Faaydaalee Tawhiida-Kutaa 3

Offline dubbisuf

6ffaa- Fitnaa shahwaata fi shubahaata irraa nagaha bahu
Namni jireenya keessatti qormaata gurguddaa lamatu isa qunnama. 1ffaa- shahwaata (fedhii lubbuu)-kana jechuun fedhiin lubbuu wanta badaa isa dharraasisuudha. Hanga fedhe wanta nama balleessu fi balaa guddaa fidu haa ta’u, lubbuun isaa yoo feete wanta san guuttachuuf ni carraaqa. Ergasi, adabbii hojii isaa irraa dhalatu ni dhandhama. Fakkeenyaaf, dhiirri dubartii takka yoo jaallate fi karaa halaalatiin yoo walitti hin dhufin, yoo namni kuni Rabbiin hin sodaatin, ishii waliin waan badaa hojjachuu danda’a. ergasii isaan lamaanu adabbii hangana hin jedhamne dhandhamu. Tarii namni fedhii lubbuutiin waan machaa’eef yeroo sanitti adabbii fi miidhaan hojii badaa itti hin mul’atu. Walaleessaan akkana jedha:
Nama hawwituun maraatte nan jedhanii
Anis, jaalalli maraatuu caalaa isaaniin jedhenii
Namni jaalalaan qabamee hin dammaquu jireenya guutuu
Bar maraatan yeroma tokko tokko kan kufuu[1]

Dhuguma jedhe namni jaalalatti yoo lixe akka dukkana galaanaa keessa daakuti. Yaanni sobaa mataa isaa keessa deemu lakkoofsa hin qabu. Suuraa ishii ykn isaa of keessatti kaasun wanta yeroo wal-qunnaman raawwatan itti yaada. Wanta dhaqqabu hin dandeenye ni hawwa. Yaanni tokko yoo xumurame sheyxaanni yaada biraatti nama dabarsa. wanta ishii waliin haasawu ykn hojjatu sammuu keessatti kaasa. Hanga ishiin wal-qunnamutti sansalanni yaada hin xumuramu. Wanta tokko ni hawwa garuu hin argatu. Wanti inni yaade hundi jalaa fashala’uun gaddaa fi dhiphinnatti kufa. Karoorri fi yaanni waggaa meeqaaf ijaaraa bahee akka cabbiitti baqa. Kanaafu, namni azaaba (adabbii) kana keessaa akkamitti bahuun nagahaa fi tasgabbii argataa? Abshir! Yoo dhugaadhaan tawhiida qabatte, tawhiinni furmaata siif ta’a.

Namni akkuma iimaanni fi ikhlaasni isaa dabaluun, nageenya argataa fi badii irraa qulqullaa’a adeema. Hiika jechoota kanaa yoo sirritti barte, kuni dhugaa akka ta’e hin shakkin. Akka lugaatti iimaanni hiika lama qaba. 1ffaa-imaana jechuun al-amnu (nageenya). Akka lugaatti آمَنَ-Aamana ” jechuun tasgabbii fi nageenya keessa seenee jechuudha. Eeti, hiikni biraa “aamana” jedhu “amane” ta’a.
Namni dhugaan Rabbitti amane “Mu’mina” jedhamee kan moggaafameef addunyaa fi Aakhiratti adabbii (azaaba) Rabbii irraa lubbuu ofii nagaha waan taasisuufi.
2ffaa- iimaana jechuun dhugoomsu (dhugaan amanuudha)*.

Akka shari’aatti immoo iimaana jechuun qalbiin Rabbii fi wanta Rabbiin beeksisetti amanuu fi qaamaan hojii hojjachuudha. Amma hiika lugaa fi hiika shari’aa yommuu walitti finnu, dhugumatti iimaanni namaaf nageenya (security) ta’a. Namni qalbiin yoo amanee fi hojii isarraa eeggamu yoo hojjatte آمَنَ-Aamana” ta’a.  Kana jechuun nageenyaa fi tasgabbii keessa seena. Sodaan, dhiphinni fi gaddi isa irraa ka’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

46:13

“Isaan “Gooftaan keenya Allaah dha” jedhanii ergasii san irratti gadi dhaabbatan, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis.”  (Suuratu Al-Ahqaaf 46:13)
Ammas ni jedha:“Dhugumatti, isaan amananii, hojii gaggaarii hojjatanii, salaata sirreessanii salaatanii fi zakaas kennan, mindaan isaanii Gooftaa isaanii biraa isaaniif jira. Sodaan isaan irra hin jiru, isaan hin gaddanis.” Suuratu Al-Baqarah 2:277 

Yommuu jecha lammaffaatti dhufne, ikhlaasa jechuun hojii Rabbiif qulqulleessudha. Kana jechuun shirkii, na argaa, na jajaa, na dhagahaa, of dinqisiifachuu fi kkf irraa hojii ofii qulqulleessuun Rabbii qofaaf gochuudha. Namni hojii isaa Rabbiif yoo qulqulleesse, Rabbiinis badii irraa isa qulqulleessa. Kana jechuun hojii fi yaada badaa isarraa deebisa. Dhugaa kana seena nabii Yuusuf (aleyh salaam) keessatti ni hubanna.

12:24

Dhugumatti ishiin isatti yaadde turte. Odoo ragaa Gooftaa isaa arguu baate innis isheetti yaadee ture. Akka kanatti hamtuu fi hojii fokkataa isa irraa deebisuuf [ragaa keenya isa agarsiisne]. Dhugumatti inni gabroota keenya qulqulleefamoo (al-mukhlasiin) irraayyi.” Suura Yuusuf 12:24

Dubartiin tuni Nabii Yuusufin wanta badaa akka ishii waliin raawwatu isa affeerte. Iddoo addaatti balbala itti cufuun koottu jetteen. “Odoo ragaa Gooftaa isaa arguu baate innis isheetti yaadee ture.” Ragaa Gooftaa isaa inni arge beekumsaa fi iimaana isa bira jiruudha. Beekumsi fi iimaanni kuni wanta Rabbiin dhoowwe akka hin hojjanne nama taasisa. Nabii Yuusuf (aleyh salaam) wanta Rabbiin halaala godhee fi haraama godhe ni beeke. Zinaan haraama akka ta’e ni arge.[2] Ergasii Rabbii isaa sodaatee wanta badaa ishiin itti waamtu irraa garagale. Sababa inni ikhlaasa qabuun Rabbiin akka kanatti wanta fokkataa isarraa deebise.

Aayah tana ilaalchise Sheykh Abdurahmaan Nasiir Sa’idiyyi ni jedha:“Yommuu hojii isaa Rabbiif qulqulleessu, Rabbiinis isa filate. Akkasumas hamtuu fi wanta fokkuu irraa isa qulqulleesse.[3]

Sheykul Islaama ibn Taymiyaan ni jedha: Rabbiin gabricha irraa wanta gara fakkiitti (suuraa nama saniitti) isa dabsuu fi ishitti hidhamu irraa wanta isa miidhu irraa deebisa. Iklaasa qabaachu isaatin wanta fokkuu irraa garagalcha. Kanaafi, namni mi’aa Rabbiin gabbaruu fi ikhlaasaa dhandhamuun dura fedhiin lubbuu isa moo’atti. Mi’aa ikhlaasa yoo dhandhame fi [iklaasni] qalbii isaa keessatti yoo jabaate, qoricha tokko malee fedhii lubbuu isaa irratti injifannoo ni argata.[4]

Ammas akkana jedha, “Yommuu namtichi Rabbiif hojii qulqulleessu, Rabbiin isa ni filata, qalbii isaa ni jiraachisa, gara Ofitti harkisa, hamtuu fi wantoota fokkuu isa irraa ni deebisa. Fuggisoo kanaa namni Rabbiif hojii hin qulqulleessine immoo, isa keessa [lubbuuu] wanta hundaa barbaaddu, feetu fi guutumatti jaallattutu jira. Wanta sammuu isaa qaxxaamure hunda argachuuf hawwa. Akka dameen mukaa [ykn qoreen] namatti maxxantutti innis wanta hawwuutti maxxana. Yeroo garii suuraan haraama ta’ee fi hin taane isa harkisa. Innis suuraa kanaaf hidhamaa ta’ee hafa[5]” 

Kanaafu, namni tawhiida qabu (Rabbiin Tokkichomse), Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yaada badaa fi fokkuu sammuu isaa keessaa qulqulleessa, hojii fokkuu isarraa deebisa. Haala kanaan, fedhii lubbuu akka ibiddaa nama gubu irraa isa baraara.

Qormaanni guddaan lammataa nama muudatu “Shubahaata”. Shubahaata jechuun sobaa fi dhugaan wal fakkaachu fi shakkiin namatti naqamuudha. Yommuu haqaa fi sobni wal-fakkaatan, haqni kami, sobni kami jechuun dhama’a. Haqa ni shakka. Haala kanaan shakkiin jireenya keessatti isa dhamaasa. Garuu namni tawhiida qabu haqa irratti gadi dhaabbata. Sababni isaas, Rabbiin haqa irratti gadi isa jabeessa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Warra amanan jireenya addunyaa fi Aakhirah keessatti jecha gadi dhaabbataadhaan Rabbiin gadi [isaan] dhaaba. Rabbiin miidhaa hojjattoota (zaalimtoota) ni jallisa. Rabbiin waan fedhe hojjata.” Suuratu Ibraahim 14:27

Rabbiin warroota amanan jecha gadi dhaabbattuun haqa irratti gadi isaan dhaaba. Jechi tuni jecha tawhiida, “Laa ilaah illallah (Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiru)” tan jettuudha. Warroota amananii hojii gaggaarii hojjatan, yommuu shakkiin isaanitti naqamu, Rabbiin gara yaqiinaa (beekumsa haqaa shakkii hin qabneetti) isaan qajeelcha. Yommuu fedhiin lubbuu isaanitti dhiyeefamu immoo ijjannoo cimaan fedhii qullaa irraa garagaluun wanta Rabbiin jaallatu akka hordofan isaan taasisa. Yeroo du’aa immoo Islaama irratti akka gadi dhaabbatanii fi xumura gaariin (al-khaatimat-ul husnaan) akka du’an isaan taasisa. Qabrii keessattis yeroo malaaykonni lamaan gaafi gaafatan deebii sirriitti isaan qajeelcha. Yommuu nama du’een akkana jedhamu, “Man Rabbuka (Gooftaan kee eenyu)?, wa maa diinuka (Amantiin kee maalidha?), wa man nabiyyuka (Nabiyyiin kee eenyu)?” deebii sirrii kana akka deebisan isaan qajeelcha: “Gooftaan kiyya Allaah dha. Amantiin kiyya Islaama, Nabiyyiin kiyya Muhammad).

“Rabbiin miidhaa hojjattoota (zaalimtoota) ni jallisa.” Warroota Rabbiin waliin waan biraa gabbaran ykn tawhiida hin qabne immoo Rabbiin addunyaa fi Aakhiratti wanta sirrii ta’ee irraa isaan jallisa. Rabbiin isaan hin miine garuu ofumaa of miidhan[6]. Sababa isaan sheyxaana hordofuun badii guddaa akka shirkiitti taraniif jallinni isaan irratti mirkanaa’e.  

Kanaafu, namni tawhiida qabate, fitnaa shubahaata fi shahwaata irraa ni baraarama. Kana jechuun shakkii nama dhamaasu fi fedhii lubbuu akka ibiddaa nama gubu irraa nagaha baha.

7ffaa- Tawhiinni karaa cinqii keessaa ittiin bahaniidha

Namni yommuu dhiphinnaa fi rakkoo garmalee cimaa ta’e keessatti kufe, gara humna cimaa isa baraarutti iyyata. Rakkoo kana keessaa baraaramus dhiisus danda’a. Seenaa keessatti Qur’aanni namoota lama galaana keessatti taran nuuf dhiyeessa. Namni tokkoffaan nama Rabbitti hin amanne, Isa hin tokkichoomsinee fi badii guddaa raawwataa tureedha. Namni kuni Fira’awna. Yommuu bishaaniin nyaatamu akkana jechuun Rabbitti warwaate: “Dhugumatti Kan ilmaan israa’iil itti amanan malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre amaneera. Ani Musliimota irraayi”(Suuratu Yuunus 10:90) Rakkoon itti bu’uun dura tawhiida waan hin qabneef iyyannaa fi lallabbiin isaa maal isa fayyada ree? Deebiin isaaf kenname: “Sila odoo duraan diddee balleessitoota irraa taate jirtuu amma amantaa? Har’a qaama keetiin (reeffa kee) akka namoota si boodaatiif mallattoo taatuf si baafna. Dhugumatti irra hedduun namootaa mallattoo Keenya irraa dagatoodha.“ Suuratu Yuunus 10: 91-92

Namni lamaffaan immoo nama Rabbitti amanee fi Isa tokkichoomsaa tureedha. Innis Nabii Yuunus (aleyh salaam). Qur’aanni waa’ee isaa akkana jechuun nuuf hima:

Zannuuniinis (Yuunusiniis) [yaadadhu]; yeroo inni dallanaa deemee fi Nuti homaa isarratti akka hin murteessine godhee yaade. Dukkana keessaa “Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Ati qulqulloofte. Dhugumatti ani miidhaa hojjattoota (zaalimota) irraa ta’een jira.” [jechuun] lallabe.Isaaf awwaannee cinqaa irraas isa baraarre. Akka kanatti mu’imintoota nagaha baafna (baraarra).” Suuratu Al-Anbiyaa 21:87-88

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Yuunusin gara ummata Moosul keessa jiraatanitti erge. Nabii Yuunusis ummata kana gara Rabbii waame. Garuu isaan isa diduun kufrii isaanii itti fufan. Innis isaan irratti dallanuun isaan jidduu bahee deeme. Guyyaa sadii booda azaabni (adabbiin) akka isaanitti bu’u isaan akeekachiise. Nabiyyiin akka hin sobne waan beekaniif yommuu akeekachisa kana isarraa mirkaneefatan, maatii fi beelladoota isaanii waliin gara dirree bahuun Rabbitti warwaatan. Yommuu isaan amananii fi Isatti warwaatan, Rabbiinis azaaba kana isaan irraa kaase.

Garuu nabii Yuunus deemun namoota waliin dooni yaabbate.  Haa ta’uu malee dooniin tuni deemu didde. Bishaaniin nyaatamu waan sodaataniif nama ishii keessaa darbanii ba’aa ishii hir’isuuf hixaa buusan. Hixaanis Nabi Yuunus irra bu’e. Garuu isaan isa darbu hin barbaanne. Si’a lammaffaaf hixaa buusan, ammas Yuunus irra bu’e. Yeroo sadaffaafis hixaa buusan, ammas isumarra bu’e. Ergasii galaanatti ni darbame. Qurxumiinis isa liqimse.  

Nuti homaa isarratti akka hin murteessine godhee yaade.” Kana jechuun garaa qurxumii keessatti akka isatti hin dhiphisne godhee yaade. Qurxumiin Nabii Yuunusin erga liqimsee booda gara dukkana galaanaattiin tareen. Dukkana garaa qurxumii, dukkana galaanaa fi dukkana halkanii keessaa akkana jechuun gara Rabbii lallabe: “Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Ati qulqulloofte. Dhugumatti ani miidhaa hojjattoota (zaalimota) irraa ta’een jira.” Guutumaan guututti gabbaramuu kan qabu Rabbiin akka ta’e ni mirkaneesse. Hanqinnaa fi dadhabinna hunda irraa Isa qulqulleesse. Nafsee ofii akka miidhee fi yakka hojjate ni amane. Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) suurah biraa keessatti ni jedha: “Osoo inni warra Rabbiin qulqulleessan irraa ta’uu baatee, silaa hanga Guyyaa kaafamaniitti garaa isaa (qurxumii) keessa jiraataa ture.” (Suuratu As-Saaffaat 37:143-144) Kanaafi asitti akkana jedhe, “Isaaf awwaannee cinqaa irraas isa baraarre.” Kana jechuun rakkoo itti kufe keessaa nagaha isa baasne. “Akka kanatti mu’imintoota nagaha baafna (baraarra).” Kana jechuun warroonni dhugaan amanan yeroo rakkoolee cimoo keessatti kufanii gara Kiyyatti deebi’uun Na waaman keessumayyuu du’aayi Nabii Yuusuf godhe tanaan yoo Na kadhatan, isaan baraara[7].  

(Mee xiqqoo dhaabbanne Fira’awnaa fi Nabii Yuunusin wal bira haa qabnu. Fira’awni warra Rabbiin qofa gabbaranii fi qulqulleessan irraa waan hin taaneef Rabbiin isaaf hin awwaanne. Akka bishaaniin nyaatame du’u isa taasise. Nabii Yuunus immoo warroota Rabbiin qofa gabbaranii fi Isa qulqulleessan irraa waan tureef, galaanaa fi garaa qurxumii keessaa nagaha baafame. Kuni Firii Tawhiidaati. ) Akkasumas, rakkoo fi dhiphinna addunyaa kana qofarraa osoo hin ta’in warroonni tawhiida qaban, addabbii Aakhirah irraas nagaha bahu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota Isa waliin waan biraa gabbaran (mushrikootaan) akkana jedhaan:

Dhugumatti isin adabbii laaleessaa ni dhandhamtu. Waan dalagaa turtan malee hin mindeefamtan. Gabroota Rabbii qulqullefamoo malee. Warri suni rizqii beekkamaa ta’etu isaaniif jira.” (Suuratu As-Saaffaat 37:38-41) Warroonni hin amannee fi tawhiida hin qabne, adabbii laaleessa garmalee nama gubu dhandhamu. Adabbiin isaanitti bu’e kuni sababa badii gurguddaa akka shirkii hojjataniif. Garuu, “Gabroonni Rabbii qulqullefamoo” ta’an adabbii kana hin dhandhaman. “Gabroota Rabbii qulqullefamoo” jechuun warroota Rabbiin Tokkichoomsaniidha. Akkuma isaan Rabbiif hojii qulqulleessan, Innis isaan qulqulleesse, isaan filate. Isaaniif Jannata keessatti rizqii (soorata) guddaa beekkamaa ta’etu jira.


Kitaabban wabii
[1] Ubudiyyah-Ibn Taymiyyah, fuula 74
[2] Tafsiiru Sa’idyyi-fuula 457, Zaadul Masiir-fuula 692
[3] Fadaa’ilu Tawhiid– fuula-16, Tafsiiru Sa’diyy-fuula 473
[4] Al-Ubudiyyah, 75
[5] Madda olii-111
[6] Zaadul Masiir-746, Tafsiiru Sa’idiyy-fuula 493
[7] Tafsiiru Ibn Kasiir 5/355-357, Tafsiiru Sa’idii-618
* Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 69, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii

Faaydaalee Tawhiida-Kutaa 4
Faaydaalee Tawhiida-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply