Rabbitti Amane-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Alhamdulillahi wa salaamun alaa ibaadihillaziina-sxafaa (Faaruun hundi kan Rabbiiti. Gabroottan Isaa kanneen Inni filate irratti nageenyi haa jiraatu). Rabbii Tokkichatti amananii Isaaf harka kannuu fi ajajamuun shakkii, jeequmsaa fi dhiphinna hangana hin jedhamne irraa nama baraara. Sababni guddaan namni jireenya keessatti mi’aa tasgabbii dhabuuf Rabbii isaa irraa waan garagaluufi. Gammachuu fi tasgabbiin guutuun inni jireenya keessatti barbaadu isaaf galma kan gahuu yommuu inni Rabbii isaatti shakkii tokko malee amanee fi Isaaf ajajameedha. Kutaa darbe irraa itti fufuun ragaa lammataa haa ilaallu:

2-Ragaa Fixrah (Uumama Qulqulluu)
Rabbiitti amanuu fi Isaaf ajajamuun uumama qulqulluu waliin kan wal simatuu yommuu ta’uu Isatti kafaruun immoo uumama qulqulluu kan faallessuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala samii, dachii fi lubbu-qabeenyi fi dhabeenyi hunda kan uumeedha. Akkasumas, miira, dhiibbaa, hubannaa, dandeetti waan gaarii fi badaa addaan baafachu isaan keessatti kan uumedha. Lubbuu qabeenyi fi lubbuu-dhabeenyi uumee hunda keessa jaallattanis jibbaniis Isaaf of gadi qabuu kaa’e jira. Wantoonni uumaman kunniin takkaa fedhii isaaniitiin Rabbiif of gadi qabu, takkaa immoo dirqamaan Isaaf of gadi qabu. Fedhii fi jaallatanii Rabbiif warroonni of gadi qaban, warroota Isatti amananiidha. Warroonni Isatti kafaran immoo yeroo rakkoo fi cinqii gara Rabbiitti fiiguun Isaaf gadi of qabu. Kanaafu, uumamaan Isaaf gadi of qabuu, harka kennuu fi Isa faarsu uumamtoota keessa kaa’e jira. Mallattoolee gara Isaatti nama qajeelchan hunda uumamtoota keessa godheera.

Jireenya tana keessatti namootaa fi Jinnii isaan qormaatuun Ibaadaa isaan irraa barbaadamu galmaan akka gahaniif waan uumeef, fedhii amanuu fi dhiisu, haqa hordofuu fi dhiisu isaaniif kenne jira. Akkasumas, fedhii waan gaarii hojjachuu fi dhiisu, fedhii waan badaa irraa of qabuu fi hojjachuu isaan keessa kaa’e. Kunis isaan qormaatufi. Qormaata kanarraa immoo wanti barbaadamu ibaadadha. (Ilaali suuratu al-Mulk 67:2 fi suuratu Zaariyat 51:56)

Qormaata kana darbuun ibaadaa isaan irraa barbaadame galmaan akka gahaniif kitaabban ni buuseef, ergamtoota ni ergeef. Namni fedhii isaatiin amanee fi Rabbii isaatiif gadi of qabe, qananii zalaalamitu isaaf jira. Nama kafaree fi of tuulee immoo azaaba (adabbi) zalaalamitu isaaf jira.

Kitaabban Rabbiin buuse kunniin uumama qulqulluu Inni namoota keessa kaa’e waliin kan wal simataniidha. Uumama qulqulluu kana gubbaa haguuggi haphiitu jira. Haguuggin kunis fedhii qullaa fi dharra’iinsa adda addaati. Yoo haguuggin kuni uumama qulqulluu irraa ka’e namni Rabbii isaatti ni amana, harka kennaaf.

Uumama Nafsee, qalbii fi miira keessa kaa’amee
Yeroo rakkoo, sodaa fi dhiphinnaa nafseen, qalbii fi miirri nama hundaa gara Humna cimaa ijaan hin mul’anneetti dheessu irratti uumaman. Namni hanga fedhe kan Rabbitti hin amanne haa ta’uu, yeroo rakkoo fi sodaa cimaa keessa seenu gara Rabbiitti dheessa. Mee ilaali, yeroo waraana, bokkaa cimaa fi balaan gurguddaan bu’an akkamitti namoonni hunduu gara Rabbii akka fiigan. Namni yommuu rakkoo keessatti kufu, maaliif gara Rabbii deebi’aa? Kuni maaliif jettee gaafattee jirtaa? Sababni kanaa, Rabbitti amanuu fi Isaaf of gadi qabuun wanta uumamaan nama hundaa keessa jiruudha. Garuu yeroo mijaa’inna fi toltuu uumamni qulqulluun kuni fedhii, dharraa, badii fi wantoota adda addaatin ni haguuggama. Rakkoo fi sodaan haguuggi kana kaasun ykn saaqun gara uumama qulqulluutti akka deebi’an nama taasisa.

Waraana keessatti seenaa dargaggeessa tokkoo barruun Reader Digest jedhamu gabaase mee haa ilaallu. Yeroo waraana sanii Paaraashutiin (wanti akka xilaa) xiyaara irraa ittiin bu’an haarawa argamte. Dargaggeessi kuni mana eenyullee Rabbiin itti hin faarsine fi hin salaannetti guddate. Mana barnootaa amantiin itti hin barsiifamne keessatti barate. Guddinna koominizimii meeshaa addunyaa tanaa malee wanta biraa hin beekne keessatti guddate. Kana jechuun akka guddinna horii nyaata, dhugaati fi qunnamti malee wanta biraa hin beeknetti guddate. Garuu yeroo jalqabaatiif yommuu bu’u paarashuutiin banamuun dura hawaa (qilleensa) keessatti kufaa jiraachu isaa yommuu argu, akkana jechuu jalqabee, “Yaa Allah, Yaa Rabbii” jechuun hundee qalbii isaa irraa kadhata. İimaanni kuni eessa akka dhufe ni dinqisifate.

Garuu fixraan kuni fedhii lubbuu, miidhaginna addunyaa fi kkf ni haguuggama. Yommuu rakkoon, sodaa fi dhiphinni nama sochoosu fi hurgufu, haguuggin kuni ni saaqama (ka’a). Kanaafi, namni mu’mina hin taane kaafira jedhame. Akka lugaa Arabaatti “kaafira” jechuun “haguugaa (saatir)” jechuudha[1]. Namni Rabbitti hin amanne dhugaa ifa jiru waan haguuguuf kaafira jedhame.

Dubartii Musliimaa ibaadaan beekkamte “Raabi’ah Al-Adawiyyah” akkana ishiin jedhame: “Ebalu Rabbiin jiraachuu ragaalee kuma dhiyeessa.” Raabi’anis kolfuun akkana jette, “Ragaan tokko isa gaha.” Ni jedhame, “Ragaan suni maalidhaa?” Ishiinis ni jette, “Osoo gammoojjii keessa adda deemtuu mucucaattee boolloo gadi fagootti osoo tartee, ergasii yoo keessaa bahuu dadhabde maal gootaa?” Gaafataanis ni jedhe, “Yaa Allaah jechuun lallaba.” Ishiinis ni jette, “Suni ragaadha.[2]
Rabbiin jalla wa’alaa ni jedha:

Jedhi, “Osoo adabbiin Rabbii isinitti dhufee yookiin Qiyaamaan isinitti dhufte, dhugaa kan dubbattan yoo taatan Rabbiin ala waan biraa ni kadhattuu? Mee naaf himaa!” Dhugumatti Isa qofa kadhattu. Yoo fedhe waan isin itti kadhattan san isin irraa kaasa. Wanta [Isatti] qindeessitan ni dagattu.” Suuratu Al-An’aam 6:40-41

Fira’awn nama akkaan Rabbitti kafareedha. “Ana rabbukumul a’aalaa (Ani gooftaa keessan ol’aanadha.)” jechaa ture. Ergaa Nabii Muusaan (aleyh salaam) itti fide fudhachu dide. Daangaa darbuu fi ol’aantummaa guddaan dachii balleesse. Garuu namni kuni yommuu cinqii ykn rakkoo cimaa keessatti kufu uumama qulqullu namni hunduu irratti uumameetti deebi’e. Uumamni qulqulluun kunis Rabbii tokkichatti amanuu fi Isaaf harka kennuudha. Fira’awni yommuu galaanan liqimfamu:“Dhugumatti Kan ilmaan israa’iil itti amanan malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre amaneera. Ani Musliimota irraayi”jechuun Rabbitti iyyate. (Suuraa Yuunus 10:90) Iyyannaa fi lallabbiin isaa maal isa fayyade ree? Deebiin isaaf kenname “Sila odoo duraan diddee balleessitoota irraa taate jirtuu amma amantaa? Har’a qaama keetiin (reeffa kee) akka namoota si boodaatiif mallattoo taatuf si baafna. Dhugumatti irra hedduun namootaa mallattoo Keenya irraa dagatoodha.“ Suuraa Yunus 10: 91-92

Balleessaa fi badiin inni hojjataa turee uumama qulqulluu isaa haguugun Rabbitti akka hin amannee fi Isaaf hin ajajamne isa taasise. Kanaafu, Rabbitti amanuu fi Isaaf of gadi qabuun uumama qulqulluu (fixrah) namni hunduu irratti uumameedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Karaa haqaatti dabuun fuula kee amantiif sirreessi. Fixrah Rabbii kan namoota hundaa irratti uume [qabaadhaa]. Uumama Rabbii jijjiruun hin jiru. Santu amanti qajeeladha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Ruum 30:30

Sheykul Islaam ibn Taymiyah ni jedha: “ Rabbitti amanuun fixrah gonkumaa nama keessaa hin dhabamneedha. Bu’uura beekumsa herreegaa caalaa nafsee keessatti hidda kan qabateedha. Akkuma ,Tokko walakkaa lamaati jennu.” [3] (Jecha biraatin tokko ida’uu tokko lama ta’a) Kuni haqa namni hunduu beeku fi eenyullee hin kaannedha. Rabbitti amanuun kana caalaa haqa nafsee namaa keessatti hidda qabateedha. Qur’aana keessatti:

Ergamtoonni isaaniis ni jedhan: “Sila Rabbii Uumaa samii fi dachii ta’e, Kan badiiwwan keessan irraa isiniif araaramuu fi hanga yeroo murtaa’ee isin tursiisuuf isin waamu ilaalchisee shakkiin jiraa?” Suuratu Ibraahim 14:10

Mu’minnis kaafirris, namni gaariinis badaanis yeroo rakkoo hundii isaaniitu gara Rabbii dheessu. Garuu yeroo toltu, kan Rabbitti amanuu fi Isaaf of gadi qabu mu’imina (nama amane) dha. Akkuma duratti jenne, fedhiin lubbuu fi badiin uumama qulqulluu waan haguuguf namoonni baay’een Rabbiin irraa garagalu. Rakkoo fi balaan immoo haguuggi kana kaasun dhugaa ifatti baasa. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoonni gara uumama qulqulluutti (fixraatti) akka deebi’aniif balaa fi rakkoo adda addaa isaanitti buusa. Ni jedha:

6:42

Dhugumatti [Ergamtoota] gara ummattoota siin duraatti erginee jirra. Akka isaan gadi of qabaniif hiyyummaa fi dhukkubaan isaan qabne jirra.” (Suura Al-An’aam 6:42)

Gara Gooftaa isaanii deebi’uun akka Isaaf of gadi qabanii fi ajajaman, hiyyummaa, dhukkubaa fi balaa adda addaatin Rabbiin isaan qabe. Yoo gara Isaatti deebi’anii araarama kadhatan gammachuu fi tasgabbii argatu.

Guduunfaa
➦ Rabbitti amanuun, Isaaf of gadi qabuun, ajajamuu fi gara Isaatti deebi’uun uumama qulqulluu (fixrah) namni hunduu irratti uumameedha.
➦ Garuu uumamni qulqulluun kuni fedhii lubbuu, badii, gaflaa fi wantoota garagaraatin ni haguuggama.
➦ Rakkoon, sodaan cimaa fi dhiphinni huguuggi kana ni saaqu (ni kaasu). Namoonni hunduu yeroo rakkoo fi sodaa cimaa gara Rabbii dheessu.
➦ Rabbiin subhaanahu wa ta’aala tasgabbii Isatti amanuu fi Isaaf ajajamuu keessa godhee jira. Jeeqamuu fi dhiphachuu immoo Isatti amanuu diduu fi Isaaf ajajamuu irraa of tuulu keessa godhee jira. Kanaafu, namni yommuu Rabbii isaatti amanuu fi Isaaf ajajamu, tasgabbii qalbii argata. Kuni fixrah (uumama qulqulluu) dha. Faallaa kanaa, namni yommuu Rabbiitti amanuu diduu fi Isaaf ajajamuu irraa of tuulu, keessi isaa ni jeeqama. Dhiphinni fi sodaan isa marsa.


[1] Ta’ariiful aammi bidiinil Islaami-fuula 46, Ali Xanxaawi
[2] Madda olii-fuula 47
[3]Baraa’hiin wa adillatul Iimaaniyyata-fuula 137-148, Abdurahmaan Habanka 

Rabbitti Amane-Kutaa 1ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply