Faaydaalee Tawhiida-Kutaa 4

Offline dubbisuf

8ffaa- Tawhiidni karaa Rabbii Guddaa garmalee itti ol-guddisan (kabajanii) fi jaallatanii dha
Tawhiinni jaalalaan, sodaan, kajeellaa fi hojiiwwan ibaada birootiin Rabbiin Tokkichoomsu waan ta’eef, namni tawhiida qabu qalbii isaa keessatti Rabbiin caalaa wanti guddaan garmalee jaallatamaa, kabajamaa fi sodaatamaa ta’e hin jiru. Namni tawhiida qabu, sifaata (amaloota) Rabbiif maluun Isa ibsa (wassafa), wanta Isaaf hin malle irraas Isa qulqulleessa. Shirkiin guutumatti faallaa kanaa waan ta’eef, namni shirkii hojjatu kabajni inni Rabbii isa uumeef qabu baay’ee xiqqaadha. Dhugumatti wanta hunda caalaa jaallatamu, kabajamuu fi sodataamu kan qabu Rabbii Tokkicha. Sababni isaas, kan fayyadu fi miidhu, olkaasu fi gadi buusu, kennuu fi dhoowwatu, nama qananiisu fi kunuunsu Rabbiidha. Akkasumas, amaloota guutuu hanqinna wayitu hin qabneen kan ibsamu Rabbii Tokkicha.

Ati jireenya keessatti nama waan gaarii siif godhee fi amalli isaa baay’ee yoo sitti tole, hangam nama kana jaallattaa? Dhugumatti waan gaarii ati jaallattu waan siif fidee fi amala gaarii waan qabuuf garmalee jaallatta. Rabbiin hoo subhaanahu wa ta’aala maal akka siif godhe itti xinxallitee? Jalqaba bishaan dadhabaa irraa si argamsiise. Ergasii qalbii haadha fi abbaa keeti keessatti rahmata godhe. Rahmata kanaan siif mararfatu, si guddisu. Bishaan qabbanaa’a samii irraa buusun si obaasa. Biqiltoota biqilchuun soorata siif godhe. Kunuunsa kana caalaa wanti guddaan Inni nuuf godhe maal akka ta’e beeknaa? Dhugumatti kunuunsa qalbii fi ruuhiti. Kitaaba buusu fi ergamtoota erguun karaa qajeelaa fi gammachuu qabuutti nuu waama. Nama waamicha kanaaf awwaate, kabajaa fi qananii guddaa ijji takku hin agarre, gurri gonkumaa hin dhageenye, qalbii namaa keessa hin qaxxaamurre Jannata keessatti siif qopheesse jedhaan. Dhugumatti kuni kunuunsa guddaa akka Isa jaallatanii fi garmalee kabajan nama taasisuudha. Karaan Rabbiin itti jaallatanii fi kabajan tawhiida. Kana jechuun Isa tokkichoomsuni.

Qalbii keessatti kan wanta hundaa caalaa jaallatamuu Rabbiin qofa yoo ta’e, dhugumatti kuni gara Isa ol-guddisuutti (garmalee kabajuutti) nama geessa. Garuu faallaa kanaa, qalbii keessatti Rabbiin ala wanti biraa garmalee yoo jaallatame, kuni Rabbii guddaa ol-guddisuuf (garmalee kabajuuf) bakka hin kennuufi. Kanaafi, shirkiin hojii garmalee gadhee Rabbii guddaa akka hin kabajne nama taasisuudha. Sababni isaas, shirkii jechuun wanta Rabbiin ala jiruu Rabbiin wal-qixxeessu fi itti fakkeessudha. Rabbiin immoo Tokkicha fakkaataa fi qixxaataa hin qabneedha. Akkasumas, shirkiin waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada badaa akka qabaatan nama taasisa. Fakkeenyaaf namni nama du’e kadhatu, Rabbiin kadhaa kiyya hin dhagahu, nama du’e kanatu Rabbiin biratti jaarsummaa (shafa’aa) naaf ta’a jedhee yaada. Dhugumatti kuni yaada fokkuudha.  Kanaafu, namni shirkii hojjatu Rabbitti waan biraa waan fakkeessee fi yaada badaan waan Isa shakkeef kabaja Rabbiif maluu hin kabajne. Rabbiin ni jedha:

Isaan Rabbiin guddinna Isaaf malu hin guddifne (hin kabajne). Guyyaa Qiyaamaa dachiin guutuun qabaa Isaa keessa taati; samiinis mirga Isaatiin maramtuudha. Inni qulqullaa’e, waan isaan Isa waliin gabbaran irraas olta’e.” Suuratu Az-Zumar 39:67

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kabaja Isaaf maluu mushrikoonni kan hin kabajne ta’uu ni hima. Guddinna isaaf maluu hin guddifne. Garuu kana irra wanta kana faalleessu hojjatan. Kunis wanta amalaa fi hojii isaatiin hanquu ta’e Rabbiin waliin gabbaran. Amalli wanti isaan gabbaranii gara hundaan hir’uudha. Hojiinis yoo ta’e,wantoonni isaan kadhatanii fi gadi jedhaniif kunniin nama fayyaduu fi miidhu, waa namaaf kennuu fi dhoowwachuu hin danda’an. Fakkeenyaf, warroonni Rabbiin dhiisanii taabota, nama du’e, awliyaa, malaykaa fi kkf gabbaran, Rabbiin kabaja Isaaf malu hin kabajne. Sababni isaas, uumamtoota gara hundaan hir’uu ta’an kanniin Rabbii guddaan wal qixxeessan. Guddinna fi Dandeetti Isaatirraa kan ka’e, Guyyaa Qiyaamaa dachiin guutuun qabaa Isaa keessa taati. Samiin garmalee bal’attuu fi guddattu tunis harka mirgaa Isaatiin maramti.

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin dachii ni qaba, samiis harka mirgaa Isaatiin ni dachaasa. Ergasii ni jedha: Ani Mootiidha, eessa moottonni dachii?” Sahiih Al-Bukhaari 7382, Sahiih Muslim 2787

Rabbiin guddaa homtu Isa caalaa guddaa hin taane fi Isaan hin qixxoofnedha, wanta hundaa irratti danda’aa fi Mootii waan hundaati. Wanti hunduu qabaa fi dandeetti Isaa jala jira. Namni Rabbii guddaa dachii guutuu qabuu fi samii garmalee bal’attu tana maruutti waa qixxeesse dhugumatti kabaja Isaaf malu hin kabajne. Isa caalaa namni zaalimni hin jiru[1].  

“Inni qulqullaa’e, waan isaan Isa waliin gabbaran irraas olta’e.” Wanta namoonni Rabbiin waliin gabbaranii fi Isaan wal-qixxeessan irraa Inni qulqullaa’e, olta’e.

Rabbii nama uumee fi qananiisu dhiisanii wanta biraa garmalee jaallachuu fi wanta kanaaf of gadi qabuun dhugumatti fokkinnaa fi jallinna. Namni akkamitti Rabbii Guddaa isa uumee, qananiisu, fi fayyaduu dhiise wanta homaa hin uumne, isa hin fayyanne fi hin miine kadhataa, garmalee jaallataa, isaaf of gadi qabaa?  

Mallattoo Rabbiin ol-guddisuu (garmalee kabajuu) agarsiisan keessaa tokko wanta Inni itti ajaje hojjachuu fi wantoota Inni irraa dhoowwe dhiisudha. Namni wanta Rabbiin Guddaan itti ajaje hojjatu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisu, Isa ol-guddisaa (kabajaa) jiraa jechuudha. Namni Rabbiin faalleessuun wanta badaa hojjatuu fi wanta Inni itti ajaje hin hojjanne immoo Rabbii Guddaa kabajaa hin jiru. Kanarraa ka’uun, wantoonni Rabbiin ol-guddisuu qalbii keessatti laaffisan afuri:
1ffaa– Shirkii- shirkiin wanta biraa Rabbitti qixxeessu waan ta’eef kabaja Rabbiif qaban qalbii keessaa haxaawa. Kanaafi, namni shirkii hojjatu kajaba Rabbiif maluu waan Isa hin kabajneef osoo hin tawbatin yoo du’ee zalaalamii Jahannam keessa jiraata. Rabbiin kanarraa nu haa eegu.
2ffaa– Hojii Rabbiin itti ajaje hojjachuu dhiisu- Namni wanta Rabbiin itti ajaje yoo hojjachuu dhiise, kabajni inni Gooftaa Isaatiif qabu gadi bu’a.
3ffaa– Ma’asiyyah- badii hojjachuunis qalbii irraa jaalalaa fi Kabaja Rabbiif qaban hir’isa ykn haxaawa.
4ffaa– Nifaaqa- kana jechuun sharri dhoksuun keeyri mul’isuu. Gubbaadhaa Muslimaa fakkaatanii keessatti kufrii dhoksuudha.

9ffaa-Tawhiinni Furtuu Jannataati

Namni tokko mana fooqi garmalee bareedaa ta’ee fi eeggumsa cimaa qabu seenu yoo barbaade, maal gochuu qabaa? Iznii (hayyamaa) abbaa manaa irraa argachuu qabaa miti ree? Jannani bakka manneen garmalee babbareedoo fi qananii adda addaatin guuttamteedha. Akkasumas, eeggumsa cimaan tan eeggamteedha. Kan Jannata tana uumee fi eeggumsa (waardiyaa) itti godhee Rabbii guddaadha. Kanaafu, Jannata tana seenuuf hayyama Rabbiin irraa argachuu barbaachisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Jannata tana akka seenan kan hayyamuuf namoota Isa qofa gabbaraniif. Kana jechuun warra tawhiida qabaniif (Isa tokkichoomsaniifi). Warri tawhida hin qabne gonkumaa Jannata seenu hin danda’an. Sababni isaas, Rabbiin hojii isaanii badaa (shirkii) waan hin jallanneef gonkumaa isaaniif hin hayyamu. Ati nama si arrabsu mana kee akka seenu ni hayyamtaa? Dhugumatti namni shirkii hojjatu Rabbii guddaa arrabsaa jiraa? Rabbiin ilma qaba jedhanii dubbachuun arrabsoo guddaadha. Mee ilaali, ilma ati hin dhalchine/ hin deenne tokko osoo namoonni “kuni ilma keeti” siin jedhanii hangam dallantaa? Kuni arrabsoo fi maqaa balleessu guddaa akka ta’eetti hin lakkooftu? Rabbii guddaa Tokkicha ta’een “ilma qaba” jedhanii dubbachuun dubbii akkam fokkatu ree! Kanaafi, namoonni Rabbiin irratti kijiba dubbatan yoo hin tawbatin gonkumaa Jannata Isaa hin seenan. Adabbii cimaatu isaaniif ta’a.

Faallaa kanaa, namoonni tawhiidaan Rabbiin qulqulleessan, jazaan isaanii Jannata. Qur’aana keessatti:

“Dhugumatti, isaan “Gooftaan keenya Allaah dha” jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, [yeroo isaan du’an] Malaaykonni isaan irratti bubbu’uun “Hin sodaatinaa, hin gaddinaas; Jannata waadaa isiniif galameen gammadaa. Nuti jiruu duniyaa keessatti hiriyyoota fi gargaartoota keessan turre; Aakhirattis akkasuma. Isiniif ishee (Jannata) keessa waan lubbuun teessan feetutu jira. Isiniif ishee keessa waan barbaaddantu jira. Affeerraa Rabbii Araaramaa, Rahmata godhaa ta’ee irraayyi.” [isaaniin jedhu]” Suuratu Fussilat 41:30-32

Warri kuni Gooftaan nu uume, nu sooru fi kunuunsu Allaah dha jechuun Isa Tokkichoomsan. Wanta Inni itti ajaje ni hojjatan, wanta Inni irraa dhoowwe ni dhiisan. Haala kanaan, qalbii ofii xurii shirkii fi badii irraa qulqulleessan. Jannani iddoo qulqulluu waan taateef namoota qulqulluu ta’antu ishii seena. Qur’aana keessatti ni jedha:

“Warri Rabbii isaanii sodaatan gareedhaan gara Jannataa oofamu. Yeroma isaan ishiitti dhufanii balboonni ishii banaman, Waardiyoonni ishii, “Nageenyi isin irra haa jiraatu, qulqulluu taatanii jirtu. Keessatti hafoo ta’aatii ishii (Jannata) seenaa.” Isaaniin jedhu.” Suuratu Az-Zumar 39:73

Warroonni Isa tokkichoomsu fi Isaaf ajajamuun Rabbiin sodaatan garee garee ta’uun Guyyaa Qiyaamaa walitti qabamuun gara Jannata oofamu. Garee gareen qoodamuun kuni iimaana fi hojii isaanii irratti hundaa’a. Gareen hunduu gammadaa fi mirqaanaa  gara Jannata qananiin guuttamte dhufu. Yommuu balbaloota Jannataa bira gahan Malaykoonni kabajaan harka isaan fuudhu (keessumeessu). Balbalonni isaaniif banamuun Waardiyoonni (Malaykoonni) akkana isaaniin jedhu, “Nageenyi isin irra haa jiraatu.” Kana jechuun badii fi sharrii hunda irraa salaama (nagaha) ta’a. “qulqulluu taatanii jirtu” kana jechuun qalbiin teessan Rabbiin beekuun, Jaallachuu fi Isa sodaachuun qulqulloofte (tolte), arrabni keessanis zikrii Isaatiin tole, qaamni keessanis Isaaf ajajamuun tole (qulqullaa’e). Sababa qulqullooftaniif ishii keessatti yeroo hundaa kan jiraattan taatanii Jannata seenaa. Sababni isaas, Jannani ganda warra qulqullaa’eti. Warra qulqullaa’e malee eenyullee ishiif hin malu.

Warri kuni Jannata keessa erga seenanii booda akkana jedhu:

39:74

Ni jedhan, ‘Faaruun hundi kan Rabbii waadaa Isaa dhugaa nuuf godhee fi dachii [Jannataas] nu dhaalchiseeti. Jannata keessa iddoo barbaanne qubanna. Mindaan hojjattoota waa tole!’” Suuratu az-Zumar 39:74

Jannata keessa seenanii erga tasgabbaa’anii booda Rabbii gammachuu fi qananii kanaan isaan gahe faarsu. “Faaruun hundi kan Rabbii waadaa Isaa dhugaa nuuf godhee fi dachii [Jannataas] nu dhaalchiseeti.” kana jechuun yoo nuti amannee fi hojii gaggaarii hojjanne, Jannata arraba Ergamtoota Isaa irratti waadaa nuuf gale. Wanta waadaa nuuf galee, kunoo nuuf guutee jira. “Jannata keessa iddoo barbaanne qubanna.” Kana jechuun Jannata keessa iddoo feene qubanna, qananii feene ishii keessatti nyaanna, wanti barbaannu tokkollee dhoorgamaa miti (kana hin tuqin jechuun wanti dhoowwamu hin jiru). “Mindaan hojjattoota waa tole!” kana jechuun warroota Gooftaa Isaaniitiif ajajamuuf carraaqaniif mindaan isaanii ee waa bareede! Sababa isaan Gooftaa isaaniitiif ajajamaniif keeyri (wanta gaarii) guddaa yeroo hundaa turaa ta’e argatan.[2] Rabbiin warra kana keessaa nu haa godhu.

Tawhiidni faayda lakkaawame hin dhumne qaba. Faaydaa isaa hanga kana erga beekne, waa’ee tawhiidaa takka takkaan beekuf carraaqu qabna. Namni yoo waa beekee fi hojii irra oolche firii isaa argata. Ammaaf, faaydalee tawhiida asirratti dhaabna. Wa Aakhiru daw’aanaa anilhamdulillahi Rabbil aalamiin.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Sa’diyy-fuula 858-859, Tafsiir ibn Kasiir 6/466
[2] Tafsiir Sa’diyy-fuula 859
**Fadaa’ilu Tawhiid- Muhsin bin Awada Al-Qaliisi

Tawhiida-
Faaydaalee Tawhiida-Kutaa 3
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply