Dachiitti Xinxalluu-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Dachiin uumama ajaa’ibaa lubbuu qabeenyi fi lubbuu dhabeenyif iddoo jireenyaa taatedha. Uumama dachiitti xinxalluun dandeetti, ogummaa, beekumsaa fi Tokkichummaa Rabbii olta’aa akka hubatan nama taasisa. Qananiiwwan dachii keessa godhaman ilma namaatiifi. Namni dachii tana keessatti erga qananiisifamee fi wanti barbaadu hundi yoo isaaf laaffifame, Kan akkanatti isa qananiise fi isaaf laffise beekuu fi galateefachuun isarra hin jiruu ree? Rabbiin subhaanahu dachii tana namootaaf akka firaashaa godheef. Albuudotaa fi biqiltootatti akka fayyadaman ni laaffiseef. Kanaafu, wanti namarraa eeggamu namni qananii kana hundarratti xinxalle, Rabbii isaa beeku fi Isa qofa gabbaruudha. Rabbiin subhanaahu wa ta’aala ni jedha:

“Yaa namoota! Akka mutaqqoota (warroota Rabbiin sodaatan) taataniif Gooftaa keessan Kan isinii fi warroota isiniin duraa uume gabbaraa. [Rabbiin] Kan dachii afaa, samii immoo ijaarsa gubbaa (xaaraa) isiniif taasisee fi samii irraa bishaan buusee ergasii isaan (bishaan kanaan) soorata akka isiniif ta’u samaraata (fuduraaf kuduraa, midhaan) baasedha. Kanaafu, osoo beektanuu Rabbiif sharikoota hin godhinaa” Suuratu Al-Baqara 2:21-22

Kuni ajaja wali galaa namoota hundaaf dabarfameedha. Ajajni kunis ibaada (gabbarrii) wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu, wanta Inni irraa dhoowwe dhiisu fi odeefannoo Isa irraa dhufe dhugoomsu of keessatti qabateedha. Rabbiin olta’aan namoota kaayyoo isaan uumeetti ajaje. Kaayyoon kunis Isa qofa gabbaruudha. “Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat Az-Zaariyaat 51:56

Ergasii Isa qofa gabbaruun dirqama akka ta’e ragaalee adda addaa dhiyeesse. Ragaalee kanniin keessaa: Inni Gooftaa keessan kan isin uume, kunuunsuu fi qananiisudha. Duraan homaa kan hin turre taatani osoo jirtanu isin uume. Warra isiniin duraatis Kan uumedha. Qananii keessaa fi alaatin isin qananiise. Dachii afaa irratti tasgabbooftan, manneen irratti ijaarrattan, oomisha irratti oomishattanii fi bakkarraa gara bakkaatti itti deemtan isinif taasise. Samiis faayda keessaniif akka xaaraa isiniif gochuun wanta garmalee isin barbaachisu ishii keessa godhe. Kanneen akka aduu, ji’aa fi urjiilee.

Samii irraa bishaan buuse” Akka lugaatti wanti sii oolitti olka’e samiidha. Kanaafi, warroonni Qur’aana ibsan samiin asitti barbaadame “Dumeessa” jedhan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dumeessa irraa bishaan buusun kuduraa fi fuduraa, midhaani fi biqiltoota biroo baase. Fkn, kanneen akka muuzi, burtukaana, abukaado, temira… midhaan irraa kanneen akka xaafii, qamadii, garbuu, boqqoolloo fi kkf rooba roobsun baase. Rabbiin malee bishaan samii irraa buusun biqiltoota kan biqilchu ni jiraa? Ilmaan namaa jalqaba irraa kaasee hanga dhumaa jiran osoo addunyaa tana keessatti walitti qabamanii dumeessa irraa gonkuma copha bishaanii buusu hin danda’an. Yeroo hoongen buutu dhugaa kana ni hubatu. Dubbiin erga akkana ta’ee, “Rabbiif sharikoota hin godhinaa” Kana jechuun uumamtoota irraa Rabbiif fakkaattootaa fi dorgomtoota hin godhinaa. Akkuma Isa gabbartan isaaniis hin gabbarinaa. Akkuma Rabbiin jaallatan isaaniis hin jaallatinaa. Wantoonni isin Rabbii gaditti gabbartan kunniin akkuma keessanii uumamtootaa, kan nyaachifamanii fi kan too’atamaniidha. Dachii fi samii keessatti wanta hanga firii xaafii mootummaa hin qaban. Isin hin fayyadan, isiniis hin miidhan. (Namoonni gariin haajaa garmalee barbaachisaa akkuma Rabbiin irraa kadhatan, namoota du’an ykn taabotas kadhatu. Kuni shirkii (waa Rabbitti qindeessu) dha.

Hayyoonni keenya “ibaadan (gabbarriin) hundee lama irratti kan ijaarramedha” jedhu. Isaaniis, al-Mahabba (Jaalala cimaa) fi Al-Khuduu’u (Of gadi qabuu)[1]. Namni wanta tokko garmalee jaallatee fi isaaf of gadi qabee fi salphisee, wanta san gabbaree jira. Namni Rabbiin jaalala cimaa jaallachuun yoo Isaaf of gadi qabe, inni Rabbiin gabbaree jira. Kanaafu, jaalalli cimaa fi of gadi qabuun Rabbiif malee homaafu hin ta’u. Sababni isaas, Kan nama fayyaduu fi miidhu, waan gaarii namaaf fidu fi waan badaa namarraa deebisu Rabbiin qofa. Wantoonni Rabbiin ala jiran mataa isaanii qofaan kana gochuu hin danda’an. Kanaafu, namni maaliif isaan jaallachuu fi isaaniif of gadi qabuun isaan kadhata ykn sodaata ree?)

Rabbiin ala wanta biraa garmalee jaallachuu fi wanta saniif of gadi qabuun salphinna guddaadha. Rabbiin garmalee jaallachuu fi Isa qofaaf of gadi qabuun immoo kabajaa fi bilisummaadha. Kanaafi, ilmaan namaa Rabbiin ala wanta biraa gabbaruun salphinnaa fi adabbii keessatti akka hin tarre, Isa qofa akka gabbaran ajaje. “Yaa namoota! Akka muttaqqoota taataniif Gooftaa keessan Kan isinii fi warroota isiniin duraa uume gabbaraa.” Aayah keessatti jechi“la’allakum tattaquun” jedhu hiika lama qaba: 1ffaa– yoo Rabbiin qofa gabbartan, dallansuu fi azaaba (adabbii) Isaa irraa of eegdu. Sababni isaas, dallansuu fi azaabni Isaa akka namarraa deebi’uuf wanta sababa ta’uu waan hojjattaniif. Wanti dallansuu fi azaabni Isaa akka namarraa deebi’uuf sababa ta’u “Rabbiin qofa gabbaruudha”. 2ffaa- Yoo isin Rabbiin qofa gabbartan, warroota Rabbiin sodaatan (muttaqoota) kanneen amaloota taqwaatiin ibsaman keessaa taatu. Hiikni kunniin lamaan sirrii fi kannen wal qabataniidha. Namni ibaada haala guutuu ta’een hojjate warroota Rabbiin sodaatan (muttaqoota) irraa ta’a. Namni warroota Rabbiin sodaatan irraa ta’e immoo azaaba fi dallansuu Rabbii jalaa nagaha baha[2].

Amma gara dachii deebi’uun xinxallii keenya itti haa fufnu. Dachiin akkamitti akka uumamte yoo ilaalte mallattoolee gurguddoo gara Khaaliqaa akeekan keessaa tokko akka taate ni agarta. Gabroota Isaatiif akka firaashaa fi afaa taasisuun ni laaffiseef. Ishii keessatti soorata, nyaataa fi iddoo jireenyaa isaaniif taasise. Haajaa isaanitiif bakka tokko irraa gara bakka biraa akka deemaniif karaalee isaaniif baase. Akka isaaniin hin sochoone fi hin kirkirree gaarreen ol dhedheeroo akka shikaalii ishii keessatti gadi dhaabe. Ishii diriirsuun jiraa fi du’aaf konteenara of keessatti qabattuu fi kuustu godhe. Dugdi dachii warroota jiraataniif iddoo jireenyaati. Garaan ishii immoo warroota du’aniif iddoo jireenyaati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Sila Nuti dachii kan hunda walitti qabdu hin taasifnee? Jiraa fi du’aas [tan walitti qabdu]? Gaarreen ragga’oo dhedheeroo ishii keessatti goone. Bishaan mi’aawas isin obaafne. Guyyaa san warroota kijibsisaniif ee badii isaanii!” Suuratu Al-Mursalaat 77:25-28

Sila dachii jiraa fi du’aa of keessatti hammattuu fi qabduu hin goonee? Yeroo lubbuun jiran iddoo mana jireenyaa itti ijaaratan taatiif. Yeroo du’an immoo qabrii taatiif. Gaarreen dhedheeroo bakka ofii sirritti qabatanii dachii sochoo’u fi kirkira irraa eegan ishii keessa hin goonee? Rabbiin guddaan olta’aan gaarreen dhedheeroo fi ragga’oo (bakkaa hin sochooneen) dachii akka tasgabbooftu fi hin hurgufamne taasise. “Bishaan mi’aawas isin hin obaafnee?” Bishaan mi’aawaa namatti tolu kana Rabbiin malee eenyutu dumeessa irraa buusu danda’aa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Sila bishaan dhugdan san argitanii? Isintu duumessa irraa buuse moo Kan buuse Nuhi? Osoo feene ashaboo [kuraawaa] isa taasifna. Kanaafu, maaliif [Rabbiin] hin galateefannee?” Suuratu Al-Waaqi’a 56:68-70
Yaa namoota! Bishaan dhugaatii namatti tolu, kuraawaa fi haadhaawa kan hin taane san itti xinxallitanii? Isintu duumessa irraa buusee moo Nutu buusee?” Asitti “Nutu ykn Nuhi” yommuu jedhu, guddinna agarsiisaa malee baay’inna hin agarsiisa. Arabiffa keessatti Guddinnaa fi Kabaja agarsiisuuf, “Nutu, Nuhi, Nuti” jedhanii fayyadamuun wanta baratameedha.
Osoo Rabbiin subhaanahu wa ta’aala duumessa irraa bishaan dhugaatiif namatti tolu buusu baate, eenyutu buusaa? Ilmaan namaa guutuun osoo walitti qabamanii buusu danda’u? Rabbii olta’aa malee bishaan qulqulluu duumessa irraa kan buusu hin jiru. Yeroo hoongee roobni yommuu dhabamu namni hunduu gara Rabbii olta’aa fiiga. Osoo namoonni ofii kan buusan ta’anii silaa duumessa irraa bishaan ni buusu turan. Garuu, Rabbii Tokkicha malee eenyullee bishaan kana hin buusu. Kanaafu, maaliif Isa hin galateefannee?

Ammas, osoo bishaan kana ashaboo kuraawaa fi hadhaawaa taasisee eenyutu bishaan dhugaatiif ta’utti deebisuu danda’aa? Galaanonni baay’een ashaboo kuraawaa dhugaatiif hin taanedha. Hanga ammaa galaanota kanniin keessaa galaana tokkicha gara bishaan dhugaatiif ta’uutti namni jijjiree jiraa? Gonkumaa hin jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa bishaan samii buusu kanas osoo fedhee kuraawaa fi hadhaawaa taasisa. Garuu Inni isiniif rahmata gochuuf jecha bishaan kana gara hadhaawaa fi kuraawatti hin jijjirree. Kanaafu, qalbiin Isatti amanuun, arrabaan Isa faarsun, wanta Inni itti ajajee hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisun maaliif Rabbiin hin galateefannee?

Rabbiin Guddaan olta’e Kan dachii akkanatti diriirse, gaarreen dhedheeroo ishii keessatti gadi dhaabee fi bishaan mi’aawa namootaaf roobse, namoota du’an murtii fi jazaaf lamuu deebisuu hin dadhamu. Kan wantoota gurguddaa kanniin hojjate wantoonni xixiqoon akkamitti itti ulfaatuu? Kanaafu, du’a booda kaafamuun hin jiru jechuun namoonni yaadan, guyyaa Qiyaamaa gaabbii fi adabbii hamaa irraa ee badii isaanii! Sababni isaas, ragaaleen Rabbiin wanta hundaa irratti Danda’aa akka ta’e agarsiisan isaaniif ifa ta’ee jira. Kanaafu, amanuu fi Guyyaa saniif qophaa’u irraa maaltu isaan dhoowwee?

Guduunfaa
⇨Namni dachii tana keessa yommuu jiraatu qananii isa marsee jiruu osoo itti xinxalle silaa kaayyoo uumameef galmaan gahuuf ni carraaqa.
⇨ Rabbiin subhaanahu ilmaan namaa dhabama irraa isaan argamsiisuun qananii adda addaatiin isaan qananiise. Kanaafu, amala gaarii keessaa Rabbii nama uumee fi qananiseef galata galchuu fi gabbaruudha.
⇨ Rabbiin gabbaruu jechuun wanta Inni itti ajaje hojjachuu, wanta Inni irraa dhoowwe dhiisu fi odeefannoo Isarraa dhufee dhugoomsudha.
⇨ Ibaadan (gabbarriin) arkaana (rogoota) lama qaba. Isaaniis, (1) jaalala cimaa jaallachuu fi (2) gabbaramaaf of gadi qabu ykn gabbaramaa ol guddisuu (Ta’aziim) fi garmalee kabajuu.
⇨ Namni wanta tokko garmalee yoo jaallate, wanta san garmalee yoo ol guddisee fi of gadi qabeef, inni wanta san gabbaraa jira.
⇨ Namni tokko Rabbii olta’aa gabbarri sirrii gabbaruu kan danda’u yoo wantoota hundaa caalaa Isa jaallate, kabaje, ol-guddisee(ta’aziim) fi Isaaf of gadi qabeedha.
⇨ Haala kanaan namni yoo Rabbiin gabbare, muttaqoota irraa ta’uun azaaba (adabbii) Isaa jalaa nagaha baha. Qur’aana keessatti:

44:51


Dhugumatti muttaqoonni (warroonni Rabbiin sodaatan) iddoo nagahaa keessa ta’u.” Suuratu Ad-Dukhaan 44:51
⇨ Kanaafu, Rabbiin gabbaruun faayda ofiitiif malee Rabbiin ibaadaa (gabbarrii) namaatirraa haajaa hin qabu. Namni yoo Rabbiin gabbare ofuma fayyada. Yoo dhiises ofuma miidha.


[1] al-ubuudiyah – fuula 17-18, Ibn Taymiyyah
[2] Tafsiir Sa’diyy fuula 34
Miftaahu Daaru sa’aadah-fuula 569-570, Imaamu ibn Al-Qayyiim

Dachiitti Xinxalluu-Kutaa 2
Samii fi Sirna Solaaritti Xinxalluu-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply