Dajjaal

Offline dubbisuf

Mallatoolee Gurguddaa Guyyaa Qiyaamaa
Mallattolee Gurguddoon Guyyaa Qiyaamaa mallattoolee Qiyaamaan garmalee dhiyaachu agarsiisanii fi erga hundii isaanitu dhufanii booda Qiyaamaan kan itti dhaabbattuudha. Mallatooleen Gurguddaan Qiyaamaa akka calleeti. Haanni (jibriin) callee yoo cite, calleen wal duraa duuban harca’u. haaluma kanaan mallattooleen Gurguddoon Qiyaamaas tokko yoo argame kan biraas itti aanaa. Mallatoolee Gurguddoo Qiyaamaa keessaa tokko Dajjaal. Dajjaal kan bahuu namoonni waa’ee isa dubbachuu yommuu dagataniidha. Kanaafu, Dajjaal tasa bahuun dura waa’ee isaa beekun baay’ee nama fayyada.

Dajjaal Eenyudhaa?
Ilmaan Aadam keessa isa tokko yommuu ta’uu Rabbiin dandeetti addaa kennaaf. Rabbiin kan kana isaaf kennuufi amanti namootaa qoruufi. Ergamaan Rabbii (SAW) dajjaalin hordofuu irraa nu akeekachisanii jiru. Dhaabbata qaama isaatii fi amala isaa dubbataniiru. Dajjaal, “Ani Gooftaadha” jechuun gara adduunyaatti baha. Amala isaa yoo beeknee fi akkamitti isarraa akka of eegnu yoo barree, Rabbiin badii isaatirraa  ni eega.

Dajjaal Maaliif “al-Masiih Al-Dajjaal” jedhame?
Kan Masiih jedhameef ijji bitaa isaa waan haxaawamteefi (mamsuuh). Inni nama ija takka qabuudha. Ija takka saniin ilaala.
Ammas, akkana jedhame jira: Masiih kan jedhameef dachii waan haxaawufi (yamsah), kana jechuun bakka hundaa ni deema.
Inni “Dajjaal” kan jedhameef gowwoomsu waan fayyadamuufi. Sobaa dhugaa fakkeessun nama gowwoomsa. Kanaafu inni nama kijibaadha.

Dajjaal Maal Himataa?
Dajjaal gooftaa addunyaa akka ta’e himata. Akka isatti amanan namoota waama. Kanaafi, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, “Dajjaal abbaa ija takkaati, Gooftaan keessan abbaa ija takkaati miti.” Sahiih Al-Bukhaari, Kitaabu Al-Fitan 8/103, Sahiih Muslim kitaabu al-fitan wa ashraaxu saa’ah 4/2248

Hadiisoota Muraasa waa’ee dajjaal dubbatan
Dajjaal sifaata (amaloota) baay’ee namoota biroo irraa adda isa godhu akka qabu hadiisonni sahiih ta’an dhufanii jiru. Warroonni amanan amaloota isaa beekanii akka irraa of eeganii fi isaan hin qoramne, Rasuulli (SAW) amaloota isaa himanii jiru. Namni amaloota kanniin yoo beeke yommuu inni bahuu isaan hin goowwoomu. Amaloota kanniin kan walaalle malee eenyullee isaan hin gowwoomu. Amaloota kanniin keessaa:

Dajjaal dhiira dargaggeessa diimaa, gabaabaa, dabbasaa (rifeensa) furdaa fi mammaramaa qabu, kallacha bal’aa, laphee olii bal’aa fi ijji mirgaa tan haxaawamteedha ykn ballaadha. İjji tuni ol baates hin mul’attu, guutumaan guututti gara keessatti hin lixne. Akka inaba (firii weeyni) boloolitu fakkaatti. Ijji bitaa isaa foon furdaa naannawwa ijaa irratti guddatuun tan haguggamteedha. Ija lamaan isaa jidduu “ ك ف ر “ (K-F-R) kana jechuun “kaafir ” jechuun barraa’e jira. Muslimni barreessu fi hin barreessine hundi ni dubbisa.
Amaloota isaa keessaa kan biroo, Dajjaal ilmo hin qabu, maseena.

Hadiisoonni armaan gadi amaloota armaan olii kanneen dubbataniidha:
1-Abdullah Ibn Umar (radiyallahu anhumaa) akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (salallahu aleyh wa salaam) akkana jedhan: “Ani osoo rafuu Ka’abaa kan xafaawu of arge.  Yeroo sanitti namticha rifeensa isaa qajeelaa, dhiirota lamaan jidduu dhaabbatuu fi mataan isaa bishaan coccobsu arge. Anis, “Kuni eenyu?” jechuun gaafadhe. Isaanis,“Ilma Mariyam” jedhan.  Ergasii ani achi garagalee nan deeme. Yoosu namticha diimaa, garmalee furdaa, rifeensi isaa mammaramaa, ijji mirgaa isaa ballaa, ijji isaa akka inaba boloolitu fakkaattu arge. Anis “Kuni eenyudha?” jedhe. Isaanis, “Kuni Dajjaal” jedhan. Namni fakkeenyaan isatti dhiyoo ta’e ibn Qaxan” Al-Bukhaarin Lakk. 6508 gabaase (Ibn Qaxan namticha gosa Khuzaa’a irraa Banu Musxaliq irraa ta’eedha.”

2-Ibn Umar akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) waa’ee dajjaal kaasun akkana jedhan: “Dhugumatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jaamaa miti. Dhagayaa, Masiih Dajjaal ijji mirgaa isaa ballaadha. Ijji isaa akka inaba boloolituti.” Al-Bukhaarin Lakk. 3184 gabaase

3-Hadiis Abu Hureyraan gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Masiihin sobaa (Dajjaal) ijji isaa ballaadha, kallachi isaa bal’aadha. Lapheen gara oliis bal’aadha…” Ahmad 7564 gabaase

4- Hadiisa Anas gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Nabiyyiin tokkoyyuu hin ergamne ummata isaa [Dajjaali] ballaa kijibaa irraa kan akeekachisu yoo ta’e malee. Dhagayaa! inni jaamaadha. Gooftaan keessan jaamaa miti. Ija lamaan isaa jidduu “Kaafir” jechuun barreefamee jira.” Sahih al-Bukhari 7131 gabaase.

Bakka Dajjaal Bahuu
Dajjal kallatti Bahaa bakka Khurasaan jedhamtu irraa baha. Ergasii dachii hunda keessa deema. Makkaa fi Madiinaa malee bakki inni hin seenne hin jiru. Magaloota lamaan kanniin inni seenu hin danda’u. Sababni isaas, Malaaykonni akka inni hin seenne dhoowwu.

Abu Bakr Siddiiq akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dajjaal lafa Bahaa Khurasaan jedhamtu irraa baha.”  Sunan Ibn Maajah 4072 fi Jaami’a Tirmizii 2237 gabaasan
Khurasaan magaalaa guddoo taate Iraan keessatti argamtuudha.

Bakka Dajjaal deemu
Makkaa fi Madiinaa malee Dajjaal bakka hundaa ni dhaqa. Anas akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, “Makkaa fi Madiinaa malee magaalaan Dajjaal hin seenne hin jirtu.” Ahmadi fi Al-Haakim gabaasan

Eenyutu Dajjaaliin hordofaa?
Harki caalaan Dajjaalin hordofuu Yahudoota. Itti aanse Peershiyaa, Turkoota fi makaa namoota birooti. Irra caalaan isaanii warra baadiyaati fi dubartoota. Anas bin Maalik akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Yahuudonni Asbahaan kuma torbaatama ta’anii fi uffata Xayaalisah uffatanii Dajjaalin ni hordofu.” Xayaalisah jechuun uffata furdaa akka shaaliti. Sahiih Muslim 2944 gabaase. Asbahaan ykn Isfahaan magaala giddu-galeessa Iraan keessatti argamtudha.

Fitnaa Dajjaal

Fitnaan Dajjaal fitnaa hundarra guddaa dachii kana keessatti mul’atuudha. Uumama Nabii Aadam irraa kaase hanga Qiyaamaan dhaabbattu fitnaan guddaan fitnaa Dajjaal caalu hin jiru. Imraan ibn Huseeyn Ergamaan Rabbii (SAW) akkana kan jedhan dhagayee jira jedha: “Uumama Aadam irraa kaase hanga Qiyaamaan dhaabbattu jidduu uumamni Dajjaal caalaa [fitnaa] guddaa geessu hin jiru.” Sahiih Muslim 2946

Sababni kanaa, “Ani Gooftaadha natti amana” jechuun namoota waama.  Dajjaal humni adda ni kennamaaf. Samii akka roobdu ni ajaja, ni roobdi. Dachiis akka biqilchitu ni ajaja, ni biqilchitis. Jannata fi Ibidda of duukaan deema. Namoonni wantoota kanniin yommuu argan fitnaa guddaa keessatti kufu. Hadiisa Huzeyfaan gabaase keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan “Dajjaal waliin Jannata fi ibiddatu jira. Ibiddi isaa Jannata, Jannanni isaa ibidda.[1]” Ammas gabaasa biraa keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, “Dhugumatti, wanta Dajjaal waliin jiru nan beeka. Isa waliin laggeen yaa’an lamatu jiru. Isaan keessaa tokko ija namaatti bishaan adii ta’ee mul’ata, kan lammataa immoo ibidda boba’u fakkaate mul’ata. Isin keessaa namni tokko yoo arge, laga ibidda jedhee yaadu sanitti haa deemu. Ija isaa dununfachuun mataa isaa gadi qabatee haa dhugu. Sababni isaas, [lagni ibidda bobaa’a fakkaatu suni] bishaan qabbanaa’adha. Dhugumatti Dajjaal ijji isaa tan haxaawwamtee fi gubbaa ishii gogaa furdaatu jira. Ijaa lamaan isaa jidduu “Kaafir” jedhamuun barreefame. Mu’minni (namni amane) barreessu fi hin barreessine hundi ni dubbisa.” Sahiih Muslim 2934

Hadiisa Nawwaas ibn Sam’aan gabaase keessatti, Sahaabonni, “Yaa Ergamaa Rabbii! Yeroo hangamiif dachii keessa turaa?” jechuun Nabiyyi gaafatan. Nabiyyinis ni jedhan, “Guyyaa Afurtama: guyyaan tokko akka waggaa tokkoti, ammas, guyyaan tokko akka ji’a tokkoti, ammas guyyaan tokko akka torbaan tokkoti san booda guyyoonni hafan akkuma guyyoota keessaniiti.”…Sahaabonnis ni jedhan, “Dachii keessatti saffisa akkamiitiin deemaa?” Nabiyyiinis (SAW) ni jedhan, “Akka dumeessa bubbeen oofamuutti deema. Namootatti dhufuun isaan waama. Isaanis isatti amanuun isaaf awwaatu. Samii akka roobdu ni ajaja, ishiinis ni roobdi. Dachiis ni ajaja, ishinis ni biqilchiti. Horiin isaanii dalluun ol dheeroo, gur’uun isaanii aananiin guuttamoo fi cinaan isaanii diriiraa ta’anii galgala isaanitti dacha’u (galu). (Kana jechuun garmalee nyaachu fi dhuguu irraa kan ka’e quufanii gara manaa dacha’u). Ergasii Dajjaal namoota birootti dhufuun isaan waama. Isaanis jecha isarratti deebisu, isatti hin amanan. Innis isaan dhiisee biraa deema. Ergasii hoongen cimaan isaan rukuta, qabeenyi homaatu harka isaaniitti hin hafu. Lafa balfii fi wanti caccabaan walitti qabame biraan ni darba. Akkana jedhaan, “Kuusaa kee baasi.” Kuusaan lafa tanaas akka hoomaa kannisaa isa hordofa. Ergasii namticha dargaggummaan guuttame waamun seeyfin rukutee bakka lamatti addaan qooda. Qaama lamaatti qoodame kana addaan fageesse kaa’a. Ergasi Dajjaal isa waama. Dargaggeessi kunis seeqataa fi fuulli isaa ifaa itti dhufa.” Sahiih Muslim 2937

Dargaggeessa Dajjaal ajjeesee san booda ka’u kana ilaalchise, Hadiisa Sa’iid al-Kudriyy gabaase keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, “Dajjaal gara Madiina ni dhufa. Garuu akka hin seenne ni dhoowwama. Lafa ashaboo Madiinatti aantu qubata. Namtichi namoota hundarra gaarii ta’e gaafa san gara Dajjaal ni baha. Namtichi kunis ni jedha: Ati Dajjaali seenaa kee Ergamaan Rabbii (SAW) nutti himan ta’uu ragaa nan baha.” Dajjaal [warroota isa hordofaniin] ni jedha, “Nama kana yoo ajjeesee isa jiraachisee dhimma kiyya ilaalchisee ni shakkituu?” Isaanis ni jedhan, “Lakki!” Dajjaalis nama kana ajjeesee ni jiraachisa. Namni kunis ni jedha, “Duraan caalaa har’a sirritti si beeke.” Dajjaal nama kana ajjeesuf ni yaala. Garuu isa ajjeesu hin danda’u.” Sahih al-Bukhari 7132

Hadiisa Abu Umaamah al-Baahili gabaase keessatti Nabiyyiin (SAW) waa’ee Dajjaal ilaalchse akkana jedhan: “Fitnaa isaa keessaa tokko, Dajjaal nama baadiyaatin akkana jedha, “Ani abbaa fi haadha kee yoo siif kaase ani gooftaa kee ta’uu ragaa ni baataa?” Innis ni jedha, “Eeyyen” Ergasii sheyxaanonni lama suuraa haadha fi abbaa isaa fakkaachun, “Yaa ilma kiyya! Isa hordofi inni gooftaa keeti.” Jedhuun.” (Ibn Maajah, lakk. 4067. Albaanis sahiih jalatti ramade, Sahiih al-Jaami’ al-Saghiir, lakk. 7752)

Rabbiin irraa nageenya kadhanna, fitnaa irraa isaan tiikfamna.

Akkamitti Dajjaal irraa of eeganii?
Fitnaan Dajjaal fitnaa guddaa dachii tana irratti mul’atuudha. Nabiyyoonni darban hundi fitnaa isaatirraa ummata isaanii akeekachiisanii turan. Nabiyyiin keenya Muhammad (SAW) amaloota isaa ibsuun akka sirriitti beeknu fi irraa of tiiksinuu nutti akeekanii jiru. Karaalee Dajjaal irraa ittiin of eegan mee ijoo isaanii haa ilaallu:

1-Beekumsaa fi iimaanan of faayu fi cimsuu- Dajjaal yommuu dhufu namoonni jalqaba gowwoomanii fi sobaman, warroota beekumsa hin qabnee fi Islaama irraa fagaataniidha. Kanaafi, hadiisa armaan olii keessatti, namni baadiyaa kuni beekumsa waan hin qabneef, yoosu sitti amana jechuun waadaa seenaaf. Dargaggeessi Dajjaal ajjeese suni immoo beekumsa waan qabuuf, “Ati nama kijibaa waa’ee kee Rasuulli nutti himaniidha” jechuun isatti amanu dida. Kanaafu, namni beekumsa Islaamatin of faayu fi Islaama hordofuun fitnaa isaa irraa eeggamu danda’a.

Beekumsi guddaan amaloota (sifaata) Rabbii beekudha. Dajjaal nama jaamadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala jaamaa miti. Rabbiin addunyaa kana irratti hin mul’atu, Dajjaal namni hunduu ni arga. Dajjaal ni nyaata ni dhuga, Rabbiin immoo kana hunda irraa qulqulluudha.

2-Fitnaa Dajjaal irraa Rabbiin tiikfamu- keessumayyu yeroo salaataa fitnaa Dajjaal irraa Rabbiin akka nama tiiksu kadhachu. Kana ilaalchise hadiisonni sahiih ta’an dhufanii jiru. Isaan keessaa: Abu Hureyraan akkana jechuun gabaase, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: Tokkoon keessan tashahhuda erga jedhee booda wantoota afur irraa Rabbiin akka isa eegu akkana jechuun haa kadhatu:

اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنْ عَذَابِ جَهَنَّمَ وَمِنْ عَذَابِ الْقَبْرِ وَمِنْ فِتْنَةِ الْمَحْيَا وَالْمَمَاتِ وَمِنْ شَرِّ فِتْنَةِ الْمَسِيحِ الدَّجَّالِ

Allaahumma innii a’uuzu bika min azaabi jahannam wa-min azaabil qabri wa-min fitnatil-mahyaa wal-mamaati wa-min sharri fitnatil-masiih dajjaal.
“Yaa Rabbii! Dhugumatti ani, Azaaba Jahannam irraa, azaaba qabrii irraa, fitnaa jiruu fi du’aa irraa, sharri fitnaa masiih dajjaal irraa Siin tiikfama.” Sahiih Muslim 588

Hiika jechootaa: Allahumma-Yaa Rabbii, innii-dhugumatti ani, a’uuzu-tiikfama, bika-siin, azaab-adabbii, wa-fi, min-irraa, fitna-qormaata cimaa, mahyaa-jiruu, mamaat-du’a, sharri-wanta badaa.
Du’aayi tana attahiyyaatu fi salaawata erga fixee booda salaama baafachuun dura jedha.

3-Suurah al-Kahf irraa aayata haffazuu- Ergamaan Rabbii (SAW) suuratu al-kahf irraa aayaata muraasa jalqaba irratti argaman akka dajjaal irratti qara’an ajajanii jiru. Kunis kan ta’u, aayaata kudhan jalqaba irraa qara’uudha. Hadiisoota kana ilaalchise dhufan keessaa hadiisa dheeraa Nawwaas gabaasedha. Hadiisa kana keessatti akkana jedha: “Isin keessaa namni isa (Dajjaalin) arge, baniinsa suuratu al-kahf irratti haa qara’u.” Sahih Muslim 2937

Abu Dardaan akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, “Namni suuratu al-kahf jalqaba irraa aayata kudhan haffaze (qomatti qabate) Dajjaal irraa ni tiikfama.” Sahiih Muslim 809

Sababni suuratu al-kahf itti filatamteef maalii?
Akkana jedhame jira: Baniinsa suuratu Al-Kahf keessatti dargaaggoota godatti dheessaniif Rabbiin eeggumsa akka kenneef ni dubbata. Dargaggoonni motummaa abbaa irree fi namoota Rabbiitti hin amanne irraa dheessun godatti baqatan. Rabbiis dargaggoota kanniin wanta hamaa irraa ni eege. Kanaafu, Muslimni yommuu Dajjaalin qunnamu kana yaadachu qaba.

4-Dajjaal irraa dheessuu fi irraa fagaachu-garri itti dheessan irra caalaan Makkaa fi Madiinadha.  Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota qoruuf Dajjaaliif wanta addaa fi nama dhamaasu kennaaf. Namni, “Ani iimaana qaba homaa na hin godhu” jedhe osoo yaadu, wanta  dajjaal harka qabuun sobame isa hordofa. Dajjaal samiin roobi, dachiin biqilchi jechuun ajaja. Yommuu samiin roobdu fi dachiin biqiltoota biqilchitu, namni wanta kanaan sobamuun isa hordofa. Yoo isa hordofe immoo ni kafara. Kanaafu, qormaata waan kufeef dhumti isaa Jahaannami.

Imraan bin Huseeyn akka gabaasetti, Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan, “Namni Bahiinsa Dajjaal dhagahee, isarraa haa dheessu. Namtichi yommuu isatti dhufu, wanta faffakeessaa inni ittiin ergame dhugaa akka ta’etti yaadun isa hordofa.” Imaam Ahmad (19118), Abu Dawuud (3762) fi al-Haakim (4/31)

Akkasumas, gara gaaraatti jalaa dheessudha.

Du’a Dajjaal

Akkuma Hadiisonni sahihin agarsiisan Dajjaal harka Masiih Iisaa ibn Mariyamitti du’a. Dajjaal dachii irra deemun fitnaan isaa ni baay’ata, namoonni baay’een isa hordofu. Mu’mintoota irraa namoota xiqqoo malee eenyullee fitnaa isaatirraa hin baraaramu. Yeroo fitnaan isaa akkanatti baay’ate kanatti Iisaa ibn Mariyam (aleyh salaam) minaaraa baha Damaasqotti argamutti ni bu’a. Gabroonni Rabbii warroonni amanan isa marsu. Iisaaniis isaaniin deemun gara Masiih Dajjaal qajeela. Yommuu Nabii Iisaan bu’u, Dajjaal gara Baytal Maqdisitti (Jerusaalamitti) qajeela. Iisaanis balbala “Ludd” jedhamu biratti isa qunnama. Ludd magaala Filisxem keessatti Baytal Maqdisitti dhiyoo taatedha. Yommuu Dajjaal Iisaa argu akkuma soqiddi bishaan keessatti baqu, Dajjaalis baqa. Iisaanis ni jedhaan, “Ani dhimma sirraa qabaa gonkumaa na hin miliqxu.” San booda Dajaalin qabuun xiyya isaatiin ajjeesa. Hordoftoonni Dajjaal ni dheessu. Muslimoonni isaan hordofuun isaan ajjeesu. Hanga Mukni dubbachuun, “Yaa Muslim, Yaa Gabricha Rabbii! Kuni Yahuudaa na duuba jiruudha. Koottu isa ajjeesi.” jedhu gahuutti Muslimoonni isaan ajjeesu. Garuu mukkeen keessa mukni Gharqad jedhamu hin dubbatu. Inni muka yahuudaa waan ta’eef.

Hadiisota muraasa waa’ee kana dubbatan dhiyeessun ni danda’ama:
Hadiisa Abdullah ibn Amr gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, “Dajjaal ummata kiyya keessatti ni baha. Afurtamas ni tura… San booda Rabbiin Iisaa ibn Mariyami ni erga. Iisaan akka waan Urwah ibn Mas’uud fakkaatuti. Innis Dajjaalin duuka bu’uun ni ajjeesa.” Sahiih Muslim 2940

Mujammi’a ibn Jaariyah al-Ansaari (radiyallahu anhu) akkana jechuun gabaase, “Ergamaan Rabbii (SAW) akkana kan jedhan dhagahe, “Ilmi Mariyam Dajjaalin balbala Ludditti ni ajjeesa.” Jaami’a at-Tirmizi 2244

Ajjeechaa Dajjaalitiin fitnaan isaa ni xumurama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota amanan ni baraara.

Guduunfaa
➤Dajjaal fitnaa guddaa dachii keessatti mul’atuudha.
➤Dajjaal ilma namaa yoo ta’u, wantoota sobaa namatti agarsiisuun namoonni akka isatti amanan taasisa. Amaloonni isa kana fakkaatu
➦ Ijji isaa takka ballaadha.
➦ İja lamaan jidduutti kaafir jechuun barreefame
➦ Nama gabaaba Jismiin isaa garmalee guddaa fi furdaa ta’eedha.
➦ Dabbasaa (rifeensa) mammaramaa fi furdaa qaba
➦ Kallachi isaa bal’aadha
➦ Ijoolle hin qabu
Dajjaal maal himataa, maal hojjataa?
➦ Dajjaal ani gooftaadha natti amanaa jechuun namoota waama.
➦ Laga akka ibidda boba’a fakkaatu fi laga adii of duukaan deema. Lagni ibidda bobaa’a fakkaatu, bishaan qabbanaa’adha.
➦ Samii roobi,dachi biqilchi jechuun ajaja. Dhugumatti kuni hundi fitna guddaadha. Kuni namoota qoruuf dandeetti Rabbiin subhaanahu wa ta’aala isaaf kennuudha. Kanaafu, namni Dajjaal irraa of eeguf, du’aayi irrannatti eerre fi suuratu al-kahf qara’u danda’a.


Kitaaba wabii
[1] Sahiih Muslim 2934
The End of The World-fuul 263-…
https://islamqa.info/en/answers/8806/who-is-the-dajjaal
https://islamqa.info/ar/answers/8806/%D9%81%D8%AA%D9%86%D8%A9-%D8%A7%D9%84%D9%85%D8%B3%D9%8A%D8%AD-%D8%A7%D9%84%D8%AF%D8%AC%D8%A7%D9%84

Iisaa (Iyyasuus)-Kutaa 1
Firii Guyyaa Aakhiraatti Amanuu
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply