Tawbah-Kutaa 10.1

Offline dubbisuf

Erga Tawbatanii Booda Badii irraa of qusachuuf-kutaa 1ffaa
Rabbii balbala tawbaa gabroottan Isaa hundaaf bane galanni haa galu. Osoo balballi tawbaa banaa ta’uu baate silaa eenyullee hin milkaa’u, nama Rabbiin eege malee. “Yaa gabroottan koo! Kan badii hojjachuun nafsee teessan miitan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa” jechuun balbala tawbaatiin seenun mi’aa gammachuu fi tasgabbii akka dhandhaman waama.
“Rabbiin gara mana nageenyaatti waama. Nama fedhes gara karaa qajeelatti qajeelcha.” Suuratu Yuunus 10:25

Sila eenyutu tawbachuun Daaru salaam (Mana nageenyaa) seenu didaa? Eeti, eenyulle mana nageenyaa seenu hin jibbu. Garuu fedhiin qullaa fi sheyxaanni namatti taphachuun badii keessatti akka taran nama taasisu. Namni tokko tawbachuun mana nageenyaa tan taate Jannata gahuuf ni dharra’a. Akkuma “nan tawbadha” jedhuun badiin isaa duubatti isa harkisti. Boolloo badii fi cubbuu keessaa bahuu barbaada, garuu yoosu duubatti deebi’a. Sila maali ree furmaanni kanaa? Badii irraa buqqa’anii karaa qajeelaa irratti gadi dhaabbachuuf furmaata armaan gadii kaa’un ni danda’ama:

1-Arrabaa fi qalbii ofii zikriin ko’oomsu- Namni badii kan hojjatu yommuu Rabbii isaa dagatuudha. Yommuu inni Rabbiin dagatu, sheyxaanni isa haguugun badii keessatti isa dhamaasa. Qur’aana keessatti:

Nama zikrii (Qur’aana fi ibaadaa) Rahmaan (Rabbii) irraa garagalee, sheyxaana isaaf ramadna; inni isaaf hiriyyaa dhiyoodha. Isaanis (sheyxaanonni) karaa [Rabbii] irraa isaan dhoorgu; Isaan immoo karaa qajeela irra waan jiran of se’u (yaadu).” Suuratu Az-Zukruuf 43:36-37

Yeroo hundaa Rabbii Olta’aa yaadachuu fi faarsun, sheyxaana abaarramaa namarraa fageessa. Namni sheyxaana badiitti nama kakaasu irraa yoo fagaate, badii fi cubbuu irraa ni fagaata. Badii fi cubbuu irraa yoo fagaate, ni milkaa’a. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun zikriitti nu waama:

Akka milkooftaniif jecha baay’innaan Rabbiin yaadadhaa (zikrii baay’isaa).” (Suuratu Al-Anfaal 8:45, Al-Jum’aa 62:10)

Namni zikrii baay’isee badii jalaa bahuuf yeroo hundaa qalbii fi arraba isaa zikriin leenjisuuf tattaafachu danda’a. Yommuu karaa irra deemu, konkolaataa keessa taa’u fi bakka hojiitti arraba isaatiin osoo sagalee ol hin kaasin, “Subhaanallah (Rabbiin qulqullaa’e), Alhamdulillah (Faaruun hundi kan Rabbiiti), Allaahu-akbar (Rabbiin hundarra Guddaadha)”  deddeebisee jechuu danda’a. Kanaan alas zikriiwwan biroo gochuu danda’a.

2-Bakka badii itti hojjataa turan irraa fagaachu– namni tokko erga tawbatee bakka badii itti hojjataa ture irraa dheessuun karaa qajeelaa irratti akka gadi dhaabbatu garmalee isa gargaara.

Abu Sa’iid Al-Khudriyyi akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Namoota isin dura darban keessaa namticha lubbuu sagaltamii sagal (99) ajjeese tokkotu ture. Ergasi namoota dachii irra jiraatan keessaa nama hundarra beekaa ta’e gaafate. Innis gara molokseetti qajeelfame. Namtichi kunis gara moloksee kanaa dhufuun lubbuu 99 akka ajjeese itti hime. “Tawbaan nama kanaa ni qeebalamaa?” jechuun gaafate. Molokseenis “lakki hin qeebalamu” jedhe. Ergasii namtichi kuni moloksee kanas ajjeessun dhibba (100) guute. San booda namoota dachii irra jiraatan keessaa nama hundarra beekaa ta’e gaafate. Innis gara nama beekaa tokkotti qajeelfame. Namtichis “Ani nama dhibba ajjeesee jira, anaaf tawbaan ni jiraa?” jechuun nama beekaa kana gaafate. Beekaan kunis, “Eeti, sii fi tawbaa jidduu eenyutu seenaa? Gara biyya akkana akkanaa deemi. Biyya san keessa namoota Rabbiin gabbarantu jira. Kanaafu, isaan waliin Rabbiin gabbari. Gara biyya keeti hin deebi’in, sababni isaa ishiin lafa badduudha.” Namtichi kuni deeme deemee walakkaa karaa irra yommuu gahuu duuti itti dhufte. Malaaykoonni rahmataa fi Malaaykoonni azaabaa (adabbii) isarratti wal falman. Malaaykonni rahmataa ni jedhan, “Kan tawbatu ta’ee fi gara Rabbii qalbii isaatiin garagaluun dhufe.” Malaaykonni azaabas ni jedhan, “Inni gonkumaa hojii gaarii tokko hin hojjanne.” Ergasii, isaan jidduutti murteessuuf Malaaykaan biraa suuraa namaatiin isaanitti dhufe. Akkana jedhe, “Biyyoota lamaan kanniin keessaa biyya kamitti dhiyoo akka ta’e safaraa.” Isaaniis ni safaran. Gara biyya inni deemu barbaadutti dhiyoo akka ta’e ni argan. Kanaafu, malaaykonni rahmataa isa ni fudhatan.” Sahiih Muslim 2766   

Hadiisa kanarraa wanta baay’ee baranna. 1ffaa-Dhimma amantii keessatti wanta nama rakkise ykn wallaalan, nama beekaa (aalima) gaafachu. Namni wallaalan ofiis balleesse nama biraas balleessa. 2ffaa-Badiin hanga fedhe yoo baay’ate, tawbachuuf carraaqu fi abdi kutuu dhiisu. Namni kuni “Badiin kiyya baay’eedha” jechuun tawbachuu hin dhiisne. Kana irra, tawbachuuf ni carraaqe. 3ffaa- Bakka badiin itti baay’atuu fi itti hojjataa turan irraa fagaachu. Namtichi kuni bakka badiin itti hojjatamu irraa dheessun gara iddoo namoonni Rabbiin itti gabbaran deemuf ni ka’e. Akkana gochuun isaa baditti akka hin deebinee isa taasisa. Kanaafu, namni dhugaan tawbachuu barbaadu, bakka badii irraa dheessu qaba. Fakkeenyaf, qumaari irraa yoo tawbate, bakka qumaari irraa fagaachu qaba.

3-Wantoota badiitti nama harkisan ofirraa fageessu wantoonni badiitti nama harkisan meeshaalee harkaa qaban yoo ta’e, meeshaalee san ofirraa fageessun ykn irraa fagaachun tawbaa dhugaa tawbachuun ni danda’ama. Gurbaa tokkotu fiilmi garmalee ilaalaa ture. Fiilmin badaa akka ta’ee fi jireenya isaa balleessaa akka jiru yommuu hubatu, ni tawbate. Tawbaa isaa irratti gadi dhaabbachuuf tarkaanfin inni fudhate, TV irraa fagaachudha. Akkasumas, websaayiti fiilmi fokkuu agarsiisan irraa ni fagaate. Wanti kanarratti isa jabeesse guddaan aayah tana:

24:30

“Ija isaanii akka gadi qabatanii fi qaama saalaa isaanii akka eegan mu’mintootatti (warroota amananitti) himi. Santu isaaniif irra qulqulluudha. Dhugumatti Rabbiin keessa beekaa waan isaan dalaganiitti.” Suuratu An-Nuur 24:30 

Dubartiin inni Tv fi fiilmi keessatti ilaalu haraamaa ta’uu namni yoo beeke, ija irraa gadi qabata. Dubartii qullaatti ija rakkisuun badii guddaa raawwataa akka jiruu fi akkuma suuraa ishii ilaalun qalbiin isaa gurraachataa fi Rabbiin irraa fagaacha akka jirtu yoo hubate, wantoota fokkuu ilaalu irraa ni dheessa.

4-Xumura badii itti yaadu fi sheyxaana Rabbitti maganfachuu Namni aaqilli nama dhuma wanta tokkoo madaalun gara hojiitti seenudha. Xumurri hojii isaa badaa ta’uu yoo hubate, hojii san irraa of qaba. Sababni isaas, adabbii hojii badaa baadhachuu hin barbaadu. Yeroo dheeraaf adabbii irratti obsuu caalaa yeroo gabaabaaf badii irraa obsuu wayya. Fakkeenyaaf, nama hiyyeessaan “waggaa lama booda qabeenyaa gahaa ni argattaa obsi” osoo jedhaniini. Ergasii obsuu didee yoo hatee fi murtiin waggaa kudhanii yoo irratti darbe, waggaa lamaaf hiyyummaa irratti obsuu wayya moo waggaa kudhaniif mana hidhaa keessatti obsuu wayyaa?

Haaluma kanaan, namni addunyaa tana keessatti wanta Rabbiin olta’aan dhoowwe irraa obsuu dadhabee yoo itti tare, Guyyaa Murtii adabbii cimaatu isa eeggata. Guyyaa Qiyaamaa duraayyu, addunya tana keessatti salphinnaa fi adabbii adda addaatiif ni saaxilama. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala gabroota Isaa adabbii cimaa irraa yommuu akeekachisuu akkana jedha:

Jedhi, “Yoo wanta qoma keessan keessa jiru dhoksitan yookiin ifa baastan, Rabbiin wanta san ni beeka. Wanta samiwwan keessa jiru fi wanta dachii keessa jirus ni beeka. Rabbiin wanta hundaa irratti danda’aadha. Guyyaa Lubbuun hundi toltuu irraa waan hojjattee fi hamtuu irraa waan hojjatte [ishii fuunduratti] dhiyaataa ta’ee argitu [yaadadhu]. Odoo jidduu isheeti fi jidduu isaa (hamtuu hojjattee) fageenyi dheeraan jiraatee jaallatti. Rabbiin nafsii Isaa isin sodaachiisa. Rabbiinis gabroottaniif akkaan mararfataadha. ” (Suuratu Aali-Imraan 3:29-30)

“Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa iccitiwwan, wanta namni sammuu keessatti yaadu fi wanta ifa bahe hunda akka beeku, gabroota Isaatti beeksiisa. Sababni isaas, dhokataan tokkollee Isarraa hin dhokatu. Beekumsi Isaa yeroo, bakkaa fi haalota kam keessattu isaan kan marseedha. Samii fi dachii keessatti wanti hanga atamii gahu gonkumaa Isarraa hin dhokatu. “Rabbiin wanta hundaa irratti danda’aadha.” Kana jechuun dandeettin Isaa wantoota hundaa kan haguugedha. Gabroottan Isaa wanta Inni dhoowwe fi jibbuu hojjachuu irraa Isa sodaachu akka qaban Aayaan tuni isaan dammaqsiti. Sababni isaas, Rabbiin wanta isaan hojjatan guutuu ni beeka, yoosu isaan adabuu danda’a. Isaan keessaa osoo hin adabin nama dhiise, yeroo muraasaf ni tursiisa. Ergasiii adabbii cimaan isa qaba. Kanaafi, kana booda akkana jedhe, “Guyyaa Lubbuun hundi toltuu irraa waan hojjattee fi hamtuu irraa waan hojjatte [ishii fuunduratti] dhiyaataa ta’ee argitu [yaadadhu]. Odoo jidduu isheeti fi jidduu isaa (hamtuu hojjattee) fageenyi dheeraan jiraatee jaallatti.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa nama hundaafu hojiin isaa gaarii fi badaan ni dhiyaataaf. Akkuma Rabbiin Olta’aan jedhe, “Namni Guyyaa san wanti inni hojjatee fi dhiise itti himama.” (Suuratu Al-Qiyaamah 75:13)

Namni hojii isaa irraa wanta gaarii arge, suni isa gammachiisa. Namni hojii badaa fi fokkuu hojjataa ture yommuu argu immoo garmalee gadda, ni dallana. Osoo hojii fokkuu hojjate san irraa qulqullaa’e ni hawwa. Isaa fi hojii fokkuu san jidduu fageenyi dheeraan osoo jiraate ni jaallata. Akkuma sheyxaana addunyaa irratti waliin hiriyyoomen, “Yaa gaabbi koo!Osoo anaa fi si jidduu fageenyi bahaa fi dhiyaa jiraate maal qaba! Hiriyyaa akkam fokkate!” jedhu san, hojii fokkuu isaatiinis, “osoo anaa fi si jidduu fageenyi fagoon jiraate” jedhee hawwa. (Garuu gaabbi malee bu’aa homaatu isaaf hin buusu.) Itti aanse, Rabbiin isaan sodaachisuu fi akeekachiisuuf ni jedha: “Rabbiin nafsii Isaa isin sodaachiisa.” Kana jechuun adabbii Isaatirraa isin sodaachisa yookiin akeekachiisa. Gabroonni Isaa rahmata Isaa irraa akka abdii hin kunnee fi garaa hin muranneef isaan abdachiisuun ni jedha: “Rabbiinis gabroottaniif akkaan mararfataadha.” Hasan al-Basriin akki jedhe, “Isaaniif mararfachuu irraa kan ka’e, adabbii Isaatirraa isaan akeekachiise.” Hayyuun biraas ni jedhe, “uumamtoota Isaatiif rahmata godhaadha, daandii qajeelaa fi amantii sirrii irratti akka gadi dhaabbatanii fi Ergamaa Isaa kabajamaa akka hordofan Isaaniif jaallata[1].

Kanaafu, namni Guyyaa Qiyaamaa wantoonni lama osoo isarraa garmalee fagaatanii jaallata. 1ffaa-sheyxaana baditti nama kakaasu. 2ffaa-hojii fokkuu hojjata ture. Kanniin lamaan jalaa bahuuf furmaanni kanaa, sheyxaana Rabbitti maganfachuu fi xumura hojii badaa itti yaadudha.
Rabbiin olta’aan ni jedha:

7:200

Yoo garagalchaan (hasaasni badaan) sheyxaana irraa sitti dhufe, Rabbitti maganfadhu. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Al-A’araaf 7:200

Kana jechuun yommuu sheyxaanni wanta badaa sitti wasawasuu (hasaasu), hojii gaarii irraa duubatti si harkisuu ykn hojii badaatti si kakaasu, gara Rabbii dheessuun akka si eegu kadhadhu. Inni wanta jettu dhagahaadha. Niyyaa fi dadhabinna kee, hangam gara Isaatti akka dheessutu ni beeka. Yoo dhugaan gara Rabbii dheessun sheyxaana irraa akka si eegu kadhatte, Inni qormaata fi waswasaa isaatirraa si eega[2]. Kanaafu, namni yommuu sheyxaanni amanti isaa ilaalchise wanta badaa isatti wasawasu, hojii badatti isa kakaasu ykn hojii gaarii irraa duubatti isa harkisu, gara Rabbii dheessun eeggumsa kadhachuu qaba. Kana gochuuf suuratu An-Naas (114) irra deddeebi’e dubbisuu. Yookiin a’uuzu billaahi mina sheyxaani rajiim (sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama) jechuu. Yookiin (Rabbi a’uuzu bika min hamazaati shayaaxiin wa a’uuzu bika rabbi a’yahduruun) “ jechuu. Hiikni kanaa:
Gooftaa kiyya, ani hasaasa sheyxaanotaa irraa Sittiin mangafadha.Gooftaa kiyyaa isaan natti dhufuu irraa sitti mangafadha. ” (ilaali Suuratu Mu’iminuun:97-98)
Sitti maganfadha=Siin tiikfama

Guduunfaa
⌫Namni erga tawbatee badiitti akka hin deebinee tooftaalee adda addaa fayyadamu danda’a. Isaan keessaa:
➦Qalbii fi arraba zikriin jiisu-zikrii baay’isuu
➦Bakka badii itti hojjataa turan irraa dheessu
➦Wantoota badiitti nama harkisan ofirraa fageessu ykn irraa fagaachu
➦Xumura badii itti yaadu fi sheyxaana Rabbitti maganfachuu
⌫Namni aaqilli nama xumura wanta tokko itti yaadun gara hojiitti seenudha. Osoo itti hin yaadin dogongoraan yoo itti seene dafee duubatti deebi’uun of sirreessa.


[1] Tafsiir Ibn Kasiir 2/335-336
[2] Tafsiir sa’diyyi-356

Tawbah-kutaa 10.2 (Xumura)
Tawbah-Kutaa 9ffaa
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply