Eenyutu Yeroo Jalqabaatif Yesuus ilma Waaqayyoti jedhee?

Deebiin isaa kana fakkaata:

Yeroo jalqabaatiif Iyyasuusin Gooftaa ykn ilma gooftaati kan jedhe nama maqaan isaa Phaawulos jedhamuudha. Seenaa kiristaanaa keessatti seenaan Phaawulos seenaa gariiba (adda ta’ee) fi ajaa’ibaati. Amanti Kiristaanaa jallisuu keessatti gahee ol’aanaa kan taphateedha.  Phaawulos nama Yahuudi ture. Maqaan isaa “Saa’ol” jedhamaa ture. Inni Nabii Iisaa hin argine. Yeroo Iisaan gara Amantii Rabbiitti namoota waamu fi isaan gammachisus hin dhageenye.

Yeroo isaa jalqabaa irratti, Phaawulos Kiristaanota Iisaa hordofanitti namoota diina ta’an gurguddaa keessaa tokko ture. Inumaa, isaan adabbaa fi garmalee rakkisaa ture.
Erga Rabbiin Olta’aan İisaa gara samii ol fuudhee booda Phaawulos tasa gara Kiristaanummaaa seenu isaa labse. Erga itti seenee booda oduu addaa odeessu jalqabe. Yeroo gara Damasqoo deemu ifni akka isa marsee fi gooftaan samii irraa akka itti lallabee ni dubbata. (Barreefama asii gadii keessatti Iisaa =Yesus)
Mee wanta Phaawulos (Saa’ol) jedhe Macaafa qulqulluu gara Afaan Oroomotti hiikkame, “Hojii Ergamtootaa Boqonnaa sagal” irraa fudhannee haa ilaallu:

“¹ Saa’ol amma illee bartoota gooftaa doorsisuudhaa fi ajjeesuutti banbanaa gara angafa lubootaa dhaqee, ³ Utuu adeemuus Damaasqootti dhi’aate, kunoo, dingata ifni waaqa irraa naannoo isaatti balaqqeessa’e.
⁴ Lafa dha’ees sagalee, “Saa’ol, Saa’ol, maaliif na ari’atta?” jedhuun dhaga’e.
⁵ Inni immoo, “Eenyu ati yaa gooftaa?” jedhe. Sagalichis deebisee, “Ana, Yesus, kan ati ari’attu;
⁶ garuu, ka’ii, gara mandaraatti lixi! Waan gochuun siif ta’us sitti in himama” jedheen…..

 ¹⁹ Nyaata nyaatees jabaate; bartoota warra Damaasqoo biras bubbule.
²⁰ Saa’ol ergasii utuu hin turin manneen sagadaa keessatti, ”Yesus kun ilma Waaqayyoo ti” jedhee lallabe.
²¹ Warri isa dhaga’an hundinuu garuu dinqifatanii, “Namichi kun, isa Yerusaalemitti warra maqaa Yesus waammatan balleessuuf dhama’aa ture mitii? Addana iyyuu isaanuma hidhee luboota warra angafootatti geessuudhaaf dhufee ture mitii?” jedhanii gaafatan.”
Madda: https://zoebible.page.link/ob

Keeyyata armaan olii keessatti lakkoofsa 20 fi 21 wanta jedhe sirratti hubadhaa!
(Barreefama armaan gadi keessatti Yahuuda=Yihudii)
Ammas Hojii Ergamtootaa Boqonnaa digdami lama (22) keessatti Phaawulos (Saa’ol) akkana jechuun dubbate:
³ “Ani Yihudii dha; Qiliiqiyaa keessaa Xarseesittan dhaladhe, addana Yerusaalemittan guddadhe. Gamaali’el birattis seera abaabilii keenyaaf kenname hundumaa ija irratti eegee bareera; akkuma keessan har’aa kanas Waaqayyoof nan hinaafan ture.
⁴ Namoota karaa barsiisa haaraa kana irra adeemanis hamma du’aatti nan ari’adhan ture, warra dhiiraas warra dubartiis qabeetan mana hidhaatti galchisiisan ture.
⁵ Angafni lubootaa, yaa’iin maanguddootaas guutummaatti waa’ee kanaaf dhugaa anaaf ba ‘u. Isaanuma biraa caaffata gara Yihudoota obboloota Damaasqoo jiraataniitti caafame baafadhee, jarreen kana qabee, akka isaan adabamanitti hidhee gara Yerusaalemitti fiduudhaaf, Damaasqoo nan dhaqan ture.
⁶ “Karaa irra adeemaa Damaasqootti yommuu ani dhi’aadhe, waareetti dingata ifni humna qabeessi naannoo kootti balaqqeessa’e.
⁷ Lafatti kufeen sagalee, ‘Saa’ol, Saa’ol, maaliif na ari’atta? jedhu dhaga’e.
⁸ ‘Eenyu ati yaa gooftaa?’ jedheetan deebise; inni immoo, ‘Ana, Yesus nama Naazireet, kan ati ari’achaa jirtu’ anaan jedhe.
⁹ Namoonni anaa wajjin turan ificha arganiiru; sagalee isa anatti dubbachaa ture garuu hin dhageenye.
¹⁰ Ani immoo, ‘Maal godhu, gooftaa?’ jedheen gaafadhe; gooftaan immoo,’Ka’ii, mandara Damaasqootti lixi, akka ati gootuuf waan Waaqayyo murtoo godhe, achitti sitti in himama’ anaan jedhe.
¹¹ Calaqqisa ifichaa irraa kan ka’es iji koo arguu dhabnaan, warri anaa wajjin jiran harka qabanii mandara Damaasqootti na galchan.

Madda: https://zoebible.page.link/ob

Yeroo kana irraa eegalee, Phaawulos Iisaan (Yesuus) ilma gooftaa (waaqeyyoo) akka ta’e lallabuu itti fufe. Kiristaanummaa keessatti kana barsiisuun namni jalqabaa hanga isa ta’u gahuutti dhiibbaa guddaa uume. Barnoota kana kan fudhatu gooftaa irraa akka ta’e himata. Wanta inni jedhu kanaan waa’ee isaa ilaalchise wanta namoonni beekan ni dhoksa. Barataa Yesus akka hin turree fi isaan akka wal hin qunnamne namoonni ni beeku. Garuu “Ani Gooftaa irraa barnoota argadha” jedhee waan dubbatuuf wanta namoonni irraa beekan ni haguuga. Himannaa sobaa kanaan hundee amantitti ni taphate  Amalli yahuuda amanti jallisuu fi micciruudha. Kanaafu, Phaawulosis yahuuda waan tureef amanti jallisuu fi micciruu eegale. Sobaan ani Kiristaana ofiin jechuun amanti Kiristaanatti akkanatti taphate.

İisaan erga ol fuudhamee booda namtichi Yahudii kuni ergamtoota torbaatamaa hafuurri qulqulluun irratti bu’uu fi kiristaanummaan warra gammachiisaan keessaa tokko akka ta’ee Kiristaanonni ni amanu. Kiristaanonni warroota kanniin, “Ergamtoota torbaatama” jechuun moggaasu. Kana jechuun kallatti hundan ergamtoota kiristaanummaan nama gammachisaniidha.

Phaawulos hanga barsiisaa Maarqos ta’u gahuutti dhiibbaan isaa garmalee guddate. Maarqos namoota macaafa qulqulluu barreessan keessaa tokko. Maarqos garmalee Phaawulositti maxxanuun barnoota irra barate. Ammas ni jedhu,  Luqaasis barataa jallatamaa Phaawulositti maxxanu ture. Luqaasi barreessa macaafa qulqulluu keessaa tokko ture.

Yaanni, “Iisaan (Yesus) ilma Gooftaati” jedhamu Phaawulos dura kan beekkamu hin turre. Garuu erga kiristaanummaa keessa sobaan seenee fi handhuura barnootaatti barsiisaa guddaa erga ta’ee booda naannoo adda addaa keessa deemun Kiristaanummaa haarawatti namoota waamu jalqabe. Ergaalee bakka adda addaatti ni erga. Ergaaleen isaa kunniin bu’uura barnoota amanti ta’an.

Tooftaa kanaan namtichi Yahuudi kuni kan isa faallessuu waan hin jirreef bu’uura amanti Kiristaanaa micciruu fi jallisuu danda’e jira. Sababni isaas, barnoota amantii kanniin Masiih Iisaa irraa argachaa jira isaaniin jedha. Isaanis kana amanuun ni fudhatan. Kiristaanummaa keessatti wanta seensisee ni seensise. Wanta micciree ni miccire[3].

Kanaafu, Iisaan (Yesus) (nageenyi isarratti haa jiraatu “Ani Gooftaadha na waaqefadhaa ykn ani ilma gooftaati” hin jenne. Garuu kan kana itti maxxanse Phaawulos. Ergasii Phaawulos irraa barattoonni isaa kan akka Marqoosi fi Luqaas macaafa keessatti barreessu jalqaban. San booda ummanni Kiristaanas wallaalummaan jara kana hordofuun jallinnaa fi dukkanatti kufan. Seenaa kana erga dubbisani booda gara ifaa fi karaa qajeelaatti akka bahan isaaniif hawwina. Karaan ifaa fi qajeelaan karaa Iisaan itti waamaa tureedha. Iisaan (Yesus) akkana jechuun ummata waamaa ture:

19:36

“Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessani. Kanaafu Isa qofa gabbaraa. Santu karaa qajeelaadha.” Suuratu Mariyam 19:36

Kitaabban wabii
[3]Kawaashif Zuyuuf – Fuula-25-29, Abdurahmaan Habanka

Print Friendly, PDF & Email
Dhuguma Iyyasuus (Yesuus) Gooftaadhaa?-Seensa

Leave a Reply