Uumama Namaatti Xinxallu-Kutaa 7

Namni jireenya keessatti sodaa fi gaddi akka isarraa deemu barbaada. Hanga fedhe qabeenyaa haa qabaatu, sadarka guddaa irraa haa jiraatu, imaanni qalbii keessa yoo hin jiraatin, gara hundaan sodaa fi gaddi isa haguuga. Qabeenyi isa jalaa yoo bade, garmalee gadda. Qabeenya yommuu argatu immoo na jalaa fudhatama ykn bada jechuun garmalee sodaata. Tasgabbii qalbii hin qabu. Kanaafu, namni akkamitti sodaa fi gadda kana ofirraa oofuun tasgabbii qalbii argachuu danda’a? Qabeenya yommuu dhabuu ni gadda, yoo argatuu immoo ni sodaata. Kanaafu, qabeenyi sodaa fi gadda isarraa oofu danda’aa? Dhugumatti qabeenyi qofti gaddaa fi sodaa oofuu hin danda’u. Furtuun sodaa fi gadda ofirraa ittiin oofan Rabbii olta’aatti amanuu fi Isaaf ajajamuudha. Kanaan alatti gonkumaa furmaanni biraa hin argamu. Qur’aana keessatti, “Isaannan amananii, iimaana isaanii zulmiin walitti hin makin isaaniif tasgabbiitu jira. Isaanis qajeelfamoodha.” Suuraa Al-An’aam, Ayah 82

Kanaafu, namni sodaa fi gaddi isarraa akka deemu barbaadu, iimaana isaa dabalachuu fi zulmii irraa of eeguuf carraaqu qaba. Zulmiin (miidhaan) guddaan kufrii fi shirkii (Rabbiin waliin waan biraa gabbaruudha). Itti aanse badiiwwan gurguddoon haqa Rabbii fi haqa namootatiin wal qabatan zulmii (miidhaa)dha. Namni yommuu wanta Rabbiin isarratti dirqama godhe dhiisu ykn wanta Inni dhoowwe hojjatu, nafsee ofii miidha (zolloma). Sababni isaas, adabbii guddaaf of saaxila. Ammas namoota irratti yommu daangaa darbuu isaanii fi nafsee ofii miidha. Kanaafu, tasgabbii fi qajeelfamni namaa hamma iimaana inni qabuu fi hangam zulmii irraa akka fagaate irratti hundaa’a. Namni iimaanni isaa guutuu ta’ee fi zulmii irraa guutumaan guututti fagaate, tasgabbii fi qajeelfamni isaa guutu ta’a. Namni iimaanni isaa hanquu ta’ee fi zulmii irraa guutumaan guututti hin fagaanne immoo tasgabbii fi qajeelfamni isaa akkasuma hanquu ta’a. Karaan iimaana ofii itti dabalatan uumama ofii irratti xinxalluudha. Kutaa darbe irraa itti fufuun uumama keenyatti haa xinxallinuu:

Mee amma gara keetti deebi’i. Irra deddeebi’uu uumama keetitti xinxalli, akkana gochuun kee si gahaatii. Kutaalee qaama keetii fi kaayyoo fi hojii kamiif akka oolan hubadhu. Harki lamaan qabuuf, fudhachuuf, kennuuf, loluu fi ofirraa ittiisuuf oola. Lukni lamaan qaama baadhachuuf, fiiguf, yaabbachuu fi gadi dhaabbachuuf oolan. Ijji lamaan itti qajeeluuf, bareedinnaaf, wantoota samii fi dachii keessa jiran ittiin ilaaluuf oolti. Afaanis nyaachuu fi dubbiif oola. Funyaanis hargansuu fi xurii sammuu irraa dhufu baasuf fayyada. Arrabnis waa ibsuu fi sirraa hiikuf (tarjumaanaaf) oola. Gurri abbaa oduu gara kee sitti fiduudha. Arrabni ergamaa odefanno sirraa fuudhun gara alaa dabarsuu yommuu ta’u, gurri immoo ergamaa odeefannoo alaa fuudhee gara keetti dabarsuudha.

Garaachi kuusaa nyaanni keessa turuudha. Garaachi fi mar’imaan nyaata kana daran ni bilcheessu, ni daaku. Nyaata ati bilcheessitee fi fooyyessitee itti galchite caalaa bilcheessanii fi fooyyessanii gara qaamatti raabsu. Hoo’insi isaan keessa jiru hoo’insa akka ibiddaati. Garuu kuni hundi sitti hin dhagahamu, bakka dhokataa fi si hin miine Rabbiin kee waan kaa’ef. 

Tiruu dhinbiibduu fi nyaata hundarra qulqulluu fi laafaa ta’e akka xuuxxu godhe. Ergasii ishii irraa karaalee fi bo’oowwan nyaata kana gara kutaalee qaamaa hundaatti ittiin dhiibu taasise. Foddaa fi balbala wanta si fayyadu ittiin fudhattuu fi wanta si miidhu ittiin baastu siif godhe. Ujumoowwan garagaraa kuusaaf oolan siif godhe. Gariin isaanii kuusaa nyaatati, gariin isaanii kuusaa dhiigaati. Wanti isaan kuusan kuni hundi akka walitti hin makamne tartiiba isaan qabsiise. Qaraxiixiin hadhooftu qaraxixii fincaani irraa adda. Hundi isaanitu walitti hin makaman.

Yommuu nyaanni garaacha gahuun achi keessa qubatu mee wanta adeemsifamu ilaali. Nyaanni yeroo muraasaaf garaacha keessa ni tura. Garaachi daran bulleessun gara mar’imaa qal’aatti dabarsa. Mar’imaan qal’aniis karaa ujumoolee xixxiqooleetiin gara tiruu dabarsa. tiruunis wanta gara ishiitti gahe dhinbibuun gara kutaalee qaamatti raabsiti.

Kana hunda kan akkana godhe, sirreessuu fi too’atu eenyuu? Namni miskiinni akkana jechuu danda’a, “Kuni hundi hojii uumamaati (nature). Uumama keessa ajaa’ibaa fi iccitii baay’etu jira.” Nama mormaa akkanaati akkana jenna, “Osoo Rabbiin si qajeelche silaa ofiin of gaafachuun akkana jetta: “Waa’ee uumama kanaa mee natti himi? Uumamni kuni beekumsaa fi dandeetti qabaachuun ofiin dhaabbachuu fi wantoota ajaa’ibaa kana hojjachuu danda’aa? Yookiin kana yoo hin ta’in, uumamni wanta hin mul’annee fi amala mataa isaa qabaachuun wanta uumame kan hordofuu fi isa keessatti baadhatamuudhaa?

Yoo nafseen tee, “Zaata ofiin dhaabbatu, beekumsa, dandeetti, fedhii fi ogummaa guutuu kan qabuudha.” yoo jette, akkana jedhiin “Zaatni sifaata (amaloota) kanniin qabu Khaaliqa wanta hundaa uumee fi suuraa wantoota kanniinii tolcheedha. Kanaafu maliif uumama jettaan? “Kuni uumamaan akkana ta’e” warra jedhan dagadhu. Gara Rabbii deebi’uun wanta Inni ittiin of waame fi ibseen waami. Yoo akkana goote warroota gamnaa fi gammachuu argatan keessaa taata. Sifaata (amaloota) Rabbii maaliif uumamaaf gootaa?”

Nafseen tee, “Uumamni wanta hin mul’annee fi baadhatamaa wanta isa baadhatu barbaaduudha. Beekumsa, dandeetti fi fedhii isarraa ta’e osoo hin jiraatin kuni hundi hojii uumamaati. Bu’aa isatirraa wanti mul’ate mul’ate.” Yoo jette, atis akkana jedhiin, “Kuni wanta namni sammuu qabuu hin mirkaneessineedha. Wanta beekumsa, fedhii fi dandeetti hin qabne irraa akkamitti hojiiwwanii fi ogummaan ajaa’ibaa sammuun namaa guutumatti beeku dadhabe kuni argamuu danda’aa? Nama maraataa ykn horii malee namni sammuu qabu kana ni mirkaneessaa?” (Wanta beekumsa, dandeetti fi fedhii hin qabne irraa wantoonni ajaa’iba kunniin ni argamuu?)

Ammas itti dabaliif, “Wanti jettee osoo dhugaa ta’ee, wanti ofiin hin dhaabbannee fi wanta biraatiin baadhatamu kuni ofiin of uumuu fi jalqabuu hin danda’u. Kanaafu, Gooftaan isaa, Uumaa fi Argamsiisaan eenyu? Kana hunda akka hojjatu eenyutu taasisee?”

Ragaan kuni ragaa cimaa Uumaan uumamtoota hunda uume jiraachuu, dandeettiin, beekumsi fi ogummaan Isaa guutu ta’uu agarsiisuudha. Gareen “kuni uumama” jechuun Rabbitti amanuu didan, wanta sammuu fi uumamni akeeku diiguu fi faallessuu malee Rabbitti, sifaata fi hojii Isaatti amanuu diduun wanti argatan hin jiru. Inuma yommuu isaan sammuu ofii faallessuun Rabbitti amanuu didan jireenya dararaa fi gammachuu hin qabne jiraatu.

Osoo gara sammuu deebitee akkana jettee, “Ogummaan uumamtoota keessatti mul’atu gonkumaa argamuu hin danda’u, ogeessa, danda’aa fi beekaa kan ta’e irraa malee. Too’annaan sirna qabatee kuni hojjataa, danda’aa, filataa fi wanta barbaadu kan beeku irraa malee gonkumaa ofiin argamuu hin danda’u. Aduu fi jiiyni sirna isaanii qabatanii orbiiti isaanii irra deemu. Hanga Guyyaa Qiyaamatti gonkumaa hin daban. Eenyutu akkanatti isaan too’ataa?

Wantoota hunda akkanatti kan uume, too’atuu fi jiraachisuu Uumaa Tokkicha Isa malee haqaan kan gabbaramu akka hin jirre erga siif mirkanaa’e, “kuni uumamaan akkana ta’e” jechuu dhiisiti, kan kana hunda uumu “Allah, Uumaa waan hundaa uume” jedhi.  Maaltu siif jiraayyi sifaata (amaloota) Rabbiitti amanuu diddaa, hojii Isaa wanta biraatti maxxansitaa? Wanta Inni uumee fi hojjate “kanatu akkana godhe” ykn “ofiin akkana ta’ee” jettaa?

Hiika uumama

Osoo jecha “uumama” jedhu irratti xinxallite, hiikni isaa gara Khaaliqaatti si qajeelcha. Jechi uumama jedhu, jecha wanti tokko wanta biraatin uumame ykn hojjatame agarsiisa. Uumama jechuun kan wanti biraa isa uume jechuudha. Jechoota akkanaatin “Maqaa irratti raawwatamaa (passive participle)-إسْمُ المَفْعُولِ ” jennaan. Jecha kanaan kan wal fakkaatan, “Hojjatamaa, ajjeefamaa, hatamaa, oomishamaa fi kkf.” Jechoonni akkana wanti biraa isaan hojjachuu fi raawwachu agarsiisu. Fakkeenyaf, “Nuti nama ajjeefamaa karaa irratti argine” yommuu jennu, “namni kuni ofiin hin duune, namatu isa ajjeese” jechuu keenya. Haaluma kanaan “kuni uumama” yommuu jennu, “Ofiin of hin uumne, Kan isa uumetu jira.” Jechuu keenya. Samii fi dachiin, ilmi namaa, beelladoonni, bineensonni, biqiloonni fi uumamtoonni biroo uumamtoota yommuu jennu, Kan isaan uumetu jira jechuu keenya. Jechi uumama jedhu wanta biraatiin hojjatamu waan agarsiisuuf ofiin of uumuu gonkumaa hin danda’an. Kanaafu, Kan isaan uume eenyuu? Deebiin keenya,“Rabbii” Guddaadha jechuu malee kan biraa ta’uu danda’aa? Namni uumamaa waan ta’eef ofiin of uumuu danda’aa? Namni tokko nama biraa uumuu danda’aa? Ilmi namaa nama guutuu uumuu dhiisitii, seeli xiqqoo lubbuu qabdu uumuu hin dandeenye. Kanaafu, Khaaliqa Guddaa, Ogeessa, Beekaa fi Danda’aa ta’eetu wantoota kanniin hundaa uume. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbiidha, Kan samii fi dachii guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti [olta’iinsa Isaaf maluu] ol ta’eedha. Ariitiin kan isa barbaadu ta’ee guyyaa halkaniin haguuga. Aduu, ji’a fi urjiilees kan ajaja Isaatiin laafiffaman ta’anii [isaan uume]. Dhagayaa! Uumuunii fi ajajni kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun Isaa baay’atte.” Suuratu Al-A’araaf 7:54

Samii fi dachii Guyyaa jaha keessatti kan uumee Gooftaa keessan Rabbiidha. Ergasii Arshii irratti olta’iinsa Isaaf malu olta’e. Arshiin uumama guddaa samii torbanii ol jiruu fi guddinnaa fi bal’innaan samii fi dachii kan caaludha. “Ariitiin kan isa barbaadu ta’ee”  Kana jechuun akkuma halkan dhufuun guyyaan darba, akkuma guyyaan dhufuun halkan darba. “Guyyaa halkaniin haguuga” Guyyaan darbuun halkan dhufee dukkana isaatiin wanta dachii irra jiru haguuga. Ilmi namaatii fi lubbu-qabeenyin biroo gara mana isaanii dacha’uun ifaaje fi sochii irraa tasgabbaa’u.

Aduu, ji’a fi urjiilees kan ajaja Isaatiin laafiffaman ta’anii [isaan uume].” Kana jechuun aduu, ji’aa fi urjiilee ajaja Isaatiin kan laaffifaman ta’anii hojii fi dirqama isaanii akka bahaniif uume. Taskhiir (laafiffamuu) jechuun wanta tokko ajajamaa fi masakamaa gochuudha. Tarii ajajamuun (masakamuun) humnaan ta’uu danda’a. fakkeenyaf beelladoonni namaaf ajajamuu fi masakamu. Ajajamuun humnatti osoo hin fayyadaminis fedhiin ta’uu danda’a. Fkn, namni tokko nama biraatiif ajajamu.

Akkuma beekkamu aduun sochii ishiitii fi dachiif ifa tamsaasu keessatti ajajamtuu fi masakamtu taatee hojjatti. Aduun too’anna tokko malee kan akkanumatti deemtu osoo hin ta’in kan ishii ajajuu fi qajeelchutu jira. Haaluma kanaan jiiynis ajajamaa fi masakamaadha. Urjiileenis halkan ifuun guyyaa samii irraa baduun ajajamoo fi too’atamoo akka ta’an mul’isa. Kunniin sifaanni (amaloonni) Rabbii guutuu akka ta’an agarsiisu. Uumamtoota gurguddaa kanniin uumuun Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aa akka ta’e agarsiisa. Aduun guddinnaan dachii akka caaltu kan beekkameedha. Garuu garmalee waan fagaatteef xiqqoo fakkaatti. Uumamtoota kanniin keessa tartiibni fi sirni jiraachuun Ogummaan Isaa guutuu akka ta’e agarsiisa. Faaydaan baay’een namootaf isaan keessa jiraachuun bal’inna rahmata Isaa agarsiisa.

“Dhagayaa! Uumuunii fi ajajni kan Isaati.” Uumamtoota hundaa kan uumee fi argamsiise Isa. Wantoota hundaa kan uume Rabbiin erga ta’ee, ajajnis kan Isaa ta’uu qaba. Samii fi dachii, namoota fi jinni kan uumee, jiraachisu fi too’atu Isa. Kanaafu, Inni Mootii isaaniiti. Mootii jechuun immoo wanta tokkotti kan ajaju, kan dhoowwu, nama gaarii hojjateef mindaa kan kennuu fi nama badii hojjate kan adabuudha. “Dhagayaa!” yommuu jedhu dhimmi cimaa fi sodaachisaan duubaan akka jiru fi namoonni xiyyeefannoo itti kennuu akka qaban agarsiisa[1] Kanaafu, wanti badaan isaanitti dhufuun dura Rabbii Gooftaa fi Mootii isaanii ta’eef ajajamu qabu. Sababni isaas, Rabbiin Gooftaa isaanii waan ta’eef kan Isaan uume, nyaachisu, obaasu fi qananii adda addaa isaaniif kennuudha. Inni Mootii waan ta’eef isaan ni ajaja, ni dhoowwa, nama waan gaarii hojjate ni badhaasa, nama badii hojjate immoo ni adaba.

Guduunfaa
➦ Wanti duraan hin jirre tokko ofiin of uumuu hin danda’u. Sababni isaas, beekumsa, dandeetti fi fedhii hin qabu. Wanti beekumsa, fedhii fi dandeetti hin qabne akkamitti ofiin of uumuu danda’aa?
➦ Jechi uumama jedhu wanti tokko isa uumu waan agarsiisuuf, uumamtoota kanniin hunda Kan Uume Rabbii Ogeessa, Beekaa fi waan hundaa irratti Danda’aa ta’eedha.
➦ Uumamtoonni akka samii, dachii fi wantoonni isaan keessa jiran garmalee guddachuun, tartiibaa fi sirna qabachuun, ajajamuu fi masakamuun, Tokkichummaa Rabbii fi Ogummaan, beekumsi fi dandeettin Isaa guutuu ta’uu agarsiisu.


Kitaabban wabii
Miftaahu Daaru sa’aadah-fuula 741-746, Imaamu ibn Al-Qayyiim  
Men and The Universe-hiika boqonnaa muraasaa kitaaba armaan olii-fuula 61-64
[1] Ma’aariju at-tafakkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi  4/284-293, Abdurahman Habanka 
Tafsiir Sa’diyy-fuula 327-328

Print Friendly, PDF & Email
Rabbitti Amane-Kutaa 1ffaa
Uumama Namaatti Xinxallu-Kutaa 6

Leave a Reply