Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Kutaa 4

Offline dubbisuf

Yommuu gara jireenyaa mil’annu wantoonni nama ajaa’ibsisanii fi gaddisisaan baay’een keessatti mul’atu. Namni jireenyi maaliif akka uumamte beeku jireenya keessatti hin dhama’u.

Jireenyi tuni maaliif akka uumamte caalatti hubachuu fi hojii irra oolchuf mee fakkeenyaan haa ilaallu.
1-Jireenya Addunyaa (Dachii tana)  akka    Daree Qormaataa
2-Namoota dachii irra jiraatan         akka     Barattoota daree keessa jiranii
3-Wantoota namoonni ittiin qoraman    akka    Gaafilee waraqaa qormaata irra jiranii

Jireenya addunyaa ykn dachii tana akka daree qormaatatti (examination room) haa ilaallu. Yommuu qormaanni gahu barattoonni dareetti walitti qabamuun waraqaan qormaataa isaaniif raabsama. Ergasii hundi isaaniitu gaafilee hojjachuu jalqabu. Gaafileen kunniin wanta isaan ittiin qoramaniidha. Jireenyi addunyaa tunis namoota fi wantoota isaan ittiin qoraman of keessaa qabdi. Kanneen akka qabeenya, rakkoo adda addaa fi kkf.

Barattoonni qormaata seenan wanti isaanirraa eeggamu: gaafilee qormaataa hanga danda’an hojjachu, korroju irraa of qusachu fi naamusa qormaata kabajuudha. Haaluma kanaan, namoonni addunyaa tana keessatti qoraman wanti isaan irraa eeggamu: obsuu, shukrii (Rabbiif galata galchuu), wantoota itti ajajaman hojjachu fi wantoota irraa dhoowwaman dhiisudha. Qormaanni dhumarratti bu’aan isaa ni beekkama. Barataan qormaata seenee wanta isarraa eeggamu yoo hin hojjatin, bu’aa gaarii argachuu danda’aa? Haaluma kanaan, namoonni addunyaa tana keessatti qoraman, wanta isaan irraa eeggamu yoo hin hojjatin mindaa gaarii Rabbiin waadaa galee argachuu danda’uu? Ammas, baratan qormaata seene seera qormaataa cabsuun yoo korrojee fi jeequmsa uume, amala badaa isaa kanaaf ni adabama. Haaluma kanaan, namni addunyaa qormaata tana keessatti wanta Rabbiin dhoowwe hojjate ykn wanta Inni itti ajaje dhiise, ni adabama.

Kanaafu, jireenyi addunyaa tuni iddoo qormaata namni itti qoramuudha. Ergasii hojii isaanii irratti hundaa’e mindaan isaaniif kennama. Akkuma barataan yeroo qormaataa cimee yoo hojjate qabxii gaarii galmeessu fi dhumarratti mindaa gaarii argatu, namni addunyaa qormaata tana keessatti cimee hojjates mindaa gaarii argata.  Kutaa darbe irraa itti fufuun wantoota namoonni ittiin qoramanii fi wanta nama qorame kanarraa barbaadamu haa ilaallu.

Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Rabbiin Kan dachii keessatti bakka buutota isin godhee fi waan isiniif kenne keessatti isin qoruuf jecha garii keessan garii irra sadarkaan ol fuudhedha. Dhugumatti, Gooftaan kee adabni Isaa saffisaadha, ammas dhugumatti Inni Araaramaa Rahmata godhaadha.” Suuratu Al-An’aam 6:165

Rabbiin Kan dachii keessatti bakka buutota isin godhee” kana jechuun dhaloota darbe bakka kan buutan isin taasise. Dhaloonni darban du’aan yommuu addunyaa tana irraa deeman, Rabbiin dhaloota itti aanu fiduun dachii tana akka ijaaran taasise, isaan qoruuf wanta ishii keessa jiru isaaniif laaffise. “garii keessan garii irra sadarkaan ol fuudhe” Qabeenyaan, suuraan, bareedinnaan, humnaan, beekumsaan, amalaan, bifaan gargara isin godhe, tokko tokko irra caalchise. Wantoota kanniinin wal caalchisuun qormaata. “Wantoota isiniif kenne keessatti isin qoruuf garii keessan garii irra sadarkaan caalchise.” Qoruu jechuun wanti mindaa fi adabbiin irratti ta’u isin irraa mul’achuudha[1]. Fkn, kan akka obsaa, galata galchuu fi Isaaf ajajamuun isin irraa mul’achu.

Namni hundi kennaa Rabbiin isaaf kenneen ni qorama. Dureessi qabeenya isaatiin ni qorama. Wanti dureessa irraa barbaadamu shukrii (galata galchuu) fi akkaata Rabbiin ajajeen qabeenya isaa baasudha. Wanti nama beekumsa qabu irraa barbaadamu, shukrii fi beekumsa isaatiin namoota fayyaduudha. Wanti hiyyeessa irraa barbaadamu obsa.

Dhugumatti, Gooftaan kee adabni Isaa saffisaadha” Nama Isa faallessee fi keeyyattoota (aayaata) Isa kijibsiisef hatamtamaan isa adabuu danda’a. Tarii Rabbiin nama badii hojjatuu fi hin amanne yeroo muraasaf dhiisu danda’a. Garuu achii yoo qabe, gadi hin furu. Wanti ni dhufa jedhame hundi dhiyoodha. Duuti fi Aakhiraan namoonni akka fagootti ilaalan dhiyootti ni dhufu.  “ammas dhugumatti Inni Araaramaa Rahmata godhaadha.” Nama Isatti amane, hojii gaarii hojjate fi hojii badaa irraa tawbateef Rabbiin ni araarama, rahmata godhaaf[2].  

Kanaafu, qabeenyaan, bifaan, miidhaginnan, beekumsaa fi kan kana fakkaataniin namoonni wal caalun qormaata. Namoonni gariin qabeenya argachuun yommuu sadarkaan isaanii xiqqoo ol ka’u, “Rabbiin na kabaje ykn na jaallate” jedhu. Yommuu qabeenya dhaban immoo Rabbiin na salphise jedhu. Haala nama kanaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti ni dubbata, deebiis itti kenna:

 “Namni yeroo Gooftaan isaa isatti arjoomuu fi isa qananiisuun isa qore, “Gooftaan kiyya na kabaje” jedha. Yeroo Inni hiree isaa itti xiqqeessuun isa qore immoo, “Gooftaan kiyya na xiqqeesse” jedha. Haa dhoorgamu! Dhugumatti isin yaatima hin kabajjan.” Suuratu Al-Fajr 89:15-17

Rabbiin as keessatti haala namaa yeroo qabeenyi isaa bal’atu fi dhiphatu dubbata. Yommuu Rabbiin isa qoruuf qabeenya isaaf bal’isuu fi isa qananiisu, namni beekumsa hin qabnee fi Aakhiratti hin amanne, “Rabbiin na kabaje jira. Osoo na kabajuu baate silaa kana hunda naaf hin kennu” jechuun yaada. Ammas, yommuu qabeenya itti dhiphisuu fi xiqqeessu, Rabbiin na xiqqeesse jechuun yaada. Rabbiin “Kallaa (haa dhoorgamu” jechuun itti deebisa. Kana jechuun yaada akkanaa irraa haa dhoorgamu. Namni Ani qananiise hundi nama Ana biratti kabajamaa ta’ee miti. Ammas, namni Ani qabeenya itti xiqqeesse hundi nama na biratti xiqqaataa ta’ee miti. Rabbiin nama jaallatu fi hin jaallanneef qabeenya ni kenna. Ammas, nama jaallatu fi hin jaallannetti qabeenya ni xiqqeessa[3]. Garuu Rabbiin biratti safartuun kabajaa qabeenya osoo hin ta’in Isa sodaachu fi Isaaf ajajamuudha.
﴾إِنَّ أَكۡرَمَكُمۡ عِندَ ٱللَّهِ أَتۡقَىٰكُمۡۚ﴿

Dhugumatti, Rabbin biratti namni hunda keessan irra kabajamaa ta’e, nama hunda keessan irra Rabbiin sodaatudha.” Suuratu Hujuraat 49:13

Imaamu al-Qurxubiin ni jedha: [Yommuu qabeenyi bal’atuuf Rabbiin na kabaje, yommuu itti dhiphisu immoo Rabbiin na xiqqeesse] jechuun amala kaafirootaa Qiyaamaatti hin amanneeti. Kaafira biratti kabajaa fi salphinni qabeenyi baay’achuu fi xiqqaachuni. Mu’minni (namni dhugaan amane) immoo kabajaan isa biratti Isaaf ajajamuu fi milkii qooda Aakhiratti isa geessuun Rabbiin isa kabajuudha. Yoo addunyaa irratti qabeenyi isaaf bal’ate Rabbiin ni faarsa, galata galchaaf[4].

Muslimoonni baay’een iimaanni isaanii dadhabaa ta’ee fi kaayyoo jireenyaa hin beeknes, yommuu qabeenyi bal’atuuf ‘Rabbiin na kabaje’, yommuu itti dhiphisu immoo ‘Rabbiin na xiqqeesse’ jechuun akka kaafiratti yaadu. Kanaafu yaada dogongoraa kana sirreessu qabu. Qabeenyi bal’achuu fi dhiphachuun wanta ittiin qoramaniidha. Nama qabeenyi bal’ateef irraa wanti barbaadamu shukrii (Rabbiif galata galchuudha). Nama qabeenyi itti dhiphate (hiyyeessa) irraa immoo wanti barbaadamu obsa.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

8:28

Qabeenyi fi ilmaan keessan fitnaa (qormaata) qofa akka ta’anii fi Rabbiin bira mindaan guddaan akka jiru beekaa.” Suuratu Al-Anfaal 8:28

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayah tana keessatti qabeenyi fi ilmaan fitnaa (qormaata) akka ta’an gabroota Isaatti beeksiisa. Qormaata kanaan wanti nafsee keessa jiru ifa baha. Yoo qabeenyaa fi ilmaan isaaniif kenne, Isaaf galata galchu moo Isarraa garagaluun qabeenyaa fi ilmaanin ko’oomuu? “Rabbiin bira mindaan guddaan akka jiru beekaa.” Qabeenyaa fi ilmaan irra mindaan, kennaa fi Jannata Isaatu  isiniif caala. Tarii isaan keessa diinni jiraachu danda’a. Qabeenyaa fi ilmaan irraa baay’een isaanii adabbii Rabbii sirraa hin deebisan. Rabbiin Mootii addunyaa fi Aakhirah waan fedhe hojjatuudha. Guyyaa Qiyaamaa mindaa bareedaatu Isa bira jira.[5]Garuu mindaa bareedaa fi guddaa san kan argatu nama har’a addunyaa qormaataa tana keessatti wanta itti ajajame hojjate fi irraa dhoowwame dhiisedha.

Kanaafu, qabeenyi fi ilmaan wantoota namni ittiin qoramuudha. Ammas Qur’aanni haala nama yeroo qabeenya dhabuu fi argatuu akkana jechuun ifa godha:

39:49

Namni yeroo rakkoon isa tuqe Nu kadhata. Ergasii yeroo Nuti qananii nu biraa ta’ee isaaf kennine, “kan inni naaf kenname beekumsa [kiyyaani]” jedha. Lakkisaa! Ishiin fitnaadha. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.” Suuratu Az-Zumar 39:49

Namni yommuu rakkoon akka hiyyummaa, dhibee, dhiphinnaa fi kan biroo isa tuqu, wanta isatti bu’e kana akka isarraa oofuuf garmalee Rabbiin kadhata. Garuu yommuu Rabbiin qananii Isa biraa ta’e isaaf kennee fi rakkoo isaa isarraa oofe, Gooftaa isaatti ni kafara. Tola Rabbiin isaaf oole ni waakkata. “Ani kana kan argadhe beekumsa kiyyaani” jedha. Qabeenya fi qananii Rabbiin isaaf kenne ‘Beekumsa, dandeetti fi ifaaje kiyyaan argadhe’ jechuun odeessa. Garuu oduu isaa kana, “Lakkisaa! Ishiin fitnaadha.” Jechuun itti deebisa. Kana jechuun qananiin siif kennine qormaata ittiin qoramtuudha. Galata ni galchita moo hin galchitu jennee ifa baasuuf siif kennine. “Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.” Kana jechuun qabeenya isaaniif kennuun qormaata akka ta’e hin beekan. [6].

Garuu namoonni beekumsa qabanii fi kaayyoo jireenya tanaa beekan qabeenyaan, aangoon, ilmaaninii fi wanta addunyaa tana keessatti nama qoraniin hin gowwooman. Akka fakkeenyatti Nabii Suleymaaniif Rabbiin beekumsa, qabeenya, aangoo fi mootummaa guddaa kenneef. Garuu Suleymaan wantoota kanniinin hin gowwoomne. Wanta Nabii Suleymaan (aleyh salaam) jedhe Qur’aanni akkana jechuun nuuf hima: “…Kuni tola Gooftaa kiyya irraa ta’eedha. Akka ani Isa galateefadhu moo hin galateefanne na qoruuf [qananii kana naaf kenne]. Namni [Rabbiin] galateefate, kan inni galateefatu lubbuma ofiitiif. Namni kafares [lubbuma ofii miidha]. Dhugumatti Gooftaan kiyya Dureessa Arjaadha.” (Suuratu Al-Naml 27:40)

Akka mootota wallaaltootaa Nabii Suleymaan (Aleyh salaam) mootummaa, aangoo fi dandeetti isaatiin hin goowwomne. Garuu inni wantoonni kunniin Gooftaa isaa irraa qormaata akka ta’an ni bare. Qananii argate kana irratti “galata ni galcha moo hin galchu” jechuun sodaate. Ergasii Rabbiin galata namaatti kan itti hin fayyadamne ta’u ifa godhe. Faaydan galata galchuu namuma galata galche irratti deebi’a. “Namni [Rabbiin] galateefate, kan inni galateefatu lubbuma ofiitiif. Namni kafares [lubbuma ofii miidha]. Dhugumatti Gooftaan kiyya Dureessa Arjaadha.” Rabbiin hojii namni hojjatu fi galata inni galchu irraa dureessa. “Arjaadha” keeyri (gaarii) baay’ee kan qabuu fi keeyri kanaan nama galata galchu fi hin galchine haguuga. Garuu shukriin (galata galchuun) qananiin amma jiruu akka itti fufuu fi qananii bade akka argataniif sababa ta’a. Qananii irratti galata galchuu dhiisun (kafaruun) immoo qananiin suni akka badu taasisa[7]. Qur’aana keessatti: “Yeroo Gooftaan keessan [akkana jechuun] labse [yaadadhu], “Yoo Na galateefattan [qananii Kiyya irraa] isiniifin dabala. Yoo Natti kafartan dhugumatti adabbiin Kiyya akkaan hamaadha.” Suuratu Ibraahim 14:7

Guduunfaa
➦ Jireenyi tuni iddoo qormaataa namoonni itti qoramaniidha.
➦ Wantoota namoonni ittiin qoraman keessaa gurguddaan qabeenyaa fi ilmaani.
➦ Rabbiin subhaanahu nama fedhetti qabeenya itti dhangalaasa, nama fedhetti immoo ni dhiphisa. Kan akkana godhuuf isaan qoruufi. Kana jechuun galata ni galchan moo hin galchan, ni obsan moo hin obsan? jedhe ifa baasufi. Ergasii, hojii isaanii irratti hundaa’e mindaa isaaniif kafala.
➦ Kanaafu, namni qabeenyaan gowwoomu hin qabu.


Kitaabban Wabii:
[1] Zaadul Masiir 482, Tafsiira Qurxubii 9/146-147
[2] Tafsiiru Sa’diyy 317 fi maddoota olii
[3] Tafsiiru Sa’diyy-1090, Tafsiir ibn Kasiir 7/563
[4] Tafsiiru Qurxubii 22/276
[5] Tafsiiru ibn Kasiir 4/186
[6] Tafsiiru Sa’diyy 854, Tafsiiru Qurxubii 18/292-293, Ibtilaa’a 108
[7] Tafsiiru Sa’diyy 709

Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Kutaa 5
Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply