Uumama Namaatti Xinxalluu-Kutaa 4

Offline dubbisuf

Jireenya tana keessatti wanti guddaan ilmi namaa dheebotuuf gammachuu fi tasgabbii argachuudha. Mi’aa tasgabbii dhandhamuuf hojii adda addaa hojjata. Garuu hojiin inni hojjatu hundi mi’aa inni barbaade isaaf hin fidu. Dhugumatti, karaan guddaa fi tokkichi mi’aa tasgabbii dhugaa ta’e jireenya keessatti itti dhandhaman, Rabbii nama uumee beekuu fi Isaaf buluudha. Kanaan ala, Rabbiin irraa fagaachun mi’aa tasgabbii nan dhandhama jedhee namni karaa biraa barbaadu, abadan mi’aa tasgabbii barbaadu san hin argatu. Tarii yeroo muraasaaf argachuu danda’a, garuu yeroo murtaa’a booda mi’aan suni ni bada. Mi’aa tasgabbii itti fufaa kan argatan Mawlaa (Rabbii)tti dhiyaachuuni. Mawlaatti dhiyaachuun gadda, yaaddoo, dhiphinna fi yaada sobaa namarraa oofun tasgabbii qalbii irratti dhangalaasa. Yaa nama mi’aa kana argate, Mawlaa keetiif ajajamuun mi’aa tasgabbii irratti mi’aa san caalu dabaladhu. Yaa nama mi’aa kana hin arganne, Mawlaa kee beekuu fi Isaaf ajajamuuf tattaafadhu. Guyyaa tokko atis mi’aa kana ni dhandhamtaa abdii hin kutin. Kutaa darbe keessatti uumama keenyatti xinxalluun Rabbii keenya beekuuf tattaafachaa turree jirra. Har’as itti fufna;

Ijaarrama Lafee

Mee ilaali lafeen qaama keetii akkamitti akka ijaarrame. Lafeewwan hidhaa gadi jiran fufurdaa fi jajjabaatadha. Sababni isaas qaama baadhachuun bu’uura ta’u. Lafeewwan hidhaa olii immoo waan baadhatamaniif hammaan salphaadha. Morma akkamitti mataaf geejjiba irra taa’u akka godhee mee ilaali. Mataan namaa morma irra yommuu taa’u akka waan wanta yaabbatamu irra taa’eti. Morma dugugguruu torba golboo fi naannawaa ta’an irraa ni ijaare. Ergasii tokko tokkorratti ni maxxanse. Dugugguruu tokko dugugguruu biraa irra gochuun akka dugugguruu tokko taatetti akkamitti ijaarsa ajaa’ibaa akka ijaaree mee ilaali. Ergasii morma, dugdaa fi laphee irra godhe.

San booda morma, gateetti irraa kaasee hanga taa’aa gahuutti lafeewwan dugugguruu wal keessa seenan digdami afur irratti ijaare. Lafeewwan dugugguruu, lafee cinaachaa qabuu fi bakkaa akka hin sochoone fi hin bittinoofneef gahee ol’aanaa taphatu. Lafeewwan kanniin tokko tokkotti akkamitti akka hidhee fi wal qabsiisee mee itti xinxalli. Lafee dugdaa lafee lapheetti, lafee ceequ lafee irreetti, lafee irree lafee ciqileetti, lafee ciqilees lafee harkaa fi qubbiinitti hidhe (qabsiise).

Lafee babala’oo akka lafee dugdaa fi mataa foon isaaniin wal gituun akkamitti akka uwwisee mee itti xinxalli. Akkasumas, lafee haphii kan akka qubbiinii foon isaaniif ta’uun uwwise. Haaluma kanaan lafee giddu galeessaa kan akka irree fi ciqilees foon isaaniif maluun uwwise. Ogeessi fayyaa lafeen yoo miidhamte suphuuf, lafeewwan kunniin akkamitti akka ijaarraman ni ilaala. Namni xinxallu immoo Guddinna Hojjataa fi Uumaa lafee, Ogummaa, beekumsaa fi rahmata Isaa ittiin beekuu fi dinqisiifachuuf ilaala. Garaagarummaan ilaalcha lamaan jidduu jiru hangam guddaadhaa!

Walitti Hidhaa-Ligament
Ergasi Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kutaalee qaamaa kanniin hidhaa cimaan walitti hidhee jabeesse. Akka funyoo waa hiitu, qabduu fi eegdu godhe. Hidhaawwan kanniin hanga lakkofsi isaanii 529 gahuutti ni baay’ise. Bakka irratti hundaa’e furdinnaa fi haphinnaan, dheerinnaa fi gabaabbinnaan, qajeelinnaa fi jallinnaan gargar taasise.  

Hidhaawwan kanniin keessaa digdamii afur ija sochoosuu, banuu, cufuu fi arguuf meeshaa taasiseef. Isaan keessaa hidhaan tokkichi osoo bade silaa dhimmi ijaa hojiin ala ta’a. Kutaalee qaamolee birootiifis haaluma kanaan hidhaa kanniin meeshaa ittiin socho’u fi wanta fedhee ittiin hojjatu godheef. Copha bishaan dadhaba irraa kuni hojii Rabbii Ogeessaa ta’eeti, safara Rabbii Injifataa fi beekaa ta’eti. Warroota kijibsiisaniif fi hin amanneef ee badii isaanii![1]

(Namni mee uumama ofiitti haa xinxallu. Lafee kanniin eenyutu akkanatti walitti galchee qaama guutuu taasisee? Lafeen takka osoo badde qaamni hojii isaa sirnaan gaggeessu hin danda’u. Wantummaan xiqqoon takka qaama keessaa baduun dhiibbaa guddaa fida. Kanaafu, eenyutu akkanatti lafee kanniin hidhaa cimaan walitti hidhe? Sheyxaanni sitti hasaasun “pirootinii fi kaalshiyeemi” akka hin jennee! Pirootinii fi kaalshiyeemin hammaa fi lakkoofsa lafee murteessuun bakka isaaniif maluutti galchuu ni danda’uu? Lafee hundaafu boca isaaniif maluu kennuu danda’uu? Dhugaa kana hubachuuf mee ijaarsa manaa ilaali. Manni bilooketti, mismaari, qorqoorroo fi wantoota garagaraa irraa ijaarrama. Kanniin keessaa manaaf humna cimaa kan ta’uu bilookeettidha. Bilookeettin kuni immoo bishaan, ashawaa fi simintoo irraa hojjatama. Yoo namni wantoota kanniin walitti makuun bilookeetti hin hojjatin, bilookeettin ofiin of hojjatuu danda’aa?

Amma qaama namaa ilaali. Qaamni namaa lafee, foon, moora, kottee fi kan biro irraa kan ijaarrameedha. Kanniin keessaa qaamaaf humna cimaa kan ta’u lafeedha. Lafeen pirootini fi kaalshiyeemi irraa akka ijaarramu saayinsin nutti hima. Pirootinii fi kaalshiyeemiin nyaata nyaannu irraa kan argamaniidha. Amma of haa gaafannu, akkuma bilookettin mataa ofiitiin bishaan, ashawaa fi simintoo irraa hojjatamu hin dandeenye, lafeen namaa kunis ofiin pirootinii fi kaalshiyeemi irraa hojjatamuu danda’a?

Ammas itti haa fufnu, bilookeettin, mismaari fi qorqoorron ofumaan walitti dhufanii mana guddaa kana ijaaru danda’uu? Foddaa, balbala, halluu dibuu fi kutaalee manaa biroo ofiin gochuu fi murteessu danda’uu? Kanaafu, kan duubaa ijaaru fi bareechisu jiraachu qabaa miti ree? Haaluma kanaan, qaama namaa kana keessatti lafeewwan ofumaan walitti dhufanii bakka isaanif maluu qabachuu danda’uu? Akkuma bilookettin walitti dhufuun mana bifti isaa bareedaa, balbalaa fi maskooti qabuu ijaaru hin dandeenye, lafeenis walitti dhufuun nama bareeda ija, gurra, funyaanii fi afaan qabuu uumuu danda’u?

Kanaafu, kuni hundi ofiin of uumuu fi of sirreessu waan hin dandeenyeef kan duubaa isaan sirreessu fi uumutu jira. Innis Rabbii ogeessa, beekaa ta’eedha. Ogummaa fi beekumsa Isaatiin boca, hammaa fi lakkoofsa lafee ni murteessa. Bakka isaaniif malutti walitti galcha. Hidhaa cimaan walitti hidha. Mee ilaali qubbiin kee, mee ilaali lukaa fi harka kee! Mee daaw’itiin ija, gurraa fi funyaan kee ilaali! Hammi fi bocni isaanii wal fakkaataa? Eenyutu akkanatti bakka isaaniif maluu gochuun si miidhagsee? Rabbii Tokkicha malee kan biraa jechuu dandeessaa? Osoo karaa irra deemtu mana garmalee bareedaa yoo agartee, abbaa mana san ijaare ni dinqisiifatta moo ni dhiistaa? Namni mana kana ijaare ogeessa cimaadha jechuun ni dinqisiifatta. Mee ilaali qaama kee Rabbiin Guddaan, ogeessaa fi beekaa ta’e akkamitti akka si ijaare! Ijaarsi qaama namaa Guddinna, Ogummaa fi Beekumsa Rabbii Olta’aa kan agarsiisuudha. Rabbiin qulqullaa’e, Inni Tokkicha fakkaataa hin qabneedha.)
Rabbiin olta’aan ni jedha:

95:4

Dhugumatti nama dhaabbi irra gaarii ta’ee keessatti isa uumnejirra.” Suuratu At-Tiin 95:4

Kana jechuun nama suuraa gaarii fi boca bareedaa irratti, uumama guutuu kutaalee qaamaa walitti galoo qabu fi dhaabbata qajeelaa irratti isa uumne. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota ilma namaatin ala jiran kanneen akka beelladotaa fi bineensotaa mataan kan gadi jedhan godhee uume. Nama immoo ol qajeelaa sirnaan dhaabbatee kan deemu godhee uume. Arraba ittiin dubbatu, harkaa fi qubbiin ittiin waa qabu uumeef. Sammuu wanta fedhee ittiin hojjatuun isa miidhagse. Beekumsa, fedhii, ogummaa fi kkf ni kenneef. Keessaa fi alaan isa bareechise. Qananii guddaa kana hundaaf galata galchuun hin barbaachisuu ree? Garuu namoonni baay’een qananii kanaaf Rabbiif galata galchuu irraa maqanii taphaa fi wanta faaydi hin qabneen of ko’oomsanii jiru[2].


Kitaabban Wabii:
[1] Miftaahu Daaru sa’aadah-fuula 550-551, Imaamu ibn Al-Qayyiim  
Men and The Universe-hiika boqonnaa muraasaa kitaaba armaan olii-fuula 26-28
[2] Tafsiir Sa’diyyi 1097 , Tafsiirul Qur’aanil Kariim wa i’iraabuhi wa bayaanuh 10/651 Muhammad Aliyy Xaahaa   

Uumama Namaatti Xinxalluu-kutaa 5
Uumama Namaatti Xinxalluu-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply