Tawbah-Kutaa 7.2

Offline dubbisuf

Tawbachuuf wantoota nama gargaaran–Kutaa 2ffaa
Kutaa darbe irraa itti fufuun wantoota tawbachuuf nama gargaaran ni ilaalla:
4-Bakka badiin itti hojjatamuu irraa fagaachu fi dheessu badiitti taruun akka ibiddatti taruuti. Ibiddi qaama gubbaa guba. Badiin immoo keessa namaa guba. Namni erga ibiddatti taree keessaa bahuuf ni tattaafata. Ta’uu baannan isa gubee fixa. Haaluma kanaan badiis keessaa bahuuf yoo hin tattaafatin keessaa nama gubuun qalbii namaa ajjeesa. Ergasii Guyyaa Murtii ibiddaa keessaa fi ala namaa gubuutti nama geessa.

Mee amma ibiddaa fi badii wal bira haa qabnu. Ibiddi guddaan manaa fi naannoo barbaadessu yoo ka’e, namoonni dhaamsu yoo dadhaban ni dheessu. Ta’uu baannan isaan guba. Haaluma kanaan, badiin gurguddaan hawaasa keessatti yoo faca’e namoonni badii kana yoo hin hanbisin ykn irraa hin dheessin, badiin kuni isaan balleessa. Dhibee fi rakkoo garagaraatiif saaxilamu. Ibiddi sababa tokko malee lafaa ol ka’e ofumaan hin qabatu. Kan isa qabsiisuu ykn akka qabatuuf sababa kan ta’u jiraachu qaba. İbiddi qabatee akka qabeenya hin barbadeessinee namoonni wantoota ibidda qabsiisan too’achu qabu. Haaluma kanaan, badiinis kan duubaa facaasutu jira. Kanaafu, namni wantoota badiitti nama oofan yoo hin too’atin badiin jireenya isaa guutuu balleessa.
Fakkeenyaf, namoonni warshaa (faabrikaa) keessa hojjatan, balaa ibiddaa hanbisuuf elektrikii fi gaazi sirnaan itti fayyadamu qabu. Ta’uu baannan, elektrikii fi gaazin ibidda qabsiisuun qabeenya barbadeessa. Haaluma wal fakkaatun, namoonni interneeti, Tv, gazeexaa fi kkf sirnaan yoo itti hin fayyadamiin, baditti isaan harkisuun rakkoo cimaatti isaan darba. Namoota meeqatu sababa interneetin wal hiikanii maatii ofii bittineessan. Dargaggoota meeqatu sababa interneetiin gammachuu dhabanii gubachaa jiru.

Namni badii irraa tawbatu akka nama ibidda keessaa baheeti. Namni ibidda irraa yoo baraaramee, balaan ibiddaa yommuu ka’uu akka du’utti ibidda irraa dheessa. Haaluma kanaan, namni badii irraa erga tawbatee, bakka badiin itti raawwatamuu fi sababoota itti nama geessan irraa dheessuuf carraaqu qaba.

Badii irraa erga tawbatanii booda gara badiitti akka deebi’an kan nama taasisuu guddaan hiriyyoota ykn namoota badii raawwataniidha. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa zaalimtoonni yommuu badii raawwatan isaan waliin akka hin teenne ni dhoowwa:

6:68

Yeroo warra keeyyattoota (Aayaata) keenya keessa seenuun [itti qoosan] argite, hanga isaan dubbii saniin ala kan biraa keessa seenanitti isaan irraa garagali. Yoo sheyxaanni si dagachiise, yaadannoo booda ummata miidhaa raawwattoota (zaalimtoota) waliin hin taa’in.” Suuratu Al-An’aam 6:68

Aayaataa Rabbii keessa seenuun itti qoosun wantoota kanniin hammata: Qur’aana kijibsiisuu fi itti baacu, wanta haqa falleessu dubbachuu, dubbii sobaa miidhagsuu, gara sobaa fi badiitti waamu, warra sobaa faarsu, haqa irraa garagaluu fi namoota haqa hordofan arrabsu. Yommuu kaafiroonni ykn namoonni fedhii qullaa hordofan wantoota armaan olii hojjatan, hanga dubbii biraatti darbanitti Rabbiin akka isaan irraa garagalan Muslimoota ajaja.

“Yoo sheyxaanni si dagachiise, yaadannoo booda ummata miidhaa raawwattoota (zaalimtoota) waliin hin taa’in” Kana jechuun sheyxaanni si dagachiisuun warroota aayaata Keenya keessa seenun itti qoosan waliin yoo teette, erga yaadattee booda isaan waliin hin taa’in. Ajajni kuni warroota sobatti taruun oduu oofan, wantoota dhoowwaman dubbatanii fi hojjatan waliin akka hin teenne kan hammatuudha. Yommuu namoonni dubbii sobaa haasawan ykn baditti nama kakaasuuf wanta haraamaa (dhoowwama) dubbatan ykn badii raawwatan, namtichi badii kanarraa isaan dhoowwu kan hin dandeenye yoo ta’e, isaan waliin taa’u hin qabu. Sababni isaas, namni kuni namoota badii raawwatan waliin yommuu taa’u, isaanitti makamuun baditti kufa. Garuu namni kuni namoota badii raawwatan kanniin wanta gaariitti kan ajajuu fi wanta badaa irraa kan dhoowwu yoo ta’e, isarra homaa rakkoon hin jiru[1].

Kanaafu, bakka badiin itti raawwatamu irraa fagaachun daandii sirrii irratti akka jabaatan nama taasisa. Eeti, jireenya keessatti namoota badii raawwataniin wal ni qunnamna. Garuu yommuu hojii badaa isaaniitti seenan, isaan irraa garagaluun wanta nama baasudha. Ibiddi qabatee mana gubu yommuu jalqabu, ibidda dhaamsu yoo kan dandeenye ta’e, biraa dhaabbachuu wayyaa moo irraa dheessu wayyaa? Haaluma kanaan, namoota sharrii (badii) hojjatan, sharrii isaanii dhoowwu yoo kan dandeenye ta’e, isaan waliin taa’uun adabbitti kufuu wayya moo isaan irraa dheessu wayyaa?  

5-Tawbah ofii keessatti dhugaa ta’uu fi ikhlaasa qabaachunamni dhugaan tawbachuun gara Rabbii yoo deebi’e, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isa gargaara, isa jabeessa. Qur’aana keessatti:

29:69

Warroota Nuuf (karaa Keenya keessatti) qabsaa’an- dhugumatti karaa Keenyatti ni qajeelchina. Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira.” Suuraa Al-Ankabut 29:69
(Asitti “Nuuf” yommuu jedhu, Guddinna agarsiisuufi malee baay’inna agarsiisuufi miti.)

“Rabbiin qajeelinna qabsoon wal qabsiise. Namni hundarra qajeelaan nama hundarra qabsaa’aa ta’eedha. Qabsoo keessaa isaan gurguddoon, nafsee ofitti qabsaa’u, fedhii qullaatti qabsaa’u, sheyxaanatti qabsaa’u, diinotatti qabsaa’u fi beekumsa barachuuf qabsaa’udha.  Namni Rabbiif jedhee kanniinitti qabsaa’e, Rabbiin karaa Jannatatti nama geessutti isa qajeelcha. Namni qabsoo kana dhiise immoo hanga qabsoo dhiisen, qajeelinni isa jala darba.” Aaya tana ilaalchise, Ibn Abbaas ni jedha: “Nuuf ajajamuu keessatti warroota qabsaa’an, karaa mindaa Keenyatti isaan geessutti ni qajeelchina.”

Hayyuun Juneeyd jedhamu akkana jedha: “Namni Rabbiif jedhee fedhii qullaa isaa tawbaan itti qabsaa’e, Rabbiin karaa iklaasatti qajeelcha. Namni diina keessaatti yoo hin qabsaa’in, diina alaatti qabsaa’u hin danda’u. Namni diina keessaa irratti injifannoo argatu, diina alaa irratti injifannoo ni argata. Namni diinni keessaa isa irratti injifannoo argate, diinni alaa isa injifata.” (Diinni keessaa- fedhii qullaa fi sheyxaana).
Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira.” Kana jechuun Rabbiin warroota toltuu hojjatan gargaarun, eegu fi qajeelchuun isaan waliin jira[2].

Kanaafu, namni badii irraa of eeguu fi hojii gaggaarii hojjachuu irratti yoo qabsaa’e, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa karaa qajeelatti ni qajeelcha. Isa gargaara, isa jabeessa. Gargaarsa, jabeenyaa fi qajeelinna Rabbiin irraa kan argatu, Rabbiif jedhee badii irraa yoo of tiiksee fi hojii gaggaarii yoo hojjateedha. Namni badii irraa erga tawbatee, nafsee (lubbuu) ofii wanta hawwitu irraa yoo dhoowwe, xumurri isaa waa tole! Qur’aana keessatti:

Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaate fi lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhoorge, dhugumatti Jannanni bakka qubannaa isaati.” (suurat An-Naazi’aat (79):40-41)

6-Rahmata Rabbii abdachuu; akkasumas, rahmata Isaa irratti hirkachuun badii itti fufuu dhiisu namoonni baay’een Rabbiin ghafuuru rahiim jechuun badii hojjachuu itti fufu. Eeti, Rabbiin nama tawbatee fi araarama Isa kadhateef ghafuuru rahiim. Nama osoo beeku badii hojjachuu itti fufee fi tawbachuu dide immoo adabbii cimaa adaba. Kanaafi, namoonni rahmata Isaa irraa abdii akka hin kunnee fi adabbi Isaas sodaachu akka qaban, akkana jechuun Qur’aana keessatti dubbata:

Ani Dhugumatti Anatu araaramaa, rahmataa godhaadha.” jechuun gabroota kiyyatti beeksisi. “Adabbiin Kiyyas isatu adaba laaleessadha.” [jechuunis itti himi]” Suurat al-Hijr 15:49-50

Kana jechuun Ani Abbaa rahmataa guddaa akka ta’ee fi adabbiin (azaabni) kiyya azaaba cimaa akka ta’e namootatti beeksisi. Rahmanni fi araaramni Rabbii guutuu fi guddaa ta’uu namoonni yoo beekan, wantoota rahmata Isaatti nama geessan hojjachuuf ni carraaqu. Araarama Isaa argachuufis badii irraa buqqa’uun ni tawbatu. Kana waliinu rahmata Isaa abdachuun haala nageenyaa fi idlaalatti kan isaan oofu ta’uu hin qabu. Idlaal (إدْلال) jechuun eebalu na jaallata jechuun daangaa isarratti darbuudha. Namoota meeqatu Rabbiin naa jaallata, rahmanni Isaa bal’aadha jechuun daangaa Isaa darbu. Rabbiin namoota akkanaatin ni jedha: “Adabbiin Kiyyas isatu adaba laaleessadha” Kana jechuun adabbiin (azaabni) dhugaan hin jiru adabbii Rabbii malee[3]. Adabbiin Isaa adabbii (azaaba) garmalee cimaa fi guddaa ta’eedha. Kanaafu, namni yommuu rahmataa fi araarama Rabbii ilaalu, abdii isaaf kenna. Yommuu badii fi hanqinna ofii ilaalu, sodaan isa keessatti uumama. Kuni immoo badii irraa akka buqqa’u isa taasisa. Garuu abdii kutuu hin qabu.

Guduunfaa
Akkuma ibiddi gogaa namaa gubuu danda’u badiinis keessa nama guba. Balaa ibiddaa hanbisuuf wanta ibidda qabsiisan akkuma sirnaan itti fayyadamu qaban, wanta baditti nama geessanis sirnaan itti fayyadamuun barbaachisaadha.
Namni osoo ibiddatti taree nagaha bahee, lamuu akka itti hin deebine sirritti of eeggata. Haaluma kanaan, namni badii irraa tawbatees, baditti akka hin deebineef namoota, hiriyyootaa fi wantoota baditti nama geessan irraa ni fagaata.
Namoota waliin qunnamuun dirqama yoo ta’e, yommuu isaan waan badaa haasawanii fi hojjatan isaan irraa fagaachun adabbii badii jalaa bahuudha.
Namni dhugaan yoo tawbatee fi Rabbiif jedhee hojii gaggaarii yoo hojjate, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa karaa qajeelatti isa qajeelcha, isa jabeessa.
Namni rahmata Rabbii irraa abdii kutuu hin qabu. Akkasumas, rahmata Isaa abdachuu fi adabbii Isaa dagachuun badii keessa turuu hin qabu.
Rahmata Rabbii kajeelu fi adabbii Isaa sodaachun, koola namni dhugaan amane (mu’minni) daandii qajeelaa irra ittiin balali’uudha.


Kitaabban Wabii:  
[1] Tafsiir Sa’diyyi 290
[2] Bidaa’u Tafsiir 2/304 fi Tafsiira Al-Qurxubii 16/390-391
[3] Tafsiir Sa’diyyi 501, Tafsiir ibn Kasiir 4/652

Tawbah-Kutaa 8ffaa
Tawbah-Kutaa 7.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply