Faaydaalee Tawhiida-Kutaa 2

Offline dubbisuf

4ffaa- Ganda lamaanitti tasgabbii fi qajeelfama argachuu
Sababni guddaan namni jireenya keessatti tasgabbii dhabuuf, wantoonni wal faallessanii fi wal diigan qalbii isaa keessatti yommuu uumamaniidha. Uumamni qulqulluun namni irratti uumame tawhiida (Rabbiin tokkichoomsu)dha. Wanti tawhiida faallessu qalbii keessa yoo seene, namni tasgabbii dhaba. Faallaan tawhiida inni guddaan shirkiidha. Namni shirkii yommuu dalaguu (Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu) keessa isaatti tasgabbii fi gadi dhaabbannaa hin qabu. Garuu yommuu shirkii qalbii isaa keessaa baasee Rabbiin qofa gabbaru, tasgabbii argata. Dhugaa kana Qur’aanni akkana jechuun ifa baasa:

6:82

Isaannan amananii, iimaana isaanii zulmiin walitti hin makin isaaniif tasgabbiitu jira. Isaanis qajeelfamoodha.” (Suuraa Al-An’aam, Ayah 82)

Zulmiin (miidhaan) guddaan shirkiidha. Qalbiin yoo shirkiin xuroofte, hanga badii kana irraa qulqullooftutti tasgabbii fi qajeelfama argachuu hin dandeessu. Garuu faallaa kanaa, namni shirkii irraa qulqullaa’un yoo tawhiida qabate, jireenya keessatti tasgabbii argata. Wanta badaa fi gaarii addaan baafachuun kan isa fayyadu ni hojjata, kan isa miidhu immoo ni dhiisa. Haala kanaan namoota qajeelfaman keessaa ta’a. Hundemaa, qajeelfamu jechuun haqa beekanii hordofuu fi soba beekanii irraa fagaachudha.

5ffaa- Rabbiin irraa eeggumsaa fi gargaarsa argachu
Namni jireenyi tana keessatti rakkoolee fi qormaata adda addaatin kan marfameedha. Yeroo hundaa rakkoo keessaa bahuuf gargaarsa isa barbaachisa. Akkasumas, wanta badaa irraa eeggamuuf eeggumsa isa barbaachisa. Gargaarsi fi eeggumsi kuni kan addaan hin cinne ta’uu qaba. Dhugumatti, gargaarsa fi eeggumsa addaan hin cinnee namaaf gochuu kan danda’u Rabbii Tokkicha. Sababni isaas, Inni waan hundaa irratti danda’aa fi yeroo hunda Jiraataadha. Eeggumsaa fi gargaarsa Rabbii olta’aa waan hundaa irratti Danda’aa ta’e irraa argachuuf tawhiinni ni barbaachisa. Rabbiin namoota amananii fi Isa tokkichoomsan akka gargaaru akkana jechuun waadaa gale:

Rabbiin waliyyi warra amananiiti. Dukkana baay’ee keessaa gara ifaatti isaan baasa.” Suuratu Al-Baqarah 2:257

Asitti waliyyin kan gargaaru, eegu fi qajeelchudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala warroota amanan ni gargaara, ni eega, ni qajeelcha. Dukkana kufrii, badii fi shirkii keessaa gara ifa iimaanaa, beekumsaa fi qajeelinaatti baasa. Dhugumatti kuni eeggumsaa fi gargaarsa guddaadha. Namni dukkana keessaa ifatti yoo bahe rakkooleen hangana hin jedhamne irraa deemu.

Ammas Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti, Rabbiin isaan amanan irraa ni ittisa. Dhugumatti nama akkaan gantuu, kafaraa ta’e Rabbiin hin jaallatu.” Suuratu Al-Hajj 22:38

Kuni beeksisa, gammachisaa fi waadaa Rabbiin irraa warra amananiif ta’eedha. Rabbiin wanta jibbamaa fi sharrii hunda isaan irraa ittisa. Sababa iimaana isaaniitiin sharrii kufrii, sharrii waswasaa sheyxaanaa, sharrii nafsee isaanii fi badii hojii isaanii isaan irraa ittisa. Yommuu wanti jibbamaan isaanitti bu’u, ulfaatinna isaa isaaniif salphisa. Namni amane kamu hamma iimaana isaa irratti hundaa’e ittisaa fi eeggumsa kana ni argata. Namni iimaanni isaa xiqqaa ta’e, akkasuma ittisaa fi eeggumsi inni argatu xiqqaadha. Namni iimaanni isaa cimaa ta’e immoo ittisa fi eeggumsi inni argatu akkasuma guddaadha.

Seenaa keessatti Rabbiin subhaanahau wa ta’aalaa waadaa kana namoota amananiif guutee jira. Mee kanniin keessaa tokko haa ilaallu. Suuratu Al-Kahf yommuu qaraanuu seenaa dargaggoota godatti dheessanii ni arganna. Sababa iimaanaa fi tawhiida isaaniitiin eggumsaa fi ittisni haala ajaa’ibaatin isaaniif godhame.

(9)-Sila [seenaa] warra holqaa fi gabatee mallattoolee Keenya irraa dinqisiisaa ta’uu yaaddee? (10)-Yeroo dargaggoonni gara holqaa galanii “Yaa Gooftaa keenya! Si biraa rahmata nuuf kenni, dhimma keenya irraas karaa qajeelaa nuuf mijeessi.”jedhan, [waan ta’ee yaadadhu].(11) Holqa keessatti waggoota lakkaa’amaniif gurra isaanii irratti [hirriba] darbine. (12)-Ergasii Nuti, gareewwan lamaan keessaa kamtu dheerinna yeroo isaan turanii caalatti akka lakkaa’u beekuf (ifatti baasuf) isaan dammaqsine.”

Holqa jechuun goda bal’aa gaara keessa jiruudha. Gabatee jechuun immoo saleedaa maqaa fi seenaan isaanii irratti barreefameedha. Dargaggoonni kunnii ummataa fi mootii zaalimaa jalaa dheessun yommuu gara godaa seenan, “yaa Rabbii rahmata ittiin gadi nu dhaabdu, sharrii irraa ittiin nu eegdu fi keeyra ittiin nu qunnamsiistu nuuf kenni. Sababa gara qajeellinnaatti nu geessu hunda nuuf laaffisi; dhimma amantii fi addunyaa keenyaa nuuf fooyyessi.” Jechuun Rabbii isaanii kadhatan. Fitnaa irraa dheessu fi dhimma isaanii akka laaffisuuf Rabbiin kadhachuu walitti qindeessan. Mataa ofiitii fi uumamtoota irratti hin hirkanne. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’alaaa du’aayi isaanii ni qeebale. Wanta isaan gonkumaa hin yaanne isaaniif godhe. Ni jedhe, “Holqa keessatti waggoota lakkaa’amaniif gurra isaanii irratti [hirriba] darbine.” Kana jechuun wagga dhibba sadii fi sagaliif (309)f ni raffisne. Hirribni asitti dubbatame jeequmsaa fi sodaa irraa isaan eega. Akkasumas, ummata isaanii irraa isaan eegun mallattoo ta’uu.  

(13)-Nuti oduu isaanii dhugaan siif odeessina. Dhugumatti isaan dargaggoota Gooftaa isaaniitti amananii fi Nutis qajeelfama isaaniif daballeedha. (14)-Ammas, yeroo isaan dhaabbatanii “Gooftaan keenya Gooftaa samii fi dachiiti. Nuti isa malee gabbaramaa biraa hin waammannu. Yoo kana raawwanne, dhugumatti haasa’a daangaa darbe dubbannee jirra.” jedhan, qalbii isaanii ni jabeessine. (15)- “Ummanni keenya kuni Isaa (Rabbii) gadiitti gabbaramoota biraa taasifatanii jiru. Maaliif ragaa ifa ta’e isaan irratti hin finnee? Nama Rabbiin irratti soba uume caalaa namni miidhaa hojjate eenyuu?” (16) [Dargaggoonni waliin ni jedhan], “Yeroo isaanii fi wantoota isaan Rabbiin alatti gabbaran irraa fagaattan, gara holqaa galaa. Gooftaan keessan rahmata Isaa irraa isiniif ni bal’isa; dhimmi keessan irraas laafinna isiniif ni qopheessa.”

Amma haqaan waa’ee dargaggoota kanaa siif ibsina. Dargaggoonni kuni ummata isaanii irraa adda bahuun Rabbi Tokkicha shariika hin qabnetti amanan. Rabbiinis iimaana isaaniitiif isaan galateefachuun qajeelfama isaaniif ni dabale. Kana jechuun jalqaba irraa ka’ee sababa isaan gara iimaanaa qajeelaniif Rabbiinis qajeelfama isaaniif dabale. Qajeelfama jechuun beekumsa nama fayyadu qabaachu fi hojii gaggaarii hojjachuudha. Akkuma Rabbiin jedhe, “Rabbiin warroota qajeelan qajeelfama ni dabalaaf.” (suuratu Mariyam 76).

Ummanni dargaggoota kanaa Rabbiin ala taabotaa fi sanama gabbaraa turan. Dargagoonni kunniin gabbarriin (ibaadan) Rabbiif malee eenyufillee gonkumaa hin ta’u jedhan. Sababni isaas, “Gooftaan keenya taabotaa fi sanama osoo hin ta’in Gooftaa samii fi dachii uumedha. Gooftaan keenya Rabbiin erga ta’e Isaan ala wanta nu hin fayyannee fi hin miine gonkuma hin kadhannu, hin gabbarru. Yoo Rabbiin ala wanta biraa gabbarre (waaqefanne), karaa qajeelaa fi haqaa irraa garmalee dabnee jirra.” Dargaggoonni kunniin tawhiida ar-rubuubiyyah fi tawhiida al-uluuhiyyah mirkaneessuu walitti qindeessan. Namni tawhiida ar-rubuubiyyah mirkaneesse tawhiida al-uluuhiyyah mirkaneessun isarratti dirqama. Kana jechuun Kan wanta hundaa uumee Rabbiin qofa ta’u erga beekee fi mirkaneesse, Isa qofa gabbaru qaba. Dargaggoonni kunniin yommuu tawhiidaaf dhaabbatan Rabbiin akka obsa qabaatanii fi gadi dhaabbatan isaan taasise. Qalbii isaanii ni tasgabbeesse. Kuni tola Rabbiin isaaniif ooledha. Haaluma kanaan, namni tawhiida qabatee fi namoota tawhiidatti waamu, obsa, gadi dhaabbanaa fi tasgabbii argata.

Uummanni isaanii Rabbiin dhiisanii yommuu taabotaa fi sanama gabbaran, isaanirratti jibbuu fi dallanuun, “Maaliif ragaa ifa ta’e isaan irratti hin finnee” jedhan. Kana jechuun wanta gabbaran kana irratti maaliif ragaa hin finnee? Dhugumatti wanti gabbaran soba waan ta’eef ragaa wayitu fidu hin danda’an. Kanaafi itti aanse ni jedha, “Nama Rabbiin irratti soba uume caalaa namni miidhaa hojjate eenyuu?” Nama Rabbii isa uumee fi qananiisu dhiisee wanta isa hin fayyannee fi hin miine gabbaru (waaqefatu) caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Nama Rabbiin dhiise Iyyasuusin (aleyh salaam) waaqefatu caalaa namni zaalimni (miidha raawwatu) jiraa? Nama Gooftaa samii fi ardii uume dhiisee nama du’ee fi taabota kadhatu caalaa namni miidhaa raawwatu jiraa? Dhugumatti namoonni kunniin namoota zulmii (miidhaa) guddaa hojjataniidha. “Inna shirka lazulmun aziim” (Dhugumatti shirkiin zulmii (miidhaa) guddaadha.) Rabbiin ala wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) zulmii (miidhaa) hundarra caaludha. Namni Rabbiin ala wanta biraa osoo gabbaru yoo du’e Inni gonkumaa isaaf hin araaramu, manni isaa ibidda. (ilaali suuratu An-Nisaa 4:48,116, al-maa’ida 5:72). Qur’aanni itti fufuun waa’ee dargaggoota nuuf hima:

(17)- [Ati osoo achi jiraatte], aduun yeroo baatu goda isaanii irraa gara mirgaatti tan dabdu taate argita. Yeroo dhiitus, isaan [walakkaa holqaa keessa] iddoo bal’aa osoo ciisanuu, gara bitaatti isaan dhiifti. Kuni mallattoolee Rabbii irraayyi. Nama Rabbiin qajeelche, inni qajeelfamaadha. Nama Inni jallise immoo gargaaraa isa qajeelchu isaaf hin argitu. (18)-Isaan rafanii osoo jiranu kan dammaqan isaan seeta. Mirgaa fi bitaatti isaan garagaggalchina. Sareen isaaniis dhundhumaa isaa lamaan moggaa [holqaatti] diriirsa. Odoo isaan argitee, silaa baqannaan isaan irraa garagalta; isaan irraas sodaan guuttamtaa turte.” Suuratu Al-Kahf 18:9-18

 ” Isaan rafanii osoo jiranu kan dammaqan isaan seeta.” kana jechuun osoo isaan rafanii jiranuu osoo ilaalte, waan hin rafne sitti fakkaata. Mufasiroonni akka jedhanitti “Ijji isaanii tan banamteedha.” Yeroo dheeraaf waan rafaniif akka hin bannee fi ballaa hin taaneef Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ija isaanii banaa taasise. Namni isaan ilaalu waan rafan isatti hin fakkaatu. ” Mirgaa fi bitaatti isaan garagaggalchina. ” Kunis qaama isaanii eegufi. Sababni isaas, dachiin uumama ishiitin wanta ishiitti maxxane ni nyaatti. Murtii Rabbii irraa cinaacha isaanii irratti bitaa mirga garagaggalchuudha. Akka dachiin isaan hin nyaanneef mirga irraa gara bitaatti, bitaa irraa gara mirgaatti isaan garagalcha. Sareenis dhundhumaa (harka) isaa diriirse balbala ykn moggaa goda isaanii irra ciisa.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qaama isaanii dachii irraa dirra isaanii gagaggaralchuun akka eegee fi namoota irraa immoo sodaan akka eege ni beeksisa. “Odoo isaan argitee, silaa baqannaan isaan irraa garagalta; isaan irraas sodaan guuttamtaa turte.” hima kana ilaalchise Ibn Kasiir ni jedha: Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isaan irratti sodaatama darbe (akka sodaataman isaan taasise). Isaan sodaataman waan uwwifamaniif namni isaan arge ni sodaata. Namoonni akka isaan sodaatan taasisuun eenyullee akka itti hin dhiyaannee fi harkaan isaan hin tuqne [isaan eega]…” Gabaabumatti, namni dargaggoota rafan kanniin osoo argee irraa garagalee baqata, qalbiin isaa sodaan guuttamti. Sababa Rabbiin dargaggoota kanniin akka namoonni sodaatan taasiseef. Waggaa 309 hunda eenyullee akka isaan bira hin geenye eege. Hayyoonni (aalimoonni) ni jedhan: “Dhugaan namni Rabbiin sodaate, wanti hundu isa sodaata.”

Keeyyatota (Aayaata) armaan olii keessaa barnoota baay’ee cuunfu dandeenya:

1ffaa-Yommuu dargaggoonni kunniin Gooftaan keenya Gooftaa samii fi dachii uume. Isa malee wanta biraa hin gabbarru jedhanii tawhiida qabatan, Rabbiin qalbii isaanii ni jabeesse. Obsa akka qabaatanii fi tawhiida irratti akka gadi dhaabbatan isaan taasise. Qajeelinna irratti qajeelinna dabaleef. Haaluma kanaan namni tawhiida yoo qabate, qajeelinni, obsi, gadi dhaabbanaan (istiqaamaan) ni dabalamaaf.

2ffaa-Namni amantii isaatiin fitnaa akka kufrii, badii fi kkf irraa dheesse, Rabbiin rahmata Isaa isaaf ni bal’isa, dhimma addunyaa fi Aakhirah ni laaffisaaf. Dargaggoonni kunniin “ummanni keenya gara kufrii fi badiitti nu deebisuu danda’an” jechuun yommuu amantii isaaniitiin gara godaa dheessan, Rabbiin dhimma isaanii ni laaffiseef. Sodaa fi jeequmsa irraa akka tasgabbaa’aniif waggoota baay’eef akka rafan taasise. Waggoota kana hunda yommuu rafan kunuunsaa fi eeggumsa guddaa godheef. Aduun akka isaan hin gubne yommuu baatu gara mirgaatti dabdi, yommuu dhiitus gara bitaatti isaan dhiisun lixxi. Dhugumatti kuni mallatoolee Rabbii irraayi. Kana jechuun mallattoo Dandeetti Rabbii fi isaaniif rahmata gochuu, du’aayi isaanii qeebaluu fi isaan qajeelchu agarsiisudha. Kanaaf akkana jedhe, “Nama Rabbiin qajeelche, inni qajeelfamaadha…” Kana jechuun ummata isaanii keessaa dargaggoota kanniin gara qajeelinnaatti kan qajeelche Isa. Dhugumatti, nama Rabbiin qajeelche, inni qajeele. Nama Rabbiin jallinna keessatti dhiise immoo eenyullee isa hin qajeelchu. Kanaafu, namni yeroo hundaa qajeelinna Rabbiin irraa barbaadu qaba. Sababni isaas, karaan qajeelinna itti argatan Rabbiin irraa malee karaan biraa hin jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa faaydaa addunyaa fi Aakhiraatiif kan namoota qajeelchudha.

3ffaa-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hirriba isaan irratti buusun dargagoota Isatti amananii fi Isa tokkichoomsan kanniin eege. Hirribni isaaniif boqonnaa, tasgabbii fi nageenya ta’e. Dhugumatti, namoonni Rabbiif bulan halkan hirriba gaarii rafu. Garmalee jeeqamun hirriba hin dhaban.

Kanaafu, seenaa kana irraa akkuma arginutti tawhiinni Rabbiin irraa eeggumsa, gargaarsa, qajeelchaa fi tasgabbii akka argatan nama taasisa. Namni Rabbiin tokkichoomse, Rabbiinis dhimma addunyaa fi Aakhiraa ni laaffisaaf. Gara daandii qajeelaatti ni qajeelcha. Rakkoo cimaa fi badii irraa isa eega. Kanaafu, namni kana hunda barbaadu Rabbii guddaa haa Tokkichoomsu, Isaaf haa ajajamu, akka dargaggoota kanniinitti wanta inni gonkumaa hin yaanne argataati.

Kitaabban wabii:
Tafsiira Sa’diyy-fuulota 548-589, 630, Tafsiir ibn kasiir- jiildi-5, fuula 144

Faaydaalee Tawhiida-Kutaa 3
Faaydaalee Tawhiida-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply