Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Kutaa 6

Offline dubbisuf

Jireenyi tuni iddoo qormaata yommuu taatu, jireenyi Aakhirah immoo iddoo jazaati. Jazaan kuni mindaa fi adabbii of keessaa qaba. Namni jireenya qormaata tana keessatti wanta isarraa barbaadamu ulaagalee guutuun hojjate, Guyyaa Murtii mindaa guddaa argata. Namni wanta isarraa barbaadamu hin hojjatin ykn ulaagaalee hojiin fudhatama itti argatu hanqise mindaa guddaa dhaba.

Kutaa darbe irraa itti fufuun har’as wantoota nama qoranii fi wanta nama qoramu irraa barbaadamu ni ilaalla. Wantoota addunyaa qormaata tana keessatti namni ittiin qoramu keessaa inni guddaan sheyxaana. Sheyxaanni wanta fokkuu nama keessatti miidhagsuu fi wanta gaarii fokkisuun gara jallinnaatti nama waama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

7:27

“Yaa ilmaan Aadam! Akka abbaa fi haadha keessan qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf uffata isaanii isaan irraa mulquun Jannata keessaa isaan baasetti sheyxaanni akka isin hin qorre (hin mokkorre). Dhugumatti inni fi gosti isaa iddoo isin isaan hin argine irraa isin argu. Nuti, isaan hin amanneef sheyxaanota jaalalle goonee jirra.” Suuratu Al-A’araaf 7:27

Yaa ilmaan Aadam!… sheyxaanni akka isin hin qorre” Kana jechuun sheyxaanni sossoba isaatiin isin hin gowwoomsin, isin hin jallisin. Qaama saalaa keessan ifatti mul’isu isiniif miidhagsa[1]. Akkuma haadhaa fi abbaa keessan sossoba isaatiin Jannata keessaa baasetti, isinis sossobuun, badii isiniif miidhagsuun, itti isin waamuu fi itti kakaasun baditti isin hin darbin.

akka isin hin qorre” kana jechuun sheyxaanni sossobuu, gowwoomsu, hasaasa (waswasaa) fi hawwisisuu isaatin hanga karaa Gooftaa keessanii irraa isin jallisuun warroota ibidda keessatti adabaman keessaa isin godhu gahuutti isaaf haala hin mijeessinaa. Sheyxaanni nama sossobuun, namatti hasaasun, badii hawwisiisuu, itti kakaasu fi miidhagsuun baditti nama geessa. Namni sheyxaanaf nafsee isaa keessatti bakka kennuun wanta inni itti hasaasu, dhugaa se’ee yoo hordofe qilee badiitti isa dabarsa. Wanta fokkuu inni itti miidhagsuu fi hawwisisu akka gaariitti ilaale yoo hordofe jallinnatti isa dabarsa. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala sheyxaana irraa nama akeekachiisa.

Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaanni isin sossobuu fi gowwoomsuun akka isin harkisu, sadarka gadi aanaatti akka gadi isin buusu, qilee badii fi cubbuutti akka isin dabarsu nafsee teessan keessatti bakka isaaf hin kenninaa. Akkuma abbaa fi haadha keessan Jannata keessaa baasetti isinis karaa Jannataa irraa isin deebisuun adabbii Gooftaa keessaniitti akka isin hin geessine[2].

“Dhugumatti inni fi gosti isaa iddoo isin isaan hin argine irraa isin argu.”

Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaanni fi gosti isaa isin waliin ta’uun bakka wayii irraa isin argu. Garuu isin isaan arguu hin dandeessan. Sababni kanaa, Rabbii dandeettiin Isaa guddate, argituu ilma namaa tana daangaa tan qabdu taasise. Fakkeenyaf, ijji namaa qilleensa arguu hin dandeessu. Malaaykota ifa irraa ta’anis arguu hin dandeessu. Akkasumas, qaama jinnis arguu hin dandeessu. Ammas jarmoota, vaayrasoota, baakteriyaa fi kkf maaykiroskoppi malee arguu hin dandeessu. Kuni sirna Rabbiin uumama ilma namaa, malaykoota fi Jinni keessatti kaa’e irraayyi[3]. Kanaafu, namni sheyxaana ijaan waan hin agarreef hin jiru yoo jedhe diina isaatiif bakka kennaa jira. Fakkeenyaf, yaa’insa elektrikii (current) ijaan arguu dandeenyaa? Hin dandeenyu. Elektrikiin maddaan yoo wal qabsiifame fi namni yoo isa tuqe, isa qaba. Asitti yaa’insa elektrikii ijaan hin agarru. Garuu mallattoo isaatirraa beekna. Nama qabuun ykn ifa kennuun yaa’insi elektrikii akka jiru nutti akeeka. Haaluma kanaan sheyxaanni nama keessa naanna’uun baditti nama kakaasun sheyxaanni akka jiru nutti akeeka. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:“Akkuma dhiigni naanna’u sheyxaannis qaama ilma Aadam keessa naanna’a” (Sahih Al-Bukhaari 7171)

Nuti, isaan hin amanneef sheyxaanota jaalalle goonee jirra.”  Rabbiin maq-dhaala guddinna Isaa agarsiisutti fayyadamuun warroota Isatti, Guyyaa Qiyaamaatt, Ergamtoota Isaa fi hundee amanti hafanitti hin amanneef sheyxaanota jaalalle akka godhe beeksisa. Namoonni kunniin osoo amananii silaa sheyxaana irraa of eegu turan. Garuu kafaruun eeggumsa keessaa bahan. Sheyxaanni baditti isaan kakaasa, itti hasaasa. Akka gabrichi gooftaaf ajajamu fi masakamu, isaaniis sheyxaanaf ni ajajamu, ni masakamu. Ergasii dukkanaa fi jallinnatti isaan dabarsa.

Namni sheyxaanan ni qorama. Garuu Rabbiin subhaanahu karaa sheyxaana irraa ittiin of eegan ibse jira. Karaan sheyxaana irraa ittiin of eegan guddaan Rabbiitti, Malaykotatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi Qadaratti amanuudha. Ergasii yommuu sheyxaanni wanta badaa namatti hasaasu gara Rabbii dheessudha. Qormaata sheyxaanaa jala bahuuf kunniin lamaan wanta namarraa barbaadamaniidha. Iimaanaa fi Rabbiin irraa eeggumsa barbaadu. Mee kanniin Qur’aana irraa haa ilaallu.

16:99

Dhugumatti, inni (sheyxaanni) warroota amananii fi Gooftaa isaanii irratti hirkatan irratti aangoo hin qabu.” Suuratu An-Nahl 16:99

Kana jechuun sheyxaanni warroota dhugaan amananii fi Rabbiin irratti hirkatan, badii hin araaramamne kan akka kufrii fi shirkii akka hojjatan isaan gochuu hin danda’u. Hiikni biraa aayah tanaa: sheyxaanni badii itti isaan waamu irratti ragaa hin qabu[4]. (Sheyxaanni badii gurguddaa akka shirkiitti yommuu nama waamu ragaa wayitu hin qabu. Namoonni nama du’e ykn taabota akka gabbaran itti waama. Sammuunis ta’e odeefannoo samii irraa dhufeen ragaan wantoota kanniin gabbaruun sirrii akka ta’e agarsiisu gonkumaa hin jiru.Akkasumas, yommuu Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti akka hin amanne nama waamu, ragaa wayitu hin qabu. Namoonni amanan sheyxaanaaf hin awwaatan.)

Yommuu sheyxaanni wanta badaa akka raawwatan namatti hasaasu, Rabbii olta’aa irraa eeggumsa barbaadudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

7:200

Yoo garagalchaan (hasaasni badaan) sheyxaana irraa sitti dhufe, Rabbitti maganfadhu. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Al-A’araaf 7:200

Kana jechuun yommuu sheyxaanni wanta badaa sitti wasawasuu (hasaasu), hojii gaarii irraa duubatti si harkisuu ykn hojii badaatti si kakaasu, gara Rabbii dheessuun akka si eegu kadhadhu. Inni wanta jettu dhagahaadha. Niyyaa fi dadhabinna kee, hangam gara Isaatti akka dheessutu ni beeka. Yoo dhugaan gara Rabbii dheessun sheyxaana irraa akka si eegu kadhatte, Inni qormaataa fi waswasaa isaatirraa si eega[5].

Sheyxaana irraa tiikfamuuf akkaata Rabbiin irraa eeggumsa itti barbaadan Qur’aanaa fi hadiisa keessatti dhufe jira. Qur’aana keessatti suuratu An-naas (114) qara’uu. Yookiin (Rabbi a’uuzu bika min hamazaati shayaaxiin wa a’uuzu bika rabbi a’yahduruun) “ jechuu. Hiikni kanaa: 
Gooftaa kiyya, ani hasaasa sheyxaanotaa irraa Sittiin maganfadha.Gooftaa kiyyaa isaan natti dhufuu irraa sitti maganfadha” (ilaali Suuratu Mu’iminuun:97-98) 
Sitti maganfadha=Siin tiikfama
Yookiin a’uuzu billaahi mina sheyxaani rajiim (sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama) jechuu.

Namoonni hin amanne fi eeggumsa Rabbiin irraa hin barbaanne, qormaata sheyxaana keessatti kufu. Ergasii jallinna, dukkanaa fi adabbii guddaa keessatti taru. Kanaafi, sababni guddaan namni itti jallatuuf sheyxaana hordofuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

7:30

“[Rabbiin] garee tokko ni qajeelche, gareen biraa immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’e. Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti sheyxaanota jaalallee taasifatan. Isaan akka qajeelfamanitti yaadu.” Suuratu Al-A’araaf 7:30

“[Rabbiin] garee tokko ni qajeelche” kana jechuun yommuu isaan jireenya addunyaa keessatti karaa qajeelinnaa filatan, Gooftaa fi Tokkichummaan gabbaramu kan qabu Rabbiin qofa akka ta’e yommuu amananii fi Islaama isaanii labsan, Rabbiin qajeelinna isaaniif murteesse[6]. Qajeelinna akka argatan isaan taasise, sababoota qajeelinnatti nama geessu ni laaffiseef. Wantoota qajeelinna irraa nama dhoowwan isaan irraa deebise[7].

“gareen biraa immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’e.” kana jechuun jireenya addunyaa keessatti karaa jallinnaa ofiif waan filatanii fi iimaanaa fi Islaama Rabbiin isaan irraa barbaadu waan hin guunneef jallinni isaan irratti mirkanaa’e. Sababni kana hundatti isaan geesse sheyxaana jaalalle ykn hiriyyaa dhiyoo godhachuudha. “Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti sheyxaanota jaalallee taasifatan.” Yommuu isaan Isaaf ajajamuun Rabbitti dhiyaachu dhiisan, sheyxaanaaf ajajamuu fi hordofuun jaalallee fi hiriyyaa dhiyoo isa godhatan. Sheyxaanni fedhii lubbuu hordofuu, faaya addunyaa tanaa fi wantoota dhoowwaman isaaniif bareechise. Yaada fi hojii fokkuun isaan gowwoomse. Hanga qilee jallinnaatti taranii adeemsa isaanii keessatti faana sheyxaanaa duuka bu’an. Jallinna isaanii kana walinu “Nuti warra qajeelfaman” jechuun yaadu. Sababni isaas, dhugaan dhimmootaa fuggisoo isaanitti ta’e. Baaxila (soba) dhugaa akka ta’etti yaadan. Dhugaa immoo soba akka ta’etti yaadan[8].

Sheyxaana jaalalle fi hiriyyaa godhachuun jallinna guddaa akka jallatan nama taasisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

22:4

Isa (sheyxaana) irratti ‘Inni nama jaalalle isa godhate kamillee ni jallisa, gara ibidda boba’aatti isa qajeelcha’ jechuun barreefame jira.” Suuratu Al-Hajj 22:4

Kana jechuun namni sheyxaana hordofe, sheyxaanni haqa irraa akka isa jallisuu fi Aakhiratti gara ibidda bobaa’atti akka isa geessu murteefame jira.

Wanti asirraa hubannu, qajeelinni fadlii (tola) Rabbiin irraa ta’eedha. Jallinni immoo sababa namni sheyxaana hordofeefi. Namni fedhii ofiitiin sheyxaana yoo hordofe ni jallata. Jallinna kana irraa tawbachuun gara Rabbii yoo hin deebi’in, Rabbinis jallinna isaa keessatti isa dhiisa. Haala kanaan jecha, “Rabbiin nama fedhe ni qajeelcha, nama fedhe ni jallisa” kan jedhu ni hubanna. “Jedhi ‘Dhugumatti, Rabbiin nama fedhe ni jallisa, nama [tawbaan gara Isaatti] deebi’e immoo gara Isaatti qajeelcha.‘” (Suuratu ar-Ra’ad 13:27) Sababa isaan waan badaa hojjataniif, gara Isaatti deebi’u didanii fi sheyxaana hordofaniif Rabbiin isaan jallise.

Guduunfaa
Sheyxaanni namootaaf qormaata cimaadha. Karaan qormaata isaa kana jalaa ittiin bahan, dhugaan amanuu, Rabbiin irratti hirkachuu, hojii Isaaf qulqulleessu (iklaasa qabaachu) fi eeggumsa Rabbiin irraa barbaadudha.
Namni wantoota isarraa barbaadamu kanniin hin hojjanne, sheyxaanni isa jallisa.
Sheyxaanni nama jallisuu jechuun dhugaa soba fakkeessu, soba immoo dhugaa fakkeessuun haqa irraa akka fagaatanii fi soba hordofan taasisudha. Akkasumas, wantoota fokkuu fi dhoowwamanitti akka lixan nama taasisudha. Ergasii dhumarratti adabbii (azaaba) guddaatti geessa.
Sheyxaana hordofuu jechuun wanta badaa inni namatti hasaasu hojii irra oolchuf tattaafachu, dhugaa jibbuun soba hordofuu fi hawwii sobaa duuka bu’uudha.
Namni sheyxaanan gowwoomuun yoo baditti kufe, wanti isarraa eeggamu tawbaa fi istighfaara. Kana jechuun badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’uu fi araarama Isa kadhachuudha. Fakkeenyaaf nabii Aadam (aleyh salaam) yommuu sheyxaanni isa dogongorsu, yoosu tawbachuun Rabbiin araarama kadhate. Rabbiinis tawbaa isaa irraa qeebalun dogongora isaa ni araarameef.


Kitaabban wabii:
[1] Zaadul Masiir-fuula 490
[2] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur– Abdurahmaan Hasan Habankaa  4/159-160
[3] Madda olii
[4] Tafsiira Qurxubii-12/426
[5] Tafsiir sa’diyyi-356
[6] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur– Abdurahmaan Hasan Habankaa  4/177
[7] Tafsiir Sa’diyy- 322
[8] Maddoota olii

Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Guduunfaa
Jireenyi Maaliif Uumamtee?-Kutaa 5
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply