Tawhiida

Offline dubbisuf

Bismillah rahmaani rahiim (Maqaa Rabbii rahmaan, rahiim ta’een jalqaba)
Wanti guddaan ilmi namaa jireenya tana keessatti dheebotuf gammachuu fi milkaa’inna. “Yoomuma gammachuu, tasgabbii qalbii fi milkaa’inna argadhee jireenya gaarii jiraadhaa?” jechuun yaaddawu. Furtuun kana hunda itti argatu “Tawhiida”. Tawhiinni bu’uura amantii fi jireenyaati. Jireenyi tawhiida irratti yoo gadi hin dhaabbatin akka muka hiddi isaa lafa keessa gadi hin seenne taati. Garuu tawhiida irratti yoo ijaarramte, akka muka hiddi isaa lafa keessa gadi seenee tasgabbiin dhaabbatu taati. Kanaafi, namni yoo tawhiinni qalbii isaa keessa gadi seenee fi shirkii qalbii isaa keessaa baase, jireenya keessatti tasgabbii fi gadi dhaabbannaa horata. Jireenyi isaa bu’uura cimaa irratti waan ijaarramteef tasgabbii fi ijjannoon isaa namoota hunda caala. Namni sadarkaa kana gahee mi’aa tasgabbii fi milkaa’inna dhandhamuuf waa’ee tawhiida, faallaa isaa kan ta’ee shirkii beekuu fi wanta beeke hojiitti jijjiruuf tattaafachu qaba. In sha Allah gargaarsa Mawlaatin ammaan booda waa’ee tawhiida, gosoota ibaadaa, faayda tawhiida, shirkii fi kan biroo bal’innaan ilaalla.

Hiika Tawhiida
Jechi “Tawhiid” jedhu xumura, wahhada, yuwahhidu jedhu irraa kan dhufeedha. Wahhada jechuun tokkichoomse, tokkicha godhe jechuudha. Akka shari’aatti tawhiida jechuun “Rabbiin motummaa fi hojiiwwan Isaa keessatti Tokkicha shariika hin qabne, Zaata fi sifaata (amaloota) Isaa keessatti Tokkicha fakkaataa hin qabne, Isa gabbaruu keessatti Tokkicha dorgomaa hin qabne ta’uu amanuudha.[1]” Jecha biraatin tawhiida jechuun Rabbiin gooftaa Tokkichummaan gabbaramu shariika kan hin qabne ta’uu amanuu, fakkaataa fi dorgomaa Isarraa dhabamsiisuu (Inni fakkaataa fi dorgomaa akka hin qabne amanuu) fi ibaadaa keessatti gara Isaa qofa naanna’uudha. Zaata fi sifaata Isaa keessatti Inni Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Gabaabumatti Tawhiida jechuun Rabbiin Gooftummaa Isaa keessatti tokkichoomsu, zaataa fi sifaataa Isaa keessatti Tokkichoomsu fi Isa gabbaruu keessatti Isa Tokkichoomsudha. Kanniin hunda keessatti shariika (hirmaataa), fakkaataa fi dorgomaa akka hin qabne amanuudha.

Boqonnaalee Qur’aanaa keessaa boqonnaan (suuraan) waa’ee tawhiida sirritti nuuf ibsitu suuratu Ikhlaasidha.

112:1

JedhiInni Allaah dha, Tokkicha
Hiika jechootaa: Qul-jedhi, huwa-Inni, Allahu- Allaah (Rabbi), ahad- Tokkicha  

112:2

Allaahussamad- Rabbii Of danda’aa hirkoo waa hundaati.

112:3

Lam yalid walam yuuladHin dhalle hin dhalannes.

112:4

Walam yakun lahu kufuwan ahad- Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.
Hiika jechootaa
walam yakunhin jiru, lahu- Isaaf, kufuwan-qixxaataa (fakkaataa), ahad-tokkollee

Tafsiira

“JedhiInni Allaah dha, Tokkicha” kana jechuun Inni Tokkicha hiriyyaa, fakkaataa, dorgomaa, gargaaraa fi qixxaata hin qabneedha[2].  “Tokkicha” kana jechuun Zaata fi sifaata Isaatiin Tokkicha. Hanga baay’atanii lama ykn sadii ta’anitti Isaan kan wal-qixxaatu gonkumaa hin jiru. Wantoonni uumaman karaa adda addaatin wal fakkaachun lama, sadii ykn sanii ol ta’uu danda’u. Ilmaan namaa amaloota baay’ee wal fakkeessu waan qabaniif sanyii tokko irraa kan bahanii fi wal fakkaataniidha. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa karaa hundaan Tokkicha fakkaata hin qabneedha. Tarii Tokkichummaan Isa qofaaf akka ta’uuf, Rabbiin wantoota uumee cimdii taasise.

Boqonnaa tana keessatti Rabbiin Tokkicha akka ta’e ibsuun jallinnaa fi dogongora warra gooftaan lama ykn sadii ykn sani ol jedhan ifa baasa. Rabbiin Tokkicha akka ta’ee fi lama akka hin taane suurah biraa keessatti akkana jedha:

16:51

Rabbiinis, ‘gabbaramoota lama hin godhatinaa. Dhugumatti, Inni Gooftaa tokko qofa. Anuma qofa sodaadhaa.’jedhe.” (Suurah An-Nahl 16:51)

Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Isa waliin waan biraa gabbaruun gooftaa lama hin godhatinaa. Inni Gooftaa Tokko qofa. Kanaafu, Isa sodaadhaa. Kana jechuun osoo Isatti homaa hin shaarrakin (hin qindeessin) wanta Inni ajaje hojjadhaa, wanta Inni dhoowwe irraa fagaadhaa.

Ammas dogongoraa fi jallinna warra Gooftaan sadii jedhan akkana jechuun ibsa:

“Isaannan ‘Rabbiin sadaffaa sadeeniti’ jedhan dhugumatti kafaranii jiru. Gabbaramaa Tokkicha malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiru. Yoo waan jedhan kanarraa hin dhoorgamin, dhugumatti isaan irraa warra kafaran adabbii laalessaatu tuqa.” Suuratu al-Maa’ida 5:73

Kuni Kiristaanota Rabbiin sadaffaa sadeeniti ykn sillaasee jedhaniif deebii kennameedha. Ab, wald, manfas qudduus gooftaa ta’u jechuun yaada dogongoraa fi fokkuu Rabbii Tokkicha fakkaata hin qabne irratti odeessu. Rabbiin Tokkicha fakkaata hin qabneedha. Akkamitti fakkaataan Isaan wal-qixxaatu Isaaf ta’aa? Dhugumatti isaan gooftaan sadii walitti dhufuun gooftaa tokko ta’e ykn sillaase jedhan haqaan kafaranii jiru. Kana jechuun Rabbitti dhugaan hin amanne. Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabne ta’ee osoo jiru akkamitti fakkaataa Isaaf gochuun sadii jedhuu? Akkamitti Uumaan uumamtootaan wal fakkaataa?

Gabbaramaa Tokkicha malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiru.” Gooftaan haqaan gabbaramu Rabbii Tokkicha malee kan biraa hin jiru. Sababni isaas, amalootaa guutuu kan qabu fi hanqinna hunda irraa qulqulluu kan ta’e Rabbiin malee hin jiru. Kan wantoota hunda dhabama irraa argamsisee, ergasii too’atu fi jiraachisu Rabbiin malee hin jiru. Kiristanoonni Iyyasuusin gooftaadha jedhanii yommuu waaqefatan, dogongoraa fi jallinna guddaa keessa jiru. Sababni isaas, Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) amaloota guutuu gooftaa isa godhu hin qabu. Akkasumas, hanqinna irraa qulqulluu kan ta’ee miti. Yommuu Kiristaanonni Iyyasuusin waamanii fi kadhatan, inni wanta isaan jedhan hin dhagahu, deebii isaaniif hin deebisu. Rakkoo isaan irraa hin oofu. Iyyasuus kan dhalate, kan rafu, kan dhuguu fi amaloota namaa biroo kan qabuudha. Kanaafu, akkamitti Rabbii Guddaa wanta isaan jedhanii fi keessa jiran hunda beeku fi dhagahu dhiisanii Iyyasuusi isaan hin dhageenyi fi hin beekne kadhatu?   

“Yoo waan jedhan kanarraa hin dhoorgamin, dhugumatti isaan irraa warra kafaran adabbii laalessaatu tuqa.” Kiristaanonni Rabbiin sadaffaa sadeeniti ykn sillaase jechuu yoo hin dhiisin Aakhiratti adabbii garmalee cimaa ta’etu isaan qunnama. Haala kanaan Rabbiin Tokkicha fakkaataa, dorgomaa, qixxaataa akka hin qabne ifa godha.

AllaahussamadRabbii Of danda’aa hirkoo waa hundaati.

Akka lugaatti jechi “As-Samad” jedhu hiika baay’ee qaba. Hayyoonni hiika armaan gadi itti kennanii jiru:
Ibn Abbaas ni jedha: As-Samad jechuun haajaa fi gaafiwwan isaaniitiif kan uumamtoonni hundi itti qajeelanii fi irratti hirkataniidha.” Ammas ni jedha, “Bulchaa bulchiinsaa Isaa keessatti guutuu ta’e, Kabajamaa kabaja Isaa keessatti guutuu ta’e, Guddaa guddinnaa Isaa keessatti guutuu ta’e, obsaa obsa Isaa keessatti guutuu ta’e, Beekaa beekumsa Isaa keessatti guutuu ta’e, Ogeessa ogummaa Isaa keessatti guutuu ta’eedha.”

Abu Waa’il ni jedha: As-Samad jechuun bulchaa aangoon Isaa daangaa ol’aanaa irra gahee [fi Isaa ol bulchaan biraa kan hin jirreedha].
Ammas hiika as-samad ilaalchise akkana jedhame jira: Of danda’aa homattu hin hajamneedha. Guutuu hanqinna wayiitu hin qabneedha. Yeroo hunda turaa gonkumaa hin banneedha.
Ammas akkana jedhame jira, As-Samad jechuun homtu Isa keessaa kan hin baane, kan hin nyaanne fi hin dhugneedha[3].

Hiika As-Samad armaan olitti kenname irraa ka’uun Rabbiin gonkumaa wanta biraatiif abbaa ta’uu hin danda’u. Akkasumas, wanta biraa irraa dhalatu hin danda’u. Wanti dhalatu kan isa dhalu isa barbaachisa. Garuu Rabbiin of danda’aa homattu hin hajamneedha. Uumamtoonni haajaa hundaaf gara Isaatti kan qajeelaniidha. Wanti wanta biraa dhalu garaa qaba. Garaa kana keessaa wanti suni baha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa As-Samad waan ta’eef homtu Isa keessaa hin bahu. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Hin dhalle hin dhalannes.”
Wanti dhalatu tokkollee hin jiru kan du’u yoo ta’e malee. Wanta du’u tokkollee hin jiru kan dhaalamu yoo ta’e malee. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hin du’u, hin dhaalamu[4].

Tokkichi As-Samad ta’ee fi amalootaa guutuu hunda kan qabu, kan Isaan wal dorgomu, Isa fakkaatu fi wal-qixxaatu gonkumaa hin jiru. Niiti Isaan wal qixxooftu hin qabu, dorgomaan Isaan morkatu hin jiru. Rabbiin fakkaataa, dorgomaa fi morkataa qabaachu irraa qulqulla’ee. Kanaaf ni jedha: “Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.”

Keeyyanni, “Hin dhalle hin dhalannes.” jettu, Kiristaanota, Yahuudota fi mushrikoota Rabbiin ilma qaba ykn gooftaan dhalate jedhaniif deebii gahaa taati. Rabbiin wanta namoonni kunniin jedhan irraa qulqulluudha. Inni hin dhalle, hin dhalannes. Ilmoo hin qabu. Sababni isaas, Inni Tokkicha fakkaataa hin qabnee fi Of Danda’eedha. Ilmi yoo dhalate abbaa fakkaata. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa fakkaata hin qabu. Kanaafu, Rabbiin ilma qaba jedhanii dubbachuun Inni fakkaataa qaba jedhanii dubbachuudha. Kuni immoo kijiba (baaxila) guddaadha. Rabbiin kanarraa qulqullaa’e olta’e.

Sababni suuraan tuni itti buuteef mushrikoonni Makkaa gara Nabiyyi dhufuun sanyii Gooftaa keeti nutti himi waan jedhaniif. Sifaanni (amaloonni) lamaan gaafi isaan gaafataniif deebii gahaa ta’u. Isaaniis:

1ffaa– Tokkichummaa Khaaliqa jalqabaa fi xumura hin qabnee, yeroo hundaa jiraataati. Tokkichummaa Isaa keessatti shariika, hiriyyaa fi qixxaataa hin qabu. Tokkicha kan ta’e sanyii qabaachu hin danda’u.
2ffaa- Khaaliqni jalqabaa fi xumura hin qabnee, yeroo hundaa jiraataa ta’e As-Samad ta’uudha. Zaatni Isaa hundee tokko irraa kan bahee miti. Akkasumas, zaatni biraa zaata Isaatirraa hin bahu.
Rabbiin Tokkicha, Of Danda’aa hin dhalle hin dhalanne, fakkaataa kan hin qabneedha.

As-Samad kan hin jijjiramne yeroo hundaa turaa kan ta’eedha. Wanti Rabbiin ala jiran hundi ni jijjiramu. Takkaa gara sadarkaa oliitti ol bahu, takkaa immoo gara sadarkaa gadiitti gadi bu’u.  Wantoonni hundi haala kam keessattu fiixe guutuu dhaqqabu hin danda’an. Sababni isaas, amaloonni guutuu ta’an hundi amaloota Rabbii Tokkicha, Of danda’aa yeroo hunda turaa ta’e qofaafi[5].

Guduunfaa
➦ Tawhiida jechuun Rabbiin Gooftummaa Isaa keessatti tokkichoomsu, zaataa fi sifaataa Isaa keessatti Tokkichoomsu, Isa gabbaruu keessatti Isa Tokkichoomsuu fi Isatti waa fakkeessu fi qindeessu dhiisudha.
➦ Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Zaatni Isaa zaata biraatin wal hin fakkaatu. Amaloonni Isaa amaloota biraatiin wal hin fakkaatan, hojiwwan Isaa hojiiwwan uumamtootiin wal hin fakkaatan. Namni wanta tokko yommuu hojjatu meeshaa fayyadama, itti dadhaba. Garuu Rabbiin qulqullaa’an olta’e wanta tokko hojjachuu yoo fedhe akka namaa meeshaa hin fayyadamu, itti hin dadhabu. Wanta tokkoon “Ta’i” yoo jedheen wanti suni yoosu ta’a. Kanaafu, Inni Tokkicha fakkaataa hin qabneedha.
➦ Namoonni beekumsa, dandeetti fi ogummaa ni qabu. Garuu beekumsi, dandeetti fi ogummaan isaanii murtaa’aa fi daangeefamaadha. Garuu Rabbiin qulqullaa’an olta’e beekumsi, dandeetti fi Ogummaan Isaa guutuudha. Wanti Isarraa dhokatu fi jalaa miliqu tokkollee hin jiru. Inni wantoota hundaa takka takkaan Kan beeku fi wantoota hundaa irratti Danda’aa kan ta’eedha. Kanaafu, Inni Tokkicha fakkaataa hin qabneedha.
➦ Rabbiin As-Samad kan ta’eedha. Kana jechuun Inni Of Danda’aa uumamtoonni hundi irratti hirkataniidha. Beekanis wallaalanis, jaallatanis jibbanis uumamtoonni hundi Isarratti hirkatu. Fakkeenyaaf, osoo Inni rooba samii buusu baate eenyutu isaaniif buusaa? Osoo uumamtoonni dachii irra jiran hundi walitti qabamanii copha bishaanii takka dumeessa irraa buusu hin danda’an.
➦ Kanaafu, amaloota guutuu hunda kan qabu, kan nama fayyadu fi miidhu, miidhaa namarraa deebisu erga Rabbiin ta’e, ibaadaan (gabbarriin) hundii ta’uufi kan qabu Isa qofaafi.
➦ Wanta amaloota guutuu hin qabne, faayda namaaf hin finnee fi miidhaa namarraa hin deebisne gabbaruun (waaqefachuun) bu’aan isaa maaliidhaa?


Kitaabban wabii:
[1] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 20, Abu Bakr Muhammad Zakariya
[2] Tafsiir Ibn Kasiir 7/697
[3] Tafsiir ibn Kasiir 7/699, Tafsiiru Qurxubii 22/558-559, Tafsiiru Zaadul Masiir, fuula 1602, Ma’aariju Tafakkuri fii daqaa’iqu tadabburi 2/82
[4] Tafsiiru Qurxubii 22/558-560
[5] Ma’aariju Tafakkuri fii daqaa’iqu tadabburi 2/82-84

Gosoota Tawhiida-Kutaa 1
IKHLAASA
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply