Tawbah-Kutaa 9ffaa

Offline dubbisuf

Namni jireenya dogongoraa jiraacha erga turee yommuu ifti beekumsaa isaaf ifu tawbachuun jireenya gammachuu jiraachu barbaada. Akkuma ifti beekumsaa isaaf ifuun hojiin isaa badaan garmalee isatti fokkataa adeema. Tawbachuun wanta isa darbe bakka buusuf carraaqa. Ibaada adda addaatin of ko’oomsun garmalee hojjata. Garuu, yeroo tawbatuu fedhiin cimaan inni argate akkanatti itti hin fufu. Fedhii cimaa booda laafinni ni dhufa. Kanaafu, namni yeroo kanatti maal gochuu qabaa? Gaafii fi deebiin armaan gadii kanaaf furmaata ni ta’a jedheen abdadha.

Tawbah fedhii guddaan jalqabanii ergasii laaffisuu
Gaafii: Namni yommuu tawbatu humna guddaan jalqaba. Akkana jedha: “Dhugumatti, sheyxaanni akka laaffisu na ajaja.” Kanaafu, gochoota ibaada baay’ee hojjata. Ergasii fedhiin cimaan isaa ni qabbanaa’a. Akkanas jedha, “Rabbiin nafsee takka humna ishiiti ol hin dirqisiisu.” Ergasii hanga bakka duraatti deebi’u gahuutti gochoonni ibaadaa ni laafu.
Gaafin kiyya: kanaaf gorsa akkamii kennuu dandeessuu? Humna cimaan jalqabuu qaba moo hanga achirratti gadi dhaabbatu sadarkaa sadarkaan jalqabuun yeroo muraasaan booda itti dabalaa adeemu qabaa? Yookiin immoo jecha, “Yommuu bubbeen tee bubbistu, saamudha.” jedhu hordofuu qabaa?

Deebii
Alhamdulillah

Qananiin qajeelinnaa fi tawbah qananiiwwan gurguddaa Rabbiin olta’aan Muslima irratti ooludha. Muslimni qajeelinnaa fi tawbaa kanaan haala ofii jijjiruun gara Rabbii Olta’aa ittiin dhiyaatudha. Akka aadaatti, namni tawbate wanta yeroo badii fi jallinnaa keessatti isa jala darbe bakka buusuf gara Rabbiif ajajamuutti fedhii fi humna cimaan garagala. Kuni wanta uumamaa nama dhugaan tawbate hunda qunnamuudha. Nabiyyiin keenya (SAW) haala kanaa fi fedhii cimaa booda qorriinsaa fi hir’inna dhufuu dubbatanii jiru. Kunis wanta uumamaati. Garuu balaan guddaan nama tawbate irratti bu’uu danda’u: Fedhii cimaa booda qorriinsii fi hir’inni kuni itti fufuuun haala duraan tureetti deebi’uudha. Kanaafu, dhimma kanatti xiyyeefannoo kennuun barbaachisaadha. Namni tawbate fedhiin cimaan isaa kan laafu ta’uu yoo arge, tarkaanfi jidduu galeessaa fudhachuu fi sunnaah qabachuun isarra jira. Ergasii humnaa fi nashaaxaan itti fufuu danda’a. Sababni isaas, zeeroo irraa jalqabuu irra jidduu irraa itti fufutu caala.

Abdullah ibn Amr (radiyallahu anhumaa) akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Hojii hundaafu fedhii cimaatu jira. Fedhii cimaa hundaafu laafinnatu jira. Nama fedhiin cimaan isaa gara sunnaah kiyyaa ta’e, dhugumatti inni milkaa’e. Garuu namni yommuu laafu, kanaan ala wanta biraa filate dhugumatti inni bade.” Ibn Hibbaan sahiiha isaa (1/187) keessatti gabaase.

Abu Hureeyraan akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dhugumatti wanta hundaafu fedhii cimaatu jira. Fedhii cimaa hundaafu laafinnatu jira. Yoo namtichi sirrii hojjatee fi madaallamaa ta’e, isa abdadhaa. Garuu yoo [namoonni] gara isaatti quba akeekan, isa hin lakkaa’inaa.” Jaami’a At-Tirmizii 2453

Mubaarakfuuri (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedha:
Jechi Nabiyyi, “Hojii hundaafu fedhii cimaatu jira. .” kana jechuun Kheyriis ta’ii sharrii, nashaaxaa fi dharra’uun wanta tokkotti futuu (fedhii guddaan hojjachuutu) jira.
Fedhii cimaa hundaafu laafinnatu jira.” Kana jechuun, namni tokko [fedhii cimaa booda] dadhabaa, laafaa fi kan ceem’u ta’uudha.

Yoo namtichi sirrii hojjatee fi madaalamaa ta’e.”  kana jechuun namni fedhii cimaa qabu, haala madaallamaan yoo hojjate, fedhii cimaa keessatti daangaa darbuu fi fedhiin yommuu laafu [wantoota isarratti dirqama ta’an] hanqisuu irraa kan fagaatu yoo ta’e, “isa abdadhaa.” Kana jechuun akka milkaa’u isarraa eegaa. Sababni isaas, wanta madaallamaa qabatee itti fufuu ni danda’a. Hojiin hundarra Rabbiin biratti jaallatamaa ta’e, itti fufaa kan ta’eedha.
Garuu yoo [namoonni] gara isaatti quba akeekan” kana jechuun ibaadaa fi zuhdii isaatiin beekkamaa ta’uuf yoo carraaqee fi ergasii beekkamaa ta’uun kan namoonni quba itti akeekan yoo ta’ee, “isa hin lakkaa’inaa.”
isa hin lakkaa’inaa” jechuun, inni agarsiifataa waan ta’eef, nama addaa akka ta’etti hin lakkaa’inaa, namoota gaggaarii irraa akka ta’e gootanii hin yaadinaa…” Tuhfat al-Ahwazi, 7/126

Muslimni daangaa darbuu fi hanqisuu irraa fagaachuuf madaallamaa ta’uu qaba. Innis, karaa jiddu-galeessaa irra deemudha. Boodarra hifatee akka hin dhiisneef, ibaadaa fi Rabbiif ajajamuu keessatti garmalee daangaa darbuu hin qabu. Akkasumas, ceem’uu fi haala salphaan ilaalun dhiisu hin qabu. Ibaadaa dhiisuu kan itti fufu yoo ta’e, boodarra gonkumaa kan itti hin deebine ta’uu danda’a. Daangaa darbuu fi wanta tokko guutumatti dhiisun/hanqisuun amala badaadha. Namni dhimma tokko keessatti madaallamaa ta’e, daandii qajeelaa hordofa. Namni daandii qajeelaa hordofe, wanta Rabbiin jaallatuu fi itti gammadu ni gaha.

Abu Hureeyraan (radiyallahu anhuu) akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Isin keessaa eenyullee hojiin isaa isa hin baraaru.” Isaanis ni jedhan, “Atillee moo sila, yaa Ergamaa Rabbii?”  Ni jedhe, “Rabbiin rahmataan yoo na haguuge malee anallee [hojiin koo na hin baraaru]. Kanaafu hojii gaarii sirnaan hojjadhaa, madaallamaa ta’aa. Waaree duraa fi waaree booda, akkasumas, halkan irraa kutaa ta’e Rabbiin gabbaraa. Yeroo hundaa karaa madaallamaa hordofaa kaayyoo keessan ni geessaniiti.Sahiih Al-Bukhaari 6463

Haafiz ibn Hajar (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) ni jedha: Jechi isaa, “Saddiduu” kana jechuun wanta sirrii ta’etti xiyyeefadhaa. (Wanta sirrii ta’ee hojjadhaa).
Jechi isaa “qaaribuu (madaallamaa ta’aa)” jedhu hiikni isaa: ibaadaa keessatti daangaa darbuun ofitti hin jabeessinaa. Gochi kuni gara hifannaatti isin geessun hojii akka hin dhiisne.

Hadiisni kuni ibaadaa keessatti madaallama ta’utti nu kakaasa. Jechoota yeroo imalaa garagaraa agarsiisan fayyadamuun haala nama ibaada godhu ibse. Sababni isaas, gabrichi bakka gahuumsa isaa gahuuf akka nama karaa deemuti. Gahuumsi isaas Jannata.  
Yeroo hundaa karaa madaallamaa hordofaa” kana jechuun karaa jiddu-galeessaa qabadhaa.” Gabaabbinnaan Fath al-Baari, 11/297 irraa

Gabaabumatti, hadiisota darbanitti akka xinxallituu fi hiika isaa akka hubattu si affeerra. Namni tawbate shukrii gochuu (galata galchuu) akka qabu yaadadhu. Galanni guddaan tawbaa irra yeroo hundaa turuudha. Kunis kan ta’u, ibaada hojjachuu itti fufuuni. Kana beeki: Rabbiin biratti hojiin hundarra jaallatamaan, osoo xiqqaa ta’eeyyu, kan yeroo hundaa hojjataniidha.” Al-Bukhaari fi Muslimtu gabaase. Humna cimaan jalqabuun takkamaan hin dhaabin. Kana irra, Rabbiif ajajamuu keessatti madaallamaa ta’i. Kuni dandeetti kee irratti hundaa’a. Akkuma nafsee tee keessatti nashaaxaa (fedhii cimaa) argituun Rabbiif ajajamuuf itti fayyadami. Akkuma laafinnaa fi hifannaa argituun gara jiddu galummaatti (madaallamaatti) deebi’i. Rabbiin dhimma kee akka siif laaffisu fi dubbii, hojii fi amala hundarra gaarii ta’etti akka si qajeelchu ni kadhanna. Rabbiin hundarra beeka.

Guduunfaa
➦ Namni yommuu imala tawbaa jalqabu, madaallamaa ta’uuf carraaqu qaba.
➦ Namni fedhiin isaa cimaa yommuu ta’u, Qur’aanaa fi sunnaatti qajeele, inni ni milkaa’a. Fedhiin isaa yommuu laafu immoo Qur’aanaa fi sunnaan ala wanta badaatti kan qajeelu yoo ta’e, ni bada.
➦Ibaadaa keessatti fedhiin isaa yommuu laafu, tooftaalee lamaan armaan gadii fayyadamu danda’a:
1ffaa-Gara Qur’aana fi sunnaah qajeelu
2ffaa-Wanta badaa hojjachuu fi yaadu irraa of qusachuu.
Yommuu fedhiin isaa gadi bu’u, sheyxaanni wanta badaatti isa kakaasa. Yeroo kanatti takkaa jabeenyaa qaama hojjachuu, takkaa immoo hojii gaggaarii addunyaa keessatti nama fayyadu hojjachuudha. Yommuu sheyxaanni wanta badaatti si kakaasu fi hojii gaarii dirqamaa akka dhiistu sitti hasaasu, gonkumaa tole isa hin jedhin. Keessumattu, salaata akka dhiistu yommuu sitti hasaasu, gonkuma tole hin jedhin.
➦ Fedhiin yommuu laafu dogongorri guddaan namni erga tawbatee booda hojjatu, hojii gaggaari akka salaataa dhiisu fi hojii badaatti deebi’uudha. Kuni immoo tawbaan erga of qulqulleessanii booda xuriitti deebi’uudha. Kanaafu, akka kuni hundi hin uumamneef madaallamaa ta’uuf carraaqu qaba.
Madaallamaa jechuun wanta tokko humna ol hojjachuun daangaa darbuu dhiisu fi wanta itti ajajaman hanqisuu dhiisudha.
➦ Fakkeenyaf, Namni salaata shanan sirnaa fi yeroo isaa eegee yoo salaatee fi salaata dabalataa hanga humna isaa yoo salaate, inni nama karaa madaallamaa hordofuudha. Garuu namni sirnaan kan hin salaanne fi yeroo isaa kan hin eegne yoo ta’e, haqa salaataa waan hanqiseef karaa madaallamaa hordofaa hin jiru. Faallaa kanaa, namni salaata dabalataa humna isaa ol salaatu, osoo hirribni isatti jiruu salaata leyli nafsee ofii dirqisiisuun salaatu, daangaa kan darbe ta’a.
➦ Osoo akka gaaraatti ol hin bahin, osoo akka sululaatti gadi hin bu’in daandii jidduu galeessaa (madaallamaa) hordofuun milkaa’innatti nama geessa.

Wabii:
https://islamqa.info/en/answers/70314/enthusiasm-when-one-first-repents-followed-by-slackening-off
islamqa.info/ar

Tawbah-Kutaa 10.1
Uumama Namaatti Xinxalluu-kutaa 5
Offline dubbisuf

Leave a Reply