Hiikkaa (Xalaaq)-Lakk.1

Offline dubbisuf

Ji’oota muraasan dura waa’ee fuudhaa heeruma Islaamaa ilaalaa akka turre ni yaadatama. Dhiiraa fi dubartiin akkamitti walitti dhufuun maatii akka ijaaran tarkaanfi tarkaanfin ilaalle jirra. In sha Allah namni tarkaanfiwwan sanniin hordofe ni milkaa’a. Sababni isaas, namni seeraa Rabbii yoo hordofe, karaan milkaa’innaa fi gammachuu isaaf salphata. Kana yommuu jennu garuu, jireenya fuudhaa heerumaa keessatti gonkumaa rakkoon hin uumamu jechuu keenyaa miti. Eeti rakkooleen baay’een ni uumamu. Islaamni rakkoolee abbaa manaa fi haadha manaa jidduutti uumamaniif furmaata kaa’e jira. furmaata kanniinitti fayyadamuun isaan walitti araarsuun yoo dadhabame fi walii galuu didan furmaata dhumaa ni kaa’a. Innis Xalaaqa dha. In sha Allah ji’oota muraasaaf waa’ee xalaaqa ni ilaalla.

Hiika Xalaaqa
Akka lugaatti xalaaqa jechuun hidhaa hiiku, gadi dhiisu jechuudha.
Akka shari’aatti xalaaqa jechuun walitti dhufeenya fuudhaa heerumaa jecha “xalaaqa” fi kan birootti fayyadamuun xumuruu fi hiikudha. Xalaaqa gara afaan keenyatti yommuu deebisnu, “hiiku, nikaah buusu” ta’a. Tarii naannoo naannootti jecha nikaah buusuf (xalaaqaf) itti fayyadaman gargar ta’u danda’a. Garuu barreefama kana keessatti jechoota armaan olii kanniin fayyadamna.

Nikaah Buusun (Xalaaqni) Hayyamamaa ta’uu
Akka Qur’aana, sunnaa fi walii-galtee Muslimootaatti nikaah buusun kan hayyamame fi karaa godhameedha. Qur’aana irraa, jecha Rabbii olta’aa:

Hiikkan yeroo lama. Sana booda haala gaariin qabachuu yookiin bifa gaariin gadi lakkisuudha.” Suuratu Al-Baqarah 2:229

Sunnaah irraas hadiisa Abdullah ibn Umar gabaasedha. Abdullah ibn Umar ni jedha, “Ani haadha manaa tiyya osoo ishiin heeydi (marsaa laguu) keessa jirtuu hiike. Waa’ee kanaa ilaalchisee [abbaan kiyya] Umar, Nabiyyii (SAW) gaafate. Nabiyyiiniis (SAW) Umariin ni jedhan, “Ilmi kee niiti isaa haa deebisu. Yeroo qulqullooftetti yoo fedhe haa hiiku.Sahiih Muslim 1471, Sahiih Al-Bukhaari 5252

Hayyoonni Muslimootaas hiikkan ykn nikaah buusun hayyamamaa akka ta’e irratti wali galanii jiru.

Hukmii (Murtii) Hiikkaa

Jalqaba murtii ykn hukmii yommuu jennu wanta tokkoon, “Kuni waajib (dirqama) ykn muharram (dhoowwamaa) ykn mubah (hayyamamaa) ykn mustahabb (jaallatamaa) ykn makruuh (jibbamaa)” jennee irratti murteessu keenya. Kanaafu, hiikkaan yeroo fi haala irratti hundaa’e murtiiwwan kanniin kan of keessatti qabatuudha.

1-Yeroo heeydi (marsaa laguu) dubartii hiikun muharram (dhoowwamaa) dha. In sha Allah gara fuunduraatti ibsa kanaa dabalataan “Hiikkaa Bid’aa” jedhu jalatti ni ilaalla.
2-Osoo niitin qajeeltu taate jirtuu sababa tokko malee hiikun makruuh (jibbamaa) dha. Tarii kuni dhowwamaas ta’uu danda’a.
3-Yoo niitin amala badaa qabaattee fi amala ishiitiin kan rakkatu yoo ta’e, hiikkaan hayyamamaadha.
4-Haala armaan gadi keessatti hiikkaan jaallatamaa ta’a:
a. Dubartiin wanta Rabbiin dirqama ishii irratti godhe kan dhiistu ykn hanqistu yoo taate. Fakkeenyaf salaata fi ibaadaa biroo. Yommuu salaatatti ishii ajajuu uzrii tokko malee kan didduu yoo taate, ishii hiikun ni jajjabeefama.

5-Haala armaan gadi keessatti waajiba (dirqama)
a.Niiti fi dhiirsa jidduu wal dhabbiin yoo jabaate fi warroonni walitti araarsan addaan baasu malee furmaata biraa yoo dhaban, hiikkan dirqama ta’a.
b.Namni yeroo murtaa’ef “niiti tiyyaan wal hin qunnamu” jedhe yoo kakatee fi jiiyni afur erga dhumatee booda yoo ishiitti deebi’u dide, hiikkan dirqama ta’a.
c.Niitin isaa zinaa (sagaagalummaa) raawwachuun yoo irratti mirkanaa’ee fi dhugaan yoo hin tawbatin, ishii hiikun isarra jira. Haala kana keessatti ishii waliin turuun amanti isaa hir’isuu, firaasha isaa balleessuu fi ilma isaa kan hin taane isatti fiduu irraa hin amanamtu.

Nikaah Buusun Harka eenyu jiraa?
Nikaah buusun harka abbaa manaa jira. Abbaa manaatu niiti isaa hiiku ykn nikaah irraa buusu danda’a. Dubartiin nikaah buusu hin dandeessu. Gaafataan, “Maaliif dubartiin nikaah hin buusne?” jechuun gaafachu danda’a. Gaafi kanaaf karaa adda addaatiin deebii itti kennuun ni danda’ama:

1ffaa- Niiti kan horatu, mahrii kennuuf, qabeenya irratti baasu fi bulchu abbaa manaati. Osoo nikaah buusun harka ishii jiraatee silaa miidhaan isarra gaha. Fakkeenyaf, yeroo mahrii (kennaa) fudhattu, osoo dhiirsi ishiitti hin fayyadamin, “Ani nikaah ofirraa buuse” jechuun qabeenya isaa fudhatte sokkuu (baduu) dandeessi. Kuni immoo haqa malee qabeenya namaa nyaachudha.

2ffaa- Dubartiin yeroo baay’ee miira ishii too’achuun garmalee itti ulfaata. Wanta xiqqoof garmalee aarti, ni dallanti.  Osoo nikaah buusun harka ishii jiraatee silaa yeroo miirri ishii danfuu xinxallii tokko malee nikaah ofirraa buusun maatii diigdi. Garuu dhiirri uumaman dandeetti miira ofii too’achu qaba. Dubartii caalaa xumura dhimmootaa kan itti yaadu fi garmalee kan hin jarjarreedha. Kanaafu, hiikkaaf hin jarjaru. Kuni immoo maatii diiggaa fi miidhaa irraa eega.

Garuu kana yommuu jennu “Dubartii gabra taatee dhiirsa jalatti buluu qabdi. Yoo inni ishii miidhe karaa ittiin jalaa baatu hin qabdu” jechuu keenya miti. Islaamni wanta hundaafu furmaata kaa’e jira. Abbaan manaa ishiif qallaba yoo hin kenniin ykn fedhii foonii ishii yoo guutu didee ykn karaa adda addaatiin ishii yoo miidhe, niitin mirga ishii eegsiisuuf gara abbaa murtii (qaaditti) iyyachuu dandeessi. Inuma kanaan alas, furmaanni, “Kul’a” jedhamu ni jira. In sha Allah kul’a maal akka ta’e gara fuunduraatti ni ilaalla.

Sharxiwwan (Ulaagaalee) Nikaah Buusu
Nikaah buusun sirrii ta’uuf ulaagaaleen guuttamuu qaban ni jiru. Ulaagaalee kanniin bakka sadiitti qoodun tokkoon tokkoon ilaalun ni danda’ama. 1ffaa-ulaagalee nama nikaah buusun wal qabatan, 2ffaa-ulaagaalee dubartii nikeenyi irraa buufamuun wal qabatanii fi ulaagaalee jecha nikaah ittiin buusaniin wal-qabatu.

1ffaa-Ulaagaalee nama nikaah buusun wal qabatan
1-Abbaa manaa (dhiirsa) ta’uu-kana jechuun isaa fi dubartii hiiku barbaadu jidduu wali galteen nikaah sirrii ta’ee jiraachu qaba. Fuudhun dura, “Ebaluun yommuu fuudhu ishiin tan hiikkamteedha.” Osoo jedhe, jechi isaa kuni hojii irra hin oolu. Ragaan kanaa hadiisa Amr bin Shu’ayb akaakayyuu isaatirraa gabaasedha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
لاَ نَذْرَ لاِبْنِ آدَمَ فِيمَا لاَ يَمْلِكُ وَلاَ عِتْقَ لَهُ فِيمَا لاَ يَمْلِكُ وَلاَ طَلاَقَ لَهُ فِيمَا لاَ يَمْلِكُ ‏”‏  

Wanta too’annaa irratti hin qabne keessatti ilma Aadamiif nazriin hin jiru, wanta inni hin qabne keessatti gabra bilisa baasun isaaf hin jiru; wanta inni too’annaa irratti hin qabne keessatti nikaah buusun isaaf hin jiru.Jaami’a At-Tirmizii 1181
Nazrii jechuun wanta tokko nan godha jedhanii waadaa seenuu fi ofirratti dirqama gochuudha.

Wanti hadiisa kanarraa hubannu, namni wanta harka isaa keessa hin jirree fi too’anna irratti hin qabne abbaa itti ta’uun akkuma fedhe gochuu hin danda’u. Yommuu too’anna irratti argatu wanta isaaf hayyamamu hojjachuu danda’a. Dubartiin inni hin fuune too’annaa isaa jala waan hin jirreef fuudhun ykn nikaah hidhachuun dura hiiku hin danda’u.  Rabbiin ni jedha:

33:49

Yaa warra amantan! Yeroo dubartoota mu’minaa fuutanii sana booda osoo qunnamtii hin raawwatin isaan hiiktan, iddaan (yeroon turtii) isin isaan irratti lakkaawwattan isiniif hin jiru. Isaan qananiisaa, gadi dhiisuu bareedaas isaan gadi dhiisaa.” Suuratu Al-Ahzaab 33:49

“Hiikkaa (xalaaqa)” fuudha booda dubbate. Kuni kan agarsiisu, namni dubartii hiiku kan danda’u erga nikaah hidhatee yookiin fuudhee booda.

2-Umrii saalfannaa gahuu (Buluugh)-Mucaan xiqqaan umrii saalfannaa hin geenye nikaah buusu hin danda’u. Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif:

رُفِعَ الْقَلَمُ عَنْ ثَلاَثٍ عَنِ النَّائِمِ حَتَّى يَسْتَيْقِظَ وَعَنِ الصَّغِيرِ حَتَّى يَكْبُرَ وَعَنِ الْمَجْنُونِ حَتَّى يَعْقِلَ أَوْ يَفِيقَ ‏”‏
Namoota sadii irraa qalamni ka’ee jira (hojiin isaanii hin katabamu): Nama rafe irraa hanga hirribaa dammaqutti, nama xiqqaa irraa hanga guddatutti, maraataa irraa hanga waa hubatutti yookiin of beekutti.” ( Sunan Nasaa’i 3432)

3-Sammuun fayyaa ta’uu (aqlii qabaachu)- namni maraataan nikâha buusu hin danda’u. Sababni isaas, sammuu waa ittiin yaadu waan dhabeef wanta sirrii fi dogongora addaan hin baafatu. Hadiisni armaan olii ragaa ta’a. Kuni nama maraatun isaa itti fufaa ta’eedha. Garuu nama maraatun isaa addaan citaa ta’e, yeroo of beeketti wanta hojjateef ni qabama. Kana jechuun, namni maraatan yeroo garii kan maraatu ta’ee, yeroo garii immoo kan of beeku yoo ta’e, yeroo of beeke sanitti yoo nikaah buuse xalaaqni isaa hojii irra oola. Garuu yeroo maraatu sanitti nikaah yoo buuse, xalaaqni isaa hojii irra hin oolu.

Wanti asitti dabalamu biraa, namni osoo hin maraatin sammuun isaa yeroo muraasaaf kan irraa deemu yoo ta’e, yeroo sanitti nikaah buusun isaa hojii irra hin oolu. Fkn, nama rafu fi gaggabu.

Kitaabban Wabii
al-Fiqhul Waadih – Jiildi 2-fuula 100-104, Dr.Muhammad Bakr Ismaa’il
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3 -fuula-232-236, Abu Maalik 

Nikaah Buusu-Lakk.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply