Iisaa (Iyyasuus)-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Ragaalee Iisaan (aleyh salaam) itti bu’uu Agarsiisan
Akkuma kutaa darbe keessatti jennee yeroo Yahudonni isa ajjeesuf dhufan Iisaan (aleyh salaam) gara samii ol fuudhamee jira. Qiyaamaan yommuu kalooftu akka bu’uu ragaaleen shari’aa ni agarsiisu. Bu’iinsi isaa kunis mallattoo Qiyaamaa ta’a. Mee ragaalee kanniin gabaabbinaan haa ilaallu:

Qur’aana irraa Ragaalee Bu’iinsa isaa agarsiisan
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

Yeroo ilmi Mariyam akka fakkeenyaatti dhiyeefamu yoosu ummanni kee sagalee olkaasanii isatti kolfan. Ni jedhanis, “gooftolee keenya moo isatu (Iisaatu) caalaa?” Isaan wal-bira qabuu kana siif hin dhiyeessine falmiif yoo ta’e malee. Garuu isaan ummata mormitoota. Iisaan gabricha Nuti isa irratti tola oollee fi ilmaan Israa’iliif fakkeenya taasifne malee waan biraati miti. Osoo feene Malaaykota bakka keessan bu’an dachii keessa goonaa turre. Dhugumatti, Inni Qiyaamaaf mallattoo beekkamaadha, kanaafu ishii hin shakkinaa, Ana hordofaa. Kanatu karaa qajeeladha. Sheyxaanni [dhugaa hordofuu irraa] akka isin hin dhoorgine. Dhugumatti inni isiniif diina ifa bahaadha. ” Suuratu Az-Zukhruuf 43:57-62

As keessatti, “Inni Qiyaamaaf mallattoo beekkamaadha” kan jedhu ilaalchise hayyoonni Qur’aana ibsan, “Qiyaamaan dura Iisaan samii irraa bu’uun mallattoo Qiyaamaati” Jedhan[1]. Akkuma armaan gadiitti ilaallu hadiisonni sahiih ta’aniis ni jabeessu.

Ragaan biraa Iisaan samii irraa akka bu’uu agarsiisu aayah suuratu An-Nisaa keessatti argamtuudha.  

4:159

Abbooti kitaabaa irraa eenyullee hin jiru du’a isaatiin dura kan isatti amanu yoo ta’e malee. Guyyaa Qiyaamaas isaan irratti ragaa ta’a.” Suuratu An-Nisaa 4:159

Hayyoonni Qur’aana ibsan baay’een, maq-dhaalli “du’a isaatiin dura” jedhu keessa jiru “İisaa” akka agarsiisu dubbatan. Hiikni isaa kana ta’a: Abbooti kitaabaa (Yahuudaa fi Kiristaanaa) irraa eenyullee hin jiru du’a İisaatiin dura kan amanu yoo ta’e malee. Kunis kan ta’u Qiyaamaan yommuu dhiyaattudha. Akkuma hadiisa keessatti dhufe İisaan yommuu gara dachii bu’u booyye ni ajjeesa, Masqala ni caccabsa, Islaama malee amanti biraa hin qeebalu. Kanaafu, yeroo kanatti Yahuuda fi Kiristaanonni Iisaan gabrichaa fi Ergamaa Rabbii akka ta’e ni amanu.

Sunnah irraa Ragaalee Iisaan bu’uu agarsiisan
Huzeeyfa ibn Useyd Al-Ghifaariyy akkana jechuun gabaase:

Osoo nuti wal yaadachiisnu (waliin haasofnu) Ergamaan Rabbii (Salallahu aleyh wassalam) nu arguun akkana jedhan, “Maal wal yaadachistuu?” Sahaabonnis ni jedhan, “Waa’ee Qiyaamaa haasofna” Innis ni jedhe, “Hanga mallatoolee kudhan argitanitti malee Qiyaamaan hin dhaabbattu.” Ergasii akkana jechuun tarreesse: Aara (smoke), Dajjaal, bineensa lafaa baatu, Aduun dhiyaan bahuu, Iisaan ilmi Mariyam (nageenyi isarratti haa jiraatu) bu’uu, Ya’juuj wa Ma’juuj, gara sadiin mucucaachu lafaa: tokkoffaan gara Bahaatin, lamaffaan gara Dhiyaatin, sadaffaan Galoo-galaana Arabaatin. Dhumti kanaa ibidda gara Yaman irra bahuun namoota gara iddoo walitti qabamaatti oofudha.Sahiih Muslim 2901

Abu Hureyraan akka gabaasetti: Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Hanga ilmi Mariyam abbaa murtii haqaa ta’uun isin keessatti bu’utti malee Qiyaamaan hin dhaabbattu. Masqala ni caccabsa, booyye ni ajjeesa, Jiziyyah ni balleessa. Hanga namni fudhatu dhabamutti qabeenyi garmalee baay’ata.” Sahiih Al-Bukhaari 2476

Jiziyyah jechuun Motummaa Muslimaa keessatti namoota Muslima hin taane irraa gibira guurramuudha. Muslimoonni Zakaa yommuu kafalan, namoonni Muslima hin taane immoo Jiziyyah kafalu. Iisaan (aleyh salaam) yommuu bu’u, Islaama malee amanti biraa waan hin fudhanneef Jiziyyaan ni dhabama. Garuu Islaama malee amanti biraa hin hayyamu jechuun namoota Islaama akka fudhatan ni dirqiisisa jechu miti. Kana irraa namoonni yommuu Iisaan bu’u, Iisaan gabrichaa fi Ergamaa Rabbii akka ta’ee ni beeku. Yaanni, “Iisaan ilma gooftaa ykn gooftaadha” jedhu qalbii isaanii irraa ni haaqama. Dhugaa waan arganiif.  Kanaafu, amanti haqaatti ni amanu. Akkuma Rabbiin subhaanahu wa ta’aala jedhe:
Abbooti kitaabaa irraa eenyullee hin jiru du’a isaatiin dura kan isatti amanu yoo ta’e malee.” Suuratu An-Nisaa 4:159

Gaafii: Iisaan yommuu bu’u seera Nabii Muhammadin bulcha moo seera haarawa fidaa?
Deebiin isaa: Seerri (Shari’aan) Nabi Muhammad (SAW) guutuu waan ta’eef Iisaan seeraa haarawa hin fidu. Guyyaa Arafaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aala keeyyata suuratu Al-Maa’ida keessatti argamtu buusun ni jedhe: “Har’aa amanti keessan isiniif guute, qananii Kiyyas isin irratti guutee jira, Islaamas akka amantitti isiniif jaalladhe.” (Suuratu Al-Maa’ida 5:3) Kanaafu, shari’aan (seerri) Islaamaa guutuu waan ta’eef Nabii Iisaan (aleyh salaam) seeruma Nabii Muhammadin (SAW) ummata bulcha.

Waa’ee Bu’iinsa Iisaa ilaalchisee Kiristaanonni Maal jedhuu?
Kiristaanonni Iisaan ilma Gooftaati jedhanii amanu. Rabbiin kanarraa qulqullaa’e. Nuuf jedhe fannifame du’e, ergasii gara samii ol fuudhame jedhanii amanu. Gara Yeroo dhumaatti ni bu’a jedhu. Waa’ee Iisaa ilaalchisee amantin Kiristaanaa amanti Muslimaa irraa karaa baay’een garagara ta’a:

Iisaan ilma Gooftaa akka ta’e Kiristaanonni ni amanu. Garuu kuni kijibaa (baaxila). Amantiin sirriin, Iisaan ilma namaati, gabricha fi Ergamaa Rabbiiti.
Yahudoonni Iisaa fannisanii akka ajjeesan Kiristaanonni ni amanu. Garuu kuni soba (baaxila). Ilaalchi sirriin, isaan hin fannisnes hin ajjeesnes.
Iisaan (aleyh salaam) erga fannifamee guyyaa sadiin booda gara samii bahe jedhanii Kiristaanonni ni amanu. Garuu kuni kijiba. Kana irra inni osoo hin fannifamiin ykn hin ajjeefamin gara samii ol fuudhame.

Iisaan (aleyh salaam) akkamitti fi Eessatti bu’aa?
Iisaan (aleyh salaam) uffata lama uffachuu fi harka isaa koola Malaykoota lamaa irra gochuun minaaraa adii Baha Damasqootti argamutti bu’a. Ibn Kasiir ni jedha: “Bakka inni itti bu’u ilaalchisee ilaalchi hundarra beekkamaan baha Damasqoo minaaraa adii irratti bu’a kan jedhudha. Yommuu salaataaf iqaamaan godhamu ni bu’a…” (An-Nihaayah fil fitan wal-Malaahim 1/192)

Maaliif Iisaan qofti akka bu’uu fi nabiyyiin biraa akka hin buune godhamee?
“Yeroo dhumaatti maaliif Nabii Iisaan qofti gara dachii akka bu’u filatame?” jechuun of gaafachuu dandeessa.
Hayyoonni sababa Iisaan qofti bu’u ilaalchisee yaada baay’ee kennanii jiru. Isaan keessaa:

  1. Yahudoonni Iisaa ajjeesne jedhan. Kanaafu, dubbii isaanii kanaaf deebii kennuu fi dhugaa ifa baasuf Iisaan samii irraa ni bu’a. Rabbiin subhaanahu Iisaa samii irraa gara dachii buusun Yahudoota fi hogganaa isaanii Dajjaalin akka loluu fi moo’atu taasisa. Al-Haafiz Ibn Hajar ilaalchi kuni hundarra sirrii akka ta’etti ilaala.
  2. Ammas, kijibaa Kiristaanota ifatti baasuf Iisaan (aleeyh salaam) samii irraa ni bu’a. “Iisaan ilma gooftaati ykn gooftaadha” yaanni jedhu soba akka ta’e ifa isaaniif godha.
  3. Duuti isatti waan hin dhufneef Iisaan samii irraa bu’uun dachii keessatti ni du’a. ergasii ni awwaalama. Kan biyyee irraa uumame eessattillee hin du’u, gara biyyeetti deebi’e du’aa malee.

Akka hin dheeressineef sababoota hangafaa kanniin qofa irratti gabaabadhe. Sababoota hafan kitaaba The End of The World fuula 357-358 irraa ilaalun ni danda’ama.

Iisaan (aleyh salaam) Erga gara dachii bu’ee hangam turaa?
Iisaan (aleyh salaam) dachii irra waggaa afurtama tura. Yeroo kana keessatti namoonni badhaadhinna, haqummaa fi nageenyaan jiraatu. Hadiisa Abu Hureeyraan gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Haawwan isaanii gargar haa ta’anii malee Nabiyoonni obboleeyyani. Amantiin isaanii tokko. Namoota hunda caalaa anatu Iisaa ibn Mariyamitti dhiyaata. Sababni isaas, anaa fi isa jidduu nabiyyin hin jiru. Waggaa afurtamaaf tura, ergasi ni du’a. Muslimoonnis salaata janaazaa isarratti ni salaatu.” (Ahmdi fi Al-Haakim gabaasanii jiru. Al-Haakim ni jedha, Al-Bukhaari fi Muslim haa gabaasu baataniyyuu malee isnaadni isaa sahiih dha.)


[1] Tafsiir ibn Kasiir 6/583
The End of The World-fuul 344-359

Iisaa (Iyyasuus)-Guduunfaa
Iisaa (Iyyasuus)-Kutaa-2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply