Mallattoolee Gurguddoo Qiyaamaa

Offline dubbisuf

Kutaalee darban keessatti mallatoolee gurguddoo Guyyaan Qiyaamaa dhiyaachu agarsiisan ilaalle turre. Isaaniis, Dajjaal bahuu, Iisaan (aleyh salaam) bu’uu fi Ya’juuj fi Ma’juuj. Har’as itti fufuun kutaa kana keessatti maallatoole hafan saddeettan gabaabbinnaan ni ilaalla.

Mallattoolee Gurguddoo Guyyaa Qiyaamaa lakk. 4,5 fi 6- Mucuca Lafaa Sadii
Mucuca lafaa jechuun lafti garmalee addaan baqaquu fi wanti gubbaa jiru keessatti gadi lixuudha. Yeroo durii fi ammaa mucucni lafaa bakka adda addaatti uumame jira. Garuu mucucni hadiisa keessatti dubbatame amala addaa kan qabuu fi oduun isaa kan babal’atuudha. Mucucni lafaa kuni mallattoo gurguddoo Qiyaama keessaa tokko yommuu ta’u, Aakhiru zamaan (dhuma Yeroo) keessatti kan mul’atuudha. Hadiisa keessatti: Huzeeyfa ibn Useyd Al-Ghifaariyy akkana jechuun gabaase:

Osoo nuti wal yaadachiisnu (waliin haasofnu) Ergamaan Rabbii (Salallahu aleyh wassalam) nu arguun akkana jedhan, “Maal wal yaadachistuu?” Sahaabonnis ni jedhan, “Waa’ee Qiyaamaa haasofna” Innis ni jedhe, “Hanga mallatoolee kudhan argitanitti malee Qiyaamaan hin dhaabbattu.” Ergasii akkana jechuun tarreesse: Aara (smoke), Dajjaal, bineensa lafaa baatu, Aduun dhiyaan bahuu, Iisaan ilmi Mariyam (nageenyi isarratti haa jiraatu) bu’uu, Ya’juuj fi Ma’juuj, gara sadiin mucuca lafaa: tokkoffaan gara Bahaatin, lamaffaan gara Dhiyaatin, sadaffaan gara odola Arabaatin. Dhumti kanaa ibidda gara Yaman irraa bahuun namoota gara iddoo walitti qabamaatti ooftudha.Sahiih Muslim 2901

Mallatto Guddoo Guyyaa Qiyaamaa-7ffaa- Aara (Dukhaan)-Smoke
Akkuma hadiisa armaan olii keessatti dubbatame aarri guddaan namoota haguugu yeroo dhumaatti ni argama. Hadiisa biraa keessatti Abu Hureeyraan akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

‏ “‏ بَادِرُوا بِالأَعْمَالِ سِتًّا الدَّجَّالَ وَالدُّخَانَ وَدَابَّةَ الأَرْضِ وَطُلُوعَ الشَّمْسِ مِنْ مَغْرِبِهَا وَأَمْرَ الْعَامَّةِ وَخُوَيِّصَةَ أَحَدِكُمْ ‏”‏ ‏.
Wantoonni jahan kunniin argamuun dura gara hojii gaggaarii ariifadhaa: Dajjaal, aara, bineensa lafaa baatu, aduun gara dhiyaatiin bahuu, dhimma wali galaatii fi dhimma dhuunfaa tokkoo keessanii.” Sahiih Muslim 2947

Asitti dhimma wali-galaa jechuun Qiyaamaan dhaabbachuudha. Dhimma dhuunfaa tokko keessanii jechuun immoo du’a nama kamittu dhuftuudha[1]. Yookiin immoo dhimmi wali galaa fitnaan guddaa kanneen akka waraanaa, faahishaa (wantoota fokkuu) fi kkf hawaasa keessatti argamuudha. Dhimmi dhuunfaa immoo dhimma dhuunfaan wal qabate kanneen akka hiyyummaa, dhibee fi kkf dha.

Mallattoo Guddoo Guyyaa Qiyaamaa 8ffaa- Bineensa Lafaa Baatu (Daabbatul Ard)
Aakhiru zamaan (dhuma Yeroo) irratti yommuu badiin babal’atuu, wanti fokkataan miidhagfamu fi wanti gaariin immoo fokkifamu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa bineensa dachii keessaa ol baasa. Qur’aana keessatti ni jedha:

27:82

Yeroo jechi isaan irratti kufu, namoonni keeyyattoota Keenya kan hin dhugoomsine akka turan bineensa isaanitti dubbattu dachii keessaa isaaniif baafna.”
በነሱም ላይ (የቅጣት) ቃሉ በተረጋገጠ ጊዜ ሰዎቹ በአንቀጾቻችን የማያረጋግጡ እንደነበሩ የምትነግራቸውን እንሰሳ ለነርሱ ከምድር እናወጣለን።”Suuratu An-Naml 27:82

“Yeroo jechi isaan irratti kufu” jedhu ilaalchise mufassiroonni ibsa adda addaa walitti dhiyaatu itti kennani jiru. Qataadan ni jedha: “Yeroo jechi isaan irratti kufu.” jechuun yommuu dallansuun isaan irratti mirkanaa’u. Abdullah ibn Umari fi Abu Sa’id Al-Kudriyy ni jedhu, “Yommuu waan gaariitti hin ajajnee fi waan badaa irraa hin dhoowwine, dallansuun isaan irratti mirkanaa’u.”[2] Abdullah ibn Abbaas ni jedha, “yommuu azaabni (adabbiin) isaan irratti mirkanaa’u.[3]
Ibn Kasiir ni jedha: “Bineensi tuni yeroo dhumaa yommuu haalli namoota badu, ajajoota Rabbii dhiisanii fi amanti haqaa jijjiran baati. Rabbiin dachii keessaa bineensa isaaniif baasa[4].”

“Namoonni keeyyattoota Keenya kan hin dhugoomsine akka turan bineensa isaanitti dubbattu dachii keessaa isaaniif baafna.” jedhu Ilaalchise hayyoonni ibsa armaan gadii kennanii jiru: 1ffaa- Bineensa “Namoonni keeyyattoota keenya kan hin dhugoomsine (dhugaan hin amanne) ta’aniiru” jettee isaanitti dubbattu dachii keessaa isaaniif baafna. 2ffaa- Islaaman ala amantiin biraa soba akka ta’e isaanitti dubbatti. 3ffaa- Akkana jechuun isaanitti dubbatti: kuni mu’mina kuni kaafira[5]. Rabbiin wanta hundaa irratti danda’aa ta’ee, bineensi akka dubbattu taasisuun wanta Isa dhibuu miti. Yeroo ammaa sibiilli kan dubbate bineensi hayyama Rabbiitiin akkamitti dubbachuu dadhabaa? Meeshaan qunnamti kanneen akka raadiyo, bilbila, Tv fi kkf sibilaa irraa kan hojjatamaniidha.

Hadiisa Abu Hureyraan gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Wantoonni sadii yoo argaman, nama dursee hin amanne yookiin iimaanaa isaa keessatti waan gaarii hin hojjanne, iimaanni isaa homaa isa hin fayyadu: Aduun bakka itti dhiiteen bahuu, Dajjaal fi bineensa lafaa.Sahiih Muslim 158

Kana jechuun wantoonni sadan kunniin dhufuun dura namni Rabbii fi hundeewwan iimaanatti hin amanne yookiin erga amane booda hojii gaarii hin hojjanne, yeroo mallattooleen kunniin mul’atan amanuu fi hojii gaarii hojjachuun isaa homaa isa hin fayyadu. Kanaafu, namni mallatooleen kunniin yoom akka bahan waan hin beeknef iimaana ofii cimsachuu fi hojii gaggaarii hojjachuuf tattaafachu qaba. Ta’uu baannaan, yeroo mallaatoolee kanniin argu amane jechuun isaa adabbii (azaaba) isarraa hin deebisu.

Mallattoo Guddoo Qiyaamaa 9ffaaAduun Dhiyaan Bahuu

Mallattoolee gurguddoo Qiyaamaa kan namni lubbuun jiru hunduu argu danda’u keessaa tokko adeemsi urjiilee fi pilaanetoota jijjiramuudha. Osoo namoonni aduun bahaan baati jedhanii eegan ganama tokko bakka dhiiten isaanitti ol baati. Yeroo kanatti balballi tawbaa ni cufama. Namni yeroo kanatti yoo tawbate, tawbaan isaa fudhatama hin argatu.
Qur’aana irraa keeyyata waa’ee Aduun Dhiyaan bahuu agarsisuu. Rabbiin ni jedha:

Sila malaaykonni isaanitti dhufuu, yookiin Gooftaan kee dhufuu yookiin gariin mallatoolee Gooftaa keetii dhufuu malee maal eeguu? Guyyaa gariin mallatoolee Gooftaa keetii dhufan, lubbuu takkaaf iimaanni ishee homaa hin fayyadu yoo san dura hin amaniin yookiin iimaana ishee keessatti toltu hin hojjatin. ‘Isin eegaa; nuti eegoodha.’ jedhiin.” Suura Al-An’aam(6):158

Sila warroonni zulmii (miidhaa), badii fi of-tuulu isaanii itti fufan kunniin malaykoonni ruuhii isaanii qabuuf ykn Gooftaan kee gabroota jidduutti murteessuf dhufuu ykn mallattooleen gariin dhufuu malee maal eegu? Yeroo du’aa yommuu malaaykonni ruuhi isaanii baasuf isaanitti dhufan, dursanii yoo hin amaniin, yeroo san amanuun homaa isaanii hin fayyadu. Ammas yommuu Rabbiin gabroota jidduutti murteessuf dhufu, yoo dursanii hin amaniin, yeroo san amanuun homaa isaan hin fayyadu.

“Guyyaa gariin mallatoolee Gooftaa keetii dhufan, lubbuu takkaaf iimaanni ishee homaa hin fayyadu yoo san dura hin amaniin yookiin iimaana ishee keessatti toltu hin hojjatin.” Kana jechuun mallatooleen gurguddoon Guyyaan Qiyaamaa dhiyaachu agarsiisan gariin yommuu argaman kaafirri yeroo san amanuun homaa isa hin fayyadu. Akkasumas, nama dursee amanee garuu hojii gaarii hin hojjatin, yeroo mallattooleen kunniin dhufan hojii gaggaarii hojjachuun homaa isa hin fayyadu[6].

Mufassiroonni (hayyoonni Qur’aana ibsan) baay’een mallatoon Guyyaa Qiyaamaa kuni aduun dhiyaan bahuudha jedhan. Kana ilaalchisee hadiisonni sahiih ta’an ni agarsiisu.
Abu Hureeyran akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Hanga aduun dhiyaan baatutti Qiyaamaan hin dhaabbattu. Yommuu namoonni ishii argan, kan dachii irra jiru hundi ni amana. Yoo dursitee hin amaniin, yeroon suni yeroo nafsee takka iimaanni ishii homaa hin fayyanneedha.” Sahiih Al-Bukhaari 4635

Kana jechuun yommuu namoonni aduun dhiyaan bahuu ishii argan hundi isaanitu ni amanu. Sababni isaas, Qiyaamaan dhugaa ta’uu ni mirkaneefatu. Garuu kuni filannoon osoo hin ta’in dirqamaan waan amananiif yeroo kanatti amanuun isaanii homaa isaan hin fayyadu.

Iccitiin as keessa jiru: iimaanni kan nama fayyadu yommuu geeybi (wanta fagoo fi ijaan hin mul’annetti) amananii fi filannoodhaan ta’ee qofaadha. Garuu yommuu mallatooleen argaman, dhimmichi kan mul’atu ta’a. Wanta mul’atutti amanuun immoo faayda homaatu hin qabu. Sababni isaas, iimaana dirqamaan ta’een wal fakkaata. Akka nama yommuu bishaaniin nyaatamu ykn ibiddaan gubamu fi kkf niti. Yeroo du’a argu wanta irra jiru irraa ni buqqa’a. Akkuma Rabbiin jedhe,

Yeroo adabbii Keenya argan, ni jedhan, ‘Rabbitti amanne, waan Isatti qindeessaa turrettis kafarre.’ Erga adabbii Keenya arganii amanuun isaanii gonkumaa isaan hin fayyanne. [Suni] karaa Rabbii kan gabroota Isaa keessatti dabreedha. Kaafiroonni achitti hoonga’an.” Suuratu Ghaafir 40:84-85[7]

Mallattoo Guddoo Qiyaamaa 10ffaa- Ibiddi iddoo wal-gahiitti namoota walitti qabu mul’achuu

Mallattoon dhumaa Qiyaamaa ibiddi Yaman irraa bahuun namoota gara iddoo wali gahiitti (Maasharitti) walitti qabdu bahuudha. Iddoon walitti qabamaa dachii diriirtu bu’aa bayii hin qabnee fi adii taatedha. Hadiisoonni Sahiih waa’ee bahiinsa ibidda tanaa agarsiisan dhufanii jiru. Isaan keessaa mee muraasa haa ilaallu. Hadiisa Huzeeyfaa jalqaba irratti ilaalle keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “Dhumti kanaa ibidda gara Yaman irraa bahuun namoota gara iddoo walitti qabamaatti ooftudha.” Sahiih Muslim 2901

Ibiddi tuni akkamitti namoota gara ooydi maashar (iddoo wal-gahii) ooftu ilaalchisee hadiisoonni sahiih ta’an ni agarsiisu. Abu Hureyraan akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Namoonni karaalee sadiin walitti qabamu: [karaan 1ffaan] warroota [Jannata] kajeelanii fi [azaaba] sodaatan, [2ffaan] warroota lama ta’anii gaala yaabbatan yookiin sadii ta’anii gaala yaabbatan yookiin afur ta’anii gaala yaabbatan yookiin kudhan ta’anii gaala yaabbataniidha. [3ffaan immoo] warroota hafan kanneen ibiddi isaan walitti qabduudha. [Ibiddi tuni] waaree booda bakka isaan boqonnaa fudhachuuf itti mugan waliin ni deemti, bakka isaan bulan waliin bulti, bakka isaan itti bariissifatan waliin bariisifatti, bakka isaan itti galgalofatan waliin galgalofatti.” (Kana jechuun ibiddi tuni bakka kamuu yoo deeman ykn dhaabbatan isaan waliin deemti ykn dhaabbatti.) Sahih al-Bukhari 6522

Ibiddi tuni isaan gubuuf osoo hin ta’in gara iddoo wal-gahiitti isaan oofufi. Kuni hojii Rabbii wanta fedhe hojjatuuti. Wanti hundi ajaja Isaa jalatti kan buluudha.

Guduunfaa
➥Mallattoolee Gurguddoon Qiyaamaan dhiyaachun agarsiisan keessaa tokko argamnaan kan biraas itti aane dhufa. Akka callee wal duraa duubaan wal hordofu. Kanaafu, mallattooleen gurguddoon Qiyaamaa tasa dhufu, Qiyaamaanis tasa dhooti.
➥ Namni dhiphinnaa fi adabbii Guyyaa Qiyaamaa jalaa nagaha bahuuf mallattooleen kunniin argamuun dura amanuu fi hojii gaggaarii hojjachutu isa baasa.
➥ Yommuu Aduun dhiyaan baatu balballi tawbaa ni cufama. Erga aduun dhiyaan baate booda kaafirri yoo amane, amanuun isaa homaa isa hin fayyadu (adabbii isarraa hin deebisu). Akkasumas, namni amanee garuu hojii gaarii hojjachuu dhiise, aduun dhiyaan yommuu baatu hojicha hojjachuun homaa isa hin fayyadu. Haa ta’uu malee, hojii gaggaarii duraan hojjataa kan ture yoo ta’e, hojii gaggaarii kanniin itti fufee hojjachuun isa fayyada. Fkn, namni guutumatti salaata dhiise, yommuu aduun dhiyaan baatu yoo salaata jalqabe, salaanni isaa kuni homaa isa hin fayyadu. Garuu duraan kan salaatu yoo ta’e, aduun dhiyaan erga baate booda akkuma duraanii salaata isaa yoo itti fufe, kuni isa fayyada.
Iimaanni kan nama fayyadu yommuu geeybi (wanta fagoo fi ijaan hin mul’annetti) amananii fi filannoodhaan ta’ee qofaadha.
➥ Wanti mu’minaa fi kaafira adda baasu geeybitti amanuudha. Geeybin suni yommuu mul’atu namni hunduu waan amanuuf yeroo sanitti iimaanni faayda hin qabu. Fkn, Qiyaamaan yommuu dhaabbattu namni hunduu ni amana. Garuu namni kaafirri dursee hin amanne, yeroo Qiyaamaan dhaabbatu amanuun isaa homaa isa hin fayyadu.


Kitaabban wabii:
[1] Al-Diibaaj alaa sahiih Muslim 6/266, Suyuuxi
[2] Tafsiir Qurxubii 16/207-208
[3] Zaadul Masiir 1053, Ibn Al-Jawzi
[4] Tafsiir ibn Kasiir 5/691
[5] Zaadul Masiir 1054
[6] Tafsiir Sa’diyy 315-316, Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur-11/488, Abdurahmaan Hasan Habankaa
[7] Tafsiir Sa’diyy-fuula 316
https://islamqa.info/en/answers/2281/signs-of-the-hour
The End of The World-fuul 392-…

Ya'juuj fi Ma'juuj
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply