Nikaah Buusu-Lakk.6

Offline dubbisuf

Kana beeknaa Laata?
Iddaa
Jechi iddaa jedhu jecha “al-adda fi al-hisaab” jedhaman irraa kan fudhatameedha. Al-adda- lakkaawudha, al-hisaab-herreegudha. Kanaafu iddaan iddaa kan jedhameef ji’oota ykn marsaalee laguu lakkaa’u irratti waan hundaa’efi.

Akka shari’aatti iddaa jechuun dubartiin takka erga abbaa manaa ishii irraa addaan baate booda nama biraatti heerumuun dura yeroo turtii ishiin turtuudha.

Faaydaa iddaa keessa jiru
1-Garaan ulfa irraa qulqulluu ta’uu mirkaneefachu. Dubartiin erga heekkamte heerumuun dura yeroo muraasaaf turuun ulfa irraa qulqulluu ta’uu ni mirkaneefatan. Ta’uu baannan garuu, sanyiin walitti laaqama.

2-Dhimma fuudha heerumaa ol-guddisuu, gatii isaa olkaasu fi kabaja isaa mul’isuu. Nikeenyi namoonni walitti dhufan malee hin hundeefamu, akkasumas, yeroo dheeraa turan malee addaan hin diigamu. Yeroo nikaah hidhatan, waliyyii fi ragaaleen ni barbaachisu. Ammas yommuu nikaah hiikan yeroo dheeraa turan. Ta’uu baannan nikeenyi akka tapha ijoolle ta’a. Takkamaan ijaaranii ergasii diigu. Kanaafu, iddaan dhimmi nikaah ykn fuudhaa heerumaa guddaa akka ta’e agarsiisa.
3- Yaada ofii jijjiruu fi gaabbun akka ishii deebifatuu fi haala gaariin waliin jiraatan nama hiikeef yeroo gahaa kennuu. Iddaan yeroo dheeraa waan qabuuf isaan lamaanu irra deebi’anii akka yaadanii fi walitti deebi’an carraa kennaaf. Kuni immoo maatii bittinaa’uu fi miidhaa irraa eega.

4-Haqa abbaa manaa, faayda niiti fi haqa daa’imaa of eeggachuu fi haqa Rabbii subhaanahu wa ta’aala bakkaan gahu. Iddaa keessa haqa afurtu jira. Haqa abbaa manaa, haqa niiti, haqa daa’imaa fi haqa Rabbii (subhaanahu wa ta’aala). Kanaafu, iddaan haqoota kanniin akka eeggatan nama taasisa.

Gosoota Iddaa
Karaalee ittiin lakkaawanii fi herreegan irratti hundaa’e iddaan bakka sadiitti qoodama. 1ffaa-Marsaa laguutiin lakkaa’u, 2ffaa-ji’aan lakkaa’u fi 3ffaa- da’uumsaan lakkaa’u.

A. Iddaa marsaa laguutiin lakkaawwachuu
Dubartoonni armaan gadii iddaa isaanii marsaa laguutiin lakkaawatu.

1-Dubartii itti seenanii fi tan heeydi (laguu) argituu yoo taate
Namtichi dubartii takka erga fuudhee fi qunnamti waliin raawwatee ergasii yoo hiike, iddaan ishii marsaa laguu sadii ta’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

Dubartoonni hiikkaman marsaa laguu sadii ofii isaanitiif eegu qabu. Yoo kan Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanan ta’an, waan Rabbiin gadaamessa isaanii keessatti uume dhoksuun isaaniif halaalaa miti. Yeroo san keessatti yoo tolchuu (fooyyessuu) fedhan isaan deebifachuu keessatti irra caalaa mirga kan qaban dhiirsota isaaniiti.” Suuratu Al-Baqarah 2:228

Namtichi erga, “Nikaah sirraa buuse” jedheenii booda, ishiin laguu sadaffaa irraa erga qulqulloofte booda iddaan ishii ni xumurama. Kana jechuun abbaan warraa ishii nikaah sirraa buuse yoo jedheen, iddaa ishii haala kanaan lakkaawwatti: heeydi ni argiti ni qulqulloofti, ammas yeroo lammataaf heeydi ni argiti ni qulqulloofti, ammas yeroo sadaffaaf heeydi ni argiti ni qulqulloofti[1]. Yeroo sadaffaa kanatti erga heeydi irraa qulqulloofte booda iddaan ishii ni xumurama.

Yeroo iddaa lakkaawwattu dubartiin wantoota lama akka hin dhoksine, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ajaja. 1ffaa- ulfa garaa ishii keessa jiru, 2ffaa- heeydi (laguu). Laguu osoo argitu “Hin argine” jechuun kijibu hin qabdu. Ammas, heeydi tan hin argine taate osoo jirtu, “argee jira” jechuun sobuu hin qabdu. Rabbii fi Guyyaa Aakhiratti tan amantu yoo taate haqa himu qabdi. Ta’uu baannaan ofii fi namoota biroo miiti.

2-Dubartiin qabeenya kennuun abbaa manaa ishii irraa addaan baate, iddaan ishii heeydi takka arguudha.
3-Tan zinaan irratti raawwatame- iddaa dubartii zinaa (sagaagalummaa) keessatti kufte ilaalchise, aalimoonni ilaalcha sadii qabu:
1ffaa- iddaan ishii irra hin jiru
2ffaa- iddaan ishii akkuma dubartii hiikkamte marsaa laguu sadii
3ffaa- heeydi takkaan qulqullaa’u

Rabbiin hundarra beekaadha, kanniin sadan keessaa kan irra caalaa sirrii fakkaatu, heeydi takkaan qulqullaa’uudha. Kana jechuun ulfa irraa qulqulluu ta’uu mirkaneefachuuf heeydi takka argiti. Osoo ulfa irraa qulqulluu ta’uu hin mirkaneefatin nama biraatti yoo dabalamte, sanyiin walitti laaqama.

4-Dubartiin takka sababa ishiin Musliima taate fi abbaan warraa ishii kufrii irraa yoo turee ergasii isarraa addaan baate, iddaan ishii heeydi takka arguudha.

B- Da’uumsaan iddaa lakkaawachuu
Dubartiin ulfa qabduu yoo hiikkamte ykn abbaan manaa ishii yoo irraa du’e, iddaan ishii hanga deessutti ta’a. Yeroo deessetti iddaan ishii ni xumurama. Ragaan kanaa jecha Rabbii Olta’aati:

﴾وَأُوْلَٰتُ ٱلۡأَحۡمَالِ أَجَلُهُنَّ أَن يَضَعۡنَ حَمۡلَهُنَّۚ﴿

“Dubartoonni ulfaa beellamni isaanii ulfa isaanii da’uudha.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:4

Dubartiin ulfaa iddaan ishii yeroo deessutti waan xumuramuuf akkuma deessen nama biraatti heerumu dandeessi. Garuu namni suni hanga ishiin dhiiga da’uumsaa irraa qulqullooftu ishiitti dhiyaachu hin qabu.

C-Ji’aan iddaa lakkaawachu
Dubartoonni armaan gadi yommuu hiikkaman ykn abbaan manaa isaanii du’e ji’aan iddaa lakkaawatu:

1-Dubartii hiikkamtee tan heeydi hin argine– dubartiin sababa umriin ishii guddaa ta’uun heeydi yoo dhaabde, iddaan ishii ji’a sadii. Haaluma kanaan, dubartiin sababa umriin ishii xiqqaa ta’uun heeydi hin argine iddaan ishii ji’a sadii. Ragaan kanaa jecha Rabbii olta’aati:

﴾ وَٱلَّٰٓـِٔي يَئِسۡنَ مِنَ ٱلۡمَحِيضِ مِن نِّسَآئِكُمۡ إِنِ ٱرۡتَبۡتُمۡ فَعِدَّتُهُنَّ ثَلَٰثَةُ أَشۡهُرٖ وَٱلَّٰٓـِٔي لَمۡ يَحِضۡنَۚ﴿

Dubartoota keessan keessaa kanneen marsaa laguu (heeydii) irraa abdii kutan yoo shakkitan, iddaan isaanii ji’a sadii. Isaan heeydi arguu hin jalqabinis akkasuma.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:4

2-Dubartii hiikkamte shakkitee– dubartiin heeydi osoo argituu ergasii sababa hin beekkamneen heeydiin yoo dhaabbate, erga ji’a sagal turtee booda ji’a sadii iddaa lakkaawwatti. Haala kanaan waggaa tokko xumuruun nama biraatiif halaala taati.

3-Dubartii istihaada arguun dhamaate
Istihaada jechuun sababa dhibeetin ykn rakkoo biraatin dhiiga dubartii irraa dhangala’uudha. Dubartiin osoo istihaada argituu yoo hiikkamte, haala ishii irratti hundaa’e iddaan ishii akkana ta’a:

  1. Heeydi fi istihaada bifaan, baay’innaan ykn aadaan tan addaan baafattu fi beektu yoo taate, iddaan ishii marsaa laguu sadii.
  2. Heeydi fi istihaadaa tan addaan baafachu hin dandeenye yoo taate, iddaan ishii ji’a sadii. Dhiiga heeydi fi istihaada addaan baafachu keessatti waan dhamaatuuf yoo hiikkamte ji’a sadii lakkaawwatti. Harki caalaan aalimootaa aaya armaan olii keessatti, “yoo shakkitan, iddaan isaanii ji’a sadii” jedhu irratti hundaa’un, iddaan dubartii heeydi fi istihaada addaan baafachu dadhabde ji’a sadii jedhu.

4-Dubartii abbaan manaa irraa du’e- dubartiin tan itti seenan ta’ii, tan itti hin seenne ta’ii, tan heeydi argitu ta’ii tan hin arginee ta’ii, ulfa yoo hin qabaatin abbaan manaa ishii yommuu irraa du’u, iddaan ishii ji’a afurii fi bultii kudhan. Ragaan kanaa:

2:234

Isin irraas kanneen du’anii niitii of duubatti dhiisan, isaan (niitiwwan kunniin) ji’oota afurii fi guyyaa kudhan turuu qabu. Yeroo beellama isaanii guuttatan, waan isaan karaa gaariin nafsee ofii waliin hojjatan ilaalchise badiin isin irra hin jiru. Rabbiin waan isin hojjatan keessa Beekaadha.” Suuratu Al-Baqaraa 2:234
Dhiirsi niiti irraa yoo du’e, niitin ji’oota afurii fi guyyaa 10 turuu qabdi.Garuu wanti murtii kanarraa adda ta’u dubartii ulfa qabduudha. Dubartiin takka osoo ulfa qabduu abbaan manaa ishii yoo irraa du’e, yeroon turtii ishii hanga deessu. Tarii ji’a afurii gaditti dahuu dandeessi, tarii ji’a afurii olitti dahuu dandeessi. Erga deessen booda nama feetetti heerumu dandeessi.

Gaafilee Iddaa

Barreefama kana irraa hangam hubatte, mee of madaali!

Gaafiwwan armaan gadii waa’ee iddaa ilaalchisee hubannoo keessan cimsuuf kan qophaa’aniidha. Gaafi sirrii ta’ee deebisuuf carraaqa. Deebii deebisuuf filannoowwan kennaman keessaa deebii sirrii ta’e tuqaa. Fkn, deebiin “A” yoo ta’e, geengoo filannoo “A” duuba jirtu tuqaa. Ergasii xumura irratti “Galchi (Submit)” tuqa. San booda deebiin sirrii fi qabxiin argattan isiniif baha.

1. Dubartiin erga hiikkamte ykn abbaan manaa erga irraa du’ee booda yeroo murtaa’ef turuun maal jedhamaa?

 
 
 
 

2. Iddaan karaa meeqaan lakkaawwamu danda’aa?

 
 
 
 

3. Dubartoota armaan gadii keessaa tamtu marsaa laguutiin (heeyditiin) iddaa lakkaawattii?

 
 
 
 
 

4. Hawwaa fi Muktaar wal fuudhan. Waggoota muraasaaf erga waliin jiraatanii booda Muktaar hawwaa irraa nikaah buuse. Amma, Hawwaan akkamitti iddaa lakkaawachuu dandeessi? Hubachiisa: Hawwaan heeydi tan argituu fi ulfa tan hin qabneedha.

 
 
 
 

5. Dubartiin ulfa qabdu iddaan ishii hanga yoomitii?

 
 
 
 

6. Dubartoota armaan gadi keessa tamtu ji’aan iddaa lakkaawwataa?

 
 
 
 

7. Dubartiin ulfa hin qabne abbaan manaa yoo irraa du’e, nama biraatti heerumuun dura ji’a meeqa turuu qabdii?

 
 
 
 



Kitaabban Wabii
Sahih Fiqhu Sunnaah -Jiildi 3 -fuula 317-327, Abu Maalik
[1] https://islamqa.info/en/answers/12667/the-iddah-of-a-woman-divorced-by-talaaq

Nikaah Buusu-Lakk.5
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply