Samii fi Sirna Solaaritti Xinxalluu-Kutaa 1

Offline dubbisuf

(Jecha ijoo-Sirna solaari (solar system)– Sirna aduu fi pilaanetota ishii marsaniiti)
Sufyaan bin Abdullah (Rabbiin isarraa haa jaallatu) akkana jedha, ‘Ani ni jedhe, Yaa Ergamaa Rabbii jecha Islaama keessatti siin ala eenyullee hin gaafanne natti himi. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe: “ قُلْ: آمَنْت بِاَللَّهِ ثُمَّ اسْتَقِمْ” ( ‘Rabbitti amane’ jedhi,ergasii gadi dhaabbadhu.)  (Sahiih Muslim 38)

‘Rabbitti amane’ yommuu jedhu arraba qofaan, ‘Rabbitti amane’ jechuu miti. Kana irra, qalbiin dhugaan Rabbitti amanuu ergasii arrabaan dubbachuudha. Amantii shakkiin wayitu keessa hin jirre qalbii keessatti hidda qabsiisudha. Rabbitti amane yommuu jedhu Rabbiin jiraachuutti, Gooftummaa Isaatti fi gabbaramuu kan qabu Isa qofa akka ta’e amanuu, akkasumas, maqaa fi amaloota Isaatti, murtiwwaan Isaatti, odefannoo Inni beeksisee fi wanta hunda Isarraa dhufetti amanu of keessatti qabata. Yoo kanniinitti amante, ergasii amantii Rabbii (Islaama) irratti gadi dhaabbadhu. Islaama irraa bitaa fi mirga hin gorin, homaa irraa hin hir’isin, homaa itti hin dabalin.

Wantoota Rabbitti akka amananii fi Isaaf ajajaman nama gargaaran keessaa tokko uumamtootatti xinxalluudha. Uumamtota gurguddaa keessaa samiin bakka guddaa qabdi. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Rubuubiyyah (Gooftummaa) fi Tokkichummaa Isaa agarsiisuu fi namoota erga du’anii deebisuu akka danda’u ibsuuf irra deddeebi’e uumama samii Qur’aana keessatti dubbata. Dhugumatti uumamni samii uumama ajaa’ibaa gara Rabbii guddaa akeekudha. Samii nu gubbaa jirtu tanatti yoo xinxalline gammachuu guddaa arganna. Sababni isaas, bal’inna, guddinnaa fi bareedinna ishii yommuu ilaallu kan akkanatti hojjate Rabbii Tokkicha akka ta’e ni amanna. Rabbiitti amanuu fi Isaaf ajajamuun immoo burqa gammachuuti.

Rabbiin namoota uumamtoota Isaa irratti xinxallan faarse jira. Namoota irraa garagalan immoo ni waqqasa. Ni jedha:

21:32

Samii xaaraa eeggamaa taasifne. Garuu isaan mallatoolee ishii (samii) irraa ni garagalu” Suuratu Al-Anbiyah  21:32

Samii fi dachiin akka mana guddaati. Samiin akka xaaraa yoo taatu, dachiin immoo akka afataati. Akkuma mana keessa ampuulin ykn faanosni jiru, samii keessas aduu, ji’a, urjiilee lakkoofsan hangana hin jedhamnetu jiru. Mee xaaraa guddaa, furdaa fi jabaa ta’ee kana ilaali. Manni yommuu ijaarramu xaaraa isa barbaachisa. Xaaraan kan isa ijaaru barbaada. Kanaafu, samii dachiif xaaraa taate tana eenyutu akkanatti ijaaree? Samii hangana bal’attu, jabaattu fi guddattu ijaaru Kan danda’u Rabbii tokkicha malee kan biraa jiraa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

78:12

“Gubbaa keessanittis [samiiwwan] jajjaboo torba ijaarre” Suuratu Naba’a 78:12

Ijaarsa jabaa, guddaa fi bal’aa kana akkamitti akka olkaase, miidhaginna bareedaan akkamitti akka miidhagsee, mallattoolee fi ajaa’iba meeqa keessa akka godhee fi aara irraa akkamitti uumama ishii (samii) akka jalqabe mee ilaali. Rabbiin uumamtoonni akka Isa beekaniif mallattoolee gara Isaa akeekan kaa’e jira, ragaalee isaaniif ibse jira. “Namni [kufriin] badus ragaa ifa ta’e booda akka badu, namni [iimaanan] jiraatus ragaa ifa ta’e booda akka jiraatu. Rabbiin Dhaga’aa, Beekaadha.” (suuratu Anfaal 8:42)

Gara samii mee ija kee deebisi. Pilaanetotaa fi sarara (orbitii) isaan keessa deeman, aduu fi ji’a, bahiinsi fi dhiihinsi isaanii garagara ta’uu mee ilaali. Ammas aduun, jiiyni fi urjiileen biroo dadhabbii tokko malee hanga Khaaliqni isaanii akka dhaabu taasisuutti yeroo hundaa sarara isaanii eeggatanii naanna’u. jijjiramni fi irraa dabuun hin jiru.

Ammas baay’inna, bifaa fi garaagarummaa hammaa urjilee fi pilaanetota samii keessa jiranii mee ilaali. Gariin isaanii gara diimatti goru, gariin isaanii gara adiitti, gariin isaanii immoo gara halluu daallachaatti dabu. Kunniin hundi samiif miidhaginnaa fi uumamtootaaf faayda guddaa ta’uu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“[Rabbiin] Kan samiiwwan torba baqannaan uumedha. Uumiinsa Rahmaan keessatti wal dhabbii homaatu hin agartu. Mee agartuu kee gara [samii] deebisi, baqaqiinsa wayii ni agartaa? Ergasiis yeroo baay’ee agartuu kee deddeebisii [gara samii ilaali], agartuun kee hoonga’aa dadhabaa ta’ee sitti deebi’a. Dhugumatti samii dhiyoo ibsaawwaniin miidhagsinee jirra, sheyxaanotaafis furguggee ishii goone. Isaaniif (sheyxaanotaaf) adabbii ibidda boba’aa qopheessineerra. Kanneen Gooftaa isaaniitti kafaraniifis adabbii Jahannamtu jira. Gahuumsis waa fokkate!” Suuratu Al-Mulk 67:3-4

Baqannaa jechuun wantoonni baay’een gubbaa jalaan walirra ta’uudha. Nuu ol samiiwwan torba gubaa jalaan ta’uun uumaman. Uumiinsa Rabbii keessatti wal dhabbii, hir’inna fi hanqinna wayitu hin agartu. Mee gara samii Rabbiin uumee tana ilaali, baqaqiinsa ykn dhooyinsa wayii keessatti ni argitaa? Ammas irra deddeebi’i ijaan ykn teleskooppin qoradhu, ijji tee hir’inna, hanqinna fi baqaqiinsa wayituu arguu irraa hoongoftu taatee sitti deebiti. Kana jechuun hir’inna, hanqinna fi baqaqiinsa wayituu samii keessatti arguu hin dandeessu. Akkasumas, dhumarratti ijji dadhabdu taate gara keetti deebiti.  Kuni hundii Khaaliqni Tokkicha ta’uu, beekumsi, Dandeetti fi Ogummaan Isaa guutuu ta’uu agarsiisu. Samii hangana bal’attuu fi guddattu wal-dhabbiin keessaa dhabamuun Khaaliqni Tokkichi akka uumee agarsiisa. Yommuu dumeessi irraa deemu samiin gara hundaan buleedha, aduun, jiiyni fi urjiileen sarara isaanii qabatanii deemu. Wal-dhabbii fi wal faallessun isaan keessa jiraa? Kanaafu, Khaaliqa Tokkicha isaan uumetu isaan bulcha. Ammas samii hangana bal’attuu fi guddattu keessaa uraa fi baqaqiinsi dhabamuun beekumsi, Dandeetti fi Ogummaan Rabbii guutuu ta’uu agarsiisa. Awroppaa deemi, Ameerikaa dhaqi, Afrikaa fi Eeshiyaa keessa deemi, samii baqaqxe arguu dandeessaa?

Ammas samii nutti aantu tana ibsaawaniin miidhagse. Ibsaawwan kunnin urjiileedha. Halkan samiin urjiileedhaan miidhagdi. Kanaafu, urjiileen faayda sadii qabu: 1ffaa- Sheyxaanonni oduu samii akka hin dhageenye furguggee ta’u. 2ffaa- Samiif miidhaginna ta’uu, 3ffaa- yeroo halkanii namoonni ittiin qajeelu[1]

Urjiilee irraa qaanqeen sheyxaanatti darbamuun oduu samii keessatti dubbatamu akka hin hanne dhoowwu. Rabbiin akkuma sheyxaanotaaf addunyaa tana keessatti qaanqee urjii irraa darbamtu isaaniif qopheesse, Aakhirattis ibidda boba’aa garmalee nama gubu isaaniif qopheesse. Sababni isaas, sheyxaanonni Rabbiin faallessan, gabroota Isaa jallisan. Kaafirota sheyxaanota hordofanis akkuma isaanii ibidda boba’aa isaaniif qopheesse[2]. Kanaafi itti aanse ni jedhe, “Kanneen Gooftaa isaaniitti kafaraniif adabbii Jahannamtu jira. Gahuumsis waa fokkate!”

Karaa kaminiyyuu warroota Rabbitti kafaran ibiddi jahannam qophaa’efi jira. Rabbitti kafaruu keessaa, Isatti amanuu diduu fi Isaaf ajajamuu irraa of tuuluu, Guyyaa Aakhiratti amanuu diduu, Kitaabban Inni buusee fi Ergamtoota Inni erge kijibsiisuu[3]. Ragaalee fi mallatoolee erga isaaf dhufanii booda kanniin keessaa namni tokko raawwate, Gooftaa Isaatti kafaree jira. Osoo mallattoolee fi ragaalee samii fi dachii keessa jiran itti xinxallee, silaa salphatti Gooftaa Isaatti amana. Akkasumas, osoo Kitaaba Inni buuse itti xinxalle salphatti amanuun Isaaf ajajama. Garuu kana hundarraa waan garagaleef Gooftaa isaatti amanuu dide, Isaaf ajajamuu irraa of tuule. Kanaafu, Aakhiratti adabbii isaaf malu adabama.

Guddinni fi bal’inni samii Aakhiraan akka jirtu kan agarsiisudha. Samii garmalee guddattu fi bal’attu tana uraa fi baqaqiinsa tokko malee uumuu Kan danda’e namoota lamuu uumuun Isatti ni ulfaataa? Uumamni namaati fi uumamni samii garmalee garagara. Samiin garmalee tan bal’attu fi guddattuudha. Ilmi namaa immoo garmalee xiqqaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

Sila isin uumuutu irra jabaata moo samiidhaa? Inni ishii ni ijaare. Ijaarsa ishii ol kaasee, ishii wal qixxeesse. Halkan ishii dukkaneessee guyyaa ishii ibse.” Suuratu An-Nazi’aat 79:27-29

Samiin garmalee bal’attuu fi urjilee lakkoofsa isaanii Rabbiin malee eenyullee hin beekne keessatti argaman uumuun qaama namaa uumuu caalaa jabaatadha. Nama yaadaa fi ilaalcha qabuuf kuni ifa. Kanaafu, namni erga du’ee fi qaamni isaa badee booda deebisuun wanta Rabbiin irratti ulfaatu miti[4]. Samii garmalee guddattuu fi urjiilee garmalee garmalee baay’atan kan uume, nama dadhabaa fi xiqqaa kana lamuu deebisuun akkamitti itti ulfaataa?

“Inni ishii ni ijaare.” Kana jechuun Rabbiin samii ijaarsa guddaa fi ajaa’ibaa ni ijaare. Akka xaaraa gochuun ijaarsa ishii ol kaase ol fageesse. Ergasii wal-qixxeesse. Wal darbuu fi baqaqiinsi wayiitu keessatti hin argamu. Jalaan utubaa hin qabdu, gubbaanis kan itti rarraatu hin qabdu. Kanaafu, kuni hundi Rabbiin waan hundaa irratti danda’aa akka ta’e hin agarsiisuu ree? Rabbiin ni jedha:

13:2

Rabbiin Kan samiiwwan utubaa malee olkaasedha; isinu ishii ni agartu. Ergasii Arshii irratti [olta’iinsa Isaaf malu] olta’e. Aduu fi baatis ni laaffise. Hundinu hanga beellama murtaa’etti adeemu. Dhimma hundaa ni qindeessa. Akka isin qunnamti Rabbii keessanii mirkaneeffattaniif jecha mallatoolee addaan baasa.” Suuratu Ra’ad 13:2

“Rabbiin Kan samiiwwan utubaa malee olkaasedha; isinu ishii ni agartu.” Kana jechuun akkuma argitan kana Rabbiin samiwwan torban utubalee malee Kan olkaasedha[5]. Samiin utubaa hin qabdu. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dandeetti Isaatiin akka lafa irratti hin kufnee fi hin sochoone ni qabe. Rabbiin ni jedha:

﴾ وَيُمۡسِكُ ٱلسَّمَآءَ أَن تَقَعَ عَلَى ٱلۡأَرۡضِ إِلَّا بِإِذۡنِهِۦٓۚ ﴿

Akka dachii irratti hin kufne samii ni qaba, hayyama Isaatiin yoo ta’e malee.” Suuratu al-Hajj 22:65
Samiin jidduus ta’ee daangaa irraa utubuu hin qabdu. Kuni Dandeettin Rabbii Guutuu akka ta’e agarsiisa.

Aduu fi ji’as faayda uumamtootatiif ni laaffise. “Hundinu hanga beellama murtaa’etti adeemu.” Aduun, jiiyni, urjilee fi pilaanetonni biroo hanga yeroo murtaa’etti sarara (orbiitii) isaanii qabatanii ni adeemu. Yeroon (beellamni) murtaa’e kunis Guyyaa Qiyaamati. Hanga Guyyaa Qiyaama adeemsa isaanii itti fufu. Garuu Guyyaa Qiyaamaa aduun ni maramti, jiiyni ifa dhaba, urjileen ni bittinaa’u.

“Akka isin qunnamti Rabbii keessanii mirkaneeffattaniif jecha mallattoolee addaan baasa.” Kana jechuun akka isin du’aan booda kaafamun jiru mirkaneefattaniif mallatoolee Inni namoota du’aan booda kaasu irratti danda’aa akka ta’e agarsiisan ni ibsa[6].  Mallaatoolee fi ragaaleen Rabbiin du’aan booda namoota kaasu akka danda’u agarsiisan baay’eedha. Namni mallatoolee kanniin irratti xinxalle du’aan booda kaafamni akka jiru ni mirkaneefata.


[1] Ibn Kasiir 7/331,
[2] Tafsiir Sa’diyyi-fuula 1033
[3] Ma’aarij Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur- 14/620, Abdurahman Habanka
[4] Ma’aarij Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur- 15/56
[5] Tafsiir ibn Kasiir 4/550, Zaadul Masiir 724
[6] Zaadul Masiir 725, Ibn Al-Jawzii, Daaru Ibn Hazm
Miftaahu Daaru sa’aadah-fuula 562-564, Imaamu ibn Al-Qayyiim  

Samii fi Sirna Solaaritti Xinxalluu-Kutaa 2
Iisaa (Iyyasuus)-Guduunfaa
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply