Nikaah Buusu-Lakk.3.2

Offline dubbisuf

B.Nikaah Buusu Addaan Bahiinsaa (Ax-Xalaaqul-Baa’in)
Jecha ijoo: “Iddaa” jechuun dubartiin takka erga hiikkamte ykn dhiirsi irraa du’ee booda yeroo turtii ishiin turtuudha. Kutaa darbe keessatti nikaah buusu deebifachuu ilaalle turre. Namni yeroo tokkoffaa fi lamaffaaf niiti isaa irraa nikaah yoo buuse, iddaan ishii osoo hin xumuramiin dura ishii deebifachuu danda’a. Kuni nikaah buusu deebifachu jedhama. Garuu sababa iddaan ishii xumurameen ykn sababa biraatin namtichi mirga ishii deebifachuu yoo hin qabaatin, nikaah buusun akkanaa addaan bahiinsa jedhama. Innis bakka lamatti qoodama: Addaan bahiinsa xiqqaa fi addaan bahiinsa guddaa. Mee kana fakkeenyaan haa ibsinuu:

Fakkeenya yeroo darbee irraa itti fufuun Faaxumaa fi Ahmad wal fuudhan haa jennu. Ahmad yeroo tokkoffaaf ykn lamaffaaf Faaxumaa hiikee iddaan ishii xumuramuun dura nikaah haarawa osoo hin hidhatin deebifachuu danda’a. Garuu nikaah buusu 1ffaa fi 2ffaa keessatti iddaan ishii erga xumuramee booda Faaxumaan Ahmad irraa addaan baati. Addaan bahiinsi kuni addaan bahiinsa xiqqaa jedhama. Faaxumaan addaan bahiinsa xiqqaa Ahmad irraa erga addaan baate booda Ahmad ishii deebifachuu yoo barbaade, nikaah haarawaa fi mahrii haarawaan ishii deebifata.
Yeroo sadaffaaf Ahmad Faaxumaa yoo hiike, ishiin isarraa addaan baati. Addaan bahiinsi akkanaa addaan bahiinsa guddaa jedhama. Yeroo kanatti Ahmad ishii deebifachuu yoo barbaade, Faaxumaan nama biraatti heeruma sirrii ta’e heerumu qabdi. Nama sanitti heerumte yoo wal ta’uu didanii addaan bahanii fi iddaa laakkawwatte yoo xumurtee, Ahmad nikaah fi mahrii haarawaan ishii fuudhu danda’a.

1-Addaan Bahiinsa Xiqqaa– kuni nikaah buusu namtichi mirga niiti hiike deebifachuu kan hin qabneedha, yoo nikaah haarawaa hidhatee fi mahrii kenne malee. Haalaa fi yeroo kanniin keessatti addaan bahiinsi xiqqaan hojii irra oola: dubartii nikaah hidhatanii itti hin seenne, dubartii kaasaa kennuun abbaa warraa irraa addaan baate, dubartiin yeroo tokkoffaaf ykn lamaffaaf erga iddaa xumurte booda addaan bahiinsa xiqqaa addaan baate. Kana mee ibsinuu:

♦Namtichii dubartii nikaah hidhatee osoo ishii waliin qunnamti hin raawwatiin yoo nikaah irraa buuse, addaan bahiinsa xiqqaa isarraa addaan baatee jirti. Yeroo lamataaf ishii fuudhu yoo barbaade, nikaah haarawa hidhachuu fi mahrii haarawa kennuufi qaba.

♦Dubartiin dhiirsa ishiitiif kaasaa ykn qabeenya kennuun yoo isarraa addaan baate, addaan bahiinsa xiqqaa addaan baati. Yoo wali galanii walitti deebi’u barbaadan, inni nikaah haarawa ishii hidhachu fi mahri haarawa kennuufi qaba.

♦Dubartiin yeroo tokkoffaaf ykn lamaffaaf yoo hiikkamtee iddaa ishii xumurte, addaan baahinsa xiqqaa dhiirsa irraa addaan baati. Iddaan erga xumuramee booda dhiirsi ishii deebifachuu yoo barbaade, nikaah haarawa hidhachuu fi mahrii haarawa kennuufi qaba.

2-Addaan Bahiinsa Guddaa-dhiirsi nikaah yeroo sadaffaaf haadha manaa irraa erga hiikee, iddaa keessattis ta’ii iddaan ala deebifachuu kan hin dandeenyedha, nama biraatti yoo heerumte malee. Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
“Yoo [hiikkaa sadaffaa] ishii hiike, san booda hanga dhiirsa biraatti heerumtutti isaaf hin hayyamamtu. Yoo inni (dhiirsi lammataa) ishii hiike, daangaa Rabbii eeguu isaanii yaadnan isaan lamaan yoo walitti deebi’an badiin isaan irra hin jiru. Kuni daangaawwan Rabbii kan Inni ummata beekaniif ibsuudha.” Suuratu Al-Baqarah 2:230

Dubartiin yeroo sadaffaaf hiikkamte abbaa manaa jalqabaatti deebi’uuf ulaagalee (sharxiwwan) armaan gadii guutuu qabdi:
1ffaa– Alaa fi keessaan nikaah sirrii ta’een nama lammataatti heerumu. Alaan nikaah sirrii yommuu jennuu sharxiwwan nikaah guutuun nikaah sirrii hidhachuudha. Keessaan nikaah sirrii ta’ee yommuu jennu immoo kaayyoo fuudhaa heerumaa guutuuf wal fuudhudha. Kan akka maatii gaarii ijaaru. Garuu kaayyoon ishiin nama lammataatti heerumtuuf nama jalqabaaf halaala gochuuf yoo ta’e, suni hin ta’u. Nikeenyi akkanaa nikaah faasida (badaa) ta’eedha.

2ffaa-Abbaan manaa lammataa ishii qunnamu-nikaah hidhachuun qofti gahaa miti. Namni lammataa kuni ishii waliin qunnamtii saalaa raawwachuu qaba. Ragaan kanaa: Aa’ishaan (RA) akka gabaasetetti, Niitin Rifaa’a al-Quraziyy gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufuun akkana jette, “Ani Rifaa’a bira ture. Innis na hiike. Nikaah buusu sadaffaa hin deebifamne na hiike. Anis Abdurahmaan bin Zabiiritti heerume. Garuu isa bira wanta akka kuula uffata qofatu jira. Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Gara Rifaa’a deebi’uu barbaaddaa? Lakkii! Deebi’uu hin dandeessu hanga abbaa manaa ammaa waliin qunnamtii guutuu raawwattutti malee.” Sahiih Al-Bukhaari 2639

Murtiwwan Addaan Bahiinsaa Xiqqaa fi Guddaa

  • Addaan bahiinsi xiqqaa fi guddaan hariiroo fuudhaa heerumaa guutuu addaan kutu. Erga iddaa xumurtee addaan bahanii booda ishii qallabuun, uwwisuu fi mana jireenyaa ishiif dhiyeessun isarratti dirqamaa miti.
  • Dubartii nikaah buusu addaan bahiinsa xiqqaa fi guddaan hikkamte isaaf ajnabiyyah (nyaapha) taati. Erga dhiirsa irraa addaan baate booda inni ishii ilaalu, kophaa waliin ta’uu fi wantoota biroo dhoowwaman waliin raawwachuu hin danda’u.
  • Isaan lamaan keessaa tokko yoo du’e, wal hin dhaalan. Waan addaan bahaniif.
  • Namtichi niiti isaa hiikee addaan bahe, mahrii ishii irraa wanta hafee kennuufi qaba.

Addaan bahiinsi xiqqaan lakkoofsa nikaah buusu hir’isa– kana jechuun dubartiin takka isarraa addaan bahiinsa xiqqaa erga addaan baate booda nama biraatti heerumun dura yoo inni nikaah haarawaan ishii deebifate, nikaah buusu lamatu isa hafa. Ammas, yeroo lammataaf addaan bahiinsa xiqqaa erga addaan bahanii booda ishiin nama biraatti heerumuun dura yoo nikaah haarawaan deebifate, nikaah buusu takkatu isa hafa.  

Addaan bahiinsi guddaan immoo lakkoofsa nikaah buusu guutumaan guututti diigun haarawa taasisa. Kana jechuun dubartiin yeroo sadaffaaf hiikkamtee fi nama biraatti heerumtee isaan wal ta’uu didanii yoo addaan baate, ergasii nama jalqabaatti yoo deebite, namni jalqaba kuni nikaah buusu sadii qaba. Dhimmi akkanaa hadm (diiggaa) jedhamuun beekkama. Fakkeenyaf, Ahmad Faaxuma si’a sadii erga hiike booda, faaxumaan nama biraatti nikaah sirrii ta’een ni heerumti. Faaxumaanis yeroo muraasaan booda nama kanarraa addaan baati. Amma Ahmad Faaxuma nikaah fi mahrii haarawaan fuudhu danda’a. Faaxumaan Ahmadiif akka niiti haarawaa taati. Kanaafu, si’a sadii hiiku danda’a.

✍Addaan bahiinsa xiqqaa keessatti inni deebifachuun dura nama biraatti yoo heerumte lakkoofsi nikaah buusu ni hir’ata moo nikaah buusu sadiitu jiraaf? Fakkeenyaf, yeroo tokko hiikee ergasii ishiin nama biraatti heerumte. Nama lammataa kanarraa addaan bahuun nama jalqabaatti yoo deebitee, namni jalqabaa kuni nikaah buusu lama qaba moo sadii qabaa? Dhimma kana ilaalchisee aalimman jidduu kilaafa (garaagarummaa yaadatu) jira. Gariin isaanii “nikaah buusu lama qaba ykn lakkofsi nikaah buusu ni hir’ata duraan kan nikaah irraa buuse yoo ta’e” jedhu. Gariin isaanii immoo nama biraatti waan heerumteef akka niiti haarawatti gara isaatti deebiti. Kanaafu, namni jalqabaa nikaah buusu sadii qaba jedhu. 

Addaan Bahiinsi Xiqqaa fi Guddaan kana fakkaata. Namni niiti ofii si’a tokko ykn lama erga hiike booda deebifachu yoo barbaade, iddaa xumuruun dura deebifachuu danda’a. Ta’uu baannaan haala gaariin ishii gadi furuu qaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Yeroo dubartoota hiiktanii beellama isaanii gahan, haala gaariin isaan qabadhaa yookiin haala gaariin isaan gaggeessaa. Rakkisuudhaan daangaa isaaniitti darbuuf isaan hin qabatinaa. Namni san hojjatu dhugumatti lubbuu ofii miidhee jira. Keeyyattoota Rabbiis qishnaa hin taasifatinaa. Qananii Rabbii isin irra jiruu fi Kitaaba fi hikmaa irraa wanta isin irratti buusee ittiin isin gorsu yaadadhaa. Rabbiin sodhaadhaa. Rabbiin waan hundaa beekaa akka ta’es beekaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:231

Yeroo tokkoffaaf ykn lamaffaaf dubartoota hiiktanii iddaa isaanii xumuruutti yommuu dhiyaatan, takkaa haala gaariin isaan qabadhaa takkaa immoo isaan gadi furaa. Haala gaariin isaan qabachuun haqaa fi mirga isaanii eeguu fi bahuudha. Haala gaariin isaan gaggeessuun immoo isaan rakkisuu fi dararuuf niyyachuu dhiisudha. Kanaafi itti aanse ni jedhe, “Rakkisuudhaan daangaa isaaniitti darbuuf isaan hin qabatinaa.” Kana ilaalchise Abdullah Ibn Abbaas ni jedha, “Namtichi niiti isaa nikaah irraa buusa. Yommuu iddaan dhumatutti dhiyaatu, rakkisuu fi nama biraatti akka hin heerumneef ishii ni deebisa. Ergasii ishii ni hiika. Ammas, ishiin yeroo turtii ni lakkaawwatti. Yommuu iddaan ishii dhumuuf ka’uu, iddaan ishii akka itti dheeratuuf innis ishii hiika. Rabbiin kanarraa ni dhoowwe. Nama kana hojjatuuf adabbii waadaa galeef.”  Ishii rakkisuun bifa biraatiniis ta’uu danda’a. “Namni san hojjatu dhugumatti lubbuu ofii miidhee jira.” Kana jechuun namni niiti isaa dararuun daangaa irratti darbu, dhugumatti nafsee ofii adabbiif saaxilee jira. Sababni isaas, wanta Rabbiin dhoowwe hojjachuun adabbiif of saaxiluudha.

Keeyyattoota Rabbiis qishnaa hin taasifatinaa.” Kana jechuun murtiwwanii fi ajajoota Rabbiitti hin taphatinaa. Shari’aa Rabbii faallessuu fi itti buluu diduun qishna (baacoo) hin godhatinaa. Fakkeenyaf, namtichi niiti ofiitiin, “Nikaah sirraa buuse” jechuun ergasii “ani taphaaf akkas dubbadhe” yoo jedhe, kuni keeyyattota Rabbiitti taphachuudha. Akkasumas, niiti erga hiike booda ishii rakkisuu fi dararuuf deebisuun keeyyattota Rabbiitti taphachuudha.

Qananii Rabbii isin irra jiruu fi Kitaaba fi hikmaa irraa wanta isin irratti buusee ittiin isin gorsu yaadadhaa.” Qananiin Rabbiin isin irra jiruu: Islaamaa fi murtiwwan isiniif ibseedha. Kitaabni immoo Qur’aana. Hikmaan immoo sunnaah Nabiyyitii fi iccitii shari’aati. Wanta isin irratti buuse kanaan isin gorsa. Kana jechuun waan gaariitti isin ajaja, waan badaa irraa isin dhoowwa, badhaasa guddaan isin abdachiisa, adabbii guddaas isin akeekachiisa. Kanaafu, waan Inni itti ajaje hojjachuu fi waan Inni dhoowwe irraa fagaachuun “Rabbiin sodhaadhaa.” “Rabbiin waan hundaa beekaa akka ta’es beekaa” Wanta isin hojjattan hundaa xiqqaa fi guddaa, dhokataa fi ifa ni beeka. Murtiiwwanii fi ajajoonni Isaa murtiwwanii fi ajajoota hunda caalaa gaarii kan isiniif ta’aniidha. Sababni isaas, Inni waan isin fayyaduu fi miidhu hundaa waan beekuuf murtiwwanii fi ajajoota kanniin isiniif kaa’e. Kanaafu, akka salphaatti hin ilaalinaa.

Guduunfaa 
➦ Namni yeroo tokkoffaaf ykn lamaffaaf niiti isaa hiikun iddaan ishii xumuramuun dura nikaah fi mahrii haarawa osoo hin kenniiniif ishii deebifachuu danda’a. Nikaah buusun akkanaa nikaah buusu deebifachuu danda’an (ax-Xalaaqu raj’iyy) jedhama.
➦ Niiti isaa yeroo tokkoffaaf ykn lamaffaaf hiikun iddaan yoo xumurame, isaa fi ishiin addaan bahu. Kuni “Addaan bahiinsa xiqqaa” jedhama. Inni ishii deebifachuu yoo barbaade, nikaaha haarawaa hidhachuu fi mahrii haarawaa kennuufi qaba.
➦ Niiti yeroo sadaffaaf yoo hiike, guutumaan guututti isarraa addaan baati. Kuni “Addaan bahiinsa guddaa” jedhama. Ishii deebifachuu yoo barbaade, ishiin nama biraatti heerumu qabdi. Nama san irraa yoo addaan baatee fi iddaa ishii erga xumurtee booda, dhiirsi jalqabaa nikaah fi mahrii haarawaan ishii deebifachuu danda’a.

Kitaabban Wabii
al-Fiqhul Waadih – Jiildi 2-fuula 115-116, Dr.Muhammad Bakr Ismaa’il
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3 -fuula 274-279, Abu Maalik
Tafsiir Sa’diyy-fuula 103-104, Tafsiir ibn Kasiir-2/195-197 fi Tafsiirota biroo

Nikaah Buusu-Lakk.4
Nikaah Buusu-Lakk.3.1
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply