Rabbitti Amane-kutaa 4

Offline dubbisuf

3. Ragaa tartiiba fi Sirna Qabsiisuu

Jedhi, ‘Faaruun hundi kan Rabbiiti. Gabroottan Isaa kanneen Inni filate irratti nageenyi haa jiraatu. Sila Rabbiidha moo wantoota isaan Isatti qindeessantu (shaarrakantu) caalaa?’” Suuratu an-Naml 27:59

Jireenya tana keessatti Rabbiin alatti wanti namoonni gabbaraman wanta amaloota (sifaata) gooftummaa hin qabneedha. Amaloonni Gooftaa guutuu fi hanqinna hundarraa bilisa kan ta’e ta’uu qaba. Hundemaa, makhluuqni (wanti uumame) hanqinna baay’ee waan qabuuf Gooftaa gabbaramu ta’uu hin danda’u. Gooftaan gabbaramuu Gooftaa waan hundaa irratti danda’aa, wanta badaa namarraa deebisuu fi waan gaarii namaaf fiduu danda’uudha. Wanti uumame kana hunda gochuu danda’aa? Kanaafu, makhluuqini hanqinna baay’ee waan qabuuf gooftaa gabbaramuu ta’uu hin danda’u. Dubbiin erga akkana ta’e Gooftaan gabbaramu, kadhatamuu, sodaatamuu fi garmalee jaallatamu qabu Rabbiin qofa.

Kutaa darbe keessatti ragaalee gara Tokkichummaa Rabbii fi amaloonni Isaa guutuu ta’uu agarsiisan ilaalle turre. Ammas itti fufuun ni ilaalla. Samii, dachii fi wantoota isaan lamaan keessa jiran yommuu ilaallu tartiibaa fi sirna kan qabataniidha. Pilaanetonni, aduu fi samiin sirnaa fi tartiiba isaanii hordofu. Wal-faallessuun, wal diiggaa fi walitti bu’iinsi hin jiru. Kuni hundi Khaaliqni Tokkichi akka uumee fi tartiiba qabsiisee agarsiisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Halkaniis isaaniif mallattoodha. Isarraa guyyaa baafna. Yeroma san isaan dukkana keessa ta’u. Aduunis hanga daangaa murtaa’etti deemti. Suni Murtii Rabbii Injifataa Beekaa ta’eeti. Baatiis hanga inni akka damee temira gogeetti deebi’utti buufata isaaf goonee jirra. Aduun baatii dhaqqabuun ishiif hin ta’u. Halkanis guyyaa hin dursu. Hunduu sarara keessa deemu.” Suuratu Yaasiin 36:37-40

Aayatoota kanniin keessa mallatoolee jahatu namootaaf jira. Mallatooleen kunniin Tokkichummaa, Dandeetti, Beekumsaa fi Ogummaa Rabbii agarsiisu. Mallattoon 1ffaan- Halkani. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ifa guyyaa yommuu baasu halkan ni dhufa. Yeroma ifni guyyaa deemu namoonni dukkana halkanii keessa seenu. Mallattoon 2ffaan-Aduun daangaa ykn yeroo murtaa’ef deemudha. Jechi Musxaqarr jedhu bakkaa fi yeroo kan of keessatti qabatuudha. Aduun adeemsa ishii keessatti daangaa hin dabartu. Hanga ishiif murtaa’e ni deemti. Ammas hanga yeroo murtaa’e ni deemti. Yeroo san irra hin dabartu. Yeroon kunis Guyyaa Qiyaamaati. Qiyaamaan yommuu dhootu, adeemsi aduu ni dhaabbata, ifni ishii ni bada, ni mammaramti[1]. Kanaafu, aduun tuni daangaa ishii akka hin dabarree kan too’atu fi hanga yeroo murtaa’etti akka deemtu kan taasisuu Rabbii Injifataa, Beekaa ta’eedha.

Mallattoon 3ffaan Baatii buufata ykn marsaa isaa murteessudha. Baatin ykn jiiyni samii keessatti buufata qaba. Guyyaa jalqabaa gara dhiyaatin yommuu bahu qal’aa ta’ee baha. Ergasii suutuma suuta hammi isaa, ifni fi bakka inni samii keessatti qabu dabalaa adeema. Guyyaa kudha afraffaatti guutuu ta’uun mul’ata. Ergasii hammi isaa hir’atuun akka damee teemiraa gogee ta’a. Mukni teemiraa damee firii teemiraa itti baadhatu ni qaba. Dameen kuni yommuu gogu qal’aa fi kan jallate ta’uun daalachaa’a. Haaluma kanaan, jiiynis guyyaa dhumaa irratti qal’achuu fi kan dabe ta’uun ifni fi hammi isaa hir’ata. Eenyutu akkanatti marsaa ykn buufataa ji’aa murteesse? Jiiyni akkanatti samii keessa yommuu deemu, hamma itti guddatuu fi hir’atuu ofiin murteessu danda’aa? Kanaafu, kuni murtii Rabbii Injifataa, Beekaa ta’eeti.

Mallattoon afraffaan Aduun baatii hin dhaqqabdu. Kana jechuun aduun halkan bahuu hin dandeessu. Akkasumas, isaan lamaanu orbiiti (sarara) isaanii irra waan deemaniif walitti hin bu’an. Kanaafu, kana hunda kan akkanatti tartiibaa fi sirna qabsiise Rabbii waan hundaa irratti Danda’aa fi Beekaa ta’eedha. Mallattoon shanaffaan halkan guyyaa hin dursu. Kana jechuun yeroon guyyaa osoo hin xumuramiin halkan hin dhufu. Yeroo isaa eeggate dhufa. Mallattoon jahaffaan aduu fi jiiyni, halkanii fi guyyaan sarara isaanii qabatanii deemudha. Sarara ykn orbiiti isaanii irra deddebi’anii deemu. Hanga Qiyaamaatti sarara isaanii irraa dabuun hin jiru. Wantoonni hawaa (space) kuniin sirnaa fi tartiiba qabachuun Ogummaa, Beekumsaa, Dandeetti fi Tokkichummaa Khaaliqa agarsiisu. Tartiibni fi sararri isaan irra deeman kan nama ajaa’ibsiisuudha.

Image result for solar system
Solar system (Sirna Aduu fi pilanetota ishii marsanii)

Wantoonni kunniin ofumaan sirnaa fi tartiiba ofii qabachuu danda’u? Gonkumaa qabachuu hin danda’an. Kanaafu, sirnaa fi tartiibni isaanii kuni gara Rabbii Guddaa, Beekaa fi ogeessa ta’etti akeeku.

Jechoota ijoo: Dizaayin (design) jechuun boca, hamma fi bifa wanta tokko karoorsu fi baasudha. Dizaaynara-nama dizaayini hojjatu.

Hayyoonni waa’ee yuniversi qoratan sirnaa fi tartiiba kana yommuu sirritti xinxallan, “Kuni hojii Ogeessaa fi Beekaa malee wanta biraa ta’uu hin danda’u” jechuun Rabbitti amanuu isaanii labsu. Mee isaan keessaa muraasa haa ilaallu. Mimorii elektroniksi dizaayini kan godhu Injinar Kilodam Hasaway jedhamu mata duree “Argannoo Guddaa” jedhu jalatti akkana jechuun barreessa:

Sababoota yaadaa gara Rabbitti amanuutti na waaman keessaa haqa eenyullee kaadu hin dandeenye ibsuun jalqaba. Innis, dizaayinin dizaayinaratti hajama.  Hojiin injinarii ani hojjadhu sababoota Rabbitti akka amanan na taasisaniidha. Waggoota baay’eef meeshaalee elekrooniksii fi elektrikii dizaayini gochuu waliin erga ko’oome booda dinqisiifannaan ani dizaayini hundaaf qabu dabalu jalqabe. Kana irratti hundaa’e, dizaayiniin addunyaa nu marsee jiru kuni Khaaliqa Guddaan kan hojjatame malee wanta biraa ta’uu hin danda’u. Dhugumatti, karaan kuni karaa duraanii Rabbiin jiraachu itti agarsiisaniidha. Garuu saayinsiin yeroo ammaa duraan caalaa [karaa kana] caalatti ifaa fi ragaa cimaa taasisee jira.

Injinarri akkamitti sirna tokko guddisuu akka qabuu fi dizaayini tokko raawwachuuf humna, wantootaa fi seera uumamaa walitti fiduuf yommuu tattaafatu rakkoo isa qunnamuu akkamitti füruu akka qabu ni barata. Dizaayini haarawa kaa’uuf yommuu carraaqu sababa rakkoo fi ulfaatinna isa qunnamuuf wanta haarawa jalqabuuf ni tilmaama. Waggoota baay’eef mimori elektroniksi wantoota lama wal madaalchisuu danda’u hojjachuuf carraaqaa ture. Ujumoo, meeshaalee elektroniksii fi mekaaniksi dhibbaatamatti lakkaawaman fayyadamuun galma keenya geenye jirra.

Meeshaa kana argachuuf wagga tokkoof ykn lamaaf erga waliin ko’oome fi dizaayini gochuuf rakkoo fi ulfatinna baay’ee na qunnaman erga furee booda, meeshaan kuni osoo sammuu fi dizaayini hin fayyadamiin karaa biraatin hojjachuu akka hin dandeenye sammuun kiyya ni yaade.

Addunyaan nu marsee jiru kuni walitti qabama dizaayini, argannoo fi tartiiba qabsiisuu malee wanta biraati miti. Gariin isaanii garii irraa haa xiqqaatani malee hundi isaanitu wal keessa kan seenanii fi wal qabataniidha. Mimoori elektroniksi ani hojjadhe caalaa wanti addunyaa keessa jiran kunniin ijaarsi atamii isaanii hunduu kan wal qabateedha.  

Meeshaan kuni nama dizaayini isa godhu kan barbaadu yoo ta’e, qaamni kiyya wantoota fiizikaala, keemikaala fi lubbuu qabu kuni argamsiisaa isa argamsiisu hin barbaadu ree? Kanaafu, jiraachu Rabbiitiif harka kennuu malee nuti homaa gochuu hin dandeenyu. …

Saayinsin Isa bira gahuu waan dadhabeef jiraachu Isaa kaadun dhugummatti gowwummaadha. Kanarratti dabalate, umamni ofumaan tartiiba of qabsiisu akka hin dandeenye ykn too’annaa ofirratti argachuu akka hin dandeenye fiziksiin yeroo ammaa na barsiisee jira.”[2]


[1] Tafsiir ibn Kasiir 6/340-341, Mana Maxxansa Daaru Ibn al-Jawzi
[2] Baraahiin wa adillatul Iimaaniyyata-fuula 196-197, Abdurahmaan Habanka

Iisaa (Iyyasuus)-Kutaa 1
Rabbitti Amane-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply