IKHLAASA

Offline dubbisuf

Akkuma yeroo darbe jenne namni kan uumameef jireenya tana keessatti qoramuun ibaada isarraa barbaadamu akka mirkaneessufi. Ibaada isarraa eeggamu yoo hojjate faaydan isumatti deebi’a. Yoo dhiise immoo lubbuma ofii miidha. Garuu ibaadan kuni nama fayyaduuf ulaagaalee qaba. Mee yaadachisaaf hiika ibaadaati fi ulaagaalee kanniin gabaabbinaan haa ilaallu. Akka lugaatti ibaada jechuun of gadi qabuu fi of gadi xiqqeessudha. Of gadi qabu jechuun mataa fi dugdaan gadi jechuu qofa osoo hin ta’in qalbiin of gadi qabuudha. Ibaadan dhugaan ibaada qalbiiti. Akka shari’aatti ibaada yoo ilaalle immoo bakka lamatti qoodu dandeenya. 1ffaa jecha ibaada jedhu akka jecha “ta’abbud (gabbaruutti)” yoo itti fayyadamne hiikni isaa “hojii hojjatan keessatti Rabbiin garmalee jaallachuu fi ol guddisuun Isaaf of gadi xiqqeessuu fi of gadi qabuudha.” Asirraa ka’uun, namni wanta tokko garmalee yoo jaallate, ol guddisee fi wanta saniif yoo of gadi qabee fi of xiqqeesse, wanta san gabbaraa jira jechuudha.

2ffaa- jecha ibaada jedhu akka maqaatti yoo itti fayyadamne, hojii ittiin gabbaran (al-muta’abbad bihi) ta’a. Hojiiwwan kunniin wanta Rabbiin jaallatu fi itti gammadu hunda of keessaa qaba. Kanneen akka salaata, zakaa, sooma, hajjii, haadha abbaa tola oolu, waan gaaritti ajaju, waan badaa irraa dhoowwu, zikrii fi kkf. Hiikni ibaada lamaan kunniin yommuu walitti dhufan akka ruuhi fi qaamaa ta’u. Qaamni akka hojiiwwan ibaada armaan oliitti tarreessineeti. Ruuhin immoo jaalala, ol guddisuu fi of gadi qabuu guutuudha. Fakkeenyaf, namni yommuu salaatu qalbii isaatiin yoo Rabbiin jaalala guutuu jaallate, ol guddisee fi Isaaf of gadi xiqqeesse, ibaada dhugaa hojjataa jiraa jechuudha. Asitti sochiin salaataa kanneen akka dhaabbatu, ruku’a bu’uu fi sujuuduu qaama ibaadati. Qalbiin Rabbiin jaallachuun, Ol guddisuun (ta’aziim) fi Isaaf gadi of xiqqeessuun ruuhi (lubbuu) ibaadati. Jecha biraatin, Rabbiin wanta hunda caalaa jaallachu, Ol-guddisuu fi Isaaf of gadi qabuu dhuka yookiin hundee ibaada jechuuni dandeenya.

Ulaagaaleen hojiin ibaada fudhatama itti argatan immoo sadii akka ta’an ilaalle turre. 1ffaa-iimaana, 2ffaa-ikhlaasa, 3ffaa- shari’aa hordofu. Ulaagaan 1ffaan amanti qalbii keessa jiruun kan wal qabatuu fi bu’uura hojiin kamuu irratti ijaarramudha. Hayyoonni Islaama ulaagaa kana aqiidah jechuun moggaasu. Ulaagaan 2ffaan immoo ikhlaasa amma ilaalludha. Hayyoonni Islaamaa ulaagaa kana tawhiid al-uluuhiyyah ykn tawhiidul ibaadah jechuun moggaasu. Ulaagaan sadaffaan akkaataa hojiin ibaada itti hojjatamuun wal qabata. Ammas hayyoonni akkaataa hojiin ibaada itti hojjatamu, “Fiqh” jechuun moggaasu. Qur’aana fi hadiisa irratti hundaa’un haala kanaan addaan qoodun amantiin akka hin diigamnee fi hin micciramne eega. Akkasumas, haala salphaan namoonni akka hubatan gargaara. Kitaabban baay’een kanniin sadan irratti barraa’anii jiru. Ulaagaan 1ffaa fi 2ffaan wal keessa waan seenaniif yeroo baay’ee kitaabban barraa’an mata duree iimaana, aqiidaa ykn tawhiida jedhu qabaniidha. Garaagarummaan iimaanaa fi tawhiida jidduu jiru: iimaanni hundeewwan jahan dhugoomsu fi mirkaneessu of keessaa qaba. Tawhiidni immoo sifaata, hojii Isaa fi ibaada keessatti Rabbiin tokkichoomsudha.

Namni iimaana fi tawhiida qulqulluu qalbii keessaa yoo qabaate hojiin isaa isa fayyada. Ta’uu baannan tokko qabaatani kan biraa dhabuun ykn lamaanu dhabuun homaa nama hin fayyadu. Fakkeenyaf namni kaafira ta’ee hojii gaggaarii baay’ee hojjachuu danda’a. Bu’uura hojii kan ta’e iimaana waan hin qabneef hojii gaggaariin kuni homaa isa hin fayyadu. Ammas namni iimaana qalbii keessaa qabaatee garuu yoo hojii isaa keessatti ikhlaasa hin qabaatin, hojii isaa suni jalaa bada. Ammas namni iimaana fi ikhlaasa qabaatee garuu hojii san akkaataa shari’aan ajajuun yoo hin hojjatin, hojiin isaa suni isa hin fayyadu. Kanaafu, hojiin tokko Rabbi olta’aa biratti fudhatama argachuuf iimaana bu’uura kan godhate, ikhlaasan kan hojjatamee fi akkaata shari’aan ajajuun kan raawwatame ta’uu qaba.
Sammubani.com irratti waa’ee iimaana fi hundeewwan isaa jahan ilaalle turre. Kanaafu, ulaagaa kana irra hin deebinu. Amma ulaagaa lamaffaa hojiin ibaada fudhatama ittiin argatu ilaalla. In sha Allaah ulaagaa sadaffaa gara fuunduraatti fiqh jalatti ni ilaalla.

Hiika ikhlaasa
Jechi Iklaasa (إخلاص) jedhu, jecha “Akhlasa(أَخْلَصَ)” jedhu irraa kan fudhatameedha. Akhlasa jechuun qulqulleesse jechuudha. “Akhlasa shey’an” yommuu jedhu “wanta tokko makaa irraa qulqullesse, dhinbiibe” jechuu isaati. Akhlasa lillahi diinahu-Amanti isaa Rabbiif qulqulleesse yommuu jedhu, “Shirkii, na argaa fi na dhagahaa dhiise”[1] jechuu isaati. Kanaafu, Ikhlaasa jechuun Rabbitti dhiyaachuf qofa hojii gaggaarii hojjachuu fi Isatti wanta biraa qindeessu dhiisudha. Fakkeenyaf namni yommuu du’aayi godhu Rabbiin waliin waan biraa kadhachuu yoo dhiisee fi niyyaa isaa na argaa fi na dhagaha irraa yoo qulqulleesse, inni ikhlaasa qabaa jechuudha. Ammas, yommuu salaatu, sadaqaa kennu, soomu, hajjii hajju fi hojii gaggaarii biroo hojjatu, Rabbiif qofa jedhee yoo hojjatee fi hojiiwwan isaa kana keessatti na argaa, na dhagahaa, na jajaa,beekkamti, maallaqaa fi faayda addunyaa biroo yoo hin barbaadin, inni ikhlaasa qabaa jedhuudha. Gabaabumatti, ikhlaasa jechuun Rabbiif hojii qulqulleessudha (Khaalisan lillah). Kana jechuun hojicha qulqulluu gochuu fi Rabbii olta’aa waliin shariika (hirmaataa) gochuu dhiisudha. Sababni isaas, akka lugaatti Khaalis jechuun wanta qulqulluu ta’ee fi makaa isa balleessu of keessaa kan hin qabneedha.
Hiika kana jechi Rabbii olta’aan ifa godha:
وَإِنَّ لَكُمۡ فِي ٱلۡأَنۡعَٰمِ لَعِبۡرَةٗۖ نُّسۡقِيكُم مِّمَّا فِي بُطُونِهِۦ مِنۢ بَيۡنِ فَرۡثٖ وَدَمٖ لَّبَنًا خَالِصٗا سَآئِغٗا لِّلشَّٰرِبِينَ٦٦
Dhugumatti beellada keessas barnootatu isiniif jira. Waan garaa isaanii keessa jiru irraa cumaa fi dhiiga jidduu aannan qulqulluu dhugdotaaf gadi liqimfamaa ta’ee isin obaafna.” Suuratu An-Nahl 16:66
Jechi, “aannan qulqulluu (labanan khaalisan)” jedhu aannan qulqulluu akka ta’e kan ibsuudha. Namni yommuu sa’a ykn gaala elmu aannan qulqulluu makaa akka dhiigaa, fincaanii fi xurii biroo hin qabne elma. Aannan makaa kanniin irraa qulqulluu waan ta’eef aannaan qulqulluu (Khaalis) jedhame. Haaluma kanaan hojiin gaariin tokko qulqulluu (khaalis) kan jedhamu makaa akka shirkii, na argaa (ar-riyaa), na dhagahaa, na jajaa fi kkf irraa yoo qulqullaa’edha. Namni makaa kanniin irraa hojii isaa yoo qulqulleesse ikhlaasa qabaa jechuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hojii akka Isaaf qulqulleessan ajaja. Sababni isaas, hojii Isaaf qulqulleessuun (ikhlaasni) hundee amantiitii fi bu’aa baay’ee kan qabuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
وَمَآ أُمِرُوٓاْ إِلَّا لِيَعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ حُنَفَآءَ وَيُقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَيُؤۡتُواْ ٱلزَّكَوٰةَۚ وَذَٰلِكَ دِينُ ٱلۡقَيِّمَةِ٥
Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessu, salaata sirreessanii salaatu fi zakaa kennuu malee homaa hin ajajamne. Kuni amanti qajeeladha.” Suuratu Al-Bayyinah 98:5
أَلَا لِلَّهِ ٱلدِّينُ ٱلۡخَالِصُۚ
Dhagayaa! Amantiin qulqulluun Rabbi qofaafi.” Suuratu az-Zumar 39:3

Amanti jechuun ajajamuu fi masakamuudha. Amantiin Rabbiif yommuu jedhamu Guddinna Rabbitiif gadi of qabuu fi of xiqqeessuun Isaaf ajajamuu fi masakamuudha. Jecha “Dhagayaa” jedhu yommuu labsii cimaa labsanii fi namoonni xiyyeefannoo cimaa akka itti kennaniif itti fayyadaman. Hiikni Aayah kana ta’a: yaa namoota xiyyeeffannoo itti kennaa, amantiin makaa irraa qulqulluu ta’ee Rabbii Tokkichaaf malee eenyufillee hin ta’u. Wanti shirkii of keessaa qabu gonkumaa Isa bira hin gahu[2] (Isa biratti fudhatama hin argatu).
Amanti qulqulluu jechuun amanti Rabbitti dhiyaachuf malee wanta biraatti dhiyaachuf hin yaaddamneedha. Niyya gabricha keessa Rabbiin ala wanti biraa yoo seene, namni kuni ikhlaasa keessaa baha. Sababni isaas, hojiin isaa qulqulluu hin taane. Kanaafi, shirkiin wanta biraa Rabbiin waliin wal qixxeessudha. Namni Rabbitti waa qindeesse (mushrikni) ikhlaasa keessaa bahee jira. Sababni isaas, haqa Rabbiif malee eenyufillee hin mallee wanta biraatiif kennuun wanta Rabbiin ala jiran Rabbiin wal qixxeesse jira. Kuni immoo faallaa ikhlaasati.

Kanaafu, ikhlaasa akkana jennees hiiku dandeenya: Ikhlaasa jechuun amanti qulqulluu Rabbiin malee wanti biraa ittiin hin barbaadamnedha. (Jecha biraatin, Ikhlaasa-jechuun hojii ibaada hojjatan keessatti Rabbiin malee wanta biraa kan itti hin barbaannedha.)

Ammas, faallaa isaatiin ikhlaasa hiiku dandeenya: Ikhlaasa jechuun shirkii kan of keessaa hin qabneedha. (Shirkii jechuun Rabbitti waa qindeessudha. Fakkeenyaf namni akkuma Rabbiin kadhatu, sodaatu, kajeelu, wanta biraas yoo kadhate, sodaate fi kajeele, shirkii hojjate jedhama.) shirkiin gosa lamatu jira. Tokkoffaa kan Islaama keessaa nama baasu shirkii guddaa yommuu jedhamu lamaffaan immoo shirkii xiqqaa amanti keessaa nama hin baasnedha. Shirkiin guddaan wanta biraa Rabbi olta’aan wal-qixxeessudha. (Fakkeenyaaf, Akkuma Rabbiin rooba samii buusu ebalus rooba ni buusa jedhani amanuu fi nama san kadhachu. Sifaata (amaloota) fi hojii Rabbii kan uumamtootin wal fakkeessu.) Shirkiin xiqqaan immoo hojii san kan nama jalaa balleessudha. Fakkeenyaf, kan akka na argaa (riyaa). Ikhlaasni shirkii kanniin lamaan irraayyu qulqulluu kan ta’eedha.

Kanaafu, ikhlaasni roga (rukni) lama qaba. 1ffaa-Isbaat (raggaasisuu ykn mirkaneessu), 2ffaa-Nafiyy (dhabamsiisu). Namni tokko yoo raggaasisee fi dhabamsiisee malee mukhlisa (nama ikhlaasa qabu) ta’uu hin danda’u. Kunniin lamaan rukni tawhiidaati. Raggaasisuu jechuun ibaada hunda Rabbiif qofa gochuudha. Dhabamsiisu jechuun immoo wantoota Rabbiin ala jiraniif ibaada (gabbarrii) homaatu gochuu dhiisudha. Jechi Laa ilaah illa Allah (Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiru) jedhu kana ifa godha. (Laa ilaah-dhugaan gabbaramaan hin jiru)-kuni wanta Rabbiin ala jiran hundarraa ibaadaa dhabamsiisudha (nafiyy). (Illa Allah-Rabbiin malee) Rabbi tokkichaaf ibaada raggaasisudha (isbaat).

Namni dhabamsiisee (nafiyy) godhee yoo hin raggaasisin, inni warra tawhiidaa keessaa hin ta’u. namni Laa ilaah jedhee jechuma tana irratti dhaabbate eetisti ta’a. (eetisti jechuun nama Gooftaan wantoota kanniin uume hin jiru, wantoonni ofumaan argaman jechuun lallabuudha.) Ammas namni raggaasisee garuu hin dhabamsisin warra Rabbiin Tokkichomsan keessaa hin ta’u. Namni “Rabbiin Gooftaa gabbaramu akka ta’e nan amana, garuu wantoota Isaan ala jiran irraa gabbarrii (ibaada) hin dhabamsiisu” yoo jedhe, namni kuni nama Rabbiin Tokkichoomsu hin ta’u. Kana irra, mushrika ta’a[3].

Guduunfaa
➦ Ibaada jechuun akkaataa shari’aan Rabbii itti dhufeen hojiiwwan Inni itti ajajee hojjachuu fi hojiwwan Inni dhoowwe dhiisun Jaalalaa fi ol guddisuun Rabbiif of gadi xiqqeessudha. Namni dhugaan Rabbiin gabbaru nama Isaaf gadi of xiqqeessu, Isa jaallatuu fi Ol-guddisuu (garmalee kabajuu)dha.
➦ Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Ol-Guddisuun (ta’aziim), garmalee jaallachuun, Isaaf of gadi qabuu fi of xiqqeessun dhuka yookiin hundee ibaadati.
➦Hojiin ibaada hojii gaggaarii kamiyyuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aala jaallatudha. Hojiin ibaadaa Rabbiin biratti fudhatama argachuu fi namni hojii kanaan badhaafamuuf, ulaagaalee sadii guutuu qaba. 1ffaa- iimaanni qalbii isaa keessa jiraachu. Kana jechuun Rabbitti amanu, Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatt, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi Qadaratti amanuudha. 2ffaa- Yommuu hojii hojjatan ikhlaasa qabaachu. 3ffaa- Akkaataa shari’aan ajajeen hojicha hojjachuu. Namni kanniin sadan guutuun hojii gaarii yoo hojjate hojiin isaa hojii fudhatamu argatu ta’a. Hojii isaatiif mindaa guddaa argata
➦ Ikhlaasa jechuun Jaalala Rabbii barbaadun hojii gaarii tokko hojjachuudha. Jecha biraatin ikhlaasa jechuun hojii gaarii shirkii guddaa fi xiqqaa irraa qulqulleessudha.
➦ Namni hojii ibaadaa hojjatu keessatti niyyaa ofii Rabbiitti dhiyaachu qofaaf yoo qulqulleesse inni mukhlis (nama ikhlaasa qabu) jedhama. Namni kuni hojii ibaada hojjatu keessatti na argaa (riyaa), na dhagahaa, na jajaa, maallaqa, dubartii fi kkf hin barbaadu. Kaayyoon isaa jaalala Rabbii argachuu fi Aakhiratti mindaa guddaan milkaa’ufi.
➦ Akkuma aannan yommuu gur’uu keessaa bahu makaa akka dhiigaa fi wanta xuraawa irraa waan qulqullaa’ef aannan qulqulluu (labanun khaalis) jedhamu hojiin gaariinis makaa akka shirkii, na argaa, na dhagayaa, na jajaa fi kkf irraa yoo qulqullaa’e hojii qulqullu (Khaalis) jedhama. kanaafu, namni Guyyaa Murtii mindaa Guddaan milkaa’uf hojii isaa akka aannanii makaa irraa qulqulluu gochuuf tattaafachu qaba.
➦ Kanaafi, namoonni hojii isaanii makaa irraa qulqulleessan Aakhiratti dhugaatin isaanii aannan qulqulluu, damma qulqulluu, bishaan qulqulluu fi farshoo adii nama hin macheessine qulqulluu ta’aaf. Al jazaa’u min jiinsil amali (Mindaan gosa hojiitin). Namni hojii isaa qulqulleesse mindaa guddaa fi qulqulluu ta’e argata.

Kitaabban wabii
[1] https://www.almaany.com
[2] Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur– Abdurahmaan Hasan Habankaa 12/152
[3] Sharih Usuulul Sitatti- Abdurazzaaq bin AbdulMuhsin al-Badri fuula 21-24

Tawhiida
Ilmi Namaa Maaliif Uumamee?
Offline dubbisuf

Leave a Reply