Faaydaalee Tawhiida-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Dirqamni jalqabaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa irratti dirqama godhe tawhiidan Isa beeku fi tokkichoomsudha.Wanti guddaan namoota irraa barbaadamu Rabbitti amanuu fi Isa tokkichomsudha. Sababa kanaaf kitaabban ni buufaman, ergamtoonni ni ergaman, namoonni warra gammachu qabanii fi warra gammachuu dhaban (dararaman) ta’uun bakka lamatti qoodaman. Namni tawhiida isarraa barbaadamu galmaan gahee warra gammachuu argatan keessaa ta’a. Namni tawhiida galmaan gahuu didee immoo warra dararaman keessaa ta’aa. Kanaafu, dhimmi tawhiida dhimma garmalee barbaachisaa fi guddaa ta’eedha. Faaydan isaa lakkaawwame hin dhumu. Mee muraasa isaa haa ilaallu.

1ffaa- Tawhiidni hojiin Rabbiin biratti fudhatamuuf sharxiidha

Jiruu tana keessatti namoonni baay’een hojii gaggaarii ni hojjatu. Hojiiwwan gaggaariin kunniin Rabbiin biratti fudhatama argatee namni mindaa argachuuf ulaagaaleen guuttamuu qaban ni jiru. Ulaagaaleen kunniinis: iimaana, ikhlaasaa fi akkaata shari’aan ajajeen hojjachudha. Hundee iimaanaa keessaa tokko Rabbitti amanuudha. Ikhlaasni immoo hojii Rabbiif qulqulleessudha. Tawhiinni kanniin lamaan of keessatti qaba. Tawhiida jechuun “Rabbiin motummaa fi hojiiwwan Isaa keessatti Tokkicha shariika hin qabne, Zaata fi sifaata (amaloota) Isaa keessatti Tokkicha fakkaataa hin qabne, Isa gabbaruu keessatti Tokkicha dorgomaa hin qabne ta’uu amanuu fi mirkaneessudha.”

Hojiiwwani fi dubbiwwan keessaa fi alaa fudhatamuuf, guuttamuufi mindaa irratti argachuuf tawhiida irratti hundaa’u. Hojiin kamuu tawhiida malee fudhatama hin argatu, tawhiida malee hin guuttamu, tawhiida malee mindaa irratti hin argatan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

3:85

“Namni Islaaman alatti amantii biraa barbaade isarraa hin qeebalamu (hin fudhatamu). Aakhirattis inni warra hoonga’an irraayi.” Suuraa Aali-imraan 3:85

Sheykh Abdurahmaan bin Hasan (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) ni jedha: “Hundeen Islaamaa tawhiidaa fi ibaada keessatti shirkii dhabamsiisudha. Islaamni waamicha ergamtoota hundaati. Islaamni tawhidaan Rabbiif harka kennuu fi arraba Ergamtoota Isaatiin wanta isaan itti ajaje keessatti ajajamuun Isaaf masakamuudha. Akkuma Rabbiin Ergamaa jalqaba erge irraa odeessun akkana jedhe:

71:3

Rabbiin gabbaraa, Isa sodaadhaa, anaafis ajajamaa” Suuratu Nuuh 71:3″ [1]

Nabii Nuuh ummata isaa Rabbiin qofa akka gabbaran, Isa sodaatanii fi isaaf ajajaman ajajaa ture. Namni hojii isaa tawhiida irratti ijaare, hojiin suni addunyaa tanaa fi Aakhiraatti isa fayyada. Namni hundeen isaa tawhiida hin taane immoo homaa isa hin fayyadu. Wanti guddaan tawhiida faallessu shirkiidha. Namni Rabbiin waliin waan biraa gabbare, Rabbiin waan hin tokkichoomsineef (tawhiida waan hin qabneef) hojiin isaa guutuun jalaa bada. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

39:65

“Dhugumatti gara keetii fi gara warra siin duraa turanitti “Yoo Rabbiin wajjiin waan biraa gabbarte dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an (kasaaran) irraas taata.” Jechuun wahyiin (ergaan) buufameera.” Suuratu Az-Zumar 39:65

Shirkiin hojii hojjatan hundaa nama jalaa balleessa. Warra kasaaranii adabbiif of saaxilan keessaa akka ta’an nama taasisa. Tawhiinni immoo hojiin gaariin hundi akka namarraa qeebalamu sababa ta’a.
Warri Tawhiida (warri Rabbiin tokkichomsan) akkana jechuun Rabbiin akka kadhatan Qur’aanni nuuf hima:

Gooftaa kiyya! Qananii kee kan Ati ana, haadha fi abbaa kiyya irratti oolte akka galateefadhuu fi dalagaa gaarii Ati jaallattu akka hojjadhu na dandeesisi. Sanyii (hortee) kiyyas gaarii taasisi. Ani gara kee tawbaan deebi’eera. Ani Muslimoota irraayyi.” Suuratu Al-Ahqaaf 46:15

Rabbiif galata galchuun, hojii gaarii Inni jaallatu hojjachuu fi gara Isaatti deebi’uun (tawbaan) hojiiwwan ibaada tawhiida irratti hundaa’u qabaniidha. Namni armaan oli kuni hojii isaa tawhiida irratti akka hundeesse labsuuf “Ani Muslimoota irraayi” jedhe. Muslima jechuun nama Rabbiin tokkichoomsu, Isaaf harka kennee fi ajajamudha. Hojii namoota akkanaa Rabbiin akka isaan irraa qeebalu (ol fuudhu) keeyyata itti aanu keessatti akkana jechuun ni dubbata:

46:16

“Isaan suni warra irra gaarii waan hojjatanii isaan irraa qeeballuu fi hamtuu isaanii dhiifama goonufi. [Gara fuunduraattis] warra Jannataa keessaa ta’u. [Kuni] waadaa dhugaa kan isaaniif galamaa tureedha.” Suuratu Al-Ahqaaf 46:16

Warri aayah armaan olii keessatti Rabbiif galata galchan, gara Isaatti deebi’an, Isa tokkichoomsanii fi Isaaf ajajaman warra hojii gaggaarii isaanii isaan irraa qeeballu fi hojii badduu immoo isaaniif irra dabarruudha. Isaan Aakhiratti warra Jannata seenan keessaa ta’u. Kuni waadaa dhugaa Rabbiin isaaniif waadaa galeedha. Inni gonkumaa waadaa hin diigu.

Kanaafu, tawhiinni hojii gaggaariin akka namarraa qeebalamu taasisa. Tawhiidan ala hojiin namarraa hin qeebalamu. Hojiin tawhiida irratti hin hundoofne akka awwaara (daaraa) bittinnaa’a ta’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

25:23

Hojii irraa gara wanta isaan hojjataniitti qajeelle. Dhukkee faca’aas isa taasifne.” Suuratu Al-Furqaan 25:23

Hojii warroota kafaranii fi tawhiida hin qabnee akka dhukkee faca’aa goone. Awwaarri (dhukkeen) yommuu bunnisu walitti qabuun ni ulfaata. Haaluma kanaan hojiin kaafirootaas walitti qabamuun isaan hin fayyadu. Iimaanaa fi tawhiida irratti waan hin hundoofneef jalaa bittinaa’a. Guyyaa murtii hojii gaarii hojjataniif mindaa homaatu hin argatan. Sababni isaas, iimaanaa fi tawhiida hin qaban. Kanaafu, tawhiinni fudhatama (qeebalamuu) hojiitiif sharxiidha (ulaagaadha). 

2ffaa- Tawhiinni sababa guddaa badiin ittiin Namarraa Haaqamuudha

Akkuma aayah Suuratu Al-Ahqaaf 16 armaan olii keessatti ilaalle, warri tawhiida qaban hojiin isaanii isaan irraa qeebalama, badiin isaanii isaaniif irra darbama. Kuni firii tawhiidaati. Aayah biraa keessatti ni jedha:

29:7

Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, badii isaanii isaan irraa haaqna. Dhugumatti gaarii waan isaan dalagaa turanii isaan mindeessina.” Suuratu Al-Ankabuut 29:7

Rabbiin warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan badii isaan irraa haaqa. Kana jechuun badiin suni hanga akka hin hojjatamne ta’utti isaan irraa haxaawa. Akkasumas, hojii gaarii isaan hojjataniin isaan mindeessa. Kana jechuun Isaaf ajajamuun hojii gaarii hojjataniif mindaa guddaa kennaaf.

3ffaa- Tawhiinni uumamtootaaf gabra ta’uu irraa, isaanitti rarra’u, isaan sodaachuu, kajeelu fi isaaniif hojjachuu irraa nama bilisoomsa

Gabrummaan dhugaa gabrummaa qalbiiti. Bilisummaan dhugaa bilisummaa qalbiiti.” Namni tarii qaaman bilisa ta’uu danda’a. Garuu wanta tokko garmalee yoo jaallate fi ol-guddise, wanta saniif qalbiin isaa gabra taati. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“‏ تَعِسَ عَبْدُ الدِّينَارِ وَالدِّرْهَمِ وَالْقَطِيفَةِ وَالْخَمِيصَةِ، إِنْ أُعْطِيَ رَضِيَ، وَإِنْ لَمْ يُعْطَ لَمْ يَرْضَ ‏”‏‏”

Gabrichi diinaaraa, dirhamaa, Qaxiifaa fi Khamiisaa haa badu. Yoo isaaf kenname ni gammada, yoo isaaf hin kennamiin hin gammadu, [ni dallana].Sahiih Al-Bukhaari 6435

 Diinaarri saantima warqii irraa hojjatameedha. Dirhamni immoo saantima meeta irraa hojjatameedha. Qaxiifaa fi Khamiisa gosa uffataa babbareedoo ta’aniidha. Namni akkamitti wantoota kanaaf gabra ta’a. Rasuulli akkana jechuun ibsan: Yoo isaaf kenname ni gammada, yoo isaaf hin kennamiin hin gammadu (ni dallana).

Sheykhul Islaam ibn Taymiyaan ni jedha: Haaluma kanaan namni aangoo, dubartii fi wantoota birootti rarra’u, haalli isaa kanuma ta’a. Wanta nafseen isaa dharraatu yoo argate ni gammada. Yoo dhabe immoo ni dallana, garmalee aara. Wantoota kanniin keessaa wanta hawwuuf gabricha ta’a. gabrummaan dhugaa gabrummaa qalbiiti. Wanti tokko qalbii yoo gabroonfate, qalbiin wanta saniif gabra taati. Walaleessaan akkana jedhe:
Wanta ani dharra’uuf ajajamee gabra na taasisee
Osoo wanta qabutti quufee silaa bilisoomaa ta’ee

Akkuma jedhamu wanta tokko garmalee dharra’uun wanta saniif gabra nama taasisa. Wanta san irraa garaa murachuun immoo akka quufan ykn of danda’an nama taasisa. Namni rizkii (soorata) ni barbaada. Garuu eenyurraa barbaadu qabaa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha, hiikni isaa: “Rabbuma bira rizqii barbaadaa, Isas gabbaraa, Isaaf galata galchaa.” (Suuratu Al-Ankabuut 29:17) Ammas ni jedha: “Rabbiin tola Isaa irraa kadhaa” suuratu An-Nisaa 4:32

Ibn Taymiyaan itti fufuun ni jedha: “ Akkuma gabrichi haajaa isaa akka isaaf guutuu fi wanta isa miidhu akka isarraa deebisuuf Rabbiin abdatuu fi tolaa fi rahmata Isaa kajeelun, Rabbiin gabbaruun akkasuma isaaf dabala. Ammas, Rabbiin ala wantoota jiran irraa ni bilisooma. Akkuma uumamtoota kajeelun makhluuqa (uumama) saniif gabra ta’u, isa irraa garaa kutuun of danda’aa akka ta’u isa taasisa. Akkana jedhama: “Nama feete irraa of danda’aa ta’i, dorgomaa isaa taatati. Nama feete irratti tola ooli hoogganaa (amiira) isaa taatati. Nama feetetti hajami hidhamaa isaa taatati.”

Haaluma kanaan namni gara Rabbii isaa dharra’uu fi kajeelu Isaaf gabra ta’a.[2]” Namni Rabbiin irraa yoo garagalee fi Isa kadhatuu fi kajeeluu dhiise, wanta biraatiif gabra ta’a. Ibn Taymiyaan itti fufuun ni jedha: Namni kamiyyuu uumamtoonni akka isa gargaaran ykn soorata isaaf kennan ykn akka isa qajeelchaniif uumamtootatti qalbii isaa rarraase, qalbiin isaa isaaniif gadi of qabdi. Hamma inni wantoota kana isaan irraa barbaadun, isaaniif gabra ta’uun isa keessatti uumama. osoo gubbaadha hogganaa fi bulchaa isaanii ta’eyyu [qalbiin isaa isaaniif gabra taati].  

Namni qaruutin gubbaa osoo hin ta’in keessa dhimmootaa ilaala.

Nama qaamni isaa gabroofamee fi hidhamee garuu qalbiin isaa kanarraa nagaha fi tasgabbooftu yoo taate, qaamni isaa hidhamuun homaa isatti hin fakkaatu. Garuu mootii qaamaa kan ta’e qalbiin isaa Rabbiin ala wanta biraatiif yoo gabroofame, kuni salphinna, hidhama qofaa fi gabrummaa xiqqeenyaati. Qalbiin waan gabroofamteef. Mindaa fi adabbiin qalbiin gabra ta’uu fi hidhamuu irratti hundaa’a. Muslimni haqa malee osoo kaafirri isa hidhee wanta isarratti dirqama ta’ee yoo bakkaan gahee, kaafirri isa hidhuun kuni homaa isa hin miidhu…

Nama qalbiin isaa gabroofamtee, inni Rabbiin ala wanta biraatiif gabra ta’ee jira, kanaafu kuni isa miidha. Osoo gubbaa mootii namootaa ta’eeyyu.

Bilisummaan bilisummaa qalbiiti. Gabrummaan gabrummaa qalbiiti. Akkuma durummaan durummaa nafsee ta’e. Nabiyyiin (SAW) ni jedhan:
“‏ لَيْسَ الْغِنَى عَنْ كَثْرَةِ الْعَرَضِ، وَلَكِنَّ الْغِنَى غِنَى النَّفْسِ 
Durummaan qabeenyi baay’achuuni miti. Garuu durummaan durummaa nafseeti.
” Sahih al-Bukhari 6446 (durummaa nafsee jechuun- namni wanta argatetti gammaduu fi quufu, haafayu dhiisu, Rabbiif galata galchuu fi qalbiin isaa tasgabbaa’udha.)

Rabbiin kakadhe kuni suuraan halaala ta’e yoo qalbii isaa gabroofateedha. Garuu qalbii isaa suuraan haraamaa-kan akka dubartii yoo isa gabroonfate, dhugumatti kuni azaaba (adabbii) cimaa adabbiin biraa isaan wal hin ginneedha. Warroonni kuni namoota biroo caalaa azaaba guddaa dhandhamu, mindaa xiqqaa argatu. Namni dubartii takka garmalee jaallate, yoo qalbiin isaa ishitti rarraate haftee fi ishiif gabra taate, sharrii fi badiin baay’een isarratti wal gahu. Gooftaa gabrootaa malee eenyullee sharrii kana hin lakkaa’u. Osoo badii guddaa hojjachuu irraa nagaha ta’eyyuu, qalbiin isaa ishitti rarra’uun garmalee isa miidha…

Sababni guddaan balaa kana namatti fidu, qalbiin Rabbiin irraa garagaluudha. Dhugumatti, qalbiin mi’a Rabbiin gabbaruu fi Isaaf hojii qulqulleessu (ikhlaasa) yoo dhandhamte, wanti kana caalaa ishii biratti mi’aawaa fi gaarii ta’e gonkumaa hin jiru[3].  

Kanaafu, tawhiinni uumamtootaaf gabra ta’uu irraa nama bilisoomsa. Rabbii tokkichaaf gabra ta’uun wantoota lakkoofsa hin qabneef gabra ta’uu irraa nagaha nama baasa. Ibn Al-Qayyim ni jedha:
Gabrummaa uumamaniif irraa ni dheessan
Gabrummaa sheyxaanaa fi nafseetiin ni qoraman

Kana jechuun namoonni gabroottan Rabbiiti. Garuu yommuu Rabbiin waliin waan biraa gabbaran, sheyxaanaaf, nafsee fi fedhii qullaaf gabra ta’an. Namni Rabbiin gabbaruuf uumame. Garuu Isa gabbaruu dhiisee sheyxaanaaf gabra ta’a.

Ibn Useymiin (rahimahullahu) ni jedha: shakkii hin qabu, Rabbiin azza wa jalla gabbaruun bilisummaa guutuudha. Namni Rabbiif gabra ta’e, nama Rabbiif gabra hin taane caalaa kan bilisoomedha.” Ergamaan Rabbii (SAW) Abdullah ibn Abbaasin kana akka mirkaneessu akkana jechuun itti qajeelche jira: “Yoo kadhatte, Rabbiin kadhu.” (Jaami’a at-Tirmizi 2706) gabaase

Ibn Rajab ni jedha: “Uumamtoota Isaa dhiisanii Rabbiin kadhachuun hiika addaa akka qabu beeki. Sababni isaas, waa kadhachuu keessa kadhataan gadi of xiqqeessu, of salphisıı, waa hajamu fi hiyyummaa isaa agarsiisutu jira. Gadi of xiqqeessu fi garmalee itti hajamuun Rabbiif qofa malee eenyufillee hin ta’u. (Kana jechuun Rabbiif malee eenyufillee gadi of xiqqeessuu fi haajaa irra barbaadun hin ta’u). Sababni isaas, kunniin haqiiqaa ibaadati. Imaamu Ahmad akkana jechuun du’aayi gochaa ture: “Yaa Rabbii! Akkuma fuula kiyya wanta biraatiif sujuuda bu’uu irraa eegde, Siin ala wanta biraa kadhachuu irraayis na eegi.” [4]

Guduunfaa
✈Tawhiinni Rabbiitti amanuu fi hojii gaggaarii Isa qofaaf gochuu of keessaa qaba. Jecha biraatiin, tawhiida jechuun “Rabbiin motummaa fi hojiiwwan Isaa keessatti Tokkicha shariika hin qabne, Zaata fi sifaata (amaloota) Isaa keessatti Tokkicha fakkaataa hin qabne, Isa gabbaruu keessatti Tokkicha dorgomaa hin qabne ta’uu amanuu fi mirkaneessudha.”
✈ Namni qalbii isaatiin kan waan hundaa uumuu, qananiisu, too’atu fi amaloota guutuun kan ibsamu Rabbiin qofa ta’uu yoo beekee fi amane, jaalalaa guutuu fi of gadi qabuu guutuun Rabbiif ajajamu qaba. Wantoota biraa Isa waliin gabbaruu hin qabu. Yoo Rabbiin qofa gabbaree fi wantoota Isaan ala jiran gabbaruu irraa fagaate, tawhiida qabate jiraa jechuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Amantii keessatti dirqisiisuun hin jiru. Qajeelinni jallinna irraa ifa ta’ee jira. Namni xaaghuutatti kafaree Rabbitti amanee dhugumatti haada jabaa addaan hin cinne qabatee jira. Rabbiin Dhagahaa Beekaadha.” Suuratu Al-Baqara 2:256
Xaaghuuta jechuun Rabbiin ala wanta gabbaramuu, haala daangaa darbeen hordofanii fi ajaja isaatti bulaniidha. Sheyxaanni xaaghuuta. Moottonni abbaa irree xaaghuuta. Namni xaaghuuta kanniitti kafaree Rabbitti amanee haada cimaa isaa fi Gooftaa isaa wal-qabsiisu qabatee jira. Haanni kuni jecha tawhiida “Laa ilaah illallah” jettuudha. Namni haada kana yoo qabate hojiin isaa gara Rabbii ol baha. Namni haada kana hin qabanne immoo wal-qabsiistu isaa fi Gooftaa wal qabsiisu waan kuteef hojiin isaa gara Rabbii ol hin bahu.
✈ Kanaafu, namni tawhiida qabate faaydaa armaan gadii argata:
☛Hojiin isaa hundi Rabbiin biratti fudhatama argata.
☛Badiin isaa isarraa haxaawama.
☛Uumamtootaaf gabra ta’uu fi isaanitti rarra’uu irraa ni bilisooma.


Kitaabban wabii:
[1] Fadaa’ilu Tawhiid– fuula 29,
[2] Ubudiyyah-Ibn Taymiyyah, fuula 64-…
[3] Madda olii fuula 72-74
[4] Fadaa’ilu Tawhiidi- fuula 35-36

Faaydaalee Tawhiida-Kutaa 2
Gosoota Tawhiida-Kutaa 2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply