Humnaa irraa jabeenyaa fi humna argata. Salaata keessatti araaramaa, gargaarsaa fi qajeelcha kadhata. Garuu kana hunda galmaan gahuuf, namni salaata keessatti niyyaa ofii sassaabuuf carraaqu qaba. Qur’aana keessatti:

2:238

Salaata [shanan] irratti keessattuu salaata giddu-galeessaa irratti tiikfadhaa. Ajajamtoota taatanii Rabbiif dhaabbadhaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:238

Rabbiin Olta’aan salaata shanan sirritti akka tiikfatan ajaja. Salaata shanan keessaa keessumattu salaata giddu-galeessaa akka eegan ajaja. Salaanni jiddu-galeessa salaata Asriiti. Salaata tiikfachuu jechuun: waqtii, sharxiiwwanii fi arkaana salaataa, kushuu’a fi wantoota salaataaf barbaachisan hunda eegun salaatudha. Salaata tiikfachuun ibaada biroo akka tiikfatanii fi wanta dhoowwaman irraa akka eeggaman nama gargara.  “Ajajamtoota taatanii Rabbiif dhaabbadhaa.” Kana jechuun salaata keessatti gadi of qabdanii, sodaattanii, ajajamtanii fi tasgabbooftanii Rabbiif dhaabbadhaa[1]. Kanaafu, namni yommuu salaatu niyyaa ofii sassaabun xiyyeefannoo guutuu salaata irra gochuuf carraaqu qaba. Yoo inni akkana godhe salaanni isaa bu’aa baay’ee isaaf buusa.  Bu’aa kanniin keessaa inni guddaan, wanta badaa fi fokkuutti akka hin kufne ykn hin deebine isa gargaara.  

3-Nafsee ofii qorachuu fi herreegu-hanqinna ofii qoratanii sirreessuuf carraaqun wanta milkaa’innatti nama baasudha. Wanta badaa hojjatanii dabarsan ilaalu fi adabbii gara fuunduraatti nama eeggatu itti yaadun, dafanii akka of sirreessan nama kakaasa. Kanaafi, Qur’aana keessatti akkana jedha:

Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. Lubbuun kamuu waan boruuf dabarfatte haa ilaaltu. Ammas Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hundaa keessa beekadha. Akka warra Rabbiin dagannaan lubbuu isaanii isaan dagachiise hin ta’inaa. Isaan warra finciltootadha.” Suurat Al-Hashr:18-19

“Yaa warra amanta! Rabbiin sodaadhaa.” Kana jechuun wanta Inni itti isin ajajee hojjadhaa, wanta Inni irraa dhoowwe irraa fagaadhaa. “Lubbuun kamuu waan boruuf dabarfatte haa ilaaltu.” Guyyaa Qiyaamaatiif maal akka dabarfattan ilaalaa. Hojii gaarii azaaba (adabbii) jalaa isin baasu dabarfattan moo hojii badaa azaabatti isin kuffisu dabarfattan? Guyyaan Qorannoo osoo hin dhufin dura of qorachuun of sirreessaa. Kana beekaa, “Dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hundaa keessa beekadha.” Kana jechuun hojii fi haala keessan hundaa, dhimma keessan guddaa fi xiqqaa, dhokataa fi ifaa Rabbiin akka beeku beekaa. Kanaafu, of eeggadhaa.

 “Akka warra Rabbiin dagannaan lubbuu isaanii isaan dagachiise hin ta’inaa.” Kana jechuun akka namoota Rabbiif ajajamuu fi Isa yaadachuu dagatan hin ta’inaa. Yommuu namoonni kunniin Rabbiin dagatan, Rabbiis akka lubbuu ofii dagatan isaan taasise. Lubbuu ofii dagachuu karaa baay’een ilaalun ni danda’ama.
1ffaa- Qooda Aakhiraa dagachuu fi Hojii Aakhiratti itti badhaafamanii fi azaaba jalaa itti bahan hojjachuu dhiisu. Namoonni kunniin Mindaa Guddaa Aakhiraa waan dagataniif Guyyaa Qiyaamaa hojii gaggaarii lubbuu ofii itti baraaran hojjachuu ni dhiisan. Kanaafu, wanta ittiin milkaa’anii fi azaaba jalaa ittiin bahan hojjachuu waan dhiisaniif nafsee ofii ni dagatan. “Inni of dagataadha” yommuu jennu, “wanta isa fayyadu hin hojjatu” jechuu keenya. Kanaafu, namoonni kunniin wanta Aakhiratti isaan fayyadu hojjachuu waan dhiisaniif of dagatan. Wanti guddaan Aakhiratti nama fayyadu, iimaana sirrii qabaachu fi hojii gaggaarii ikhlaasan hojjachuudha.
2ffaa- Nafsee ofii herreegu fi qorachuu dhiisu- dhibee fi hanqinna nafsee ofii qorachuun fayyisuu fi fooyyessuuf hin tattaafatan. Dhibeen nafsee kan akka shirkii, nifaaqa, of tuulu fi badii adda addaatti taruudha. Fedhii lubbuu jala deemun of fooyyessuu ni dagatan.

Kanaafu, namni nafsee ofii yoo qorate, of fooyyessuuf ni carraaqa. Hojii badaa keessa kan jiru yoo ta’e, badii san irraa buqqa’uun istighfaara fi hojii gaggaariin of dhaqqaba. Sababoota hojii badaa sanitti nama geessan irraas ni fagaata. Hojii gaggaarii yommuu hojjatu immoo hanqinnaa fi ceem’u yoo of keessatti arge, hojii gaggaarii guutee hojjachuuf humna ofii ni baasa, gargaarsa Rabbii isaa ni kadhata.

Guduunfaa
➠ Namni dhiibbaa adda addaa irraa kan ka’e baditti ni kufa. Garuu badii ofii erga beeke nafsee ofii tawbah fi istighfaaran adabbii jalaa baraaruuf carraaqu danda’a.
➠ Nafsee ofii dhaqqabuuf tawbachuu yommuu barbaadu, gufuuwwan adda addaa isa muudachuu danda’u. Karaalee gufuuwwan kanniin itti kaasu fi humna badii irratti injifannoo itti argatu keessaa:
✍ Qur’aana barachuu fi qo’achuuf tattaafachu.
✍ Salaata sirnaan salaatu fi Jama’atti maxxanuu.
✍ Nafsee ofii qorachuu
➠Tooftaa nafsee ofii itti qoratan keessaa: badii hojjatanii dabarsan itti yaadun tawbachuu, istighfaara baay’isuu fi hojii gaggaarii hojjachuu. Hojii gaggaarii keessatti hanqinna fi ceem’u yoo argan sirreessanii fi guutanii hojjachuuf carraqu, Rabbiin irraa gargaarsa kadhachuu.
➠ Namni ajajaa fi yaadannoo (zikrii) Rabbii dagatu, Aakhiraaf hojjachuu waan dhiiseef lubbuu ofii dagatee jira.


Kitaabban Wabii
[1] Tafsiir Sa’diyyi 106
Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 9/564-566 Abdurahman Habanka
Tafsiir Ibn Kasiir 7/235-Tafsiira Suuratu Al-Hashr, Zaadul Masiir-Ibn Jawzi, Bidaa’u tafsiir-ibn Al-Qayyim 3/147

Tawbah-Kutaa 7.2
Tawbah-Kutaa 6ffaa
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply