Iisaa (Iyyasuus)-Guduunfaa

Offline dubbisuf

Rabbi hin dhalle, hin dhalanne, Tokkicha fakkaataa hin qabneef faaruu fi galanni hundi Isaaf haa ta’u. Waa’ee Iisaa (Iyyasuus) nageenyi isarratti haa jiraatu kutaalee sadii jalatti qoodun ilaalaa turreera. Waa’ee isaa ilaalchisee dhugaan maal akka ta’e hubanne jirra. Namni dhugaa kana hubatuun qajeele lubbuma ofii fayyada. Namni dhugaa kana irraa goruun jallate lubbuma ofi miidha.

Qur’aanni waa’ee Iisaa (Iyyasuus) ilaalchise haala namaaf galuu fi ifa ta’een ibsa. Wanti nama dhmaasu Qur’aana keessatti hin argamu. Garuu faallaa kanaa, kitaaba Kiristaanaa keessatti waa’ee Iisaa ilaalchise wantoonni nama dhamaasan baay’etu jiru. Takkaa gooftadha jedha, takkaa immoo ilma gooftaati jedha, takkaa immoo nabiyyiidha jedha, takkaa immoo gooftota sadan keessaa isa tokko jedha, takkaa immoo cubbuu keenyaf jedhee du’e jedhu. Namni kanniin keessaa kamiin filatee qabachuu danda’aa? Dhugumatti kuni dhama’iinsa guddaadha. Hundeen kanaa inni guddaan namoota kitaaba kana barreessaa tureedha.

Kutaa darbe keessatti, yeroo jalqabaatiif, “Iyyasuus ilma waaqayyooti” kan jedhe, Phaawulos akka ta’e macaafa qulqulluu irraa ilaalle turre. Achi booda yaanni kuni hanga bu’uura amanti ta’u gahuutti namtichi kuni yaada kana babal’isuu fi facaasu itti fufe. Namoonni isa booda dhufanis yaada isaa kana fi kan biroo itti dabaluun kitaaba barreessan. Kitaabni kunis Rabbiin biraa kan bu’eedha jedhan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa adeemsa isaanii kana akkana jechuun ibsa:

Warra kitaaba harka isaaniitiin barreessanii ergasii gatii xiqqaa ittiin bitachuuf “Kuni Rabbiin biraayi” jedhaniif ee badii isaanii! Waan harki isaanii barreessiteef jecha ee badii isaanii! Ammas waan isaan carraaqataniif jecha ee badii isaanii!” Suuratu Al-Baqarah 2:79

Arabni jecha “wayl” jedhu nama baditti kufeef itti fayyadamti. Haaluma wal fakkaatun Afaan Oromoo keessatti, nama badiin itti dhufuu hedu ykn baditti kufe, “Ee badii kee” jedhamaan. Kana jechuun baditti kufte, adabbiin cimaan sitti bu’e jechuu isaati. Warroonni kitaaba harka ofiitiin barreessanii ergasii gatii xiqqaa ittiin bitachuuf “Kuni Rabbiin biraayi” jedhan adabbiin cimaan isaanitti bu’a. Gatiin xiqqaan kuni addunyaa badduu tana. Qabeenya walitti sassabuuf kijibaan kitaaba katabuun kuni Rabbiin irraayyi ummataan jedhu. Kanaafu, namoonni kunniin karaa lamaan ummata gowwoomsanii fi miidhanii jiru. 1ffaa- Amanti isaanii sobaan walitti makuun ummata dhamaasu. 2ffaa-qabeenya isaanii sobaan nyaachu. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Waan harki isaanii barreessiteef jecha ee badii isaanii!” kana jechuun kijiba, jallinnaa fi dhugaa micciruu kitaaba keessatti harka isaanitiin barreessaniif ee badii isaanii. “Iyyasuus gooftadha ykn ilma gooftaati” kijiba isaan kitaaba keessatti barreessaniidha. Sababa kanaan ummata gowwoomsu. Kanas kan godhaniif addunyaa badduu tana argachuufi. “Ammas waan isaan carraaqataniif jecha ee badii isaanii!” Kana jechuun qabeenya argatan saniif ee badii isaanii. Hiikni biraa, sababa harka isaaniitiin kijiba barreessun cubbuu/dilii hojjataniif ee badii isaanii!

Kanaafu, namoonni kijiba harka isaanitiin katabuun qabeenya ykn beekkamti argachuuf “Kuni Rabbiin biraayyi” jedhan, adabbii cimaatu isaaniif jira. Badiin isaan hojjatan keessaa gurguddaan: 1ffaa-Rabbiin irratti kijibuu, 2ffaa-ummata karaa qajeelaa fi ifaa irraa jallisuun dukkanaa fi dhama’iinsatti oofu. 3ffaa- Qabeenya namootaa haqa malee nyaachu.

Namni sammuu qabu kijiba isaan uumaniin gowwoomu hin qabu. Sammuu isaa keessatti yaadu danda’a. “Iyyasuus akkamitti gooftaa ta’a, kan dhalate ta’e osoo jiruu? Wanti dhalatu wanta uumamudha. Kanaafu uumaa isa barbaachisa? Dubbiin yoo akkana ta’e akkamitti Iyyasuus Gooftaa waa uumuu ta’uu danda’aa? Ammas Iisaan of jabeessuf ni nyaata ni dhuga. Rabbiin qulqullaa’e immoo ni nyaachisaa malee hin nyaatu, ni obaasaa malee hin dhugu? Kanaafu, akkamitti Iisaan gooftaa ta’aa? Akkasumas, namni yommuu nyaatu fi dhugu xuriin akka fincaanii fi sagaraa isa irraa baha. Kanaafu, namni “Iyyasuus gooftaadha” yommuu jedhu, “Gooftaan ni nyaata ni dhuga ergasii xuriin isarraa baha” jechuu isaati. Rabbiin hanqinna kana hundarraa qulqullaa’e, olta’e. ” jedhee yaadu qaba.

Ammas, “Iyyasuus akkamitti ilma Rabbii ta’aa? Rabbiin Qulqullaa’an olta’e Dureessa Tokkicha fakkaata wayitu hin qabneedha. Ilmi yoo dhalate abbaa fakkaata. Kanaafu, “Rabbiin ilma qaba” jechuun “Inni fakkaataa qaba” jechuudha. Rabbiin kanarraa qulqullaa’e olta’e. Ammas ilmi kan barbaachisuuf akka nama gargaaru fi sanyiin namaa itti fuftuufi. Rabbiin Qulqullaa’an olta’e gargaarsa wanta jedhamu hin barbaadu, wanta hundaa irratti danda’aadha. Yeroo hundaa jiraataadha. Kanaafu, Inni waan hundaa irraa Dureessaa fi Of gahaa ta’ee osoo jiru maaliif ilmatti hajama?”

Namni kanniin deddeebisee yoo of gaafatee, wanti kitaaba (macaafa) isaanii keessatti barraa’e soba ta’uu takkaan hubata. Kijiba kanniin kan barreesse namoota fedhii ofii hordofuun ummata gowwoomsaniidha. Kanaafi, Rabbiin qulqullaa’an olta’e akkana jechuun Yahuudotaa fi Kiristaanota akeekachiisa:

Jedhi, “Yaa warra kitaabaa! Amantii keessan keessatti dhugaan ala daangaa hin darbinaa. Fedhii ummata duraan jallatanii darbanii, namoota heddus jallisanii fi karaa qajeelaa irraa jallatanii hin hordofinaa.” Suura Al-Maa’ida 5:77

Kiristaanonni “Iisaan gooftaadha ykn ilma gooftaati” jechuun isaanii dhugaan ala daangaa darbuudha. Kanaafi, Rabbiin waa’ee Iisaa ilaalchisee dhugaan ala soba hordofuun daangaa hin darbinaa isaaniin jedha. Sababni isaan dhugaa irraa jallachuun soba itti hordofan, hoggantoota duraan darban hordofuu isaaniti. Akkuma kutaa darbe keessatti jenne, yeroo jalqabaatiif Iisaan ilma gooftaati kan jedhe Phaawulos. Achi boodas warri dhufan Iyyasuus gooftaa gabbaramu jedhan. Kuni hundi fedhii lubbuu hordofuudha malee wanta ragaa qabu miti. Kanaafi, ummata Kiristaanaa hoggantoota fedhii lubbuu hordofuun namoota jallisan akka hin hordofne Rabbiin ni akeekachisa. Hoggantoonni fedhii lubbuu hordofan kunniin “Iyyasuus Gooftaadha ykn ilma Gooftaati” jechuun namoota itti waamu. Haala kanaan, namoota kanniinis ni jallisuu, ofiifillee ni jallatu. Kanaafu, namoota jallatan hordofuun baditti malee wanta biraatti nama geessu danda’aa?

Iisaan (aleyh salaam) Rabbii Tokkicha akka gabbaran namoota waama ture. “Ani Rabbi ykn ilma Rabbiiti” jechuun gonkumaa namoota hin waamne. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Warroonni ‘Rabbiin Masiih ilma Mariyam’ jedhan dhugumatti kafaranii jiru. Masiihis ni jedhe, ‘Yaa ilmaan Israa’il! Rabbii Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa. Dhugumatti namni Rabbitti waa qindeesse Rabbiin isarratti Jannata haraama (dhowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Miidhaa raawwattootafis tumsitoonni hin jiran.” Suuraa Al-Maa’ida 5:72 

Rabbiitti waa qindeessuun (shirkiin) bifa adda addaa qaba. Isaan keessaa, wanta uumame (makhluuqa) akka Uumaatti ilaalun kadhachuu, isaaf of gadi qabu fi kkf hojjachuudha. Kanaafu, namoonni Iisaan Gooftaadha jedhan Rabbitti waa qindeessanii jiru. Namni Rabbitti waa qindeesse immoo gonkumaa Jannata hin seenu. Teessoon isaa ibidda. Kanarraa Rabbiin nu haa tiiksu.

Kiristaanonni jecha sobaa “Iyyasuus gooftaadha ykn ilma goofaati” jedhu kanarraa deebi’uun Rabbiitti amananii Isa qofaaf yoo sagadan, kadhatanii fi of gadi qaban, jireenya tana keessatti gammachuu argatu, adabbii ibiddaa waadaa galame irraas ni baraaramu.

Kiristaanota waliin Falmuu
Namni nama karaa irraa bahe karatti akka deebi’uuf isa walin falmuu barbaadu ulaagaalee kanniin guutuu qaba. 1ffaa- Beekumsa ittiin falmu qabaachu, 2ffaa- Dubbii fi tooftaa hundarra gaarii ta’e fayyadamuu 3ffaa- kaayyoon itti falmuuf haqa nama saniif ibsuuf qofa ta’uu.

Rabbiin Qur’aana keessatti ni jedha:

 “Abbooti kitaabaa waan gaarii ta’een malee hin falminaa, isaan keessaa warra zaalimota ta’an malee.” Suuratu Al-Ankabuut 29:46)

Abdurahmaan Sa’diyyi Aayah tana ilaalchise ni jedha: Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namni falmu sunii beekumsa yoo hin qabaatin ykn bu’uura gammachisaa irratti yoo hin ta’in, abbooti kitaabaa waliin falmuu irraa ni dhoowwa. Wanta irra gaarii taaten malee akka isaan waliin hin falmine. Wanti irra gaariin kunis, amala gaarii, mararfannaa, dubbii laaffisuu, karaa hundarra gabaabaa ta’een gara haqaa waamu fi haqa kana miidhagsuu, soba irraa deebisuu fi fashaleessudha. Niyyaan isaaniin falmuu mormu, moo’achuu fi ol’aantummaa qofaaf osoo hin ta’in, haqa ibsuu fi namoota qajeelchuf ta’uu qaba. Garuu warroota kitaabaa keessaa nama zaalima ta’e waliin mormuun faayda hin qabu. Namni kuni nama yaanni isaa haqa fudhachuuf osoo hin ta’in namoota dallansuu fi isaan moo’achuuf qofa kan falmuudha. Nama akkanaa waliin falmuun faayda hin qabu. ” Tafsiir Sa’idiyy-fuula 742

Kanaafu, Kiristaanota waliin yommuu falman of eeggannoo guddaa barbaachisa. Baaxila (soba) isaanii deeggaruuf Qur’aana irraa keeyyata muraasa namatti fidu. Ina kunoo Qur’aanni akkana jedha jechuun nama dhamaasu. Garuu sobni isaan irra jiranii fi keeyyanni Qur’aanaa waliif faalladha. Sababni isaas, haqaa fi sobni gonkumaa waliitti galuu hin danda’an. Kanaafi, Qur’aana irraa aayah (keeyyata) muraasa fudhachuun hiika isaa jallisuu barbaadu. Dhugaa fi soba walitti maku. Kana ilaalchisee Rabbiin ni jedha:

3:71

“Yaa abbooti kitaabaa (Kiristaanota fi Yahuudota)! Maaliif dhugaa sobaan walitti maktanii osoo beektanuu dhugaa dhoksituu?” Suuratu Aali-Imraan 3:71

 Aayah tanarraa akkuma hubannu Aalimoonni (hayyoonni amantii) karaa lamaan namoota jallinnatti dabarsu. 1ffaa-dhugaa fi soba walitti maku. Hayyoonni amantii dhugaa fi sobaa yoo addaan hin baasin hawaasni dhama’uun jallinna keessatti kufa. 2ffaadhugaa dhoksu– hayyoonni dhugaa isaan bira jiru yoo dhoksan namoonni dhugaa barbaadan akkamitti karaa qajeelatti qajeelu?

Kanaafu, dhugaa fi soba walitti makuun Peenxen ykn namni kiristaanaa yoo namatti fide, filannoo lamatu jira:
1ffaa– beekumsa ittiin falman yoo qabaatan, falmuun soba san harkaa fashaleessu. Beekumsa qabaatani garuu yoo tooftaa falmii hin beekin, odiyoo/vidiyoo fi barreefamoota gargaraa mata duree saniin wal qabatan isaaniif dabarsu.  
2ffaa– beekumsa yoo hin qabaatin, isaan irraa garagaluu fi fagaachu. Taa’u baannan, sobni isaan namatti fidan dhugaa fakkaachun dukkanaa fi jallinna keessatti kufan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

3:100

Yaa warra amantan! Yoo garee warra kitaabni kennameef irraa ta’aniif ajajamtan, erga amantanii booda gara kufritti isin deebisu.” Suuratu Aali-imraan 3:100

Waa’ee nabiyyi kabajamaa Iisaa (nageenyi isarratti haa jiraatu) ilaalchise ammaaf asirratti xumurra. In sha Allah gara fuunduraatti yoo Rabbiin umrii nu dheeresse, bal’innaan ni ilaalla. Wa Aakhiru daaw’aana anilhamdulillah Rabbil aalamin.

Kitaabban wabii:
Tafsiir Sa’idiyyi, Tafsiir Ibn kasiir, Tafsiir Zaadil Masiir-Ibn Al-Jawzi

Samii fi Sirna Solaaritti Xinxalluu-Kutaa 1
Iisaa (Iyyasuus)-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply