Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Kutaa 2

Kutaa darbe keessatti kaayyoo jireenyi tuni itti uumamteef tuttuqne jirra. Tarii namni hundi kaayyoo kana takkaan hubachuu dhiisu danda’a. Garuu yommuu fakkeenyaa fi ibsa bal’innaan dabalaniif ni hubata. Kanaafi, Qur’aanni dhimma jabaa tokko irra deddeebi’ee fakkeenyota dhiyeessu fi haala garagaraatin ibsa. Kaayyoon kanaa, namoonni dhimma san hubachuu fi hojii irra oolchun gammachuu fi milkaa’inna ganda lamaanii akka argataniif. Dhimmoota jajjaboo fi garmalee barbaachisan keessaa tokko kaayyoo jireenyaati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa beekaa fi ogeessa ta’e, wanta uumuu fi hojjatu hunda ogummaa fi beekumsaan waan hojjatuuf jireenya tana kaayyoo guddaaf uume. Namoonni kaayyoo kana akka hubatanii fi qajeelaniif Qur’aana keessatti irra deddeebi’uun haala garagaraatiin ibse jira. In sha Allah, itti gaafatamummaan nurra jiru wanta Qur’aana keessatti ibsame hanga dandeettin keenya hayyamuun ummataaf dhiyeessudha. Achi booda namni qajeele faaydama ofiitiif qajeela. Namni ergaa Rabbii isaa fudhachuu didee of tuule immoo ofuma miidha.

Yaadachiisaaf qormaata jechuun jabinnaa fi dadhabinna nama tokkoo, obsa qabaachu yookiin dhiisu isaa, galata galchuu yookiin dhiisu isaa ilaaluu fi ifa baasuf wanta inni jaallatu ykn jibbu isa fuundura gochuudha.

Jechi biraa jecha ibtilaa’a (qormaata) jedhutti dhiyaatu jecha “fitnaa” jedhuudha. Akka lugaatti fitnaa jechuun ibiddaan sibiila baqsuudha. Kan akka warqii oori (xurii) irraa qulqulleessuf ibiddaan baqsuu. Ni jedhama: namni sibiila hojjatu warqii fattane. Kana jechuun [qulqullinna] isaa qorachuuf ibiddaan baqse. Ergasi jechi “fitnaa” jedhamu kuni qormaata cimaa agarsiisuuf itti fayyadaman. Sibiilli yommuu ibiddaan baqfamu mallattoon irratti hafa ykn bocni isaa ni jijjirama. Haaluma wal fakkaatun namnis wanta nafseen isa jibbituun ykn fedhii isaa faallessuun yoo qorame, mallattoon ykn jijjiramni wayii irratti ni mul’ata.

Qormaata fedhii (Ibtilaa’ul iraadati)
Qormaata fedhii jechuun adeemsa addunyaa tana keessatti hojii ifaa ykn dhoksaa irraa wanta nafseen filattu ifa baasuuf fedhii namaa qoruudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa addunyaa tana keessatti qoruuf fedhii kana kenneefi jira. Namni qoramuuf wantoonni isa barbaachisan waan isaaf guuttamaniif addunyaa tana keessatti iddoo qormaataa kaa’ame. Qormaata booda qorannoo fi jazaan ni dhufa. Kana jechuun namoonni addunyaa tana keessatti erga qoramanii booda gara Aakhiratti dabarfamuun Guyyaa Qiyaamaa akkamitti qormaata akka dabarsan ni qoratamu. Ergasii jazaan isaaniif kafalama. Ta’uu baannan yoo kuni hin jiraatin, qormaanni tapha ta’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala tapha irraa qulqulluudha.

Wantoota ittiin qoramanii fi Qormaata keessatti wanta barbaadamu

Wantoonni ittiin namoonni qoraman wantoota addunya keessa jiran hojjachuun, dhiisun, argachuun nama gammachisaniidha. Akkasumas, wantoota nama gaddisisan, wanta hojjachuun ykn dhiisun namarratti ulfaatu, rakkoo nama tuqu ykn waan jaallatan dhabuu fi kkf dha. Fakkeenyaf maallaqa baay’ee argachuun wanta nama gammachiisudha. Maallaqni kuni wanta ittiin qoramaniidha. Ammas, rakkoon namatti bu’uun wanta nama gaddisisuu fi nafsee irratti ulfaatudha. Kanaafu, rakkoon wanta ittiin qoramaniidha.

Wanti nama qormaata keessa jiru irraa barbaadamu immoo wanta isa gammachiisu fi gaddisisuu keessatti Rabbiin faarsuu, wanta nafseen isaa jaallatu fi hin jaallanne keessatti akkaata Rabbiin Olta’aan barbaadun Isaaf ajajamu fi jaalala Isaa argachuuf hojjachuudha. Wantoonni nama dhukkubsanii fi ulfaatoon namatti bu’an hamma obsaa inni qabu ifatti baasu. Wantoonni nama gammachiisanii fi qananiin immoo hangam inni Rabbiin akka galateefatu ifatti baasu[1].  

Asi gadiitti keeyyattoonni Qur’aanaa dhiyaatan wantoonni namoonni ittiin qoramanii fi wanta qormaata irraa barbaadamu ifa nuuf godhu:
Suuratu Al-Kahf (18):7-8 keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun dubbata:

Dhugumatti, Nuti isaan irraa eenyutu hojii irra gaarii akka hojjatu isaan qoruuf waan dachii irra jiru isheef miidhaginna taasifne. Dhugumatti wantoota ishii (dachii) irra jiran hunda dirree duwwaa biqilaa hin qabne ni taasifna.” 

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota dachii irra jiran kanneen akka nyaataa fi dhugaati mi’aawaa, manneen, konkolaataa, biqiltoota, warqii, meetii, horii fi wantoota biroo nafseen namaa jaallattuu fi itti rarraatu hunda dachiif miidhaginna godhe. Kaayyoon kana godheef ilma namaa qoruun eenyutu hojii irra gaarii akka hojjatu ilaalu fi ifa baasufi. Ergamaan Rabbiin (SAW) akkana jedhan:

Dhugumatti addunyaan mi’ooftuu fi magariisadha. Akkamitti akka hojjattan ilaaluuf Rabbiin addunyaa tana keessatti bakka isin buusa…” Sahiih Muslim 2742

hojii irra gaarii” jechuun [qabeenya] haqaan fudhachuu, Rabbii fi Guyyaa Aakhiratti amanuun karaa haqaa keessatti baasu, hojiwwan Rabbiin namarratti dirqama godhe hojjachuu, wantoota Inni dhoowwe dhiisuu fi hojiwwan itti jajjabeefaman baay’isuudha[2].

Rabbiin subhaanahu wantoota dachii tanaaf miidhaginna taasiseen gabroota ni qora. Qoruun kunis kan ta’u wanta hojjachuu hawwan akka dhiisanii fi wanta dhiisu hawwan akka hojjatan ajajuuni. Kuni hundi hikmaa (ogummaa) Rabbii waliin kan deemudha. Ogummaan kunis akka haqa hordofanii fi soba gatan, keeyri hojjatanii fi sharrii dhiisan, wanta irra gaarii ta’e filachuun gara oliitti akka ol bahan namarraa barbaada. Namni filannoo isaatiin wanta itti ajajame ni hojjata, wanta irraa dhoowwame ni dhiisa. Kanaafu, filannoo kanaan eenyutu hojii irra gaarii akka hojjatu ifa baha.

Qormaanni kuni qorannoo fi jazaa waan barbaachisuuf Rabbiin olta’aan jireenya tanaan ala jireenya biraa qopheesse. Jireenyi lammataa tuni jireenya Aakhiraa ganda qananii fi ganda azaaba (adabbii) of keessaa qabdudha. Warra amananii fi toltuu hojjataniif ganda qananii tan taate Jannata isaan seensisa. Warra kafaranii fi badii hojjatan immoo ganda adabbii Jahanammiin isaaniif qopheesse.

Garuu namoonni kaafamuun jireenyi lammataa dhufuun dura Rabbiin haala fi sirna jireenya addunyaa tanaa ni xumura. “Dhugumatti wantoota ishii (dachii) irra jiran hunda dirree duwwaa biqilaa hin qabne ni taasifna.”  Kana jechuun Dandeetti Guddaa keenyaan gara fuunduraatti fuulli dachii dirree duwwaa biqilaa fi ijaarsa homaatu ofirraa kan hin qabne hanga ta’utti wantoota dachiif miidhaginna goone hunda badiinsa guutuu kan badu taasisna[3]. Jecha biraatiin dachii tana lafa diriiraa bu’aa bayii hin qabne, ijaarsa, gaaraa fi biqilaan homaatu irra hin jirre ni taasifna. (Ilaali suuratu Xaahaa 20:105-107)

Addunyaa tana keessatti yeroon qormaataa erga xumuramee booda Rabbiin wantoota dachii tana irra jiran ni balleessa. Qananiin, manneen ol dhedheeroo fi qabeenyi namoonni ittiin of tuulanii fi sobaman addunyaa tana irraa ni badu. Ergasii dachiin tuni dirree duwwaa homaa ofirraa hin qabne taati. Kuni haqiiqa (dhugaa) addunyaa tanaati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala akka waan ijaan arginutti nuuf ibse, addunyaan sobamuu fi gowwoomu irraa nu akeekachiise jira. Wanti dachii irratti miidhagfame qormaataaf akka ta’e nutti beeksisuun ganda Aakhirah qananiin isaa turaa ta’ee akka kajeellu itti nu kakaasa.

Namoonni keessa osoo hin ta’in gubbaa addunyaa ilaalan, faaya fi miidhaginna ishiitiin ni gowwoomu. Akka beelladaatti addunyaa hordofu. Akka beellada marga dheedutti addunyaatti fayyadaman. Haqa Rabbii isaanii hin ilaalan, Isa beekuuf xiyyeefannoo itti hin kennan. Garuu kaayyoon isaanii guddaan gara fedheen haa argamu nyaatu, dhuguu fi fedhii foonii guuttachuu malee wanta biraati miti. Namoota kanniin keessaa nama tokkotti duuti yommuu dhuftu, wanta dhiise fi badii hojjateef dhiphachuu osoo hin ta’in, qananii isaa jala darbee fi addunyaa irraa baduu waan heduuf garmalee dhiphata.   

Namni keessa addunyaa ilaale fi kaayyoo ishii fi isarraa barbaadamu beeke immoo wanta uumameef irratti wanta isa gargaaru addunyaa irraa ni fudhata. Umrii isaa kabajamaa keessatti carraa hunda saammata. Addunyaa mana taphaa osoo hin ta’in mana keessa qaxxaamuran godhata. Addunyaan adeemsa (imala) irraa kutaa tokko malee mana yeroo hundaa keessa jiraatanii miti. Rabbii isaa beekuuf, ajaja Isaa hojii irra oolchuu fi hojii miidhagsee hojjachuuf ni carraaqa. Namni kuni nama Rabbiin biratti sadarkaa qabuudha. Rabbiin qananii, kabajaa fi gammachuu guddaa isaaf kenna. Yommuu namni addunyaa tanaan gowwoome gubbaa addunyaa ilaalun ishii qofaaf hojjatu, namni sadarka guddaa Rabbiin biratti argatu kuni immoo keessa addunyaa ilaaluun Aakhirah isaatiif hojjata. Ee fagaate garaagarummaan isaan lamaan jidduu jiru![4]

Guduunfaa
➦Jireenyi tuni kan uumamteef eenyutu hojii irra gaarii ta’e akka hojjatu qoruufi ykn ifa baasufi.
➦Wantoonni dachii tana irratti miidhagfaman namootaaf qormaata.
Qormaata kana irraa wantoonni barbaadaman: gammachuu fi qananii argataniif Rabbiif galata galchuu fi Isa faarsu, yeroo rakkoo obsu, jaalala Isaa barbaadu fi Ergamaa Isaa hordofuun yeroo hundaa wanta Rabbiin olta’aan itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha. Akkasumas, dadhabinnaa fi jabeenya iimaana namaa ifa baasudha.
➦ Qormaata booda mindaan ykn adabbiin ni jira. Kunis kan adeemsifamu Guyyaa Qiyaamaati.
➦ Namni wanta itti ajajame jaalala Rabbii barbaadu fi shari’aa hordofuun hojjate fi wanta irraa dhoowwame dhiise, qormaata darbe jedhama. Kanaafu, mindaan isaa Jannata.
➦Namni ajaja Rabbii fudhachu didee, fedhii ofiiti fi addunyaa qofa hordofe immoo wanta isarraa barbaadamu waan hin hojjanneef qormaata kufe jedhama. Kanaafu, adabbitu isaaf jira. Garuu yeroon qormaata isaa dhumatuun dura tawbachuun, wanta itti ajajame hojjachuu fi wanta irraa dhoowwame dhiisun adabbii jalaa bahuu danda’a. Yeroon qormaata isaa kan dhumatu yommuu duuti isatti dhuftuudha.
➦Yommuu duuti dhufte yeroon qormaataa waan dhumatuuf addunyaa tanatti deebi’uun lamuu qoramuun hin jiru.
Ammas In sha Allah kaayyoon jireenya daran ifa akka ta’uuf kutaalee itti aanan keessatti keeyyattoota Qur’aanaa qormaatan wal qabatan ni ilaalla. Hin fagaatinaa.


[1] Ibtilaa’ul Iraadati bil Iimaani wal-Islaami wal-Ibaadati– Fuula 73-…, Abdurahman Habankah
[2] Tafsiir Qurxubii-13/208-209
[3] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur– Abdurahmaan Hasan Habankaa  13/322
[4] Tafsiir Sa’diyyi-fuula 547

Print Friendly, PDF & Email
Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Kutaa 3
Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Kutaa 1

Leave a Reply