Tawbah-kutaa 10.2 (Xumura)

Offline dubbisuf

Erga Tawbatanii Booda Badii irraa of qusachuuf-kutaa 2ffaa
Kutaa darbe irraa itti fufuun namni erga tawbatee booda sababoota karaa qajeelaa irratti isa gargaaran ni ilaalla.
5-Hiriyyoota babbadoo irraa fagaachu-tarii namni sababa hiriyyaatin badii adda addaa keessa raata’a. Hiriyyaan isaa wanta badaa san waan hojjatuuf innis duuka bu’uun baditti marqama.  Abu Muusan (RA) akka gabaasetti Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan “Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi badaa akka nama miskii baadhatuu fi buufaa cimdii afuufuti. Namni miskii baadhatu yookaa akka kennaatti shittoo siif kenna yookin isarraa bitta yookiin immoo foolii gaarii isarraa argatta. Garuu namni buufaa cimdii afuufu yookaa uffata kee guba yookin immoo fooli badaa isarraa argatta.Sahih al-Bukhari 5534

Miskii jechuun wanta garmalee urgaa’aa shittoon irraa hojjatamuudha. Buufaan immoo sibila tumtuun ibidda ittiin afuufuf kan itti fayyadamtuudha.

Rasuulli (SAW) fakkii sammuu nama keessatti hafuu danda’uun fakkeenya hiriyya gaarii fi badaa dhiyeessu. “Hiriyyaan gaariin haala kam keessattu hiriyyaa isaa ni fayyada. Inni akka nama miskii baadhateeti. Osoo isarraa miskii bituu baatteyyuu ykn inni siif kennuu dhiiseeyyuu, isa waliin taa’uu keetin fooli urgaa’a argatta. Namni namoota beekumsa, amalaa fi fooyya’iinsa qaban waliin taa’us akkuma kana. Takkaa isaan gaafachuun beekumsaa fi gorsaa isaan irraa fudhata, takkaa immoo osoo inni gaafachu baateyyu isaan beekumsaa fi gorsa isaaf kennu. Yookiin immoo hojii gaarii yommuu hojjatan isaan arguun isaanitti hidhachuuf tattaafata. Yookiin kanniin hundaa walitti qabuun faayda guddaa argata.

Garuu hiriyyaan badaan haala kam keessattu hiriyyaa isaa ni rakkisa. Inni akka nama buufaa afuufuu fi sibila hoo’ifame rukutuuti. Osoo qaanqeen sitti finxiruun uffata kee gubuu baatteyyuu, sibila, ibiddaa fi wanta isa marsee jiruu irraa fooli badaa argatta. Namni namoota wanta fokkuu hojjatan waliin hiriyyoomu ykn waliin taa’uus akkanuma. Takkaa isaan waliin bakka badii itti raawwatanitti harkifamuun ibiddi badii isa tuqa takkaa immoo dubbii, hojii ykn fakkeenya badaa isa rakkisu isaan irraa argata[1].”

Namoota meeqatu sababa hiriyyaatin boo’u! Garuu booyinsii fi gaabbiin guddaan kan Guyyaa Qiyaamati. Qur’aana keessatti:

Guyyaa miidhaa hojjataan “Yaa hawwii koo! Osoo Ergamaa wajjiin karaa sirrii qabadhee maal qabaa” jedhee [gaabbidhaan] harka isaa lamaan ciniinu [yaadadhaa]. Yaa badii kiyya! Odoo ebaluun jaalalle onnee taasifachuu baadhee maal qabaa! Dhugumatti Gorsi (Qur’aanni) erga natti dhufee booda irraa na jallisee jira; sheyxaannis namaaf salphisaa ta’eera.” Suurat al-Furqaan(25):27-29

Miidhaa hojjataan (zaalimni) nama namoota irratti daangaa darbuun isaan miidhu yookiin badii akka kufrii, shirkii fi badii gurguddoo biroo hojjachuun nama lubbuu ofii miidhudha. Namni kaafirri ykn namni badii gurguddaa hojjachuun Islaamaa irraa fagaate, gaabbi cimaa gaabba. Garuu yeroon waan darbeef homaa isa hin fayyadu. Ciminnaa fi gubaa gaabbii isaa agarsiisuuf, “Guyyaa...harka isaa lamaan ciniinu” jechuun ibse. Namni miidhaa hojjate yommuu gaabbii fi gadda cimaa isaa labsu, hawwii yeroon isaa irra darbe hawwa. Addunyaan tuni iddoo qormaataa namni itti qoramuudha. Guyyaan Qiyaamaa immoo guyyaa firiin qormaataa (jazaan) itti mul’atuudha. Namni miidhaa hojjate Guyyaa jazaa kana wantoota sadii hawwa:

Hawwii 1ffaa: Osoo jireenya addunyaa keessatti karaa qajeelaa keessatti Ergamaa Rabbii waliin ta’e jechuun hawwa. Bakkaa fi yeroo kam keessattu namni Kitaaba Rabbii fi sunnaah Ergamaa Isaa hordofu, Ergamaa waliin akka ta’e hubachuu qabna. Hawwii kana keessatti namni miidhaa hojjate ni jedha: “Yaa hawwii koo! Osoo Ergamaa wajjiin karaa sirrii qabadhee maal qabaa” Kana jechuun Ergamaa Rabbiitti amanuu fi Isa hordofuun osoo karaa haqaa qabadhee maal qabaa!

Hawwii 2ffaa: Addunyaa irratti nama isa jallisee fi Qur’aanni erga isatti dhufee booda irraa garagalche, hiriyyaa (jaalallee) onnee godhachuu dhiisu. Laalaa isa qunnamee fi adabbii itti deemaa jiru ibsaa, “Yaa badii kiyya! Odoo ebaluun jaalalle onnee taasifachuu baadhee maal qabaa!” jechuun hawwii kana labsa.
Yaa badii kiyya!” ni gaabba, ni gadda, sodaa isatti bu’ee fi adabbii itti deemaa jiru irraa kan ka’e keessi isaa garmalee gubata.

Zaalimni hiriyyaa miidhaa hojjachuutti isa kakaasu, tarii irratti jajjabeessu waliin miidhaa waan hojjataa tureef, Guyyaa murtii bu’aa hojii isaa hiriyyaa isaa irratti darbuuf tattaafata. Osoo hiriyyaa onnee isa godhachuu baate silaa isa hin jallisu, adabbii kanatti isa hin geessu. Gaabbi isaa kana akkana jechuun ibsa: “Odoo ebaluun jaalalle onnee taasifachuu baadhee maal qabaa!” Badii hiriyyaa isaa yaadachuun akkana jedha: “Dhugumatti Gorsi (Qur’aanni) erga natti dhufee booda irraa na jallisee jira.” Kitaabni Rabbii erga natti dhufee booda, isarraa na fageessuun karaa jallinnaa keessatti na darbee jira. Kitaabni kuni yaadannoo (zikrii) yeroo hundaa yaadachuun itti hojjatan ta’uu kan qabuudha.

Namni sababa Nabiyyiitiin ykn daa’iwwan isa booda dhufaniin ergaan Rabbiin irraa yoo isa gahe, gorsi (Qur’aanni) isatti dhufee jira. Namni miidhaa raawwatu Qur’aana fi sunnaah Nabiyyii (SAW) isa gahe yoo hordofuu didee fi irraa garagale, Guyyaa Qiyaamaa gaabbii armaan olii gaabba.

Hawwii 3ffaa: Hawwiin kuni keeyyata keessatti kan guduunfameedha. Namni sirriitti xinxallii aayah tanaa fi aayata biroo walitti fiduun baasu ni danda’a. Innis, “Hasaasa (waswasaa) sheyxaanaa, wanta inni miidhagsuu fi karaa isaa osoo hordofuu baadhe maal qabaa!” jechuun hawwa. Sheyxaanni hiriyyaa dhiyoo isatti hasaasu fi akka dhiigni naanna’u isa keessa naanna’uudha. Namni miidhaa raawwataa ture kunis sheyxaanaa fi hiriyyaa onnee isaatiin, “Situ na jallise, har’a azaaba irraa na baraari. Yaa Rabbii! nama kanatu na jallise, azaaba isaa dachaa taasisi.” Jedha[2]. Garuu “sheyxaanni namaaf salphisaa ta’eera.” Kana jechuun sheyxaanni wanta fokkuu erga namaaf bareechisuun itti nama darbee booda adabbitti nama gatee nama biraa sokka. Adabbii irraa nama baraaru fi gargaaru hin danda’u.

Hiriyyaan badaaniis akkanuma. Wanta fokkuu erga namaaf miidhagse booda yommuu namni suni adabbii fi rakkootti kufu gatee biraa deema. Kana hubachuuf dubartoota garii dhiiraan gowwooman haa ilaallu. Erga wanta badaatti ishii dabarsee booda yommuu ishiin rakkoof saaxilamtu ishii dhiisee biraa deema. Kanaafu, yeroo rakkoo fi adabbiin namatti bu’u hiriyyaan badaan akka nama hin fayyanne beekuun irraa fagaachu barbaachisa. Nama gorfamuuf keeyyanni Qur’aanaa armaan olii fi muxannoon namootaa gorsa guddaa ta’aaf. Namoota naannoo keenyaa hiriyyaa badaa hordofuun badii fi salphinnatti kufan gorsa guddaa nuuf hin ta’anii? Namni osoo adabbii cimaatti hin kufin tawbachuun of dhaqqabe, hiriyyaa badaa irraa fagaachuuf tattaafachuu qaba.

6-Namoota gaariitti maxxanuu-namni hiriyyaa badaa irraa erga dheesse adda jiraachuu waan hin dandeenyeef namoota gaarii waliin hiriyyoomuun karaa qajeelaa irratti akka jabaatu isa taasisa. Akkuma hadiisa armaan olii irraa hubannuutti hiriyyaan gaariin akka nama wanta garmalee urgaa’aa namaaf kennee ykn namatti gurgureeti. Namni nama gaarii waliin oolu amalli isaa ni bareeda, haalli isaa ni urgaa’a. Hiriyyaa waliin yommuu taa’an ulaagaalee armaan gadii Qur’aanaa fi hadiisa irraa fudhataman hordofuun bu’aa baay’ee buusa:

1ffaa-Rabbiif jedhanii fi Jaalala Isa barbaadun waliin taa’uu; waliin taa’uun faaydama addunyaa qofaaf ta’uu hin qabu.
2ffaa-Rabbiin faallessuu fi badii hojjachuu irratti kan waliin taa’an ta’uu hin qabu.
3ffaa-Hiriyyoonni waliin taa’an wal gorsuu, wanta gaariitti wal ajajuu fi wanta badaa irraa wal dhoowwu.
4ffaa-Toltuu fi taqwaa irratti wal gargaaru. Badii, daangaa darbuu fi Ergamaa faallessu irratti wal gargaaru dhiisu.
5ffaa-Abbaa haqaa faallessuu fi haqa isaa fudhachuuf sobaan wal gargaaru dhiisu[3].  

7-Hojii gaggaarii hojjachuu fi Dandeetti ofii gabbifachuuf of ko’oomsu- namni namoota irraa adda yoo bahe sheyxaanni isarraa adda hin bahu. Namni kophaa yommuu jiru wanta isa fayyaduun yoo of hin ko’oomsin, sheyxaanni wanta badaatti isa kakaasa. Namoonni yeroo baay’ee wanta hojjatan yommuu dhaban “maal haa hojjadhu?” jechuun yeroo isaanii bakkuma arganitti gubu. Wanti hojjatamu lakkaawame hin dhumu. Garuu sammuutti fayyadamu barbaachisa. Jireenya addunyaa tanaaf wanta isa fayyadu yoo dhabe, wanta Aakhiratti isa fayyadu hojjachuu hin danda’uu? kanaafu, wanta hojjachuu danda’uu itti yaadun yeroo fi sammuu ofii hojiin guutuu danda’a. Fakkeenyaf, dandeetti akka kompiyutaraa, lugaa haarawa barachuu, dubbisuu fi barreessu, fi kkf gabbifachuu danda’a.  

Guduunfaa
➦ Hiriyyaan gaariin akka nama shittoo garmalee urgaa’a gurguruuti. Takkaa shittoo isaa ni bitta, takkaa siif kenna takkaa immoo urgaa isaa irraa fudhatta. Haaluma kanaan nama gaarii waliin yommuu ooltu, takkaa gaafii isa gaafachun furmaata argatta, takkaa inni beekumsaa fi gorsa siif kenna, takkaa immoo fakkeenyaa fi muxannoo gaarii isarraa fudhachuun jabeenya argatta.
➦ Hiriyyaa badaan akka nama sibila tumuuti. Hiriyyaa badaa waliin yommuu ooltu takkaa badii keessatti isa waliin hirmaachun adabbii dhandhamta, takkaa dubbii fi hojii isaatiin azaa taata.
➦ Hiriyyaa badaa irraa fagaachun badii irraa fagaachudha. Hiriyyoota badii hojjataniin wal qunnamuun dirqama yoo ta’e, haajaa ofii erga fixanii booda isaan biraa deemudha. Yommuu isaan badii hojjachuu jalqaban irraa dheessudha.
➦ Namni sababa hiriyyaa badaatiin jallatee fi Rabbiin irraa fagaate, dafee tawbaan yoo of hin dhaqqabiin gaabbi cimaa gaabba:
Yaa hawwii koo! Osoo Ergamaa wajjiin karaa sirrii qabadhee maal qabaa”
Yaa badii kiyya! Osoo ebaluun jaalalle onnee taasifachuu baadhee maal qabaa!” (aayata armaan olii irraa)
Yaa gaabbi koo! Osoo anaa fi si (sheyxaana) jidduu fageenyi bahaa fi dhiyaa jiraate maal qabaa! Hiriyyaa akkam fokkate!” Suuratu Az-Zukruuf 43:38
➦ Sheyxaanni Rabbii fi Guyyaa Qiyaamaatti akka kafaruu (hin amanne) isatti hasaasa, baditti isa kakaasa ykn hojii gaarii irraa duubatti isa harkisa.
➦ Kanaafu, namni gammachuu fi milkaa’inna barbaadu, yeroo hundaa toltuu hojjachuuf ni carraaqa, badii irraa ni fagaata, gara Rabbii isaa deebi’uun araaramaa fi gargaarsa kadhata. Qur’aana keessatti:

Toltuu irraa waan lubbuu keessaniif dabarfattan Rabbiin biratti irra gaarii fi kan mindaa guddaa qabu ta’ee ni argitu. Rabbiin araarama kadhaa, dhugumatti Rabbiin Araaramaa Rahmata godhaadha.” (Suuratu al-Muzammil 73:20)

➦ Al-Hasan al-Basrin gaafa tokko akkana jedhamuun gaafatame,”Sila Rabbiin fuunduratti qaana’u hin qabnu yommuu cubbuu (dilii) akka araaramuuf Isa kadhannu? Ammalle itti deebinee hojjanna, ergasiis cubbuu (dilii) akka araaramuuf Isa kadhanna. Ammas ni hojjanna.” 
Al-Hasan akkana jechuun deebise,”Sheyxaanni sirratti injifannoo argachuu barbaada. Kanaafu, Rabbiin araarama kadhachuu hin hifatin.”
Wa aakhiru daaw’aanaa anilhamdulillahi Rabbil aalamiin


Kitaabban wabii:
[1] Al-Akhlaaqul Islaamiyyah wa ususuhaa-2/196-197, Abdurahman Habanka
[2] Ma’aariju at-tafakuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 6/464-469 Abdurahman Habanka, Tafsiir Sa’diyy-fuula 680-681
[3] Al-Akhlaaqul Islaamiyyah wa ususuhaa-2/196

Tawbah-Kutaa 10.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply