Dachiitti Xinxalluu-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Namoonni baay’een dachii keessa daaw’annaaf ni deemu. Garuu kaayyoon daaw’annaa isaanii sammuu bashannansiisuuf malee wantoota daaww’atan kanatti xinxalluun Khaaliqatti hin amanan. Akkuma imaam ibn al-Qayyim jedhe, wanta uumaman kanniin ilaaluun gosa lama. 1ffaa- Ijaan qofa ilaalu yoo ta’uu lamaffaan immoo argituu qalbiitiin ilaalun Khaaliqatti amanuu fi Isa gabbaruudha. Ija qofaan wantoota uumaman kanniin ilaalanii itti bashanannuun wanta namoonni hundu hojjataniidha. Garuu kan barbaadame kanaa miti. Wanti barbaadame uumamtoota kanniinitti xinxalluun Guddinna fi Tokkichummaa Rabbii, Dandeettin, Beekumsi fi Ogummaan Isaa guutuu akka ta’an hubachuudha. Ergasii Isaaf ajajamuu fi gadi of qabuudha. Haa ta’uu malee namoonni baay’een kanarraa garagalanii jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

12:105

Mallatoo meeqa samii fi dachii keessa irraa kan garagalan ta’anii ishii irra darbanii.” Suura Yuusuf:105

Kana jechuun mallattoolee baay’etu samii fi dachii keessa jira kan gara Rabbiin Tokkicha ta’uu agarsiisan. Garuu namoonni baay’een mallattolee kanniin irraa garagaluu fi kan itti hin xinxalline ta’uun irra darbu. Kanaafu namni najaa (nagaha bahuu) barbaadu mallattoolee kanniinitti xinxalluun iimaana isaa cimsachuu danda’a.

Mee ilaali wantoota dachiin of keessatti qabatte. Galaanota hamma isaanii garmalee guddatu, laggeen dhedheeroo, gaarreen, biqiltoota, bineensotaa fi uumamtoota lakkaawamanii hin dhumne ofirratti baadhatte. Dachiin dhibbantaa keessaa harki 71 ol bishaanin tan uwwifamteedha. Harki caalaan bishaan kanaa galaanotaa fi garboota. Osoo galaanota kanniin ilaalle bakka isaanii kan qabataniidha. Gara iddoo jireenyaa yaa’un addunyaa guutuu hin balleessan. Kan akkanatti bakka isaanii qabsiisee fi hamma galaanota murteesse Rabbii Guddaa olta’e malee kan biraa ta’uu danda’aa? Galaanonni dachii irra baay’achuun hikmaa (ogummaa) baay’ee qaba. Isaan keessaa hurka gara duumeessaatti jijjiramu maddisisuu keessatti gahee ol’aanaa taphatu. Ammas, xiyya aduu irraa dhufuu xuuxun hoo’a addunyaa hir’isu. Akkasumas, lubbu-qabeenyi hangana hin jedhamneef mandhee (iddoo jireenyaa) ta’u.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala gara uumamtoota ilaalun akka isaanitti xinxallinuu fi Isa beeknu nu affeera:

“Sila gara gaalaa hin ilaalanii akkamitti akka uumamte? Gara samiis akkamitti akka olfuudhamte? Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabbaman? Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte?” Suuratu Al-Ghaashiyah 88:17-20

Uumamni gaalaa uumama ajaa’ibaa fi ijaarsi qaaama ishii adda kan ta’eedha. Humnaa fi jabeenya guddaa qabdi. Garuu kana waliinu ba’aa ulfaataa fi nama dadhabaa ishii masakuuf ni laafti. Namoonni foon ishii ni nyaatu, rifeensa ishiitti ni fayyadamu, aannan ishii ni dhugu[1]. Gaalaa guddoo tana kan qaama ishii akkanatti ijaare, namootaf akka jilbafattuu fi masakamtu kan laaffise Khaaliqa Guddaa malee kan biraa jiraa? Gara samiis ilaalaa, Rabbiin Olta’aan akkamitti lafa irraa utubaa malee ol kaase. Ammas, gara gaarreenis ilaalaa akkamitti dachii keessatti gadi dhaabun kan bakkaa hin sochoone godhe. Akkasumas, lafas uumamtootaaf ni diriirse. Kuni hundi gara Dandeetti fi Tokkichummaa Khaaliqaa akeeku. Wanta hunda irratti Inni Danda’aa akka ta’e agarsiisu.

Mee gara dachii yeroo bonaa ilaali. Biqiltoonni waan irra hin jirreef tan duutee fi gogdeedha. Yommuu Rabbiin guddaan bishaan ishii irratti buusu ni dhiitofti, ni sochooti, ol kaati. Magariisa ta’uun biqiltoota nama hawwisiisan gosa kamirrayyuu ni biqilchiti. Biqiltoota nama ajaa’ibsisanii fi habaaboon isaanii nama gammachiisan ni baasti. Akkasumas, midhaan gosa garagaraa, kuduraa fi fuduraa adda addaa fi biqiltoota dawaa fi nyaata horiitiif ta’an ni magarsiti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Dachiis gogduu taatee agarta. Yeroo Nuti bishaan [bokkaa] ishii irratti buufne, ni sochooti, ni iitoftis, akaaku biqiltootaa bareedinna qaban hunda irraas ni biqilchiti. Suni Rabbiin Haqa waan ta’eefi, Inni kanneen du’aan waan jiraachisuufi, Inni wanta hundaa irratti Danda’aa waan ta’eefi. Dhugumatti Qiyaaman dhuftuudha; ishee keessa shakkiin wayitu hin jiru. Dhugumatti Rabbiin namoota awwaalcha (qabrii) keessa jiran hundaa ni kaasa” Suuratu Al-Hajj 22:5-7

Suni” aayah keessatti marsaalee uumama namaa isiniif ibsee fi dachii gogdee bishaan itti roobsun jiraachifamte. “Rabbiin Haqa waan ta’eefi” Haqa jechuun jiraataa fi yeroo hundaa turaa, gonkumaa kan hin jijjiramne fi hin banneedh[2]Kanaafu, hiikni“Suni Rabbiin Haqa waan ta’eefi” jedhu kana ta’a: uumamni keessanii fi dachii gogde jiraachisuun kan raawwatame sababa Rabbiin jiraataa fi yeroo hundaa turaa gonkumaa hin jijjiramne fi hin banne ta’eefi. Wantoonni Rabbiin ala jiran hundi ni jijjiramu, ni badu. Rabbiin Guddaan Olta’aan gonkumaa hin jijjiramu. Kanaafu, yeroo hundaa wanta fedhe hojjata, wanta fedhe uuma. “Inni kanneen du’aan waan jiraachisuufi” akkuma uumama keessan jalqabee fi dachii duute ykn gogde jiraachise namoota du’anis ni jiraachisa. Inni wanta hundaa irratti Danda’aa waan ta’eef, dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa namoota awwaalcha (qabrii) keessa jiran hundaa ni kaasa.

Pilaanetota hanga ammaa beekkaman keessaa dachiin iddoo jireenya namaatiif toltuudha. Pilaneetonni hafan jireenya namaatiif hin tolan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dachii iddoo namoonni itti qubatanii fi jireenya isaanii itti gaggeessan taasiseef. Ni jedha:

“Rabbiin Kan dachii iddoo qubannaa, samii immoo ijaarsa gubbaa (xaaraa) isiniif godhe, isin uumee suuraa keessan miidhagse, wantoota gaggaarii irraas isiniif kenneedha. [Inni kana godhee] suni Allah Gooftaa keessani. Allah Gooftaa aalamaa ta’e tolti Isaa baay’ate. Inni Jiraatadha. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Kanaafu amanti Isaaf qulqulleessuun Isa kadhaa. Faaruun kan Rabbii Gooftaa aalama hundaa ta’eeti.” Suuratu Ghaafir 40:64-65

Aayah tana keessatti qananiiwwan afur dubbata. 1ffaa-dachii namootaaf iddoo qubannaa fi jireenyaaf mijooftu taate gochudha. Akka pilaanetota biroo garmalee tan hoo’itu hin goone. Kana irra hoo’a dachii madallamaa, biyyee ishii biqiltoota magarsuuf mijaawa taasise. 2ffaa- Gubbaa keessan irratti samii ijaarsaa guddaa utubaa hin qabne taasisuun aduu, ji’aa fi urjiilee keessa godhe. Kunniin hundi faaydaalee ilma namaatiif. 3ffaa– Isin uumuun suuraa ykn boca keessan ni miidhagse. Nama akka horii gadi jedhe kan deemu hin goone. Kana irra, dhaabbatee fi luka lamaan kan deemu godhe. Ogummaa fi Beekumsa Rabbii guddaa hubachuuf mee uumama keetitti xinxalli. Kutaalee qaamaa hundaa bakka isaaniif maluu ni kaa’e, faayda isaanii irratti hundaa’e hamma isaanii ni murteesse. Nama harka sadii ykn luka sadi qabu argitee beektaa? Nama ijji isaa luka irra taate argitee beektaa? Kanaafu eenyutu akkanatti lakkoofsaa fi hamma kutaalee qaamaa murteessee bakka isaaniif malu kaa’aa? Rabbii Guddaa olta’aa malee kan biraa jiraa?

4ffaa-wantoota gaggaarii isiniif kenne- nyaata dhugaati, uffata, geejjiba fi kan biroo ilma namaatiif godhe. “[Inni kana godhee] suni Allah Gooftaa keessani.” Gooftaan (Rabb) hiika “uumuu, bulchuu, kunuunsu fi guddisu” qaba. Kanaafu, Kan dachii iddoo qubannaa isiniif taasise, samii xaaraa isiniif godhee jidduu lamaanitti isin uumee fi suuraa keessan waan hunda caalaa miidhagsee, Gooftaa keessan Kan isin uumee, kunuunsu, qananii adda addaatin isin qananiisu fi too’atudha. “Allah Gooftaa aalamaa ta’e tolti Isaa baay’ate.” Aalama jechuun wantoota Rabbiin ala jiran hunda. Jechi aalama jedhu jecha “Alama” jedhu irraa kan dhufeedha. Alama jechuun mallattoo gara wanta tokkotti akeekudha. Kanaafu, uumamtoonni aalama kana jedhamaniif gara Uumaa isaanii waan akeekaniif.  

“Inni Jiraatadha. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Kanaafu amanti Isaaf qulqulleessuun Isa kadhaa. Faaruun kan Rabbii Gooftaa aalama hundaa ta’eeti.”

Inni Jiraatadha.” Rabbiin yeroo hundaa jiraataa gonkumaa hin duunedha. Faallaa kanaa jiraattoni biroo ni du’u, ni badu. Garuu Rabbiin Tokkicha yeroo hundaa jiraataa ta’eedha. “Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru.”  Kana jechuun dhugaan kan gadi jedhaniif, garmalee jaallatan, garmalee ol guddisan, sodaatan, waan hundaa irraa kajeelanii fi kadhatan, sagadaniif Rabbiin malee hin jiru[3]. Sababni isaas, Isa malee Gooftaan biraa nama uume, faayda namaaf fidu fi miidhaa namarraa deebisuu waan hin jirreef.


[1] Ibn Kasiir 7/551
[2] Tafsiir Qurxubii 13/326 
[3]Ash-shirku fil qadiimi wal hadiisi– 1/fuula 53-54
Kitaabban Tafsiira biroo
Miftaahu Daaru sa’aadah-fuula 570-571, Imaamu ibn Al-Qayyiim

Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Kutaa 1
Dachiitti Xinxalluu-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply