Nikaah Buusu-Lakk.2

Dhugumatti nikaah buusun wanta akka salphaatti ilaallamu miti. Fakkeenyi isaa akka nama mana bareedaa ijaaree ergasii diiguti. Namoonni jaalala guddaan walitti dhufaniis wal ta’uu didanii yommuu addaan deeman mana maatii diigaa jiru. Ijoolleen ni bittinaa’u, miidhaa guddaa keessatti kufu. Kanaafu, namni nikaah buusu akka salphaatti ilaalun gara gocha kanaa tarkaanfachu hin qabu . Eeti, wali galtee fi furmaanni biraa yoo dhabame, nikaah buusun furmaata dhumaa ta’a. Garuu nikaah buusun duubaan itti gaafatamummaa guddaa fi seerota jira. Kanaafu, namni itti gaafamummaa fi seerota kanniin beekun adabbii jalaa baraaramu danda’a. In sha Allah kutaalee itti aanan keessatti waliin ilaalla. Kutaa darbe irraa itti fufuun sharxiwwan (ulaagaalee) nikaah buusu haa ilaallu.

Yaadachisaaf sharxiwwan nikaah buusun wal qabatan bakka sadiitti qoonne turre. Isaanis: ulaagalee nama nikaah buusun wal qabatan, ulaagaalee dubartii nikeenyi irraa buufamuun wal qabatanii fi ulaagaalee jecha nikaah ittiin buusaniin wal-qabataniidha. Kanniin keessaa sharxii tokkoffaa ilaalle turre.

2ffaa-ulaagaalee dubartii nikeenyi irraa buufamuun wal qabatan
Dubartiin hiikkamtu ulaagaalee armaan gadii guutuu qabdi:
1ffaa– Ishii fi abbaa manaa ishii jidduu hariiroon fuudhaa heerumaa jiraachu- tarii kuni karaa lamaan ta’uu danda’a. Tokkoffaa abbaan manaa ishii fuudhun mana tokko waliin jiraachu, lammaffaa- mana tokkotti osoo walitti hin dhufinii fi qunnamtii hin raawwatin inni nikaah hidhachuun ishiin yeroo muraasaaf warra bira turuudha. Haala lamaan kanniin keessatti nikaah waan hidhateef ishiin isaaf niitidha. Garuu yoo nikaah irraa buusu barbaade, dubartii mana tokko waliin jiraatanii fi dubartii hanga silaa walitti hin seenne wanti garagara godhu ni jira. Dubartiin nikaah erga hidhatanii ishiitti seenuu fi kophaa waliin ta’uun dura yoo hiikkamte, iddaa (yeroo turtii) lakkaawwachuun ishii irra hin jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

33:49

Yaa warra amantan! Yeroo dubartoota mu’minaa fuutanii sana booda osoo qunnamtii hin raawwatin isaan hiiktan, iddaan (yeroon turtii) isin isaan irratti lakkaawwattan isiniif hin jiru. Isaan qananiisaa, gadi dhiisuu bareedaas isaan gadi dhiisaa.” Suuratu Al-Ahzaab 33:49

2ffaa-Abbaan manaa dubartii hiiku barbaadu san akeekkaan ykn amalaan ykn niyyaan adda baasu qaba. Dubartii hiikkamtu akeekuun, amala ykn maqaa ishii ibsuunii fi niyyachuun yoo adda baase, nikaah buusun ishii irratti ni kufa. Fakkeenyaaf, dubartii maqaan ishii Zaynab jedhamtu qubaan itti akeekun, “Yaa Zaynab ati hiikkamte” yoo jedhe, nikaah buusun hojii irra oola. Kana jechuun Zaynab ni hiikkamti. Akkasumas, osoo ishitti hin akeekinii fi ishiin ala dubartii biraa yoo hin niyyatin, amala ishii ibsuun nikaah yoo buuse, ni hiikkamti.

3ffaa- Ulaagaalee Jecha dubbatamuun wal-qabatan
Hundemaa nikaah buusun dubbiin kan ibsamuudha. Tarii yeroo tokko tokko barreefamni ykn akeekkaan bakka dubbii bu’uu danda’a. Kanaafu, karaalee nikaah itti buusaniin bakka sadiitti qoodu dandeenya.

1ffaa-Jecha dubbachuun nikaah buusu
Jechi nikaah itti buusaniin takkaa jechaa ifaa takka immoo al-kinaayah ta’uu danda’a.
Jechi ifaa fi fuullee jecha yeroo dubbatan hiika nikaah buusu irraa hubatanii fi hiika biraatiif kan hin oolledha. Sababni isaas, yeroo baay’ee nikaah buusuf itti fayyadaman waan ta’eef. Fakkeenyaaf, “Ati nikeenyi sirraa buufame, ani nikaah sirraa buuse” fi kan biroo. Qur’aana keessatti kuni irra deddeebi’ame dubbatama. Namni jechoota armaan olii nikaah buusuf itti xiyyeefate, osoo beekuu fi fedhii isaatiin niiti isaatiin yoo jedhe, ishiin ni hiikkamti.

Al-Kinaayah jechuun jecha nikaah buusu qofaaf hin kaa’amnee fi hiika biraas qabaachu kan danda’uudha. Kana jechuun hiika nikaah buusus kan qabu hiika biraas kan qabuudha. Fakkeenyaf, abbaan manaa niiti isaatiin “Si hiike, gadi si lakkisee, ati gadi lakkifamte, gadi si dhiise, gadi furamte, addaan baane” jechuudha. Ammas akkana jechuu, “Yeroo turtii (iddaa) kee lakkaawadhu, gara warra keeti deebi’i, ati dhiifamte” fi kkf jechuu.
Jechoota armaan oliitiin nikaah buusun hojii irra ooluuf niyyaan dirqama. Sababni isaas, jechoonni kunniin nikaah buusun ala wanta biraas ta’uu danda’u. Nikaah buusuf niyyachuun (xiyyeefachuun) jechoota armaan olii yoo dubbate, niitin isaa ni hiikkamti. Garuu nikaah buusuf yoo hin niyyatin (hin xiyyeefatin), nikeenyi hin bu’u.

2ffaa-Barreefamaan Nikaah buusu
Yoo namtichi bakka fagoo jiraatee niiti isaa irraa nikaah akka buuse barreefamaan yoo beeksisee, nikaah buusun hojii irra ni oola yoo niyyate. Kana jechuun nikaah ishirraa buusutti niyyachuun, “Nikaah sirraa buuse” jedhee yoo barresseef, ishiin ni hiikkamti. Sababni isaas, barreefamni bakka dubbii bu’uun ergaa dabarsa. Garuu barreefama keessatti nikaah buusuf yoo hin niyyatin, nikeenyi hin bu’u. Tarii osoo barreessu dogongoruu danda’a ykn wanta biraa jechuu barbaade ta’a.

3ffaa-Akeekkaan nikaah buusu
Akka harka caalaa hayyootatti namni dubbachuu danda’u, akeekkaan nikaah buusun isaaf sirrii hin ta’u. Garuu namni dubbachuu fi barreessu hin dandeenye, akeekkan nikeenyi ni bu’a. Namni dubbachuu fi barreessu hin dandeenye, niiti isaatti akeekun akka nikaah irraa buuse yoo beeksise, ishiin ni hiikkamti.

Ulaagaalee nikaah buusu haala kanaan erga xumurre booda haalli nama nikaah buusu nu hafa. Namni haala kamiyyuu keessatti niiti isaatiin, “nikaah sirraa buuse” yoo jedheen, niitin isaa ni hiikkamtii? Kuni ibsa barbaachisa. Akkuma yeroo darbe jenne namni nikaah buusun sammuun fayyaa ta’uu qaba. Yeroo garii wantoonni of nama wallaalchisan ykn dirqiin wanta tokko akka hojjatan nama taasisan ni jiru. Mee haalota kanniin haa ilaallu:

Nikaah Buusu nama machaa’e (Xalaaqu-s-sukraan)
Namni machaa’e nama sadarkaa of wallaalu, wanta jedhu hin beekne fi erga of beeke booda wanta yeroo machii dubbate kan hin yaadanne gaheedha. Namni akkanaa osoo machaa’e jiruu nikaah yoo buuse, “niitin isa ni hiikkamti moo hin hiikkamtu?” gaafi jedhu ilaalchisee aalimman jidduu garaagarummaa ilaalchaatu jira. Aalimman gariin ni hiikkamti jedhu, aalimman gariin immoo hin hiikkamtu jedhan. Garuu kaayyoo shari’aa irratti hundaa’un ilaalchi madaala kaasu, “Niitin isaa hin hiikkamtu”. Sababni isaas, yeroo machaa’e sanitti inni wanta jedhu hin beeku. Khamriin (dhugaatin nama macheessu) dhoowwamuun dura Rabbiin aayaa tana buuse:

﴾ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَقۡرَبُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَأَنتُمۡ سُكَٰرَىٰ حَتَّىٰ تَعۡلَمُواْ مَا تَقُولُونَ ﴿
Yaa warra amantan! kan machooftan taatanii osoo jirtanuu hanga wanta dubbattan beektanitti gara salaataa hin dhiyaatinaa” Suuratu An-Nisaa 4:43
Yeroo machii namni wanta jedhuu waan hin beeknef gara salaatatti akka hin dhiyaanne dhoowwame. Sammuun isaa waan haguugameef wanta dubbatu hin beeku.

(Namni Muslimni khamriin haraama ta’uu beeku dhuguuf hin deemu. Kuni jireenya isaa balleessa. Namoota salphatanii fi kabaja dhaban keessaa ta’a. Garuu fedhii isaatiin ala dirqamaan yoo obaafame wanta jedhuuf hin qabamu.)

Nikaah Buusuu nama dallanee
Dallansu jechuun sammuun jeeqamuu fi yaadota madaalu dadhabuudha. Dallansuun bakka sadiitti qoodama:
1ffaan-dallansuu jalqabni isaa namatti dhufuu fi sammuun namaa kan itti hin jijjiramneedha. Haala kana keessatti namni wanta jedhuu fi yaadu ni beeka. Namni kuni wanta jedhuu waan beekuuf nikaah buusun isaa hojii irra oola. Haala kana keessatti niiti isaa yoo hiike, ishiin ni hiikkamti.
2ffaan-Dallansuun dhuma isaa gahuun balbala beekumsaa fi fedhii isarratti cufuudha. Wanta jedhuu fi fedhuu hin beeku. Haala kana keessatti nikaah buusun isaa hojii irra hin oolu. Dallansuu akkanaa keessatti akka maraataa ta’uun wanta jedhu fi hojjatu yoo hin beekin, niitin isaa hin hiikkamtu.

3ffaan-Nama dallansuun isaa sadarkaa lamaan armaan olii jidduu ta’eedha- dallansuun isaa jalqaba irra ni darba garuu dhuma gahuun akka maraataa hin ta’u. Namni kuni jeeqamuun tasgabbii fi gadi dhaabbanna dhaba. Garuu guutumaan guututti sammuun (aqliin) isaa irraa hin deemu. Kuni bakka garaagarummaan ilaalchaa jiruu fi qorannoo barbaachisuudha. Aalimman gariin haala kana keessatti nikaah buusun isaa hojii irra ni oola jedhu, gariin immoo hojii irra hin oolu jedhu. Kuni ijtihaada hayyootaaf (aalimmaniif) dhiifamudha.

(Kanaafu, namni dallansuu ofii too’achuuf carraaqu qaba. Jechoota nikaah buusuuf itti fayyadaman dubbachuu irraa of qusachuun isarra jira. Ta’uu baannan, dhimmichi dhimmi balaa guddaa qabuudha. Namni niiti isaatiin “Nikaah sirraa buuse” jennaan, yeroo turtii ishii yoo xumurte nyaapha (ajnabiyyah) isaaf taati. Kanaafu, dhimmi nikaah buusu wanta haala salphaan ilaalanii miti.)

Nikaah Buusuu nama taphatu
Namni baacoof ykn taphaaf niiti isaatiin, “nikaah sirraa buuse” yoo jedheen, harki caalaan aalimmanii nikaah buusun isaa hojii irra ni oola jedhu. Akka ragaatti hadiisa kana dhiyeessu; Abu Hureyraan akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“‏ ثَلاَثٌ جِدُّهُنَّ جِدٌّ وَهَزْلُهُنَّ جِدٌّ النِّكَاحُ وَالطَّلاَقُ وَالرَّجْعَةُ ‏”‏ ‏
Wantoonni sadii ciminni isaani ciminna, taphni isaanii ciminna. Isaaniis: Fuudhaa heeruma, nikaah buusu fi dubartii erga hiikanii booda deebisu
.”  Sunan Abi Dawud 2194, Jaami` at-Tirmizi 1184, Sunan ibn Maajah 2039,

Yaanni biraa aalimman dhiyeessan: Baacoodhaan ykn taphaan nikeenyi hin bu’u osoo jedhame, silaa namni osoo beeku nikaah buusee, “Lakki ani taphaaf akkas jedhe” jechuun murtii Rabbii diiguuf deema. Kuni immoo wanta hin taanedha. Namni wantoota hadiisa armaan olii keessatti dubbatame dubbate, murtiin isarratti darba. Faallaa wanta jedhee irraa hin fudhatamu. Kunis dhimma qaama saalaa eegu fi kabajiisuufi.”

Nikaah Buusu nama Dirqiisifamee
Namni nikaah akka buusu dirqisiifame, harki caalaan aalimmanii nikaah buusun isaa hojii irra hin oolu jedhu. Sababni isaas, namni dirqisifamee filannoo fi fedhii hin qabu. Filannoo fi fedhii isaatiin ala wanta itti dirqisiifame hojjata. Filannoo fi fedhiin immoo hundee itti-gaafatamummaati. Yoo isaan lamaan hin jiraatin itti gaafatamummaan hin jiru. Namni qalbiin isaa iimaanan tasgabbooftee osoo jirtu, jecha kufrii akka dubbatu yoo dirqiisifame, inni hin kafaru. (Ilaali suuratu An-Nahl 16:106)  Haaluma kanaan namni jecha nikaah buusu akka dubbatu yoo dirqisiifame niitin isaa hin hiikkamtu.

Hubachiisa: Dirqisiifamni armaan olii haqa malee yoo ta’eedha. Kana jechuun zaalimni (namni namoota cunqursaa fi daangaa darbu) yoo nama dirqisiisedha. Garuu haqaa fi seeraan akka niiti isaa hiiku yoo dirqiifame, nikaah buusun hojii irra oola. Fakkeenyaaf, namni, “Niiti tiyya waliin qunnamti hin raawwadhu” jedhee yoo kakatee fi jiiyni afur erga darbee booda ishiin yoo wal qunnamu dide, abbaan murtii (qaadin) akka ishii hiiku isa ni dirqisiisa. Yeroo kanatti nikaah buusun isaa kuni hojii irra oola.

Nikaah Buusu irratti Ragaa Gochuu
Nikaah yommuu buusan ragaa dhiyeessun wanta jaallatamuu fi jajjabeefamuudha. Garuu dirqamaa miti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

65:2

Yeroo beellama isaanii gahan haala gaariin isaan qabadhaa yookiin haala gaariin isaaniin addaan bahaa. Isin keessaa warra haqaa [nama] lamaa ragaa godhaa. [Warri ragaa baataniis] Rabbiif jedhaatii ragaa sirreessaa. Kuni kan namni Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanu ittiin gorfamuudha. Namni Rabbiin sodaatu, [Rabbis] karaa bahiinsaa isaaf godha.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:2

Yeroo nikaah buusan namoota haqaa lama ragaa gochuun mirgi fi haqni isaanii akka hin sarbamne taasisa. Wal-mormii fi miidhaa baay’ee hanbisa.

Guduunfaa
➦Namni dubartii takka nikaah irraa buusu kan danda’u niiti isaa yoo taate fi niiti takkaa ol yoo qabaate tamiin akka taate yoo adda baasedha.
➦Namni filannoo fi fedhii isaatiin nikaah buusutti niyyachuun, niiti isaatiin, “Nikaah sirraa buuse” yoo jedhe, ishiin ni hiikkamti. Ergasii seerri isaan lamaan hordofuu qaban ni jira.
➦Namni nikaah buusuf niyyatee fi itti xiyyeefate jechoota nikaah buusu qofaaf itti hin fayyadamne yoo dubbatee, nikeenyi ni bu’a. Fkn, ani gadi si lakkise…
➦Nikaah buusun wanta salphaa miti. Kanaafu, namni garmalee of eeggachuu qaba.

Kitaabban Wabii
al-Fiqhul Waadih – Jiildi 2-fuula 105-106, Dr.Muhammad Bakr Ismaa’il
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3 -fuula 237-259, Abu Maalik 

Print Friendly, PDF & Email
Nikaah Buusu-Lakk.3.1
Hiikkaa (Xalaaq)-Lakk.1

Leave a Reply