Nikaah Buusu-Lakk.4

Offline dubbisuf

Jireenya keessatti wantoota gurguddaa garmalee nama gaddisisaan keessaa tokko abbaan manaati fi haati manaa wal hiikudha. Yommuu wal hiikan rakkoon baay’een ni dhalata. Ijoollen ni bittinnaa’u, dubartiin ni rakkatti, dhiirris jireenya gammachuu hin qabne jiraata. Kanaafu, wal hiikun wantuma akka salphaatti ilaallamu ta’uu hin qabu. Dhiirri yommuu dallanu, nikaah buusuuf arraba isaa dheerresu irraa of qusachuu qaba. Eeti, garmalee itti yaade fi tooftaan rakkoo isaa fi niiti isaa jidduu jiru itti furan yoo dhabame, yoosan gara nikaah buusutti tarkaanfachu danda’a. Dubartiinis yommuu dallantu, “nikaah narraa buusi” jechuun itti iyyuu hin qabdu. Yoo akkana goote boodarra garmalee gaabbiti. Kanaafu, nikaah buusun akka filannoo fi furmaata dhumaatti ilaallamu qabaa malee akka filannoo fi furmaata jalqabaatti ilaallamu hin qabu. Nikaah buusun furmaata dhumaa erga ta’e, adeemsa qaba.

Kutaa darbe keessatti nikaah buusu deebifamuu danda’uu fi addaan bahiinsa ilaalle turre. Yaadachisaaf, nikaah buusu deebifamu danda’u jechuun dhiirri niiti isaa yeroo tokkoffaaf ykn lamaffaaf yoo hiike, iddaan (yeroon turtii) ishii xumuramuun dura nikaah haarawa osoo hin godhin deebifachuu kan danda’udha. Addaan bahiinsa yommuu jennu immoo sababa iddaan dhumateen ykn sababa biraatin hariiroon niiti fi dhiirsa jidduu jiruu guutumaan guututti cituudha. Yeroo sadaffaaf yoo hin hiikin dubartii guutumatti addaan bahan deebifachu yoo barbaade, nikaah haarawa hidhachuu fi mahrii haarawa kennuufi qaba. Yeroo sadaffaaf yoo hiike immoo ishiin nama biraatti heerumu qabdi. Erga nama san irraa addaan baate, inni haala haarawaan ishii fuudhu danda’a. Har’as itti fufuun nikaah buusu gosa biraa ilaalla:
Jechoota ijoo:
Iddaa jechuun dubartiin takka erga hiikkamte ykn dhiirsi irraa du’ee booda yeroo turtii ishiin turtuudha.
Heeydi-laguu
Sunnaah-karaa Nabiyyii (SAW)
Bid’aa-wanta haarawa amantii keessatti uumamee ykn wanta sunnaah Nabiyyii (SAW) faalleessu

Nikaah Buusu Sunnaah fi Bid’aa
Akkaataa nikeenyi itti bu’u irratti hundaa’e nikaah buusun bakka lamatti qoodama: Nikaah buusu Sunnah fi bid’a.

1-Nikaah buusu sunnaah
Nikaah buusu sunnaah jechuun nikaah buusu shari’aa waliin deemu fi akkaata shari’aan hayyamuun kan raawwatamuudha. Nikaah buusu sunnaah yommuu jedhamu nikaah buusun jaallatamaadha jechuu osoo hin ta’in akkaata shari’aan hayyameen kan bu’uudha. Shari’aan yeroo fi lakkoofsa nikaaha itti buusun haala kanaan hayyama:

Tokkoffaa- Dubartiin tan heeydi argituu fi waliin jiraatan yoo taate, heeydi irraa erga qulqullooftee fi qulqullumma kana keessatti kan ishii waliin qunnamtii hin raawwanne taate nikaah irraa buusu qaba. Kanaafu, dubartii heeydi argituu fi waliin jiraatan yoo taate, nikaah buusun sunnaah kan ta’u ulaagalee (sharxiwwan) kanniin guutuu qaba:

1-Qulqullummaa ishii keessatti hiiku. Osoo ishiin marsaa laguu ykn nifaasa keessa jirtuu nikaah irraa buusu hin qabu. Nifaasa jechuun da’uumsa booda hanga guyyaa afurtama yeroo dubartiin itti turtuudha. Kanaafu, dhiirri niiti isaa irraa nikaah buusu yoo barbaade, hanga ishiin laguu ykn nifaasa irraa qulqullooftu eegu qaba.

2– Ishii hiikun duran qulqullummaa ishii kana keessatti wal-qunnamti saalaa raawwachu dhiisu– Ishiin heeydi (laguu) irraa erga qulqulloofte booda wal-qunnamti saalaa ishii waliin raawwachuun ergasii nikaah irraa buusu hin qabu. Kanaafu, dhiirri niiti isaa irraa nikaah buusu yoo barbaade, hanga ishiin heeydi ykn nifaasa irraa qulqullooftu eegu qaba.San booda erga ishiin qulqullooftee booda qunnamti saalaa ishii waliin raawwachuun dura, “Nikaah sirraa buuse” jechuuni danda’a. Ragaaleen kanaa kana fakkaatu. Rabbiin Olta’aan ni jedha:

“Yaa Nabiyyicha! Yeroo dubartoota hiiktan, iddaa isaaniitiin isaan hiikaa, iddaas lakkaa’aa. Rabbii Gooftaa keessan ta’es sodaadhaa. Yoo gocha fokkataa ifa ta’een dhufan malee manneen isaanii keessaa isaan hin baasinaa; isaaniis akka hin baane. Sun daangaawwan Rabbiiti. Namni daangaawwan Rabbii darbe, dhugumatti inni lubbuu ofii miidhee jira.Yoo tasa Rabbiin san booda dhimma haarawa uume hin beektu.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:1

Sababa amansiisaa ta’een dubartoota hiiku yommuu barbaaddan, iddaa isaaniitiin isaan hiikaa. Kana jechuun ishiin laguu irraa qulqulluu fi kan dhiirsi ishii hin qunnamne taatee osoo jirtuu ishii hiikaa. Namni niiti isaa irraa nikaah buusu yoo barbaade, heeydi irraa ishiin qulqulluu ta’uu ni mirkaneefata. Ergasii inni ishii waliin qunnamti saalaa hin raawwatu. San booda nikaah ishii irraa ni buusa. Ergasii iddaa (yeroo turtii) ishii ni lakkaawwatti.  

Abdullah ibn Umar ni jedha, “Gadaa Rasuulaa (SAW) ani haadha manaa tiyya osoo ishiin heeydi (marsaa laguu) keessa jirtuu hiike. Waa’ee kanaa ilaalchisee [abbaan kiyya] Umar, Nabiyyii (SAW) itti hime. Nabiyyiiniis (SAW) Umariin ni jedhan, “Akka ishii deebisuu isa ajaji. Hanga ishiin qulqullooftu haa dhiisu. Ergasii heeydi biraa haa argituu. Yeroo ishiin qulqulloofte, ishii waliin qunnamti raawwachuun dura ishii haa hiiku yookiin ishii haa qabatu. Suni iddaa Rabbiin dubartiin akka itti hiikkamtu ajajeedha.”Sahiih Muslim 1471, Sahiih Al-Bukhaari 5252

Heeydi lammataatiif eeguun jaallatamaadha, dirqamaa miti. “Namni osoo niitin isaa heeydi keessa jirtuu nikaah yoo irraa buuse, hiikkaan kuni hojii irra ni oola moo hin oolu?” gaafi jedhu ilaalchisee aalimman (hayyoota Islaamaa) jidduu garaagarummaa ilaalchaatu jira. Harki caalaan aalimmanii “Hojii irra ni oola. kana jechuun ishiin ni hiikkamti.” jedhu. Kan hafan immoo “Hojii irra hin oolu. Heeydi irraa erga qulqulloofte booda nikaah irraa buusu qaba.” jedhu. Garuu gareen lamaanu, yeroo heeydi nikaah buusun haraama akka ta’e irratti wali galu. Kanaafu, namni yeroo dubartiin heeydi keessa jirtu nikaah irraa buusu irraa of eeggachu qaba.

Lamaffaa– Dubartii nikaah hidhatee yoo ishiitti hin seenin, kana jechuun qunnamti saalaa yoo hin raawwatin, yeroo heeydi yoo nikaah irraa buuse homaa rakkoo hin qabu. Yeroo fedhetti nikaah irraa buusu danda’a. sababni isaas, iddaan ishiin lakkaawwattu hin jiru. Ragaan kanaa, Qur’aana keessatti:
Yaa warra amantan! Yeroo dubartoota mu’minaa fuutanii sana booda osoo qunnamtii hin raawwatin isaan hiiktan, iddaan (yeroon turtii) isin isaan irratti lakkaawwattan isiniif hin jiru. Isaan qananiisaa, gadi dhiisuu bareedaas isaan gadi dhiisaa.” Suuratu Al-Ahzaab 33:49

SadaffaaHaaluma kanaan dubartii heeydi hin argine, tan akka dubartii guddoo marsaan laguu dhaabbate, yeroo fedhe hiiku danda’a. Sababni isaas, dubartoonni akkanaa iddaa isaanii heeydin kan lakkaawatan osoo hin ta’in ji’aan lakkaawatu. Iddaan dubarti heeydi hin arginee ykn dhaabdee ji’a sadii. Yommuu jechi nikaah buusu dubbatamu, guyyaa san irraa jalqabe jiiyni sadii ni lakkaawama.

Afraffaa-Dubartii ulfaa ulfi ishii beekkames yeroo fedhetti hiiku danda’a. Ulfi ishii ifa waan ta’eef wanti irraa shakkamu hin jiru. Yeroo fedhetti jecha nikaah buusu ni dubbata. Ergasii iddaan ishii hanga deessu ta’a. Iddaan ishii hanga deessu waan ta’eef dhiirsi manaa ishii baasu hin qabu. Aayah armaan oli suuratu xalaaq ilaali.

Lakkoofsa Nikaah Buusu
Akka nikaah buusu sunnaatti namni yommuu niiti isaa hiiku, si’a tokko jecha nikaah buusu dubbachuu qaba. Yeroo tokkotti si’a sadii jecha nikaah buusu dubbachuun wanta sunnaah faallessudha. Fkn, yeroo tokko fi taa’umsa tokko keessatti si’a sadii “Nikaah sirraa buuse, nikaah sirraa buuse, nikaah sirraa buuse” jechuu hin qabu. Kana irra, si’a tokko nikaah sirraa buuse jechuun ergasii cal’isuu qaba.

Nikaah Buusu Bid’aa
Nikaah buusun bid’aa wanta shari’aa faallessuudha. Kunis karaa sadiin ta’a. 1ffaa- dubartii itti seenanii fi waliin jiraatan tan heeydi argituu yoo taate, osoo ishiin heeydi keessa jirtuu hiiku. 2ffaa-Erga ishiin qulqulloofte booda ishii waliin qunnamti saalaa raawwachuun ergasii nikaah irraa buusu. 3ffaa- Yeroo fi taa’umsa tokko keessatti si’a sadii nikaah buusu. Fakkeenyaf, akkana jechuu: “Nikaah sirraa buuse, nikaah sirraa buuse, nikaah sirraa buuse” ykn, “ati si’a sadii hiikkamte.” Haalonni armaan olii sadan kunniin wanta dhoowwamanii fi namni kana hojjatu cubbuu (dilii) hojjataa jira.

Maaliif Heeydi keessa Nikaah Buusun Dhoowwamee?
Sababni heeydi keessa nikaah buusun itti dhoowwameef haala kanaan ibsuun ni danda’ama:
Yeroo heeydi haalli abbaan manaati fi haati manaa ni jiijirama. Walitti dhiyeenyi fi wal jaalalli isaan yeroo dubartiin qulqulluu taatu fi yeroo ishiin heeydi keessa jirtu wal qixaa miti. Heeydin azaa (rakkisaa) waan ta’eef yeroo san keessatti dhimmootatti yaadu fi madaalun yeroo dubartiin qulqulluu itti taatu caalaa ni ulfaata.

Dhiirri wanta yeroo qulqullummaa dubartii irraa argatu yeroo heeydi hin argatu. Sababa kanaan, ishii dhiisu fi gara ishii hiikutti tarkaanfachuu danda’a.

Dubartiin immoo sababa heeyditiin bakka dhiigaa waliin waan koo’omtuuf yeroo baay’ee gara abbaa manaa dhiyaachu hin barbaaddu. Heeydin haala dhibee amalli dubartii itti jijjiramuun jechoonni fi hojiiwwan badaan abbaa manaa ishii dallansiisuu irraa argamuu kan danda’aniidha. Sababa kanaan, inni ishii hiikuuf tarkaanafachu danda’a. Heeydin azaa (rakkisaa) waan ta’eef dubartii ni dhukkubsa, ni rakkisa. Sababa kanaan amalli ishii jijjiramuun wanti badaan irraa mul’achuu danda’a, yaadota madaalun itti ulfaata.
Sababoota kanniin irraa kan ka’ee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo heeydi dubartii nikaah irraa buusu haraama godhe.

Sababni biraa yeroo heeydi nikaah buusun dhoowwameef, yeroon iddaa akka hin dheeranne taasisuun dubartii irraa zulmii (miidhaa) kaasufi. Sababni isaas, yeroo heeydi yoo hiikkamte, heeydi itti hiikkamte kana akka iddaatti hin lakkaawwattu. Heeydi itti aanu sadii lakkaawwachu qabdi. Kuni immoo yeroo iddaa marsaa laguu sadii osoo hin ta’in afur taasisa. Kuni ajaja Rabbii faallessuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa iddaa dubartii heeydi argitu marsaa sadii taasise. Dubartiin heeydi irraa qulqulluu taate yoo hiikkamte, iddaan ishii marsaa sadii ta’a. Garuu heeydi keessa yoo taatee hiikkamte, marsaa afur ta’a. Kanaafi, heeydi keessa nikaah buusun dhoowwame.

Maaliif Yeroo Qulqullummaa lamaan isaanii qunnamti raawwattan keessa hiikun dhoowwamee?
A)-Osoo dhiiraaf yeroo dubartiin itti qulqullooftee san qunnamti ishii waliin erga raawwate booda akka hiiku hayyamameefi tarii isa irraa ilma ulfaa’u dandeessi. San booda inni garmalee gaabba, gadda. Sababa nikaah buusun isaan lamaan jidduutti diinummaa fi jibba uumeef ishii deebifachuu hin danda’u. Kanaafu, yeroo qulqullummaa ishii waliin qunnamti raawwatetti ishii hiiku dhiisun badii kana hundarra isa baraara.

B)-Yeroo baay’ee dhiirsaa fi niitin yeroo ishiin qulqullooftu, wal-qunnamuuf garmalee dharra’u. Sababa kanaan, ishii qunnamuuf nikaah buusu irraa ni deebi’a. Dubartiinis sossobuu fi miidhagsuu cimaan isa hawwisisuun yaada nikaah buusu harkaa buusu dandeessi. Sababa kanaan isaan lamaan jidduutti araaramni fi wal-ta’iinsi ni uumama.

C)-Haajaa ofii erga fixate ishii hiikun amanamumma, amala gaarii fi naamusa irraa miti. Nama tokko itti fayyadamaa baayanii yeroo haajaa ofii fixatan ari’uun amala gaarii irraayyi???

D)-Yeroo baay’ee dhiirsaa fi niitin fedhii foonii erga xumuratanii (qunnamti raawwatanii) booda lamaan isaanitu walirraa garagalu. Sababa kanaan, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala qunnamti booda nikaah buusu ni dhoowwe. Tarii osoo sababa wal-qunnamu dhiisaniin yaada nikaah buusu irraa deebi’uun walitti araaramuu fi waliin jiraachuu itti fufuu danda’u.

E)-Ammas yeroo qulqullummaa qunnamti itti raawwatan keessatti nikaah buusun, iddaa ishii dheeressa. Hamma Rabbiin ajaje caalaa iddaa dheeressuun immoo ajaja Isaa faallessuudha.
Dhugumatti kuni hundii seera haqummaa irratti gadi dhaabbatee fi rakkoo baay’ee hanbisuudha. Osoo jaarsaa fi jaartiin karaa kana hordofanii silaa wal hiikuun haala baay’ee dhiphaa ta’eetti ni gabaabbataa ture.

Kitaabban Wabii:
al-Fiqhul Waadih – Jiildi 2-fuula 108-110, Dr.Muhammad Bakr Ismaa’il
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3 -fuula 290-296, Abu Maalik

Nikaah Buusu-Lakk.5
Nikaah Buusu-Lakk.3.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply