Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Bismillahi Rahmaani rahiim
﴾ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي هَدَىٰنَا لِهَٰذَا وَمَا كُنَّا لِنَهۡتَدِيَ لَوۡلَآ أَنۡ هَدَىٰنَا ٱللَّهُۖ لَقَدۡ جَآءَتۡ رُسُلُ رَبِّنَا بِٱلۡحَقِّۖ ﴿

Faaruun hundi Kan Rabbii kanatti nu qajeelcheti. Osoo Rabbiin nu qajeelchu baatee silaa nuti gonkumaa hin qajeellu turre. Ergamtoonni Gooftaa keenyaa dhugaadhaan dhufanii jiru.” Suuratu Al-A’araaf 7:43
Jechoota Ijoo-Jazaa jechuun nama waan gaarii hojjateef mindaa isaaf kennuu ykn nama waan badaa hojjate adabbii isaaf malu adabuudha.

Gaafiwwan gurguddaan mataa namaa keessa naanna’anii fi namni hundii deebii argachuuf tattaafatu sadii akka ta’an barruu “Isin keessa mallattotu jira-kutaa 2” jedhu keessatti ilaalle turre. Yaadachisaaf gaafiwwan sunniin kanniin turan:
1ffaa-Ani duraan dachii tanarra hin turre. Kanaafu, eenyutu dhabamarraa na argamsiisee ykn na uumee? 
2ffaa- Kaayyoon itti uumameef maalii? (Maaliif uumamee?) 
3ffaa- Erga du’ee gahuumsi kiyya eessaa?

Dhugumatti gaafileen kunniin gaafilee bu’uura jireenyaa fi milkaa’innaatti. Namni gaafileen kanniin deebii sirrii fi gahaa yoo argate, jireenya keessatti tasgabbiin jiraata. Sababni isaas, eessarraa ka’ee garam deemaa akka jiru sirritti ni hubata. Kaayyoo fi ergamni yeroo muraasaaf addunyaa tana keessa turuu maal akka ta’e yoo beeke jireenya keessatti hin dhama’u. Aslimaa (hundemaa) namni dhama’u nama kaayyoo hin qabnee fi eessa deemaa akka jiru nama hin beeknedha. Gaafileen armaan oli sadan keessaa gaafi tokkoffaa deebisuuf ji’oota darban mata-dureewwan “Isin keessa mallattoo jiraa” fi “Uumama namaatti xinxalluu” jedhan jalatti ilaalle turre. Dabalataan, mata-duree “Rabbitti amane” jedhu jalattis wanta yaqiina (mirkaneefannaa) keenya dabalu ilaalle jirra. Kanaafu, Alhamdulillah gaafi tokkoffaaf deebii gaha arganne jirraa jechuudha.

Amma itti aansinee gaafi lammaffaaf deebii gahaa fi quubsaa gargaarsa Mawlaatiin argachuuf carraaqna. “Kaayyoon ani itti uumameef maalii?” jette of gaafatte beektaa? Jireenya tana keessatti qormaanni adda addaa maaliif nama muudataa? Namoonni gariin rakkoo dhandhamu, gariin immoo qananii keessa daaku. Gariin ni gubatu, gariin ni gammadu. Iccitiin kana duuba jiru maaliidha jechuun of gaafatte beektaa? In sha Allaah gaafiwwan kanniin hundaaf deebii gahaa argachuuf ni carraaqna. Kaayyoo namni itti uumameef beekun dura kaayyoo jireenyi addunyaa tanaa itti uumamteef beekun nurra jira.

Deebii kana argachuuf maal gochuu qabnaa? Eenyuun gaafachuu qabnaa? Mana addaa garmalee bareedu tokko yoo arginee fi kaayyoo itti ijaarrameef beeku yoo barbaanne, eenyun gaafannaa? Takkaa abbaa mana kana ijaare takka immoo namoota abbaa manaa kanatti dhiyoo ta’an gaafannaa mitii ree? Abbaa manaa ykn nama isatti dhiyoo ta’e dhiisnee nama alagaa (badhee) waa’ee mana kanaa sirritti hin beekne yoo gaafanne, kaayyoo manni kuni itti ijaarrameef nutti himuu danda’aa? Tarii alaa ilaalun kuni keessa jiraachuuf ykn daldalaaf jechuu danda’a. Garuu dhugaan odeefannoo guutuu kan nu kennu danda’u abbaa mana kana ijaaredha.

Jireenya tanas yommuu ilaallu kan ishii uumee fi ijaaretu jira. Samii fi dachii, wantoota isaan keessa jiran hundaa Kan uumee, ijaaree fi tartiiba qabsiise Rabbii Olta’aadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kana hunda taphaaf hin hojjanne. Kaayyoo itti uumeef qaba. Kanaafu, jireenyi tuni maaliif akka uumamte deebii gahaa fi quubsa argachuu kan dandeenyu Rabbiin irraayyi. Sababni isaas, Rabbiin jireenya tana kan uumee fi kaayyoo itti uumeef Kan beekudha. Dubbiin erga akkana ta’ee, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kaayyoo jireenya tana itti uumeef akkana jechuun dubbata:

“[Rabbii] Mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru tolli Isaa baay’ate. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha. [Rabbiin] eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa fi jireenya uumedha. Inni Injifataa, Araaramaadha.” Suuratu Al-Mulk 67:1-2

Mulk (mootummaa) jechuun wanta tokko qabaachu fi too’annaa guutuu irratti argachuudha. Akkasumas, wanta lubbuu qabu ajajuun, dhoowwun, adabuu fi badhaasun aangoo guutuu irratti qabaachudha. Motummaan wanta hundaa harka Rabbii jira. Jecha mootummaa jedhu hiika wanta tokko qabaachu fi too’anna guutuu irratti argachuun yoo ilaalle, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Mootii waan hundaati. Sababni isaas, Rabbiin wantoota Isaan ala jiran hundaa kan uumee fi Gooftaa isaaniiti. Kanaafu, wanta hunda kan uumee erga ta’e, too’anna guutuu wantoota uume kanniin irratti qaba. Akka fedhetti wantoota kanniin jijjiruu danda’a.

Jecha mootummaa jedhu hiika aangootiin yoo ilaalle immoo Rabbiin aangoo fi taaytaa guutuu wantoota jiran irratti qaba[1]. Murtiin hundi kan Isaati, nama fedhe ol’aansa, nama fedhe gadi buusu. Gabroota Isaa ni ajaja, ni dhoowwa. Nama Isaaf ajajamee ni badhaasa, kan Isa dide immoo ni adaba. Gonkuma Isa jalaa miliquu fi dheessun hin jiru. Sababni isaas, “Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” Rabbiin dandeetti fi humna guutuu qaba. Samii fi dachiin too’anna Isaa jala jiru. Kanaafu, eessatti jalaa dheessan?

“[Rabbiin] eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf Kan du’aa fi jireenya uumedha.” Kana jechuun Rabbiin isin qoruu fi qormaata kanaan eenyutu hojii irra gaarii ta’e akka hojjatu ifa baasuf ergasii hojii isaa irratti hundaa’e nama hundaafu mindaa kennuuf ykn adabuuf du’aa fi jireenya uume[2]. Ibn al-Jawzin (Rabbiin rahmata Isaaf haa godhu) akkana jechuun keeyyata (aayah) tana ibsa: Jireenya tana keessatti isin qoruuf jireenya uume, du’a immoo isin kaasu fi jazaa isiniif kafaluuf uume[3]. Hayyoonni biroos ibsa kana kennani jiru. Sababni isaas, aayah Arabiffaa keessatti “…wal-hayaata liyabluwakum…” jechuun “jireenyi fi qoruun” wal duraa duuban dhufan. Jireenyaa fi qoruun kan wal qabataniidha. Aayan (keeyyani) armaan gadi ibsa armaan olii kana ni jabeessiti.

“Inni Kan samiiwwanii fi dachii guyyaa jaha keessatti uumedha. Arshiin Isaas bishaan gubbaa ture. Eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf, [isaan uume]. Yoo ati, “Dhugumatti, isin du’a booda ni kaafamtu.” jetteen, warri kafaran, “kuni sihrii (falfala) ifa ta’e malee waan biraati miti.” jedhu.” Suuratu Huud 11:7

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala samiiwwanii fi dachii guyyaa jaha keessatti akka uume ni beeksisa. Yeroo samiiwwanii fi dachii uumu, samii torbaffaa ol Arshiin Isaa bishaan irra ture. Erga samii fi dachii uumee booda olta’iinsa Isaaf malu Arshii ol olta’uun dhimmoota ni qindeessa, murtiiwwan qadaraa fi murtiiwwan shari’aa irraa wanta fedhe ni jijjira. Gabrootaaf seera itti bulmaata ni baasaf, wanta badaa irraa ni dhoowwa, wanta gaariitti ni ajaja. Kuni murti shari’aati. Akkasumas, ogummaa (hikmaa) guutuu Isaatiin wanta fedhe ni uuma, nama fedhe gadi buusa, kan fedhe olkaasa, kan fedhe dureessa godha, kan fedhe hiyyeessa godha, kan fedhe ni ajjeesa, yeroo fedhetti immoo ni kaasa. Kunniin murtii qadaraatti. Kanaafi, itti aanse, “Eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf, [isaan uume].” jedhe. Kana jechuun isin qoruuf wanta samii fi dachii keessa jiran isiniif uume. Ergasii isin keessaa kamtu dalagaa irra gaarii ta’e akka hojjatu ni ilaala ykn ifa baasa. Hojiin tokko “hojii irra gaarii” jedhamuuf haala shari’aan ajajuun ikhlaasan kan hojjatame yoo ta’ee qofaadha. Kana jechuun namni hojii gaarii hojjatu Rabbiif qofa jedhee hojjachu fi akkaataa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ajajeen hojjachu qaba[4].

Ibn al-Jawziin ni jedha, “Isin qoruuf” kana jechuun qormaata jazaan itti kafalamu isin qoruuf. Namni xinxallu mallattoolee samii fi dachii ilaalun [yoo amanee fi hojii gaarii hojjate] mindaa argata. Warroonni didanii fi of tuulan immoo ni adabamu[5].” Kanaafi itti aanse Rabbiin ni jedhu, “Yoo ati, “Dhugumatti, isin du’a booda ni kaafamtu.” jetteen, warri kafaran, “kuni sihrii (falfala) ifa ta’e malee waan biraati miti.” jedhu.” Kana jechuun yaa Muhammad (SAW) warroota Rabbiin waliin waan biraa gabbaran (waaqefataniif) du’aan booda kaafamuun ni jira jechuun yoo ibsiteef, warri kafaran “Kuni sihrii (falfala) ifa ta’e malee waan biraati miti.” jedhu. Isaan biratti, “Sihrii (falfala)” jechuun wanta sobaa nama gowwoomsudha[6]. Warroonni kafaran du’aan booda murtiif kaafamuun soba jechuun yaadu. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii fi dachii garmalee gurguddatan kanniin uumuu kan danda’e, isaan kaasu irratti Danda’aa akka ta’e isaanitti beeksisa.

Kanaafu jireenyi tuni tan uumamteef qormaataafi. Addunyaan tuni iddoo qormaatati. Jireenyi tuni maaliif akka uumamte erga beekne, “hiika qormaataa, qormaata fedhii, wantoota ittiin qoraman, wanta qormaata irraa barbaadamu fi bu’aa qormaataa” ilaalun nurraa bareeda.

Hiika Qormaataa
Qormaata jechuun amala dhoksaa nama keessa jiru ifa baasuuf qoruu (mokkoruu)dha. Jecha biraatin, jabinnaa fi dadhabinna isaa, obsa qabaachu yookiin dhiisu isaa, galata galchuu yookiin dhiisu isaa ilaaluu fi ifa baasuf wanta inni jaallatu ykn jibbu isa fuundura gochuudha. In sha Allaah kanneen hafanii fi daran akka ifa ta’uuf Qur’aana irraa keeyyatoota fudhachuun bal’innaan kutaalee itti aanan keessatti ni ilaalla.


[1] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur– Abdurahmaan Hasan Habankaa  14/614
[2] Madda olii-14/fuula 615
[3] Zaadul Masiir 1456, Ibn Al-Jawzi  akkasumas ilaali Tafsiir Qurxubii 21/112
[4] Tafsiir Sa’diyy 433-434
[5] Zaadul Masiir- 643, Ibn Al-Jawzi
[6] Tafsiir Qurxubii 11/76-77
Ibtilaa’ul Iraadati bil Iimaani wal-Islaami wal-Ibaadati– Fuula 73-…, Abdurahman Habankah

Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Kutaa 2
Dachiitti Xinxalluu-Kutaa 2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

One comment

  • As wr wb obboleysa kiyya ka islaamaa qalbii duute gorsaan nu fayyisutti jirtaa rabbi sihaa milkeesau

Leave a Reply