Nikaah Buusu-Lakk.3.1

Offline dubbisuf

Gosoota Nikaah buusu
Nikaah buusu bakka adda addaatti qoodun ni danda’ama:
1-Jecha dubbatamu irratti hundaa’e, ifa kan ta’ee fi ifa kan hin taane (al-kinaaya) jechuun bakka lamatti qoodu. Kana kutaa darbe keessatti ilaalle jirra.
2-Bu’aa irraa dhalatu irratti hundaa’e, “kan deebifamuu fi Addaan bahiinsaa” jechuun bakka lamatti qoodu.
3-Amala isaa irratti hundaa’e, “Sunnaah fi bid’aa” jechuun bakka lamatti qoodu.
4-Waqtii irratti hundaa’e, “Munajjiz (ammatti kan mirkanaa’e fi hojii irra oole), sharxiin kan walqabatee fi gara fuunduraatti kan maxxanfame” jechuun bakka sadiitti qoodun ni danda’ama.
Gosa tokkoffaa waan ilaalleef gosoota hafan sadan In sha Allah gargaarsa Rabbiitin ni ilaalla.
➦Dhiifama! Barreefama kana bakka lamatti qoodu barbaade ture. Garuu yaanni mata-duree tokko jalatti ramadamu qabu waan ciccituuf bakka tokkotti walitti fide. Kanaafi, ni dheerate.

1ffaa-Nikaah buusu deebifamuu danda’u fi Nikaah Buusu Addaan Bahiinsaa (Ax-Xalaaqu raji’iyy wal baa’in)
Ammaaf niikaah buusu deebifamu danda’u ni ilaalla. In sha Allaah kutaa itti aanu keessatti Nikaah buusu addaan bahiinsaa ilaalla. Jecha ijoo:
Iddaa jechuun dubartiin takka erga hiikkamte ykn dhiirsi irraa du’ee booda yeroo turtii ishiin turtuudha.

A-Nikaah Buusu Deebifamu Danda’u (Ax-Xalaaqu raj’iyy)
Namni niiti isaa irraa nikaah erga buuse, nama biraatti heerumuun dura iddaan (yeroon turtii) ishiin lakkaawwachuu qabdu ni jira. Tan ulfa hin qabne yoo taate yeroon turtii ishii marsaa laguu (heydii) sadii arguudha. Yeroo kana keessatti namni niiti isaa yoo nikaah irraa buuse osoo haala haarawaan nikaah hin hidhatin deebifachu danda’a. Nikaah buusun akkanaa Ax-Xalaaqu raj’iyy (nikaah Buusu deebifamuu danda’u) jedhama. Garuu niiti isaa deebifachuu kan danda’u: yeroo tokkoffaa fi lamaffaa nikaah yoo irraa buusee fi yeroon turtii xumuramuun dura yoo ta’eedha. Yeroon turtii yoo xumurame, nikaah haarawa hidhachuun malee deebifachuu hin danda’u. Akkasumas, yeroo sadaffaaf nikaah yoo irraa buuse deebifachuu hin danda’u hanga ishiin nama biraatti heerumtutti malee. Mee kana fakkeenyaan haa ibsinuu:

Faaxuma fi Ahmad wal fuudhan haa jennu. Waggaa muraasan booda wal ta’uu waan didaniif, Ahmad “Nikaah sirraa buuse”, Faaxumaan jedha. Amma Faaxumaan mana isaatii bahuu fi nama biraatti heerumuun dura marsaa laguu sadii arguu qabdi. Tarii Ahmad gaabbun Faaxumaa deebifachuu barbaada. Garuu marsaan laguu sadii xumuramuun dura, nikaah haarawa osoo isaa hin barbaachisin ishii deebifachuu danda’a. Yeroon turtii xumuramnaan nikaah haarawa yoo hidhate malee deebifachuu hin danda’u. Ammas, erga Faaxuma deebifatee booda yeroo lamaffaaf yoo nikaah irraa buuse, ishiin yeroo turtii ni lakkaawwatti. Ahmadis yeroo turtii kana keessatti ishii deebifachuu danda’a. Nikaah erga irraa buusanii booda, osoo nikaah haarawa hin hidhatin, yeroon turtii xumuramuun dura niiti ofii deebifachuun, “Nikaah Buusu Deebifamu Danda’u (Ax-Xalaaqu raj’iyy)” jedhama. Garuu Ahmad yeroo sadaffaaf Faaxumaa yoo hiike, yeroo turtii keessattis ta’i yeroon turtii erga xumurame boodas ta’i deebifachuu hin danda’u, hanga ishiin nama biraatti heerumtutti malee.

Niiti Ofii Deebifachuun Hayyamamaa ta’uu fi karaa godhamuu
Hundeen kana jecha Rabbii Olta’aati:

Hiikkan yeroo lama. Sana booda haala gaariin qabachuu yookiin bifa gaariin gadi lakkisuudha.” Suuratu Al-Baqarah 2:229

haala gaariin qabachuu” jechuun gara nikaahatti ishii deebisuu fi haala gaariin ishii waliin jiraachudha.

Dubartoonni hiikkaman marsaa laguu sadii ofii isaanitiif eegu qabu. Yoo kan Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanan ta’an, waan Rabbiin gadaamessa isaanii keessatti uume dhoksuun isaaniif halaalaa miti. Yeroo san keessatti yoo tolchuu (fooyyessuu) fedhan isaan deebifachuu keessatti irra caalaa mirga kan qaban dhiirsota isaaniiti.” Suuratu Al-Baqarah 2:228

Dubartoonni erga hiikkamanii heeydi (laguu) sadii lakkaawwachu qabu. Yeroo turtii kana keessa faaydaa baay’etu jira. Isaan keessaa, dubartiin ulfa irraa qulqulluu ta’uu mirkaneefachu. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wanta garaa isaanii keessatti uumee akka beeksiisan dubartoota irratti dirqama godhe. Ulfas ta’i laguu (heydii) dhoksuu isaan irratti haraama godhe. Kana dhoksuun badii baay’etti waan nama geessuf. Ulfa yommuu dhoksitee nama biraatti heerumtu ilma isaa kan hin taane isatti maxxansiti. Kuni immoo rahimummaa kutuu fi haqa malee dhaala akka fudhatu taasisa. Tarii daa’imni kuni yeroo guddate fira isaa fuudhun haraamatti kufa. Kuni immoo sharrii guddaadha.

Laguu (heydii) dhoksuunis akkasuma badii guddaa qaba. Marsaan laguu dhumatuun dura dursitee kijibaan yoo isatti beeksiistee, haqa dhiirsaa addaan kutuu fi nama biraatiif of kennuudha. Kuni sharrii baay’ee fida. Gama biraatiin laguun akka hin jirre sobaan yoo isatti himte, baasii isarratti dirqama hin taane fudhatti. Kuni immoo karaa lamaan ishii irratti haraama ta’a: Tokkoffaa-haqa malee qabeenya isaa nyaachu. Lamaffaan karaa shari’aatiin kijiba dubbachu. Tarii yeroon turtii erga xumuramee booda ishii deebisuu danda’a. Kuni immoo sagaagalummaa ta’a, yeroon turtii erga xumurame booda ishiin isaaf ajnabiyyah (nyaapha) waan taatuf. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedhe, “Yoo kan Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanan ta’an, waan Rabbiin gadaamessa isaanii keessatti uume dhoksuun isaaniif halaalaa miti.”

Wanta isaan keessa jiru dhoksuun Rabbii fi Aakhiratti amanuu dhabuu isaanii agarsiisa. Osoo Rabbii fi Aakhiratti amananii fi hojii isaaniitiif akka adabaman osoo beekanii, waan isaan keessa jiru dhoksuu fi kijibuun isaan irraa hin bahuu ture. Kanaafu, wanta garaa isaanii keessa jiru dhoksuu hin qaban. Yoo dhoksan ofii fi nama biraas miidhu.

“Yeroo san keessatti yoo tolchuu (fooyyessuu) fedhan isaan deebifachuu keessatti irra caalaa mirga kan qaban dhiirsota isaaniiti.” Kana jechuun niitin yeroo turtii (iddaa) kana keessa osoo jirtu abbaan manaa ishii deebifachuu danda’a. Garuu yoo tolchuu (fooyyessuu) fedhaniidha. Kana jechuun walitti yommuu deebi’an yoo gamtooman, wal jaallatanii fi haala isaanii fooyyessaniidha. Ishii miidhuf kan deebisu yoo ta’e, kuni dhoowwamaadha[1].

Faaydan biraa yeroo turtii keessa jiru: Tarii namtichi miira ofii too’achu dadhabuun niiti isaa hiika. Garuu akkuma yeroon darbuun waan ishii hiikeef garmalee gaabbu danda’a. Akkuma Rabbiin Guddaan jedhe, “Yoo tasa Rabbiin san booda dhimma haarawa (walitti deebi’u gidduu keessanitti) uume hin beektu.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:1
Namtichis niiti tana deebifachuu ni barbaada. Osoo deebisuun jiraachu baate silaa ishii argachuu hin danda’u. Tarii ishiin nikaah haarawaan isatti deebi’uu waan didu dandeessuf. Innis ishii irraa obsuu hin danda’u. Ergasii sagaagalummatti kufa. Kanaafi, deebisaan hayyamamee. Kuni hikmaa (ogummaa) guddaadha. Rabbii ogeessota hunda caalaa Ogeessa ta’e tolti Isaa baay’atte.

Yeroo Sadaffaaf Yoo Hiike hoo?
Namtichi niiti isaa yeroo tokkoffaa fi lamaffaa hiikee yeroo turtii keessatti deebifachuu danda’a. Garuu yeroo sadaffaa yoo hiike, hanga nama biraatti heerumtutti deebifachuu hin danda’a. Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

2:230

“Yoo [hiikkaa sadaffaa] ishii hiike, san booda hanga dhiirsa biraatti heerumtutti isaaf hin hayyamamtu. Yoo inni (dhiirsi lammataa) ishii hiike, daangaa Rabbii eeguu isaanii yaadnan isaan lamaan yoo walitti deebi’an badiin isaan irra hin jiru. Kuni daangaawwan Rabbii kan Inni ummata beekaniif ibsuudha.” Suuratu Al-Baqarah 2:230
Namni lammataa ishiin itti heerumtu nikaah sirrii ta’een ishii fuudhu fi qunnamti sirrii raawwachu qaba. Dhiirsa jalqabaatiif halaala gochuuf yoo ishii fuudhe, kuni hin ta’u, dhoowwamadha.

Ahkaama (Murtiwwan) Niiti Deebifachuu keessaa

Ulaagaalee Niiti Deebifachuun sirrii itti ta’uu
1-Niiti hiikkamte deebifachuun nikaah buusu tokkoffaa fi lamaffaa keessatti ta’uu qaba. yeroo tokkoffaa nikaah yoo irraa buuse, yeroo turtii keessatti deebifachuu danda’an. Yeroo lamaffaas haaluma kanaan deebifachu danda’a. Garuu yeroo sadaffaaf nikaah yoo irraa buuse, deebifachuu hin danda’u, nama biraatti yoo heerumte malee.

2-Deebifachuun erga niititti seenee booda ta’a- kana jechuun niitin inni hiike, walqunnamti saalaa waliin kan raawwate ta’uu qabdi. Dubartii itti hin seenne nikaah irraa buusee deebifachuu yoo barbaade, ishii deebifachuu hin danda’u. Sababni isaas, yeroon turtii ishiin lakkaawwattu hin jiru. Rabbiin olta’aan ni jedha:
Yaa warra amantan! Yeroo dubartoota mu’minaa fuutanii sana booda osoo qunnamtii hin raawwatin isaan hiiktan, iddaan (yeroon turtii) isin isaan irratti lakkaawwattan isiniif hin jiru. Isaan qananiisaa, gadi dhiisuu bareedaas isaan gadi dhiisaa.” Suuratu Al-Ahzaab 33:49

3-Deebifachuun yeroo turtii (iddaa) keessatti ta’uu– yeroon turtii yoo xumurame, nikaah haarawaan malee mirga deebifachu hin qabu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha: Dubartoonni hiikkaman marsaa laguu sadii ofii isaanitiif eegu qabu.” Ergasii itti aanse ni jedhe, “Yeroo san keessatti yoo tolchuu (fooyyessuu) fedhan isaan deebifachuu keessatti irra caalaa mirga kan qaban dhiirsota isaaniiti.”

4-Addaan bahiinsi dhiirsaa fi niiti kaasaan ta’uu dhiisu- kana jechuun dubartiin abbaa manaa ishiitiif qabeenya kennitee yoo isarraa addaan baate, inni ishii deebifachuu hin danda’u. sababni isaas, isarraa guutumatti addaan baate fi hariiroo addaan kuttee jirti.

5-Deebifachuun ammatti hojii irra kan oolu ta’uu– sharxiin wal qabsiisuun ykn gara fuunduraatti maxxansuun hin ta’u. Fakkeenyaf, yoo wanti kuni akkana ta’e, ani si deebifadha jechuun sharxiidhaan wal qabsiisuun hin ta’u. osoo wanti suni ta’uu baate, silaa maal godhaa?
6-Sababa adda addaatin nikeenyi kan diiggame ta’uu dhiisu– duubartoota fuudhun dhoowwaman namni yoo fuudhe nikeenyi isaa ni diiggama. Kanaafu, dubartii tana deebifachuu hin danda’u.

Deebifachuun haqaa fi mirga dhiirsati- haqa isaa kana eenyullee jala fuudhachuu hin danda’u.

Dubartiin hiikkamte hanga yeroo turtii (iddaa) ishii xumurtuutti abbaan manaa ishii baasii (qallaba) ishii irratti baasu qaba. Akkasumas, wanta fokkuu yoo raawwatte malee manaa ishii baasu hin danda’u. Ishiinis yeroon turtii xumuramuun dura manaa bahuu hin qabdu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Yaa Nabiyyicha! Yeroo dubartoota hiiktan, iddaa isaaniitiin isaan hiikaa, iddaas lakkaa’aa. Rabbii Gooftaa keessan ta’es sodaadhaa. Yoo gocha fokkataa ifa ta’een dhufan malee manneen isaanii keessaa isaan hin baasinaa; isaaniis akka hin baane. Sun daangaawwan Rabbiiti. Namni daangaawwan Rabbii darbe, dhugumatti inni lubbuu ofii miidhee jira.Yoo tasa Rabbiin san booda dhimma haarawa uume hin beektu.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:1

Ajajni kuni Nabiyyii fi warroota isa hordofan hundaaf kan darbeedha. Sababa amansiisaa ta’een dubartoota hiiku yommuu barbaaddan, iddaa isaaniitiin isaan hiikaa. Kana jechuun ishiin laguu irraa qulqulluu fi kan dhiirsi ishii hin qunnamne taatee osoo jirtuu ishii hiikaa. “iddaa lakkaa’aa” Iddaa (yeroo turtii) lakkaawun kan danda’amu takkaa laguun takkaa immoo ji’aanii. Tan ulfa hin qabnee fi marsaa laguu tan argituu yoo taate si’a sadii laguu arguun iddaa lakkaawwatti. Ammas tan hin ulfoofne fi laguu hin argine yoo taate, ji’a sadii lakkaawwatti. Tan ulfa qabdu immoo hanga deessutti.

“Rabbii Gooftaa keessan ta’es sodaadhaa.” Dhimma keessan hunda keessatti Rabbiin sodaadhaa. Haqa dubartoota hiikkamanii keessattis Isa sodaadhaa. Yeroo turtii (iddaa) keessa osoo jiranu mana isaaniitii isaan hin baasinaa. Dubartoonni hiikkamaniis iddaan isaanii xumuramuun dura akka manaa hin baane. Manaa ishii baasun kan dhoowwameef iddaa ishii akka xumurtuuf. Iddaan haqa isaa waan of keessaa qabuuf dhiirsi mana jireenyaa fi qallaba ishiif dhiyeessun isarratti dirqama. Haqni isaa yeroo turtii keessatti ishii deebifachuudha. Kanaafu, hanga iddaa xumurtuu mana isaa keessa turuu qabdi. Garuu dubbiniis ta’ii hojiin wanta fokkuu maatii miidhu yoo hojjatte, haala kana keessatti manaa ishii baasun ni danda’ama. Fakkeenyaf hojii keessaa wanti fokkuun kan akka zinaa, dubbiin immoo warra arrabsuu fi garmalee isaan rakkisuu.

Sun daangaawwan Rabbiiti…” kana jechuun suni daangaawwan Rabbiin gabroota Isaatiif murteesse, karaa godhee fi akka qabatanii irratti gadii dhaabbatan ajajeedha. Namni daangaawwan kanniin irratti gadi dhaabachuu diduun irra darbe ykn hanqise, dhugumatti lubbuu ofii miidhee jira. Kana jechuun daangaawwan Rabbii hordofuu fi eegu diduu isaatiin qooda ofii dhabe. Sababni isaas, addunyaa fi Aakhiraatti daangaawwan Rabbiin kaa’e ilma namaatiif fooyya’insa, milkaa’innaa fi gammachuu fidu. “Yoo tasa Rabbiin san booda dhimma haarawa uume hin beektu.” Tarii Rabbiin subhaanahu wa ta’aala qalbii namtichaa keessatti jaalalaa fi rahmata buusun yeroo turtii kana keessatti ishii deebisuu danda’a. Tarii namtichi sababa wayitiin ishii hiiku danda’a. Garuu yeroo iddaan xumuramu sababni kuni ishii irraa deemun inni ishii deebifatu danda’a[2].  

Namni nikaah irraa buusee yoo deebise, hammi nikaah buusu ni hir’ata. Fakkeenyaf, yeroo jalqabaatiif nikaah tokko buusee yoo deebise, nikaah buusu lama qofatu isa hafa. Ergasiis, nikaah buuse yoo deebise, nikaah buusu tokkotu isa hafa. Yeroo sadaffaaf nikaah yoo buuse, san booda deebifachu hin danda’u. Isarraa addaan baati. Yoo nama biraatti heerumte malee lamuu fuudhu hin danda’u.

Yeroo turtii keessa osoo jirtuu abbaan manaa ishii yoo irraa du’e, ishiin qabeenya isaa ni dhaalti.

Dubartii Hiikkamte Akkamitti deebisuun ta’aa?
1ffaa-jecha dubbachuun deebisuu- jecha deebisu agarsiisu dubbachuun deebisuun sirrii akka ta’e aalimman irratti wali galanii jiru. Fkn, Inni, “Ani si deebifadhe, ati deebifamte, niiti tiyya deebifadhe fi kkf.” Ishiin jechuu.

2ffaa-Hojiin deebisuu-kana jechuun hojii dhiirsi hojjachuun niiti isaa itti deebifatuudha. Kanneen akka ishii waliin qunnamti saalaa raawwachuu fi dhungachuu. Aalimman baay’een abbaan manaa wantoota kanniin yoo raawwate niiti isaa akka deebiseetti ilaalu. Aalimoonni gariin immoo dubbachuu kan danda’u yoo ta’e jecha dubbachuu qaba jedhu. Namni kilaafa (garaagarummaa yaadaa) keessaa bahuuf jalqaba jecha dubbachuun ergasii hojii hojjachuun niiti isaa deebifachuu danda’a.

Niiti deebisuu irratti Ragaa Gochuu
Yeroo niiti deebisuu ragaa gochuun wanta jaallatamuu fi jajjabeefamuudha. Inuma aalimonni gariin akka dirqamaatti ilaalu. Rabbiin ni jedha:
Yeroo beellama isaanii gahan haala gaariin isaan qabadhaa yookiin haala gaariin isaaniin addaan bahaa. Isin keessaa warra haqaa [nama] lamaa ragaa godhaa. [Warri ragaa baataniis] Rabbiif jedhaatii ragaa sirreessaa. Kuni kan namni Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanu ittiin gorfamuudha. Namni Rabbiin sodaatu, [Rabbis] karaa bahiinsaa isaaf godha.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:2

Kana jechuun yeroo iddaan xumuramuutti dhiyaate, takkaa niiti teessan deebifachuun haala gaariin waliin jiraadhaa takkaa immoo haala gaariin isaan gadi furaa. Yeroo niiti deebistanii fi gadi furtan isin keessaa namoota lama haqa dubbatanii fi haqaan hojjatan ragaa godhaa. Yeroo nikaah buusanii fi niiti deebisan namoota haqaa lama ragaa gochuun mirgi fi haqni isaanii akka hin sarbamne taasisa. Wal-mormii fi miidhaa baay’ee hanbisa.

Guduunfaa
Iddaa jechuun dubartiin takka erga hiikkamte ykn dhiirsi irraa du’ee booda yeroo turtii ishiin turtuudha.
➦Dubartiin yommuu hiikkamtu takkamaan manaa hin ari’amtu. Mana ishii keessa turuun yeroo turtii (iddaa) lakkaawwatti. Tan ulfa hin qabne yoo taate, iddaan ishii heeydi (laguu) sadii arguudha. Tan heeydi hin arginee yoo taate immoo iddaan ishii ji’a sadii. Tan ulfaa immoo hanga deessutti.
➦Abbaan manaa yeroo turtii kana keessatti yeroo tokkoffaa fi lamaffaaf nikaah yoo irraa buuse, niiti isaa osoo nikaah hin haaromsin deebifachuu danda’a. Garuu yeroo sadaffaaf nikaah yoo irraa buuse, iddaa keessattis ta’ii iddaan ala deebifachu hin danda’u nama biraatti yoo heerumte malee.
➦ Iddaan dura yoo hin deebifatinii fi iddaan erga xumuramee booda niiti isaa deebifachuu yoo barbaade, nikaah haarawa mahrii kennuun hidhachuu qaba.
➦Dubartiin yeroo 1ffaa fi 2ffaaf yoo hiikkamte hanga iddaa ishii xumurtutti manaa baasun hin danda’amu, ishiinis bahuu hin qabdu, yoo wanta fokkuu hojjatte malee.
➦Namtichi yeroo iddaa keessatti niiti hiike deebifachuu yoo hin barbaadin, ishii waliin qunnamti saalaa raawwachu hin qabu.
➦Niitin iddaa keessa osoo jirtuu jecha deebifachu agarsiisu itti dubbachuun ykn wal-qunnamti ishii waliin raawwachuun deebifachuu danda’a.


Kitaabban Wabii
[1] Tafsiir Sa’diyy-fuula 101-102
[2] Madda olii-fuula 1025-1026
al-Fiqhul Waadih – Jiildi 2-fuula 113-115, Dr.Muhammad Bakr Ismaa’il
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3 -fuula 260-274, Abu Maalik

Nikaah Buusu-Lakk.3.2
Nikaah Buusu-Lakk.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply