Ya’juuj fi Ma’juuj

Offline dubbisuf

Mallattoo Gurguddoo Guyyaa Qiyaamaa-Lakk.3
Ya’juuj fi Ma’juuj saboota gurguddoo lama sanyii Aadam irraa ta’aniidha. Sababa badii gurguddaa dachii keessatti babal’isaa turaniif Mootiin Zul-Qarnayn jedhamu bakka tokkotti isaanitti cufe. Suuratu Al-Kahf keessatti waa’ee kana ni dubbata. Garuu Qiyaamaan yommuu kalooftu cufaa diiganii gara addunyaa bahu. Qur’aana keessatti waa’ee isaaniitii fi Zul-Qarnayn akkana jechuun dubbata:

Yeroma [Zul Qarnayn] gidduu gaara lamaanii gahe, isaan lamaanii asitti ummata dubbii [isaa] hubachuutti hin dhiyaanne arge. Isaaniis “Yaa Zul Qarnayn! Dhugumatti, Ya’juuj fi Ma’juuj dachii keessatti badii hojjattoota. Nuu fi isaan gidduutti cufaa akka gootu baasii siif goonuu?” jedhan. Innis ni jedhe, “Waan Gooftaan kiyya isa keessatti naaf mijeessitu [wanta isin naaf kennitan] irra caala. Gidduu keessanii fi isaaniitti cufaa nan godhaa humnaan na gargaaraa. Muraa sibilaa naaf fidaa.” Yeroo iddoo gaara lamaan gidduu jiru guutu “afuufaa” jedheen. Yeroo ibidda [diimaa] isa godhus, “Sibila baqe isa irratti dhangalaasaa naaf fidaa” jedhe. [Ya’juuj fi Ma’juuj] isa irra koruu hin dandeenye, jalaanis isa uruu hin dandeenye. [Zul Qarnayn] ni jedhe, “Kuni rahmata Gooftaa kiyya irraa ta’eedha. Yeroo waadaan Gooftaa kiyyaa dhufe, Inni bittinaa’a isa godha. Waadaan Gooftaa kiyyaas dhugaa ta’eera.” Guyyaa [Ya’juuj fi Ma’juuj dhufan] san garii isaanii garii keessa kan yaa’an taasifne gadi dhiifna. Xurunbaanis ni afuufama, [uumama hundaa] guutumatti walitti isaan qabna.” Al-Kahf 18:93-99

Zul-Qarnayn mootii humnaa fi loltuu baay’ee qabu ture. Bahaa dhiya deemun namoota gara Rabbiitti waamaa ture. Dachii keessa osoo deemu gara Kaabaatti qajeele. Kallatti kaabaa kanatti gaarreen lama jidduutti dhufe. Gaarreen kanniinii gaditti ummata wanta inni jedhu hubachuu hin dandeenyetu ture. Sababni isaas, afaan ofii malee afaan Zul-Qarnaayn dubbachuu hin danda’an. Kanaafu, isaan walii galuuf tarjumaana (nama afaan hiikutti) fayyadamu. Gaarreen lamaan kana jidduu banaatu jira. Saboonni Ya’juuj fi Maj’uuj banaa kanaan gara ummata kanaatti yaa’un badii adda addaa hojjatu. Kanneen akka nama ajjeesu, midhaan balleessu, jeequmsa uumu fi kkf. Ummanni cunqurfamanii fi miidhaman kunniin gaarummaa, aangoo fi humna Zul-Qarnayn yommuu argan, gaarreen lamaan jidduutti cufaa Ya’juuj fi Ma’juujin dhoowwu akka hojjatu gaafatan. Kanaaf, baasi ykn mindaa akka kennaniif itti himan. Garuu Zul-Qarnayn wanti Rabbiin isaaf mijeesse fi laaffise wanta isaan isaaf kennan akka caalu itti himuun cufaa hojjachuuf qophii ta’e. Karaan cufaa kana itti hojjataniis muraa sibilaa (hadiidaa) banaa gaarreen lamaan jidduu jiruutti guutuudha. Ergasii akkuma sibila tumtuun sibilatti ibidda afuuftu, muraa sibila tuulamaa kanattis ibidda afuufaa jedhen. Yommuu akka ibiddaa diimatu, sibila koopparii baqe naaf fida irratti dhangaalaasaa jedheen. Yommuu koopparii baqe muraa hadiidaa oltuulame irratti dhangalaasu, garmalee jabaachun akka gaaraa ta’e. Kanaafu, Ya’juuj fi Ma’juuj gubbaanis utaalun, jalaanis uruun gara namootaa as bahuu hin dandeenye. Garuu guyyaa tokko cufaan kuni ni banamaaf. Kunis kan ta’uu yommuu Qiyaamaan kalooftudha.

Hadiisa Abu Hureyraan gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Ya’juuj fi Ma’juuj guyyaa hundaa hanga xiyya aduu arganii ni qotu. Itti gaafatamaan isaanii ni jedha, “Boru ni qonnaa deebi’aa.” Rabbiin kan duraa caalaa cimaa gochuun [wanta isaan qotan] bakkatti deebisa. Hanga yeroon isaanii dhufu kuni akkanumatti itti fufa. Yommuu Rabbiin namoota irratti akka bahan fedhu, hanga xiyya aduu arguu dhiyaatanitti ni qotu. Itti-gaafatamaan isaanii, “Deebi’aa boru ni qottuu In sha Allah (Yoo Rabbiin fedhe)” jedha. Isaaniis “Rabbiin yoo fedhe” jedhu. Kanaafu borumtaa akkuma duraan dhiisanitti itti deebi’u. Isaanis qotuun gara namootatti bahu. Bishaan hundaa dhugani fixu. Namoonni isaan irraa mooraa isaanii keessatti baqachuun of eegu. Ergasii [Ya’juuj fi Ma’juuj] gara samii xiyyoota isaanii darbu. [Qormaataaf] xiyyoonnis dhiiga kan ofirraa qaban ta’anii isaanitti deebi’u. Ni jedhu, “Warra dachii keessa jiran moo’anne jira, warra samii irrattis ol’aantummaa argannee jirra.” Ergasii Rabbiin raammoo gateetti morma isaaniitti erguun isaan fixa.”  Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Rabbii harka Isaa nafseen tiyya jirtuun kakadhe! Bineensonni dachee irra jiran foon isaaniitiin furdatu.” Sunan Ibn Maajah 4080

Kanaafu, Ya’juuj fi Ma’juuj lakkoofsan garmalee baay’ee ta’uu irraa kan ka’e, laga itti dhufan dhuganii fixu. Dachii keessatti badii gurguddaa hojjatu. Hanga Qiyaamaan dhiyaattu cufaa isaanitti cufame ni qotu. Garuu uruun namootatti as yaa’u hin danda’an. Rabbiin akka duraan ture caalaatti waan deebisuuf. Haa ta’uu malee yommuu Rabbiin akka gara namootatti yaa’an fedhu, cufaa kana uruun namootatti gadi jigu. Ergasii badii fi balleessaa baay’ee hojjatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa suurah biraa keessatti ni jedha:

Hanga yeroo [cufaan] Ya’juuj fi Ma’juuj banamee isaaniis tabba hundarraa ariitiin gadi bubbu’anitti [namoonni dhuman gara addunyaa hin deebi’an]. Waadaan dhugaas dhiyaate. Yeroo san ijji namoota kafaranii ni bobaasti. ‘Yaa badii keenya nuti kana irraa daguu (gaflaa) keessa turre. [Yoom kana qofa] inuma miidhaa raawwattoota (zaalimota) turre.’ Jedhu.” Suuratu Al-Anbiyah 21:96-97

Namoonni sababa badii isaaniitiin addunyaa tana irraa xuruuraman ykn dhuman, hanga cufaan Ya’juuj fi Ma’juuj banamuutti gara addunyaa tanaa hin deebi’an. Garuu yommuu Qiyaamaan dhaabbattu murtiif ni kaafamu. Qiyaamaan dura cufaan isaanii yommuu banamu, Ya’juuj fi Ma’juuj lafa olka’aa (tabba) hundarra gara addunyaatti ariitin yaa’un fasaada (balleessaa) guddaa raawwatu. Aayah keessatti yansiluun jechuun ni ariifatu. Ummanni Ya’juuj fi Ma’juuj balleessaa fi badii guddaa raawwachuuf dachii keessa ariitiin adeemu.

Ummanni kuni cufaa isaanii keessaa yaa’anii gara addunyaa jiguun mallattoo Qiyaamaan dhiyaachu agarsiisudha. Kanaaf itti aanse, “Waadaan dhugaas dhiyaate.” Jedhe. Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa Rabbiin waadaa gale ni dhiyaata. Waadaan Isaa haqaa fi dhugaadha. Guyyaa kana, sodaa fi rifannaa cimaa irraa kan ka’e ija kaafirootaa tan bobaastu taate argita. Yakkaa fi balleessaa hojjataa turan yommuu beekan badii, gaddaa fi gaabbii ofitti waamu[1]. Ni jedhu, “Yaa badii keenya nuti kana irraa daguu (gaflaa) keessa turre.” Kana jechuun gaflaa keessatti kan lixne, waa’ee Qiyaamaa ilaalchisee odeefannoo Ergamtoonni beeksisanitti kan hin amanne taanee oduu Qiyaamaa irraa dheessaa turre.  

Wanta tokko irraa gaflaa (daguu) keessa ta’uu jechuun- wanti suni nama afoo osoo jiruu ykn mallattooleen isaa osoo jiranuu irraa garagaluu fi xiyyeefannoo itti kennuu dhiisudha. Namni Qiyaamaatti amanuu irraa garagalu, gahuumsa isaa fi jazaa Rabbii gara fuunduraatti qunnamu arguu irraa fedhiin lubbuu addunyaa keessatti isa ko’oomsite jirti[2]. Fedhiin lubbuu inni hordofu Qiyaamatti akka hin amannee fi xiyyeefannoo itti hin kennine isa taasise jira. Galaana fedhii lubbuu keessa daakuu malee gahuumsa isaa itti hin yaadu.

Guyyaa Qiyaamaa erga gara nafsee isaanitti deebi’anii of arganii booda zaalimoota haqa Rabbiin kitaaba Isaa keessatti buusetti hin amanne ta’u ni hubatu. Yakkaa fi badii hojjachuun, haqa Rabbiin beeksise kijibsisuun zaalimoota (miidhaa raawwattoota) akka ta’an ni beeku. Kanaafu ni jedhu, “inuma miidhaa raawwattoota (zaalimota) turre.’ Ergasii azaabatti akka oofaman ajajamu. Rabbiin warroota Qiyaamaa irraa gaflaa keessa ta’anii fi Guyyaa san salphatan keessaa ta’uu irraa nu haa tiiksu.


[1] Tafsiir Sa’diyy- fuula 619
[2] Ma’araaji tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur- 14/368
https://islamqa.info/en/answers/3437/do-yajooj-and-majooj-exist-at-the-present-time-and-is-the-barrier-real
The End of The World-fuul 361-…

Mallattoolee Gurguddoo Qiyaamaa
Iisaa (Iyyasuus)-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply