Uumama Namaatti Xinxallu-Kutaa 6

Offline dubbisuf

Akkuma gabrichi Gooftaa Isaa beekuuf tarkaanfi fudhatuu fi Isaaf ajajamuun mi’aa iimaanaa dhandhamaa adeema. Akkuma iimaanaa dhandhamuun gammachuu fi tasgabbiin gara hundaan isa marsu. Gammachuu fi tasgabbiin iimaana irraa argamuu garmalee guddaa ta’uu irraa kan ka’e jecha ittiin ibsu hin qabu. Abbuma iimaana dhandhametu kana beeka. Akkuma gabrichi hiyyeessi fi dadhabaan gara Rabbii Dureessaa fi Jabaatti dhiyaatuun ulfaatinni, dhiphinni fi gadadoon jireenyaa hir’ataafi adeema. Garuu kana jechuun maallaqa fi qabeenya baay’ee ni argata jechuudhaa? Tarii argachuu danda’a. Haa ta’uu malee, wanta qabeenya caalu argata. Innis, tasgabbii fi gammachuu qalbiiti. Qabeenya addunyaa guutuu osoo walitti qabanii tasgabbii fi gammachuu kana bituuf tattaafatanii, gonkumaa bitu hin danda’an. Kanaafu, gabrichi akkuma Mawlaatti dhiyaatun wanta maallaqaan gonkumaa hin bitamne argata. Innis tasgabbii fi gammachuu namni hunduu dharra’uudha. Maal qaba Rabbii ofiitiif ajajamanii tasgabbii fi gammachuu tana osoo bitatanii. Gabayaan banaadha. Garuu gatii ishii kafaluu didan malee. Gatiin tasgabbii fi gammachuu, Rabbitti, Aakhiraatti fi hundeewwan iimaana hafanitti amanuu fi Isaaf ajajamuudha. Har’as uumama keenyatti xinxalluu itti haa fufnu. Kuni iimaana keenya dabaluun wanta guddaa jireenya keessatti dharraanu akka argannuu nu taasisa.

Mee ilaali ajaa’iba sirna nyaata daakuu keessa jiru! Nyaanni nuti nyaannu akkamitti daakamuun gara dhiigaa fi anniisaatti jijjiramaa? Nyaata booda xuriin hafee akkamitti gara alaa bahaa? Wantoota kana galmaan akka gahuuf Rabbiin Guddaan akkamitti meeshaa nyaata daaku fi bulleessu nama keessatti akka uumee ilaali. Namni sirriitti itti xinxalluu Ogummaa fi Beekumsaa Rabbii Guddaa ni arga. Nyaata afaan keessa erga kaayannee, ilkaan ni bulleessa, xannachoonni anchufaa anchufa burqisiisuun nyaata jiisu. Arrabni nyaata afaan keessa oli gadi oofun gara kokkeetti dhiiba. Mee ilaali afaan akka garaachaa garmalee bal’aa hin goone, akka ujumoos garmalee dhiphaa hin goone. Bal’inna afaanii jidduu galeessa gochuun akka nyaata fudhatuu fi gara keessaatti dabarsu taasise. Nyaanni erga afaan keessatti daakkamee gara ujumoo nyaatatti darba. Ujumoon nyaataa nyaata baadhachuun gara garaachaatti dabarsa. Dhuma ujumoo nyaataa irratti wanti akka geengoo isfiniktar (sphincter) jedhamu ni argama. Isfiniktariin kuni dhuma ujumoo nyaataa cufuun nyaanni garaacha keessatti akka qabamu taasisa.  Eenyutu akkanatti tolchee?

Garaachi wanta akka qubee J fakkaatuu fi nyaata kuusuuf kan ooludha. Akkuma rootton bishaanii yeroof bishaan kuusu, garaachis yeroo muraasaf nyaata ni kuusa. Garaachi nyaata kuusu qofa osoo hin ta’in, nyaata walitti makuu fi sochoosun, asiidi fi inzaayimii burqisiisuun nyaata daran ni bulleessa. Mee itti haa xinxallinu, nuti mataa keenyaan hamma fi boca garaachaa murteessu dandeenyaa? Namni biraa nuuf murteessu danda’aa? Kanaafu, eenyutu akkanatti hammaa fi boca isaa murteessaa? Eenyutu gubbaan ujumoo qal’aa, jalaanis ujumaa qal’aa itti galchuun sirna daakkaa nyaataa akka adeemsisuu taasisaa? Kuni ofiin walitti galuu danda’aa? Deebiin keenya, Rabbii olta’aa Ogeessaa fi beekaa ta’e malee kan biraa ta’uu danda’aa? Ogummaa fi Beekumsa Isaatiin ujumoowwanii fi garaacha akkamitti akka walitti galchee mee ilaali.   

Ammas itti fufuun ajaa’iba tiruu fi afuuffeen hadhooftuu qaban ilaali. Tiruun hojiiwwan baay’ee qabdi. Garuu hojiin ishii guddaan dhiiga dhinbiibu fi hadhooftu maddisiisuudha. Hadhooftun maddite tuni qaraxiixii ykn afuuffee naannawa tiruu irratti argamu keessatti ni kuufamti. Ergasii qaraxixii keessaa gara mar’imaa qal’aa yaa’un nyaata akka fooni bulleessiti.  Nyaanni inzaayimi Pankiriisii keessaa burquu fi hodhooftu tiruu keessa burquun mari’aama qala’aa keessatti garmalee erga bullaa’e booda qaamni ni xuuxa.

Xuuxamuun nyaataa garaacha keessatti jalqaba. Garuu xuuxamni baay’een mari’amaa qal’aa keessatti adeemsifama. Mar’imaan qal’aan rukkinnaan kan walitti dacha’eedha. Kuni haala salphaan nyaata akka xuuxu gargaara. Ujumooleen dhiigaa xixiqoon mar’imaa keessatti argaman nyaata xuuxamee fuudhun gara qaamatti baadhatu. Ergasii nyaanni xuuxamee gara dhiigaatti jijjiramuun qaamaaf bu’aa buusa. Nyaanni bullaa’ee hojii irra hin oolle immoo mar’imaa furdaa keessatti hafa. Kuni haala sagaraatiin yeroo muraasaf ni kuufama. Ergasii namni yommuu fedhutti of keessaa baasa. Mari’amaan furdaan nyaata hin xuuxamiin kuusu qofa osoo hin ta’in bishaan, ashaboo, sukkaara fi vitaaminoota lamuu ni xuuxa. Akkasumas, baakteriyaa xurii xuuxan of keessaa qaba.

Eenyutu akkanatti tiruu, mari’aamaa, hadhooftu fi inzaayimoota nyaata bulleessan bakka isaanii qabsiisee? Eenyutu hojii isaaniif malu akka hojjatan taasisee? Rabbii Guddaa malee eenyullee ta’uu hin danda’u. Mee itti xinxalli karaan xuriin dhangala’oo fi jajjaboon qaama keessaa itti bahuu tokko miti. Jajjaboof karaa isaaf malu, dhangala’aafis karaa isaaf maluu taasise. Mee ilaali meeshaa midhan daaku kamtu nyaata gara dhiigaatti jijjiraa? Gonkumaa meeshaan ykn maashiniin midhaan daakuun gara dhiigaatti jijjiruu hin jiru. Garuu meeshaaleen nyaata daakan qaama namaa keessatti argaman nyaata bulleessun gara dhiigaatti jijjiru. Kuni Ogummaa, Beekumsaa fi Dandeetti Rabbii olta’aa kan agarsiisuudha.

Ilma namaa hundaafu sirna nyaata daaku wal fakkaataa gochuun Tokkichummaa fi Dandeetti Rabbii kan agarsiisuudha. Namoota lakkoofsi isaanii biliyoona fi biliyoonatti lakkaawaman haala wal-fakkaatun meeshaa nyaata daaku isaan keessatti uumuun Tokkichummaa Isaa agarsiisa. Osoo Uumaan biraa Isa waliin kan jiru ta’e silaa meeshaan nyaata daaku namoota gariif adda haa ta’u jechuun mormaa ture. Garuu sirni nyaata daaku namoota hundaa kan wal fakkaatudha. Dur irraa kaasee hanga ammaa fi gara fuunduraatti namoota lakkoofsan hangana hin jedhamne meeshaa nyaata daaku akkanatti wal xaxe uumuu fi too’achuun Rabbiin wantoota hundaa irratti Danda’aa akka ta’e agarsiisa. Namni maashini midhaan daaku hojjachuu fi too’achu danda’a. Garuu maashinii miliyoonatti lakkaawamu yeroo tokkotti hojjachuu fi too’achuu danda’aa? Gonkumaa hin danda’u. Garuu Rabbiin Guddaan Olta’e, Tokkichi fakkaataa hin qabne namoota biiliyoona keessatti maashinii ajaa’ibaa nyaata daaku kana uumuun ni too’ata. Rabbiin hin nyaatu, hin dhugu, fakkaataa fi ilmoo hin qabu. Ee badii isaanii warroota Rabbiif ilmoo taasisuun Isarratti kijiba odeessan. Rabbiin ni jedha:

Odoo Inni isaan uumee jiruu Jinnoota Rabbiif shariika taasisan; isaan beekumsa malee ilmaan dhiiraa fi dubaraa Isaaf godhan. Inni wantoota isaan kijibaan Isatti maxxansan irraa qulqulluu fi olta’aadha. Jalqabaa samii fi dachiiti. Inni waan hundaa kan uumee fi niiti kan hin qabne ta’ee osoo jiruu akkamitti ilmoon Isaaf ta’aa? Inni waan hundaa beekaadha. Suni Allah, Gooftaa keessani. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Inni Uumaa waan hundaati, kanaafu Isa qofa gabbaraa. Inni waan hundaa irratti Wakiila. Agartuun guutumaan guututti Isa hin agartu, Inni immoo guutumaan guututti agartuu hunda arga. Inni Mararfataa keessa Beekaadha.” Suuratu Al-An’aam 6:100-103

Mushrikoonni (Warroonni Rabbiitti waa qindeessan) Jinnii Rabbiif shariika taasisan. Kana jechuun akkuma Rabbiif ajajaman Jinnifiis ajajaman. Akkuma Rabbiin kadhatan Jinniis kadhatu. Sheyxaanni Jinnii irraa waan ta’eef wanta badaa inni itti ajaju hojjachuun isa gabbaru. Rabbiin dhiisanii taabotaa, dhagaa fi uumamtoota biroo akka gabbaran kan itti nama ajaju sheyxaana. Kanaafu, namoonni isaaf tole jechuun yommuu wantoota kanniin gabbaran dhugumatti sheyxaana gabbaraa jiru. Gabbaru jechuun gabbaramaaf of gadi qabuu, ajajamuu, wanta Inni jaallatu hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha. Gabbarriin guddaan du’aayi (kadhannaa)dha.

Jallinni lammataa Mushrikoonni Arabaa fi kan biro hojjatan, Rabbiin Qulqullaa’an ilmoo dhiiraa fi dubaraa qaba jechuun kijiba Isarratti uumudha. Beekumsa malee kijiba garmalee guddatu kana uuman. Beekumsaa fi ragaa wayiitu hin qaban. Kijiba ofii uuman malee. Namoonni Iyyasuus ilma Gooftaati jedhanii kijiba uuman beekumsa sirrii Rabbiin irraa dhufe hin qaban. Kuni kijiba isaan uumun kitaaba keessatti barreessan malee ragaa Rabbiin irraa dhufee miti. Mee itti xinxallii

Rabbiin Jalqabaa samii fi dachiiti.” Kana jechuun osoo homaa Isa hin dursin samii fi dachii dhabama irraa kan argamsiiseedha. “Niiti kan hin qabne ta’ee osoo jiruu akkamitti ilmoon Isaaf ta’aa?” Eessaa fi akkamitti osoo niiti hin qabaatin ilmoo godhataa? Samii fi dachii dhabama irraa kan argamsiiseedha. Sammii fi dachii uumuu duraa fi booda niiti hin qabu. Inni wanta hundaa irraa dureessa waan ta’eef niititti hin hajamu. Kanaafu, ilmi eessaa dhufaaf? Akkasumas, ilmi sanyii abbaa irraa ta’uu qaba. Ilmi abbaa fakkaata. Rabbiin Olta’aan ilma qaba jedhanii dubbachuun ‘Rabbiin fakkaataa qaba’ jedhanii dubbachuudha. Kuni kijiba guddaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Tokkicha fakkaataa wayiitu hin qabneedha. “Inni waan hundaa uume”- Rabbiin samii fi dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda kan uumee fi argamsiiseedha. Akkamitti wanti Inni uume ilma Isarraa bahuu ta’uu danda’aa? Namni rooboti (meeshaa socho’aa) yoo hojjate, “roobotin ilma isaati” jechuu dandeenyaa? Dhugumatti, Rabbiin ilma qabaachu irraa qulqullaa’adha. Wantoonni Inni uume uumamtoota Isaa ta’uu malee ilmaan ta’uu hin danda’an. Sababni isaas, ilmi wanta tokko irraa kan baheedha. Rabbiin kanarraa qulqulluudha. Kanaafu, “Rabbiin ilma qaba” jedhanii dubbachuun kijiba guddaa akka ta’e haala kanaan ifa ta’a.  

“Inni waan hundaa beekaadha.” Kana jechuun Rabbiin wanta guddaa fi xiqqaa, dhokataa fi ifa hunda kan beekudha. Isa waliin shariikni homaatu akka hin jirre ni beeka. Ilmoo akka hin qabne ni beeka. Inni Guddate Olta’e, haqa beeku ni beeksiisa. Osoo shariika (qindaa’aa) yookiin ilmoo wayii kan qabaatu ta’ee silaa ni beeksiisa. Hin dhoksu. Kijiba warroota Isarratti kijibanii hin haaqu ture. Garuu shariikaa fi ilmoo waan hin qabneef, “Rabbiin shariikaa fi ilmoo qaba” jedhanii dubbachuun kijiba guddaa akka ta’e ni beeksiisa.

Suni Allah, Gooftaa keessani.” Kana jechuun wantoota uumu hundaa kan uume, shariikaa fi ilma irraa qulqulluu kan ta’e Allah Gooftaa keessanii. Gooftaa jechuun kan uumuu, guddisu, kunuunsu, bulchuu fi too’atuudha. Kan isin uume, rooba isiniif roobsun isin nyaachisuu fi obaasu, qananii adda addaatin isin kunuunsu fi guddisuu Allah dha. Kanaafu, Inni Gooftaa keessani. Allah (Rabbiin) Gooftaa keessan erga ta’e isin gabroota Isaati. Haqni Gooftaan gabricha irraa qabu Isa qofa gabbaruudha. Kanaafu, Isa qofa gabbaraa.

 “Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru.” Kana jechuun haqaan kan gabbaramuu Rabbiin malee hin jiru. Isaan ala wantoonni gabbaraman (waaqefataman) hundi baaxila (soba).  “Inni Uumaa waan hundaati..”  Kana jechuun akkuma wanta darbe hunda uume wanta gara fuunduraatti dhufu hundaa Kan Uumuudha. Wanti yeroo darbe ta’e, ammatti ta’uu ykn gara fuunduraatti ta’u hin jiru Inni Kan uumuu yoo ta’e malee. Wanta darban, ammatti jiranii fi gara fuunduraatti dhufan hundi uumamtoota Isaati. “kanaafu, Isa qofa gabbaraa.” Erga haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre mirkanaa’e, gabbarrii (ibaadaa) gosa kamiyyuu Isaaf godhaa, Rabbiif qulqulleessaa, Jaalala Isaa argachuuf niyyadhaa. Ibsa biraatiin “Gabbarrii (ibaadaa)” jechuun jaalala Rabbii argachuuf seera Inni kaa’e hordofuun hojii fi dubbii irraa wanta Inni jaallatu hojjachuudha. Fakkeenyaf, salaata, du’aayi, zakaa, qalma, sooma fi kkf.

Inni waan hundaa irratti Wakiila.” Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota jiran hunda kan tiiksu fi eegudha. Lubbu-qabeenyi fi lubbu-dhabeenyi jiraachuuf wantoota isaan barbaachisan isaaniif kennuun ykn laaffisuun isaan tiiksa. Akkasumas, wanta isaan hojjatan hunda ni ilaala, ni too’ata.

Agartuun guutumaan guututti Isa hin agartu..” Guddinnaa fi Guutummaa Isaatirraa kan ka’e ijji ilma namaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa guutumaan guututti arguu hin dandeessu. Addunyaa tana keessatti Isa arguu hin danda’an. Garuu Aakhiratti warroonni amanan ni argu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa immoo guutumaan guututti wanta hundaa ni arga. Wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Kanaafi, itti aansee, “Inni Mararfataa keessa Beekaadha” jedhe. Rabbiin Olta’aan keesso wanta hundaa kan beekudha. Wanta samii fi dachii keessa jiruu fi adeemsifamuu, wanta biyyee jala jiru, wanta sammuu fi qalbii namaa keessa jiru hunda kan beekuudha. Wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Yaanni fi miironni namni sammuu fi qalbii keessatti kuufatu hundii Isaaf ifa. Gonkuma namni yaadaa fi miira isaa Rabbiin irraa dhoksuu hin danda’u.

Kitaabban Wabii
https://www.innerbody.com/image/digeov.html
https://www.webmd.com/heartburn-gerd/your-digestive-system#3
https://www.myvmc.com/anatomy/gastrointestinal-system/
Tafsiroota: Ma’aariju at-tafakkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 11/359-366, Abdurahman Habanka 
Tafsiir Sa’diyy-fuula 298-299

Uumama Namaatti Xinxallu-Kutaa 7
Uumama Namaatti Xinxalluu-kutaa 5
Offline dubbisuf

Leave a Reply