Tawbah-Kutaa 8ffaa

Offline dubbisuf

Mallattoolee Nama Dhugaan Tawbatee
Namni jireenya ofii tawbaan jijjiruuf erga murteessee fi hojitti seenee booda mallattooleen jijjiramaa isarraa mul’ataa adeemu. Ji’oota muraasa keessatti mallatooleen armaan gadii irraa mul’atu. Garuu namni, “Tawbadhee jira” jedhee mallattoleen kunniin yoo isarraa hin mul’atin, tawbah isaa keessa rakkotu jiraa jechuudha. Kanaafu, tawbah ofii qulqulleessuuf tattaafachu qaba. Arraba qofaan “Tawbadhe” jechuun mallattoo tawbaa hin ta’u. Wanta tokko hojiin yoo hin mirkaneessin arraba qofaan dubbachuun gahaa ni ta’aa? Nama dhugaan tawbate irraa mallatooleen armaan gadi ni mul’atu:

1-Zanbii (badii) irraa buqqa’uu-namni dhugaan tawbate, akka nama uffatarraa xurii qulqulleesseti. Uffata bishaan keessatti cuubee yoo xurii irraa hin baasin, uffata qulqulleesse ni jedhama? Haaluma kanaan, namni tawbadhe jedhu, badii hojjatu yoo hin dhiisin, namni kuni tawbate ni jedhamaa?  Namni uffata ofii bishaanii fi saamunaan miicee yoo xurii irraa baase, uffata isaa dhugaan qulqulleesse jedhama. Uffata irraa xurii baasun mallattoo miicamuu uffatichaa agarsiisa. Haaluma kanaan, namni qalbii ofii badii irraa tawbaan erga qulqulleessee booda badii sanitti yoo hin deebi’in, kuni mallattoo dhugaan tawbachuu agarsiisudha. Fakkeenyaaf, namni fiilmi saalaa interneetin ykn Tv’in ilaalu, kuni haraamaa fi wanta badaa akka ta’e ni hubata. Ergasii, irraa tawbachuu barbaada. Kanaafu, yoo dhugaan tawbate, fiilmi kana guutumaan guututti ilaalu ni dhiisa. Qalbiin isaa akka qulqullooftuuf Rabbiin irraa araarama kadhata. Wanta badaa ilaalaa ture san ni jibba. Lamuu akka itti hin deebine ijjannoo qabaata. Haala kanaan xurii cubbuu (dilii) ofirraa qulqulleessa.

2-Wanta balleesse fooyyessuu-tawbachuun of fooyyessuu waan ta’eef namni tawbadhe jedhu wanta balleesse ni fooyyeessa. Balleessaan inni hojjate isaa fi Rabbii isaa jidduu yoo ta’e, wanta Rabbiin itti ajajee hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisun, hojii ofii fooyyeessa. Gara biraatiin balleessaan inni hojjate, isaa fi namoota jidduu yoo ta’e, haqa isaanii deebisuun ykn dhiifama isaan gaafachuun ni fooyyessa. Haala kanaan, jireenya isaa jijjira.
Rabbiin ni jedha:

5:39

Namni miidhaa raawwachuu isaa booda tawbatee fi [hojii isaa] fooyyesse, dhugumatti Rabbiin tawbaa isaa irraa qeebala. Rabbiin akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.” Suura Al-Maa’ida 5:39
Kana jechuun namni miidhaa (zulmii) erga hojjate booda tawbatee (badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’e) fi hojii isaa fooyyesse, Rabbiin ni araaramaaf. Hojii fooyyessuu jechuun hojii gaggaarii hojjachuu fi haqa namootaa deebisuufi ykn dhiifama isaan gaafachudha. Fakkeenyaaf, namni hate, wanta hate san abbaaf deebisuu qaba. Yoo abbaa dhabe, fira namtichaatiif deebisuu. Yoo abbaas firas dhabe, sadaqaa kennuudha.

Gaafa tokko namtichi tokko gara dubartii ibaadaan beekkamte Raabi’a bint Ismaa’il Al-Adawiyyah dhufuun akkana jedheen, “Ani badii baay’ee hojjadhee jira. Yoo tawbadhe, Rabbiin tawbaa kiyya narraa qeebala jettee ni yaaddaa?” Ishiinis ni jetteen, “Ee badii kee! Namoota Isarraa garagalan akkamitti gara ofiitti akka waamu sila hin agartuu? Namoota gara Isaatti deebi’an akkamitti tawbaa isaanii irraa hin qeeballee?[1]
Kanaafu, namni hanga fedhe badii yoo hojjate, dhugaan yoo tawbate, Rabbiin tawbaa isaa irraa qeebala, isaaf ni araarama. Dhugaan tawbachuu isaa mallattoolee agarsiisan keessaa tokko, wanta balleesse fooyyessuudha.

3-Tawbaan booda haalli isaa haala duraa caalaa gaarii ta’uu– kuni mallattoo guddaa mallattoo tawbaa agarsiisuudha. Tarii namni badii baay’ee hojjachaa ture erga tawbate booda kabajaa fi sadarkaa ol’aanaa irra gahuu danda’a. Kuni galma kan gahuu akkuma badii ofii beeken yoo dafee tawbateedha. Namni erga tawbatee booda, amalli, hojii fi haalli isaa kan duraa caalaa yoo tole, dhugaan tawbate jedhama. Fakkeenyaf, namni hin salaanne fi badii adda addaa hojjatu yoo tawbate, dhugaan tawbachuu isaa kan beekan: salaata sirnaan yoo salaate, hojii badaa yoo dhiise, hojii gaggaarii yoo hojjate, amalaa fi adeemsa isaa yoo miidhagseedha. Tawbadhe jedhee wantoonni armaan olii yoo irraa hin mul’atin tawbaan isaa tawbaa sobaa ta’aa jechuudha. Eeti, halkan tokkoon haala fi amala ofii sirreessun ni ulfaata. Garuu tarkaanfi tarkaanfin yoo itti deeme, haalli fi amalli isaa ni tola.

4- Wanta badaa hojjatee fi wanta gaarii dhiiseef gaabbu, khaatimaa (xumura) badaa sodaachuu– namni akkuma badii ofii yaadatuun, “Maal ta’ee hojjadhe? Yaa Rabbii naaf araarami” jedhee akkuma gaabbuun, tawbaan isaa tawba dhugaa ta’a.
Namoota gaggaarii darban keessaa namni Shaqiiq jedhamu akkana jedha, “Hoji badaa darbeef booyun, badiitti lamuu deebi’u sodaachuun, warroota badii hojjatan irraa baqachuu fi warroota hojii gaggaarii hojjatanitti maxxanuun mallattoolee tawbaa dhugaati[2].”

5-Yeroo hundaa du’a yaadachuu- namni dhugaan tawbatu, duuti yoom akka itti dhuftu waan hin beeknef dafee hojii gaggaarii hojjata. Du’a ofirratti eegaa wanta duraan balleesse foyyeessuuf yeroo isaa saamata.
6-Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachuu, akkasumas warroota amanan jaallachuu fi hojii gaggaarii hojjachuu-
Namni haqa irraa yoo garagalee fi baditti lixe, haqa ni jibba. Garuu erga tawbatee booda haqa jaallachuu eegala. Kanaafu, mallattoolee tawban isaa dhugaa ta’uu agarsiisan keessaa tokko haqaa fi warroota haqa irra jiran jaallachuudha.

Sadarkaalee Namoota Tawbatanii

Namoonni badii irraa erga tawbatanii jireenyaa ofii jijjiruuf ni carraaqu. Gariin isaanii tawbachuun hanga du’aa karaa qajeelaa qabatu. Gariin isaanii badii fi tawbaa jidduu deddeebi’u. Gariin immoo guutumaan guututti baditti deebi’u danda’u. Mee sadarkaalee namoota tawbatanii haala armaan gadiitiin haa ilaallu:

Sadarkaa 1ffaa: namoonni sadarkaa kanaa namoota hanga du’aa tawbaa irraa turanii fi gara badii deebi’uuf nafsee ofitti kanneen hin hasaasnedha. Erga badii irraa buqqa’anii fi gara Rabbii deebi’anii booda hanga du’aa karaa qajeelaa qabachuun du’u. Warroonni kunniin warroota nafseen isaanii tasgabbooftu (muxma’inna) taatedha. Sadarkaa tawbaa ol’aanun warra ibsamaniidha. Sababni isaas, karaa qajeelaa irra deeman, wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisun ajaja Isaatti ni bulan. Badii fi amala Rabbiin isaanirraa hin jaalanne irraa of qulqulleessan. Kuni sadarka ol’aanaa warroota tawbataniiti.

Sadarkaa 2ffaa: Warroonni kunniin warroota karaa qajeelaa irra deemanii fi jireenya isaanii guutuu tawbaa qabataniidha. Garuu hamtuu nafseen isaanii isaaniif miidhagsitu irraa addaan bahuun itti ulfaata. Niyyatanii fi xiyyeefanoon osoo hin ta’in, dhiibbaa nafsee ofii jalatti kufaniiti. Akkuma badii hojjataniin, nafsee ofii ni ajiifatu (ni waqqasu), ijjannoo isaanii ni haaromsuu. “Maaliif hojjadhe?” jechuun sharrii irratti ni gaabbu. “Maaliif hojii gaggaarii hin baay’isne?” jechuun wanta gaarii isaan jala darbeef ni gaabbu. Kuni sadarka warra tawbatanii ol’aanaadha, garuu sadarkaa 1ffaadhaa gadi. Haalli warroota tawbatanii baay’een kana.

Sadarkaa 3ffaa: warroonni kunniin warroota yeroo muraasaaf tawbaa irra turanii fi ergasii gara badii deebi’aniidha. Fedhiin lubbuu isaanii isaan injifachuun hojii gaarii fi hojii badaa walitti maku. Garuu kana waliinu hojii gaarii dhiisaniif of waqqasu, hojii badaa hojjataniif ni gaabbu. Injifannoo nafsee ofii jalatti kufu. Haa ta’u malee, tawbah gara fuunduraatti dabarsuu fi hawwii dheeressuun isaan gowwoomsa. “Gara fuunduraatti ni tawbadha, umriin kiyya dheeraadha.” Jechuun of gowwoomsu. Warri kunniin qarree (qarqara) balaa guddaa qabu irra jiru. Sababni isaas, osoo hin tawbatin duuti isaanitti dhufuun yeroon umrii isaanii dhumachu danda’a. Ergasii gaabbi faaydi hin qabne gaabbu.

Sadarkaa 4ffaa: Warroonni kunniin warroota yeroo muraasaaf tawbaa irra turanii ergasii nafseen isaanii gara baditti ajajju dabuun fedhii lubbuu miirawaatiin isaan jallisteedha. Osoo tawbaa of hin yaadachisiin badii keessatti taran. Warroota akkanaatiif khaatimaan (xumurri) badaan ni sodaatamaaf. Sababni isaas, gahuumsa badaa dagachuun fedhii qullaaf ni masakaman. Badii hojjachuu malee gahuumsa badaa hin yaadatan. 
Namni gamni qooda gaarii qabu nama nafsee ofii jallinna ishii irraa gadi qabee fi gara Rabbiif ajajamuutti deebiseedha. Gara daandii qajeelatti deebi’uun nama Qur’aanaa fi qajeelcha Nabiyyitiin qajeeledha.

Du’aayii Xumuraa

اللَّهُمَّ آتِ نَفْسِي تَقْوَاهَا وَزَكِّهَا أَنْتَ خَيْرُ مَنْ زَكَّاهَا أَنْتَ وَلِيُّهَا وَمَوْلاَهَا
Allaahumma aati nafsii taqwaahaa wa zakkihaaAnta kheyru man zakkaahaa, Anta waliyyuhaa wa mawlaahaa.
Yaa Rabbii nafsee kootiif taqwaa ishii kenniif, ishiis qulqulleessi, Ati hunda caalaa Kan ishii qulqulleessudha. Ati waliyyi ishiitii fi Kan ishii Tiiksudha.” Sahiih Muslim 2722
Waliyyi jechuun garmalee dhiyoo kan itti ta’e.

Rabbanaa zalamnaa anfusanaa wa inllam taghfir lanaa watarhamnaa lanakunanna minal-khaasiriin.
Gooftaa keenya! Lubbuu teenya miine jirra. Yoo [Ati] nuuf hin araaraminii fi rahmata nuuf hin godhin, dhugumatti nuti warroota hoonga’an (kasaaran) irraa taana.” Suuratu Al-A’araaf 7:23

Hiika jechootaa: Rabbanaa-Gooftaa keenya, zalamnaa-miine jirra, anfusanaa-lubbuu teenya, wa in-llam taghfir lanaa watarhamnaa- yoo nuuf hin araaraminii fi rahmata nuuf hin godhin, lanakunanna-dhugumatti ni taana, min-irraa, al-khaasiriin-warroota hoonga’an (kasaaran)

Guduunfaa
✈Namni dhugaan yoo tawbate, mallatooleen tawbaan isaa dhugaa ta’uu agarsiisan isarraa mul’atu. Isaan keessaa:
➻Badii irraa buqqa’uu,
➻ balleesse darbee fooyyessuu. Balleesse ofii fooyyessu jechuun wanta bade tolchuudha.
➻ Tawbaa booda haalli isaa haala duraa caalaa gaarii ta’uu
➻ Wanta gaarii dhiisee fi wanta badaa hojjateef gaabbu
➻ Du’a yaadachuun yeroo ofii saamachuu
➻ Haqaa fi warra haqa irra jiru jaallachu
✈ Namoonni erga tawbatanii booda sadarkaalee adda addaa qabu. Sadarkaalee kanniin bakka afuritti qoodun ni danda’ama:
1ffaa-warroota erga tawbatanii booda hanga du’aa karaa qajeelaa irratti gadi dhaabbataniidha. Nafseen isaanii haqa irratti tan tasgabbooftedha (muxma’inna)
2ffaa-Warroota erga tawbatanii booda karaa qajeela qabataniidha. Garuu dhiibbaa nafsee isaanii jalatti kufuun yeroo garii baditti ni taru. Warroonni kunniin warroota hojii gaarii dhiisanii fi hojii badaa hojjataniif of ajiifataniidha. Of ajiifachuun (waqqasuun) tawbaa fi ijjannoo ofii ni haaromsu. Nafseen isaanii nafsee lawwaamah (of ajiifattuu) taateedha.
3ffaa-warroonni kunniin warroota yeroo muraasaaf tawbaa irra turanii fi ergasii gara badii deebi’aniidha. Hojii badaa fi gaarii walitti maku. Tawbaa gara fuunduraatti dabarsu.
4ffaa-waroota yeroo muraasaf erga tawbatanii booda guutumaan guututti baditti deebi’aniidha. Tawbaa quba hin qaban. Fedhii ofii hordofuu malee xumura hojii badaa isaanii itti hin yaadan. Tawbaan yoo of hin dhaqqabin xumurri (khaatimaan) isaanii nama sodaachisa.


Kitaabban wabii
At-Tawbatu Ilallah-fuula 58-60,70-72
[1] https://www.kalamullah.com/repentance.html
[2] Madda olii

Uumama Namaatti Xinxalluu-kutaa 5
Tawbah-Kutaa 7.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply