Rabbitti Amane-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Daliilul Itqaan (Ragaa Sirreessuu fi Jabeessu)

Jedhi, ‘Faaruun hundi kan Rabbiiti. Gabroottan Isaa kanneen Inni filate irratti nageenyi haa jiraatu. Sila Rabbiidha moo wantoota isaan Isatti qindeessantu (shaarrakantu) caalaa?’” Suuratu an-Naml 27:59
Eeyyeen Rabbii sifaata guutuu qabuu fi hanqinna hunda irraa qulqulluu ta’eti caalaa. Hundemaa Gooftaan Gooftaa jedhamuuf hanqinna hundarraa bilisa kan ta’ee fi sifaata (amaloota) gaggaarii fi gugguutun kan ibsamu ta’uu qaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sifaanni (amaloonni) Isaa guutuu fi hanqinna hundarraa kan qulqullaa’edha. Sifaanni (amaloonni) Isaa guutuu ta’uu wantoota Inni uumee irraa hubachuun ni danda’ama. Samiin utubaa malee dhaabbachuu fi baqaqiinsa homaatu kan hin qabne ta’uun Beekumsi, Dandeetti fi Ogummaan Rabbii guutuu ta’uu agarsiisa. Beekumsi, Dandeetti fi Ogummaan sifaata (amaloota) Rabbiiti.

Osoo karaa irra deemtu mana garmalee miidhagu yoo agarte, namni mana kana ijaare ogeessaa fi muxannoo guddaa akka qabu ni hubatta. Ammas, elektroniks akka moobayilii fi kompiyutaraa yoo argite, namni kana hojjate beekumsaa fi ogummaa akka qabu ni hubatta. Sababni isaas, wantoonni nama ajaa’ibsisan kunniin hundi ogummaa fi beekumsa barbaadu. Gonkumaa ofiin ta’uu hin danda’an. Wantoonni samii fi dachii keessa jiran ajaa’ibni isaanii himame hin dhumu.

Ajaa’iba biqiltoota keessa jiruu baruu yoo barbaadde, hayyuu waa’ee biqiltoota qoratu gaafadhu. Waa’ee bineensota baruu yoo barbaadde, nama waa’ee bineensotaa qoratu gaafadhu. Waa’ee hawaa (space) yoo barbaade, nama waa’ee hawaa qoratu gaafadhu. Waa’ee yuniversi ilaalchisee akkuma beekumsi keenya dabaluun, iimaanni keenyas dabala. Garuu iimaanni kan dabalu sammuun itti xinxalluuf, qalbiin iimaanaaf qophii yoo ta’aniidha.

Uumamni kuni hundi sirnaa fi tartiiba qabachuun gara Khaaliqa Beekaa, Ogeessaa fi Danda’aa ta’eetti akeeku. Rabbiin Qur’aana keessatti haala kanaan namoota waama:

Sila Nuti dachii firaasha hin goonee? Gaarreenis shikaali [hin goonee]? Cimdiis goonee isin uumne. Hirriba keessanis boqonnaa goone. Halkanis uffata goone. Guyyaas yeroo jireenyaa goone. Gubbaa keessanittis [samiiwwan] jajjaboo torba ijaarre. Ifa boba’aas uumne. Dumeessa irraas bishaan dhangala’aa baay’ee buufne. Isaan (bishaan kanaan) midhaanii fi biqiltoota baasuf [roobsine] Ashaakilti damee wal-keessa seensifattes.” Suuratu Naba’a 78:6-16

Aayatoota kanniin keessatti qananii ilma namaa irratti oole dubbata. Namoonni qananii kanniin yoo ilaalanii fi itti xinxallan, Rabbii isaaniitti akka amananii fi of gadi qaban taasisa. Aayatota armaan olii keessatti mallatoolee sagal dubbata. Tokkoffaa dachii diriirsuun akka firaashaa namootaaf gochu. Dachiin gara hundaan akka dhagaa osoo jabaatte, silaa namoonni itti fayyadamuu hin danda’an. Ammas, osoo akka dhoqqee laafte silaa namoonni irra deemuu fi mana irratti ijaarrachuu hin danda’an. Kanaafu, dachii jiddu-galeessa gochuun faaydaa namootaatiif mijeesse. Mallattoon lamaffaan gaarreen shikaali gochuudha. Gaarreen dhedheeroon kunniin faaydalee baay’ee qabu. Faaydalee kanniin keessaa inni guddaan dachiif shikaali ta’uudha. Dachiin namootaan akka hin kirkirree Rabbiin guddaan gaarreen shikaali taasise. Shikaalin wanta itti hidhame bakkatti qaba. Kanaafu, gaarreen dachiin akka hin reeqqisne ykn hin kirkirree bakkatti qabu.

Mallattoon sadaffaan namoota cimdii gochuudha. Kana jechuun dhiiraa dhalaa, diimaa gurraacha fi gosoota garagaraa godhe. Namoota cimdii gochuun horteen ilma namaa itti fufa. Akkasumas, mallatooleen Rabbii isaan keessatti mul’atu. Rabbiin malee eenyutu saala namaatii fi bifa isaanii murteessu danda’aa? Mallattoon afraffaan hirriba boqonnaa gochuudha. Namni hojii irraa addaan cituun yommuu rafu boqonnaa argata. Mallattoon shanaffaan halkan akka uffataa nama haguugu gochuudha. Akkuma uffanni qaama namaa haguugu halkaniis dukkana isaatiin waa baay’ee haguuga. Mallattoon jahaffaan Guyyaa yeroo jireenyaa taasisuudha. Kana jechuun rizqii (soorata) isaanii argachuuf guyyaa akka hojjataan isaaniif taasise. Kanaafu, ilmaan namaa halkan akka boqotan, guyyaa immoo akka dalagatan eenyutu taasisee? Osoo jireenyi halkan qofa taatee eenyutu guyyaa fiduu danda’aa? Ammas, osoo guyyaa qofa taatee eenyutu halkan fidu danda’aa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

28:71

Mee naaf himaa! Rabbiin hanga Guyyaa Qiyaamaa isin irratti halkan itti fufaa yoo taasise, Rabbiin ala gabbaramaan ifa isiniif fiduu danda’u eenyuu? Sila hin dhageessanii?” jedhiin” Suuratu Al-Qasas 28:71

Kana jechuun Rabbiin hanga guyyaa Qiyaamaa walitti aansun halkan qofa osoo taasisee Rabbiin ala eenyutu ykn wanta gabbaramu kamtu ifa guyyaa fiduu danda’aa? Sila kana itti xinxalluun Tokkichummaa Rabbii hin hubbattanii?

Mee naaf himaa! Rabbiin hanga Guyyaa Qiyaamaa isin irratti guyyaa itti fufaa yoo taasise, Rabbiin ala gabbaramaan halkan keessatti boqattan isiniif fiduu danda’u eenyuu? Sila hin argitanii?” jedhiin” Suuratu Al-Qasas 28:72

Ammas osoo walitti aansun guyyaa qofa taasise Rabbiin ala eenyutu halkan keessatti hara galfattan fiduu danda’aa? Halkanii fi guyyaa Rabbiin malee eenyullee fiduu hin danda’u. Aduun erga baatee booda osoo Rabbiin bakkaa akka hin sochoone godhee eenyutu bakkaa ishii sochoosun halkan fiduu danda’aa? Akkasumas, erga seente booda ganama akka hin baane osoo godhee eenyutu guyyaa fidu danda’aa?

Mallattoon torbaffaan samiiwwan torba jajjaboo ijaarudha. Samii hanga kana bal’attu ijaarun, akka dachii irratti hin kufne qabuu fi eegun Dandeetti fi Ogummaa Rabbii olta’aa mul’isa. Mallattoon saddeettaffaan aduu samii keessatti uumudha. Aduu tana “Siraajan wahhaajaa” jechuun ibse. Siraaj jechuun duungoodha. Wahhaaj jechuun immoo boba’aa ifaa fi hoo’insa kennuudha.Kanaafu, aduun duungoo boba’aa ifaa fi hoo’insa kennituudha. Lubbuu qabeenyi dachii irra jiraataniif akka ifaa fi ho’iinsaatti tajaajilti. Osoo aduun jiraachu baatte silaa lubbu-qabeenyin jiraachu hin danda’an.

Mallattoon saglaffaan bishaan dumeessa irraa buusun midhaan namoonni nyaatanii fi biqiltoota biroo biqilchuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rahmata Isaatiin bishaan baay’ee dumeessa irraa ni buuse. Ergasii bishaan kanaan namootaa fi beelladotaaf midhaanii fi biqiltoota biroo ni biqilche. Kuni hundi gara Tokkichummaa, ogummaa fi beekumsa Rabbii akeeku.

Mulhidni (Namni Rabbitti hin amanne) dhufee akkana jechuu danda’a, “Roobni kan roobu sababa hurki galaana irraa ka’uun dumeessatti jijjiramuuni.” Kanaaf karaa adda addaatin deebii kennuun ni danda’ama.

1ffaa- Sababni bakka lamatti qoodama. Isaaniis,

  1. Sababa wanta tokkotti geessu ykn jidduu galeessa. Kuni sababa wanta tokko hojjachuf itti fayyadaman malee mataa isaatiin hojjataa miti.
  2. Sababa mataa isaatiin hojjatu. Osoo sababa biraa fayyadameeyyu mataa isaatiin wanta tokko waan hojjatuuf sababa dhugaa (haqiiqaa) ta’eedha.

Sababoota lamaan kanniin fakkeenya armaan gadii irraa hubachuu dandeenya. Rasaasni nama ajjeesu sababa jiddu-galeessaa ta’aa malee sababa dhugaa ta’uu hin danda’u. Baruudaan (fanjiin) xiyyitii keessaa yaa’u sababa jidduu galeessaa ta’aa malee sababa dhugaa ta’uu hin danda’u. Kanaafu, sababni dhugaan maali ree? Sababni dhugaan nama rasaasa dhukaasudha. Filannoo fi fedhii ofiitiin rasaasa dhukaase. Sababa tokko malee rasaasni ofiin dhuka’uu danda’aa? Hin danda’u. Namni tokko rasaasaan yoo ajjeefame eenyutu gaafatamaa? Rasaasa moo nama rasaasa dhukaasetu gaafatamaa? Dhugumatti nama rasaasa dhukaasetu gaafatama. Kanaafu, rasaasni sababa jiddu galeessa ykn wanta tokko hojjachuuf kan nama gargaarudha. Namni rasaasa dhukaasu immoo sababa dhugaa (haqiiqaati) ykn hojjataadha.

Amma haa gaafannu, hurki galaana irraa ka’uun dumeessatti erga jijjiramee ofumaan gara bishaanitti jijjiramuu danda’aa? Hamma roobaa ofiin murteessu danda’aa? Hin danda’u. Kanaafu, hurki kuni sababa jidduu galeessaati malee mataa ofitiin gara roobaatti kan jijjiramu miti. Dhugaadhaan ykn haqiiqaan gara roobaatti kan jijjiru Rabbii guddaadha.

Warroonni saayinsi hordofna jechuun haqa fudhachuu didan deebiin isaaniif kennamu kama armaan oliiti. Warroonni saayinsi hordofna jedhan kunniin, “Wanti kuni akkamitti ta’e?” jedhamanii yommuu gaafataman, “Kuni seera uumamaati (natural law)” jedhu. Dhugaan isaan hubachuu qaban, seerri saayinsin argatuu sababa jidduu galeesaati malee mataa isaatiin wanta tokko hojjachuu hin danda’u “Seera uumamaa kana eenyutu kaa’e?” jennee osoo gaafanne deebiin isaanii maal ta’inna laata? Seerri ofumaan of kaa’u danda’aa? Wanti saayinsin argatu sababa wanta tokkotti geessu malee sababa dhugaati miti.

Saayinsiin akkana jechuun nutti hima, “Waggaa keessatti waqtileen afran kan uumaman sababa dachiin aksisi ishiitirra gara aduutti ykn aduu irraa dabduuni.” Amma of haa gaafannu, wanti saayinsiin nutti himu sababa jiddu-galeessaati moo sababa dhugaati? Dhugumatti sababa jidduu galeessa nutti himaa jira. Eenyutu dachiin gara aduu ykn aduu irraa akka dabdu taasisaa?

Kanaafu, wanti saayinsin nutti odeessu sababa jiddu galeessaati malee Hojjataa Dhugaa nutti himaa hin jiru. Wantoota kanniin kan duubaa hojjatu Rabbii olta’aadha. Mee itti xinxalli, saayinsin jijjirama uumamaa addunyaa kana keessatti adeemsifamu yommuu dubbatu, “Kuni sababa kanaaf ta’e” jedha malee “Kanatu kana hojjata” nuun hin jedhu. Kanaafu, namni seera haarawa saayinsin argatuun gowwoomun Rabbitti kafaruu irraa of eegu qaba.

Saayinsin seera termoodaynamiksi (sochii hoo’aa) konkolaataa keessatti adeemsifamu yoo nutti hime, konkolaataan osoo namni hin oofin ofumaan deemti jechuu dandeenyaa? Haaluma kanaan saayinsiin seera uumamaa (natural law) yoo nutti hime, addunyaan tuni ofumaan of bulchiti jechuu dandeenyaa?

Saayinsin seera Rabbiin addunyaa keessa kaa’ee akka beeknu waan nu gargaaruuf yoo sirnaan itti fayyadamne iimaanni keenya dabaluu danda’a. Namoonni waa’ee saayinsi sirritti erga beekanii booda iimaana isaanii labsan baay’etu jiru.

Kitaabban Wabii: 
Baraa’hiin wa adillatul Iimaaniyyata-fuula 165-168, Abdurahmaan Habanka
Kawaashif Zuyuuf – Fuula-524-525, Abdurahmaan Habanka
Kitaabban tafsiiraa- Zaadil Masiir-fuula 1507, Ibn Jawzi
Ma’aariju at-tafakkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi  15/13-19

Rabbitti Amane-kutaa 4
Rabbitti Amane-Kutaa 2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply