Nikaah Buusu-Lakk.5

Offline dubbisuf

Gosoota xalaaqa osoo ilaallu kunoo as geenye jirra. Nikaah buusu bakka adda addaatti ramaduun salphatti waa’ee nikaah buusu akka hubatan nama gargaara. Gosoota xalaaqa (nikaah buusu) isa dhuma har’a ilaaluun ramaddi xalaaqa ni cufna. Gaafileen jalatti ni argamuu deebisuuf carraaqa
Nikaah Buusu ammatti raawwatame, yerootti maxxanfamee fi sharxiin wal qabate

1ffaa-Nikaah Buusu Ammatti raawwatamu (Ax-Xalaaqul Munajjiz)- jechi nikaah itti buusu takkaa ulaagaleen kan wal qabatee, takkaa immoo gara fuunduraan kan wal qabate takkaa immoo kan lamaan irraayyu bilisa kan ta’eedha. Nikaah buusun ulaagaa fi yeroo gara fuunduraa irraa bilisa ta’e, nikaah buusu ammatti raawwatame jedhama. Fakkeenyaf, niiti isaatiin, “Nikaah sirraa buuse” yoo jedheen, kuni nikaah buusu ammatti raawwatame (Ax-Xalaaqul Munajjiz) ta’a. Murtiin nikaah buusu akkanaa ammatti hojii irra ni oola yoo ulaagaalee nikaah buusu guute. Fkn, Niiti ulfa hin qabne isa jala jirtuun “Nikaah sirraa buuse” yoo jedhenii fi niitin isaa tuni heeydi irraa qulqulluu tan taate fi inni ishiin kan wal hin qunnamne yoo taate, ishiin ni hiikkamti. San booda iddaa lakkaawwachuu jalqabdi.

2ffaa-Nikaah buusu yeroo dhufuutti maxxanfame– yommuu yeroon suni dhufu nikaah buusuf niyyachuun nikaah buusu yeroon wal qabsiisudha. Fakkeenyaaf namtichi haadha manaa isaatiin, “ji’a dhufu jalqaba irratti ati hiikkamte. Ykn xumura halkanii irratti hiikkamte” jechuuni.

Murtiin nikaah buusu akkanaa ilaalchise hayyoota (aalimman) jidduu ilaalcha sadiitu jira.
1ffaa-yommuu yeroon suni dhufutti nikaah buusun hojii irra ni oola. Kuni ilaalcha Abu Ubeeyda, Is-haaq, Shaafi’ii, Ahmad, Daawud Zaahariyy fi hordoftoota isaaniiti.
2ffaa- Ammatti hojii irra ni oola. Kuni ilaalcha Ibn Musayyab, Abu Haniifa, Laysi fi Maalik
3ffaa– Ammattis ta’ee yommuu yeroon suni dhufuttis hojii irra hin oolu. Kuni ilaalcha Ibn Hazm.
Khilaafa (garaagarummaa yaadaa) keessaa bahuuf nikaah buusu yerootti maxxansuu irraa namni of eegu qaba.

3ffaa- Nikaah Buusu sharxiin wal-qabatee– kuni nikaah buusu hojii isaatiin ykn ishiitiin ykn nama biraatiin ykn wanta biraatiin wal qabsiisuudha. Fakkeenyaf, abbaan manaa niiti isaatiin, “Ati bakka akkanaa akkanaa yoo deemte, hiikkamte.”
Nikaah buusun akkanaa, takkaa wanta adeemsifame jiruutti maxxansuu takkaa immoo wanta gonkumaa ta’uu hin dandeenyetti maxxansuu takkaa immoo wanta ammatti hin jirre garuu gara fuunduraatti dhufutti qabsiisuudha.

-Nikaah buusu wanta ammatti adeemsifametti yoo maxxanse, nikaah buusun hojii irra oola. Fakkeenyaaf, osoo aduun baatee jirtu, “Aduun yommuu baatu ati hiikkamte” yoo jedheen kuni hojii irra oola. Kana jechuun ishiin ni hiikkamti.

-Wanta gonkumaa ta’uu hin dandeenyetti yoo maxxanse, nikaah buusun hojii irra hin oolu. Dubbiin isaa lagw (dubbii faaydi hin qabne) ta’a. Fkn, gaalli qaawwa lilmootiin yoo baate, ati hiikkamte. Kuni ta’uu waan hin dandeenyef, ishiin hin hiikkamtu.

-Wanta ammatti hin jirre ykn hin adeemsifamne garuu gara fuunduraatti kan adeemsifamu yoo ta’e[1], murtiin nikaah buusu akkanaa, namtichi nikaah buusu yoo niyyatee fi hojiin suni yoo hojjatame, nikaah buusun hojii irra ni oola. Fakkeenyaaf, Namtichi nikaah buusu niyyachuun “ati wanta akkanaa yoo hojjatte hiikkamte” niiti isaatiin yoo jedhee fi ergasii ishiin wanta san yoo hojjatte, ishiin ni hiikkamti.

Garuu namtichi nikaah buusu yoo hin niyyatinii fi jecha isaa saniin wanta gaarii irratti ishii jajjabeessuu ykn wanta badaa irraa ishii dhoowwuuf yoo ta’e, suni kakuu ta’a. Sharxiin (ulaagaan) inni kaa’e yoo hin guuttamin, homaa isarra hin jiran. Inni kakuu ilaalchisee wanti inni hojjatu hin jiru. Garuu sharxiin inni kaa’e yoo guuttame, inni kakuu waan diigeef kaffaaraa kafaluu qaba. Kaffaraa kakuu haala kanaan kafalan: Hiyyeeyi kudhan nyaachisuu yookiin isaan uwwisuu. Kana gochuu yoo dadhabe, guyyaa sadii sooma. (Ilaali suuratu Al-Maa’ida 89) (Kuni ilaalcha Sheeykhul Islaam ibn Taymiyyah akkuma Majmuu al-Fataawaa keessatti ibsee jiildi. 33, fuula- 44-46, 58-60 fi 64-66.)[2] fi barataa isaa ibn Al-Qayyim[3]

Gaafilee Nikaah Buusu

Gaafiwwan armaan gadii waa’ee nikaah buusu ilaalchisee hubannoo keessan cimsuuf kan qophaa’aniidha. Gaafi sirrii ta’ee deebisuuf carraaqa. Yoo isinitti ulfaate, barruulee nikaah buusu hanga ammaa ilaalle irra deebi’aa dubbisaa. Deebii deebisuuf filannoowwan kennaman keessaa deebii sirrii ta’e tuqaa. Fkn, deebiin “A” yoo ta’e, geengoo filannoo “A” duuba jirtu tuqaa. Ergasii xumura irratti “Galchi (Submit)” tuqa. San booda deebiin sirriin isiniif baha.

1. Walitti dhufeenya fuudhaa heerumaa guutumaan guututti ykn cinaa isaa addaan kutuun maal jedhamaa?

 
 
 
 

2. Kanneen armaan gadii keessaa nikaah buusun yeroo kam haraama ta’aa?

 
 
 
 

3. Kanneen armaan gadi keessaa kamtu sharxii (ulaagaa) nikaah buusu keessaa miti?

 
 
 
 

4. Haalota dallansuu armaan gadi keessaa haala kam keessatti nikaah buusun hojii irra hin oolle?

 
 
 
 

5. Jechoota nikaah ittiin buusan keessaa kamtu jecha ifaa fi fuulleeti?

 
 
 
 

6. Namni niiti isaa yeroo 1ffaaf ykn 2ffaaf nikaah irraa buusun iddaa ishii dhumatuun dura nikaah haarawa osoo hin godhiin deebifachu yoo danda’e, nikaah buusun akkana————

 
 
 
 

7. Namni niiti isaa irraa nikaah buusu deebifamu danda’u yoo buuse, ishii deebifachuuf maaltu barbaadamaa?

 
 
 
 

8. Niiti isaa yeroo tokkoffaaf ykn lamaffaaf hiikun iddaan yoo xumurame, isaa fi ishiin addaan bahu. Kuni …. jedhama.

 
 
 
 

9. Nikaah buusu deebifamuu danda’uu fi addaan bahiinsa ilaalchise kanneen armaan gadii keessaa kamtu dhugaadhaa?

 
 
 
 

10. Hanga ishiin nama biraatti heerumtutti malee yeroo meeqaffaaf yoo niiti ofii hiikan lammata fuudhun hin danda’amnee?

 
 
 
 


Kitaabban Wabii:
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3 -fuula 300-301, Abu Maalik
[1] al-Fiqhul Waadih – Jiildi 2-fuula 117, Dr.Muhammad Bakr Ismaa’il
[2] The Concise Presentation of the Fiqh of the Sunnah and the Noble Book- fuula 439
[3] Fiqhu sunnaah-jiildi 2, fuula 346, Sayyid Saabiq

Nikaah Buusu-Lakk.6
Nikaah Buusu-Lakk.4
Offline dubbisuf

Leave a Reply