Rabbitti Amane-Kutaa 1ffaa

Offline dubbisuf

Alhamdulillahi wa salaamun alaa ibaadihillaziina-sxafaa (Faaruun hundi kan Rabbiiti. Gabroottan Isaa kanneen Inni filate irratti nageenyi haa jiraatu). Hundeen amantii inni guddaan Rabbii Tokkichatti amanuudha. Amantiin namaa sirrii kan ta’u yoo Rabbii Olta’aatti shakkii tokko malee dhugaan amananiidha. Ta’uu baannan, namni jireenya isaa soba irratti ijaara. Rabbitti amanuun fixrah (uumama qulqulluu) nama hundaa keessa jiruudha. Garuu yeroo dhiyoo kana keessatti wantoonni nama rifachiisan argamaa jiru. Awroppaa irraa jalqabuun biyyoota biraatti babal’ataa kan jiruudha. Wanti nama rifachiisu kunis, “Eetisim (Ilhaad)” wanta jedhamuudha. Eetisimiin kuni “Rabbiin hin jiru, wantoonni kunniin ofiin argaman” jechuun labsa. Wanta ijaan mul’atu kana malee wanti ijaan hin mul’anne biraa hin jiru jechuun lallabu. Dhugumatti yaanni akkanaa yaada nama hollachiisu fi sodaachisuudha.

Namoonni yeroo duri, wanta biraa Rabbiin waliin haa gabbaranii malee Rabbiin subhaanahu wa ta’aala akka jiru sirritti amanu. Kanaafi, waamichi (daaw’aan) ergamtoota guddaan Rabbii Tokkicha gabbaruutti waamudha malee Rabbiin akka jiru mirkaneessu miti. Sababni isaas, ummanni isaanii Rabbiin Guddaan akka jiru ni amanu. Garuu wanta biraa Isa waliin gabbaru. Namni yeroo ammaa jiraachu Khaaliqa kaadu, hangam sadarkaa salphinna isa gadi aanutti akka tare argisiisa. Qaroominni inni odeessu mushrikoota durii gadi akka ta’u isa taasise. Na’uuzubillahi minal-khizlaan (Salphinna irraa Rabbiin tiikfamna).

Yoo meeshaa beekumsaa hin hidhatin eetisimiin kuni namoota iimaanni isaanii cimaa hin ta’in haree deemuni danda’a. Eetisimiin kuni keessumattu dargaggootaa fi shamarran yuniversitii keessa jiran jidduutti garmalee babal’ataa kan jiruudha. In sha Allah, ragaalee ifaa dhiyeessun yaada eetisimii haala salphaan diigun ni danda’ama. In sha Allah torbiwwan ykn ji’oota muraasaaf ragaalee ifaa gara Rabbiin Guddaan jiraachu akeekan Qur’aana, sammuu fi uumama sirrii irraa ni ilaalla.

1-Argama Kawnii (Yuniversi)
Kawni (yuniversi) jechuun wantoota uumamaan nu marsaniidha. Kanneen akka samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiraniidha. Jechi “kawn” jedhu jecha “kaana” jedhu irraa kan horsifameedha. “Kaana” jechuun “Ta’e” ykn “argame” jechuudha. Kanaafu, Kawn jechuun wanta argame ykn argamuudha[1]. Yuniversiin nu marsee jiru kuni wanta argame ykn uumame akka ta’e amantiin, saayinsiinii fi filoosofiin ni mirkaneessu.

Filoosofi irraa ka’uun mee dhugaa kana amantiin wal-qabsiisuun haa ilaallu. Filoosofin akkana jedha: sammuun namaa wantoota jiran ilaalchisee filannoo sadii fudhachuu danda’a. Filannoo sadan kanniini ala wanta biraa fudhachuu hin danda’u:
1ffaa-Waajibul Wujuud (Jiraachun isaa dirqama kan ta’e)
2ffaa– Jiraachus kan danda’u, dhabamuus kan danda’u
3ffaa- Mustahiil (Gonkumaa ta’uu ykn jiraachu kan hin dandeenye)

Akkuma beeknu wanti tokko argamuuf kan isa argamsiisu jiraachu qaba. Yoo wanti isa argamsiisu hin jiraatin, wanti suni jiraachu ykn argamuu hin danda’u. Samii, dachii fi wantoonni isaan lamaan keessa jiran jiraachus dhabamuus kan danda’aniidha. Saayinsin yeroo ammaa samii fi dachiin dhoo’insa guddaa booda akka argaman ni dubbata. Ammas, gara baduutti ykn barbadaa’utti deemaa akka jiran ni haasawa. Kanaafu, samii, dachii fi wantoonni isaan lamaan keessa jiran wanta argamaniidha. Wanti argamu kuni immoo Kan isa argamsiisutti hajama. Kanaafu, Khaaliqni samii fi dachii uumee jiraachu qaba. Jiraachun Khaaliqaa (Uumaa) dirqama kan ta’eedha (Waajibul wujuud). Yoo Inni hin jiraatin samii fi dachiin argamuu hin danda’an.

Tuqaalee sadan yommuu gabaabbinaan ibsinu kana fakkaata: Yuniversiin jiraachus dhabamuus kan danda’uudha. Jiraachun Khaaliqaa dirqama kan ta’eedha (waajibul wujuud). Rabbii Tokkicha waliin Rabbiin biraa jiraachun Mustahiil (Gonkumaa ta’uu kan hin dandeenyedha). Ammas, wanti duraan hin jirre gonkumaa ofumaan argamuu hin danda’u. Mee tuqaalee kanniin Qur’aana irraa haa ilaallu:

2:117

[Rabbiin] Argamsiisaa samii fi dachiiti. Yeroo dhimma wayii murteesse, wanti Inni isaan jedhu, “Argami (ta’i)” qofa; yeroma san argama (ta’a).”  Suuratu Al-Baqara 2:117
Kana jechuun samii fi dachii Kan argamsiise Rabbii Olta’aadha. Wanta tokko akka argamu yoo murteesse, “ta’i” jedhaan. Wanti sunis yoosu ta’ee argama.

Asitti wanti hubannu, Rabbiin argamsiisaa samii fi dachii erga ta’ee, samii fi dachiin wanta argaman ykn uumamaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ilmoon Isaaf gonkumaa ta’uu akka hin dandeenyee fi gabbaramaan biraa Isa waliin akka hin jirre haala kanaan ibsa:

23:91

Rabbiin ilma hin godhanne. Isa waliinis gabbaramaan tokkoyyuu hin jiru. [Osoo jiraatanii] silaa gabbaramaan hundi waan uume fudhatee deema. Gariin isaanii garii irratti olta’uu turan. Rabbiin waan isaan itti fakkeessan irraa qulqullaa’e.” Suuratu al-Mu’minuun 23:91

Gabbaramaa (ilaah)-god. Kanaafu, Rabbiin waliin gabbaramaan biraa jiraachuun mustahiil (wanta gonkumaa hin taanedha).

Samii, dachii fi wantoonni isaan lamaan keessa jiran kan argaman ta’uu mee jechoota hayyoota filoosofi keessaa muraasa haa ilaallu:
Falaasfaa fi hayyuun herreegaa Dekaart (Descarte) jedhamu akkana jedha:
“Ani kan argameedha. Eenyutu na argamsiise? Eenyutu na uumee?… Ani ofiin of hin uumne. Kanaafu, Khaaliqni na uume jiraachu qaba. Khaaliqni (Uumaan) kuni jiraachun Isaa dirqama kan ta’e ta’uu qaba (waajibul wujuud). Khaaliqni kunis Rabbii waan hundaa uumedha.[2]

Hayyuun herregaa fi Fiiziksii kan ta’e Pasikaali (Pascal) akkana jedha:
“Ani dhalachuun dura osoo haati tiyya duute silaa ani argamuu hin danda’u. Kanaafu, ani waajibul wujuud miti (jiraachun kiyya dirqama kan ta’e miti). Kanaafu, Jiraataan jiruun tiyya irratti hirkattu jiraachu qaba. Innis Rabbiidha.[3]

Jechoota Ijoo: Azaliyyah-jechuun jalqaba kan hin qabne yeroo hundaa turaa kan ta’e[4].
Yuniversi- jechuun dachii, samii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiran hunda

Filannoo Lama jidduu

Takka azaliyyah yuniversi kanaatti takkaa immoo azaliyyah Khaaliqaatti amanuu malee filannoo biraa hin qabu. Sababni isaas, kan isa argamsiisu osoo hin jiraatin wanta duraan hin jirre irraa wanti tokko ofiin argamuun sammuun namaa wanta hin fudhanneedha.

Yuniversiin kuni azaliyyah jedhanii amanuun jireenyi fi wantoonni isa keessa jiran hiika akka dhaban taasisa. Loojiki jireenyaas kan faallessuu fi diigudha. Saayinsin yeroo ammaa yuniversiin jalqaba akka qabu nuuf mirkaneessee jira. Umriin dachii waggoota biliyoona haganaati. Umriin aduu hangana jechuun dubbata. Samii fi dachiin walitti kan maxxanan turan. Ergasii dhoo’insa guddaan addaan bahan. Dhoo’insa kanas Big Bang jechuun moggaasu. Yeroo kutaa gadi aanaa keessa jirru heeliyemii fi haydiroojiinin uumama aduutiif gahee ol’aanaa akka taphatan barataa turre.  Kanaafu, yuniversiin jalqaba kan hin qabnee yeroo hundaa turaa ta’uu danda’aa? Jalqaba akka qabuu saayinsin ni mirkaneessa. Gara badiinsaatti (barbadaa’utti) deemaa akka jirus saayinsin ni mirkaneessa. Kanaafu, yuniversin azaliyyah ta’uu hin danda’u. Kana jechuun jalqaba kan hin qabne yeroo hundaa kan taruu miti.

Filannoo lamaan armaan olii keessaa filannoon tokko erga kufee fi soba ta’uu erga mirkanaa’e, filannoon lammataa haqa shakkii wayitu hin qabne akka ta’ee ifa naaf ta’a.  Filannoon lammataa kunis Khaaliqa azaliyy ta’e, Danda’aa, Beekaa, Ogeessa fi wanta barbaade kan uumu ta’etti amanuudha. Khaaliqni jalqaba kan hin qabne yeroo hundaa turaadha.

Yuniversiin jalqaba kan qabuu fi argamaa erga ta’e, kan isa jalqabuu fi argamsiisu jiraachu qaba. Wanti duraan hin jirre tokko ofumaan argamuu danda’aa? Wanta tokko hojjachuuf ykn uumuuf xiqqaate xiqqaatu dandeetti fi beekumsi barbaachisaadha. Fakkeenyaf, telefoona (mobaayilii) hojjachuuf dandeetti fi beekumsi barbaachisaadha. Beekumsaa fi dandeetti malee osoo telefoona kan hojjatan ta’ee silaa namni hundu ni hojjata. Inuma telefoonnu mataa ofiitiin of hojjatti. Garuu dandeetti fi beekumsa waan barbaachisuuf gonkumaa of hojjachuu hin dandeessu. Kanaafu, yuniversiin kuni wanta duraan hin jirree fi jalqaba kan qabuudha. Wanti duraan hin jirre kuni immoo beekumsa, dandeetti fi fedhii hin qabu. Kanaafu, ofiin of uumuu ykn argamsiisuu danda’aa? Takkamaan sammuun “Ofiin of uumuu ykn argamsiisu hin danda’u” jechuun yoosu hubata. Kanaafu, yuniversiin kuni erga ofiin of hin argamsiisne kan isa argamsiisu jiraachu qaba. “Kan yuniversi kana argamsiisee fi uumee Rabbii jalqabaa fi dhuma hin qabnedha.” jedhee fudhachuu malee sammuun filannoo biraa hin qabu. Filannoo biraa yoo barbaade, gonkumaa hin argatu.

Dubbiin erga akkana ta’ee sheyxaanni dhufuun akkana jedhee namatti hasaasu danda’a: “wanta kanniin Rabbitu uume. Rabbiin hoo eenyutu uumee?” Rakkoo kana karaa adda addaatin furuun ni danda’ama.

1ffaa– Akkuma Rasuulli (SAW) jedhan, “Sheyxaanni tokkoo keessanitti dhufuun ni jedha ‘Kana eenyutu uume? Kana eenyutu uume? Hanga Gooftaa kee eenyutu uumee?jedhutti (ni gaafata)’ Yommuu bakka san gahu, Rabbiin irraa eeggumsaa haa barbaadu. Yaada akkanaa haa dhiisu.” (Sahiih Al-Bukhaari 3276)
A’uuzu billahi mina sheyxaani rajiim (sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama” jechuun Rabbii guddaa irraa eeggumsa barbaadu danda’a. Akkasumas, Suuratu An-Naas qara’uu danda’a.

2ffaa- Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jalqaba kan hin qabne yeroo hundaa jiraataadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala jalqaba waan hin qabneef kan Isa uumutti hin hajamu. Wanta jalqaba qabutu Uumatti hajama. Kan jalqaba hin qabne akkamitti uumatti hajamaa?

3ffaa-Osoo Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumatti hajamu ta’ee, silaa uumaan sunis uumaa biraatti hajama. Ammallee uumaan sunis uumaa biraatti hajama. Akkanatti uumaan uumaa biraatti hajamuun hanga dhuma hin qabneetti deema. Kuni immoo wanta sammuudhaan fudhatama hin qabneedha. Kanaafu, Rabbiin dura homtu hin turre. Inni jalqabaa fi argamsiisaa waa hundaati. Sammuun keenya Rabbii yeroo hundaa Jiraataa, jalqabaa fi dhuma hin qabne hubachuu irraa dadhabaadha. Kanaafi, Rasuulli (SAW) shayxaana Rabbitti haa maganfatu, yaada san irraa haa garagalu jechuun dhaaman.

Tolee, hundi keenyaa dhalachuun dura kan hin jirre turre. Ergasii ni argamne. Nuu fi wantoonni yuniversi keessa jiran jiijjirama keessa darbu. Du’aa fi jiruun, argamuu fi baduun nuu fi isaan ni qunnama. Kanaafu, duraan kan hin jirre turre. Mataa keenyaan gara namaatti jijjiramuu dandeenyaa? Dhangalaa’an dadhabaan mataa ofiitin nama ija, gurra, afaan fi qaamoolee biro qabuu ofiin ta’uu danda’aa? Yookiin immoo namni biraa nu uumuu danda’aa? Gonkumaa kuni hundi ta’uu hin danda’u. Kanaafu, Rabbii Khaaliqa ta’e, yeroo hundaa jiraataa ta’etu nu uume. Qur’aana keessatti akkana jedha:

52:35

Sila isaan osoo wanti isaan uumu hin jirre uumaman moo isaanumatu uumtotaa?” Suuratu ax-xuur 52:35
Kana jechuun isaan duraan kan hin jirre erga turanii san booda akka argaman haa ilaalan. Argama isaaniitiif uumaan osoo hin jiraatin ofumaan dhabama irraa gara argamaa jijjiraman moo isaantu ofiin of uumoodhaa?

Ifaan ifatti, wanti hin jirre tokko Uumaa malee ofumaan gara argamaatti jijjiramu hin danda’u. Ammas, ifaan ifatti ofiin of uumuu hin danda’an. Carraan ta’uu (possibility) lamaan kuni erga kufanii, carraa tokko qofatu hafa. Innis, Khaaliqatu isaan uume[5]. Khaaliqni kuni yeroo hundaa jiraataa fi kan badiinsi Isa hin dhaqqabneedha. Rabbiin ni jedha:

25:58

Yeroo hundaa Jiraataa gonkumaa hin duune irratti hirkadhu. Faaruu Isaatiniis Isa [faarsii] qulqulleessi. Badii gabroota Isaa keessa beekuu keessatti Isumatu gahaadha.” suuratu Al-Furqaan 25:58


Kitaabban Wabii:
[1] Aayatul Kawniyyatu Diraasatu aqdiyyati-fuula 23, Abdulmajiid bin Muhammad Wa’alaani
[2] Baraa’hiin wa adillatul Iimaaniyyata-fuula 126, Abdurahmaan Habanka
[3] Madda olii fuula 126
[5] Madda olii fuula 129-135
[4] https://www.almaany.com/ar/dict/ar-ar/%D8%A3%D8%B2%D9%84%D9%8A%D8%A9/

Rabbitti Amane-Kutaa 2
Uumama Namaatti Xinxallu-Kutaa 7
Offline dubbisuf

Leave a Reply