Qajeelfamoota Bu’uuraa Asmaa’a wa Sifaata-Seensa

Offline dubbisuf

Asmaa’a-maqaalee, wa-fi, sifaata-amaloota
Bismillah
Rabbii Guddaa waan hundaa irratti Danda’a ta’e gargaarsifachuun beekumsa beekumsa caalu ibsuuf kunoo imalatti seenne. Laa hawla walaa quwwata illa billah. “Dhugumatti kabajni fi gatiin beekumsaa wanta beekkamu irratti hundaa’a. Shakkii hin qabu, hunda caalaa beekkamaa fi guddaa Kan ta’ee Rabbii Isa malee haqaan gabbaramaan hin jirre, Kan samii fi dachii dhaabe, Mootii Haqaa ifa ta’eedha. Amaloota guutuu hundaan kan ibsamu, hanqinnaa hunda irraa kan qulqullefamee fi guutummaa Isaa keessatti fakkaata qabachuu irraa kan fagaatedha.

Shakkii hin qabu beekumsi maqaalee, amalootaa fi hojii Isaa beekumsa hundaa kan caaluu fi garmalee guddaa ta’eedha. Akkuma maqaalee, amaloota fi hojiwwan Rabbii beekuun beekumsa hundarra caaluu fi guddaa ta’e, beekumsa birootifis hundeedha. Beekumsi hundi beekumsa kana hordofa. Rabbiin beekun hundee fi madda beekumsa hundaati. Namni Rabbiin beeke, wanta Isaan ala jiran beeke. Namni Rabbii isaa wallaale, wantoota Isaan ala jiran caalatti wallaala. Iimaanni sirrii fi tawhiinni qulqulluun waa’ee Rabbii, maqaalee fi amaloota Isaa ilaalchisee beekumsa sirrii qabaachu irra dhaabbata. Qalbiif jireenyi, qananiin, gammachuun, nageenyi fi tasgabbiin hin jiru yoo Gooftaa, Gabbaramaa fi Uumaa ishii beektee fi wanta Isaan ala jiran caalaa jaallatama ishii yoo ta’e malee. Namni osoo Rabbitti hin amaniin, beekumsaa fi qajeelcha argachuu hin danda’u. Yoo gara Rabbii isaa hin qajeelin immoo kan dararamuu fi azzabamu (adabamu) ta’a. Akkuma haala kaafiroota.”[1]

Karaan salphaan beekumsa sirritti itti hubatanii fi qabatan, bu’uuraa fi hundee isaa beekudha. Sheyku Abdurahmaan Naasir Sa’dii ni jedha: “Hundee fi bu’uurri beekumsaa akka bu’uura manaatii fi hundee mukaati. Bu’uuraa fi hundee malee manni fi mukni dhaabbachuu hin danda’an. Hundee irratti dameen ijaarrama. Dameenis hundeen dhaabbata, ni jabeefama. Bu’uuraa fi hundeedhaan beekumsi sirritti gadi dhaabbata, ni jabaata, garmalee dagaaga… dhimmoonni garmalee wal fakkaatan baay’een addaan baafamu.”[2]

Bu’uuraalee asmaa’a wa sifaata beekun waa’ee maqaalee fi amaloota Rabbii ilaalchise karaa irraa akka hin jallannee fi hin dhamaane nama taasisa. Ni jedhama, “Man hurimal-usuula hurimal wusuula.” Kana jechuun namni bu’uura dhabe, gahuumsa dhabe.” Faallaa kanaa, namni bu’uura argatee fi gadi dhaabe, gahuumsa ykn milkaa’inna ni argata. Akkuma duratti jedhame Rabbii ofii maqaalee fi sifaata Isaatiin beekun milkaa’inna guddaadha. Kanaafu, beekumsa guddaa kanaaf bu’uura barbaachisa. Gara bu’uuraalee asmaa’a wa sifaata seenun dura mee tuqaalee ijoo haa ilaalu.

1-Dubbiin (Kalaamni) bakka lamatti qoodama**
Dubbii (Kalaama) jechuun hima ergaa guutuu dabarsuudha. Fkn, Allah Gooftaa keenya, Muhammad Nabiyyi keenya. Wanti xiqqaan dubbiin irraa ijaarramu maqaalee lama ykn maqaa fi xumura. Fakkeenyaf Muhammad Nabiyyiidha (Maqaa fi maqaa). Muhammad dhaabbate (maqaa fi xumura).

Dhugaadhaan ibsamu danda’uu ykn dhiisu irratti hundaa’ee dubbiin bakka lamatti qoodama:
1ffaa- Al-Khabar (odefannoo)– kuni mataa isaatiin dhugaan ykn sobaan ibsamuu kan danda’uudha. Kana jechuun dubbii tokkoon kuni dhugaadha ykn soba jechuuni kan dandeenyudha. Dubbiin Rabbii fi Ergamaa Isaa irraa dhufe dhugaa qofaan kan ibsamuu fi kijibaan gonkumaa ibsamu kan hin dandeenyedha. Waa’ee sifaataa Isaatii fi Guyyaa Qiyaamaa ilaalchisee wanti Rabbiin beeksisee gosa dubbii kana jalatti ramadama. Sababni isaas, odeefannoo dhugaan ibsamuudha.
Oduun mirkaneessu fi dhabamsiisu jidduu kan naanna’uudha. Takkaa oduun mirkaneefamuun dhugoonfama (dhugaa ta’uu isaatti amanan) takkaa immoo dhabamsiifamun ykn diigamun soba akka ta’etti amanan.

2ffaa- Al-Inshaa’a (wanta hundeefame)- kuni immoo dhugaanis sobaanis ibsamuu kan hin dandeenyedha. Kana jechuun dubbiin kuni dhugaadha ykn soba jechuu kan hin dandeenyedha. Gosti dubbii kuni ajaju, dhoowwu fi hayyamuu of keessaa qaba. Fakkeenyaf, nama tokkoon “Salaata salaati. Kana hin hojjatin.” Jechuun inshaa’a ta’a.

Gabaabumatti dubbii Rabbii fi Ergamaa Isaa irraa dhufe gosoota dubbii lamaan kanninirra kan naanna’uudha. Tawhiinni dubbii lamaan of keessaa qaba. Tawhiinni Rubuubiyyah fi asmaa’a wa sifaata, odeefannoo jalatta ramadama. Tawhiinni uluuhiyyah immoo inshaa’a jalatti ramadama. Sababni isaas, Tawhiinni uluuhiyyah gabroota Rabbiin qofa akka gabbaran ajajuu fi shirkii irraa dhoowwu waan of keessaa qabuuf. Kanniin lamaan Qur’aana irraa mee haa ilaallu:

Jedhi “Inni Allaah dha, Tokkicha” 
Rabbii Of danda’aa hirkoo waa hundaati.
Hin dhalle hin dhalannes.
Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.” Suuratu Al-Ikhlaas 112:1-4

Suuran (boqonnaan) tuni gosoota dubbii keessaa Al-Khabar of keessaa qabdi. Sababni isaas, maqaalee fi amaloota Rabbii olta’aa of keessaa qabdi. Maqaalee fi amaloonni Rabbii odeefannoo ykn beeksiisa Inni beeksiiseedha.

Aayan armaan gadi immoo Inshaa’a dha:
﴾ وَٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَلَا تُشۡرِكُواْ بِهِۦ شَيۡ‍ٔٗاۖ﴿
“Rabbiin gabbaraa, homaa Isatti hin qindeessinaa.”
Suuratu An-Nisaa 4:36

Qur’aana keessatti, “Zinaatti hin dhiyaatina. Qabeenya yaatimaa itti hin dhiyaatina. Salaata sirnaan salaata, zakaas kennaa…” himoota jedhan ni arganna. Kuni hundi inshaa ‘adha. Sababni isaas, wanta gaaritti ajajuu fi wanta badaa irraa dhoowwu of keessaa qabu.

2-Madda Beekumsaa qulqulleessu
Namni daandii qajeelaa irra deemee gahuumsa isaa gahuuf qajeelfama (manual) sirrii ta’ee qabaachu qabaa mitii? Islaamni amanti namoonni walitti dhufanii uuman osoo hin ta’in amanti Rabbii waan hundaa beeku irraa ilma nama hundaaf bu’eedha. Akkuma irranatti jenne waa’ee amanti kanaa ilaalchise dubbiin dubbatamu takkaa Khabar (odeefannoo) ta’a takkaa immoo inshaa’a (ajaju, dhoowwu fi hayyamu) ta’a. odeefannoon kuni immoo baay’een isaa geeybin (wanta ijaan hin mul’anneen) kan wal qabatuudha. Wantoota ijaan hin mul’anne hunda kan beeku Rabbii Tokkicha. Kanaafu, beekumsa waa’ee gheeybi argachuu kan dandeenyu Rabbiin qofarraayyi jechuudha. Eenyullee dhufee waa’ee gheeybi yoo nutti beeksise ragaa sirrii fidi jennaan. Ragaan kunis Rabbiin irraa kan dhufe ta’uu qaba. Sababni isaas, namni sammuu isaa qofaan waa’ee geeybi beeku hin danda’u.

Ammas, dhoowwun, ajajuu fi hayyamuun beekumsa barbaachisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaa hunda kan uumee Isa waan ta’eef wanta isaan miidhuu fi fayyadu sirritti beeka. Kanaafi, wanta isaan fayyadutti ni ajaja ykn ni hayyamaaf, wanta isaan miidhu irraa ni dhoowwa. Kanaafu, waa’ee kanaa ilaalchise beekumsi Isarraa nama gahe jiraachu qaba.

Dubbiin erga akkana ta’e, Rabbiin Qur’aana buusu fi Ergamaa erguun odeefannoo gheeybi beeksisee jira, wanta namoonni hojjachuu qabanii fi hin qabne ibsee jira. Kanaafu, waa’ee amanti ilaalchise maddi beekumsaa Qur’aanaa fi Sunnah Ergamaa Rabbii ta’a. kanaan ala filoosofii fi yaanni namootaa Qur’aanaa fi sunnah faallessu madda beekumsaa ta’uu hin danda’an. Namni yaada Qur’aana fi sunnan walitti galuu yoo nutti fide, yaada isaa ni fudhanna. Kan faallessu yoo ta’e immoo badheetti irraa dheessina. Kanarraa ka’uun, waa’ee maqaalee fi sifaata Rabbii ilaalchise maddi keenya Qur’aanaa fi Sunnah dha. Sababni isaas, maqaalee fi sifaanni Rabbii geeybi irraa waan ta’aniif Rabbiin yoo hin beeksiisin eenyullee hin beeku.

3-Rabbiin irratti beekumsa malee dubbachuu dhiisu
Akkuma duratti jenne, Rabbiin beekuuf maddi keenya Qur’aanaa fi Sunnah dha. Kanaafu, namni waa’ee Rabbii dubbachuuf maddoota lamaan kana fayyadamu qaba. Ta’uu baannan, wanta maddoota kanniin keessa hin jirree fi isaan faallessu yoo dubbate, wanta hin beekne dubbatee fi Rabbiin irratti kijibee jira. Isa irratti kijibuun immoo yakka ykn badii guddaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

7:33

Jedhi, “Wanti Gooftaan kiyya haraama godhe: gochoota fokkatoo, isaan irraa waan ifa bahee fi waan dhokate, dilii, haqa malee daangaa darbuu, waan Inni ragaa isaaf hin buusin Rabbitti qindeessuu fi Rabbiin irratti waan hin beekne dubbachuudha.” Suuratu Al-A’araaf 7:33

“Wanti Gooftaan kiyya haraama godhe: gochoota fokkatoo, isaan irraa waan ifa bahee fi waan dhokate…” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota tarreefaman kanniin haraamaa (dhoowwamaa) godhe: gochoota fokkatoo kanneen akka zinaa, saalli wal fakkaatan wal-qunnamti saalaa raawwachu fi kkf. “isaan irraa waan ifa bahee fi waan dhokate” kana jechuun wantoota fokkatoo sochii qaamaatiin wal-qabatanii fi kan sochii qalbiitiin wal-qabatan hunda dhoowwe jira. (wanti fokkuun sochii qaamatin wal qabate kan akka zinaa fi kkf. Wanti fokkuun hojii qalbiitin wal qabate immoo kanneen akka of tuuluu, of dinqisiifachuu, na argaa, nifaaqa fi kkf dha.) “dilii, haqa malee daangaa darbuu” diliin badii ykn cubbuu adabbii Rabbiitti nama geessudha. Ibn Kasiir ni jedha, “Diliin badii nafsee nama waan badaa hojjatuutin wal qabatuudha. Daangaa darbuun immoo namoota [qabeenya jalaa fudhachuun, isaan ajjeesun, qaama isaanii miidhunii fi kabaja isaanii xureessun] daangaa isaan irratti darbuudha. Rabbiin kanaa fi saniis dhoowwe jira.”[3]

“waan Inni ragaa isaaf hin buusin Rabbitti qindeessuu” kana jechuun Rabbiin waliin wanta biraa gabbaruu dhoowwe jira. Rabbiin shirkii irratti ragaa hin buusne. Kana irra tawhiida irratti ragaa buuse. “Rabbiin irratti waan hin beekne dubbachuudha.” Kana jechuun maqaalee, sifaata fi hojiiwwan Rabbii fi shari’aa Isaa ilaalchisee waan hin beekne dubbachuu dhoowwe jira. Kan akka Rabbiin Olta’an ilma qaba jedhanii odeessuun beekumsa malee dubbachuu fi Isa irratti kijibuudha. Rabbiin kana hunda namoonni akka itti hin kaloofne dhoowwe jira[4]. Sababni isaas, wantoonni kunniin fasaada (balleessa) guddaa dhuunfaa fi hawwaasa irraan gahu. Amanti isaan jalaa balleessu fi jijjiruu. Namni Rabbiin irratti wanta hin beekne dubbatu amantii ofiiti fi kan namoota jalaa balleessa ykn jijjira. Ergasii adabbii cimaatti ofii fi isaan geessa. Guyyaa Qiyaamaa warroonni sababa namoota Rabbiin irratti kijiba dubbataniin jallatan akkana jechuun ibidda keessaa iyyu, “Gooftaa keenya! Isaan kuni nu jallisanii jiru. Kanaafu, ibidda irraa adabbii dachaa ta’e isaaniif kenni.” (Suuratu Al-A’araaf 7:38). Kanaafu, dhimmichi dhimma salphaa miti. Namni kana jalaa bahuuf waa’ee Rabbii ilaalchise wanta Qur’aanaa fi hadiisota sahiih keessatti dhufe irratti of gabaabsu qaba.

4- Karaa Ergamaa fi dhaloota darban irraa jallachuu irraa of eegu
Karaan Ergamaa fi dhaloonni gaggaariin darban (salafni) irra turan karaa qajeelaa Rabbiitti nama geessudha. Sababni isaas, yeroo san bid’aan (wanti haarofti) fi jallinni akka yeroo ammaa hin jiru. Amantiinis ta’ee hojiin Ergamaa Rabbii faallessuu fi karaa isaanii irraa jallachuun dhuma badaatti nama geessa. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

Namni karaan sirriin ifa isaaf erga ta’e booda Ergamticha faallessee fi karaa mu’mintootaatiin ala [karaa biraa] hordofe, karaa inni filate keessatti isa dhiisna; Jahannamis isa seensifna. Gahuumsi waa fokkate!” Suuratu An-Nisaa 4:115

Ragaa Qur’aanaa fi sunnaatin karaan sirriin erga ifa isaaf ta’ee booda namni Ergamaa Rabbii (SAW) faallesse, akkasumas, karaa mu’mintoota (warroota amananii) dhiisee karaa biraa hordofe, karaa filate kana keessatti isa dhiisna. Haqa erga beekee fi argee boodaa waan dhiiseef Rabbiin irraa jazaan isaa jallinna keessa kan dhama’u ta’ee isa dhiisudha. Jallinna keessatti jallinna dabalata. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe,

6:110

Akkuma isaan yeroo jalqabaa isatti hin amaniin, qalbii isaanitii fi agartuu isaanii gara gaggalchina. Kan dhama’an ta’anii jallinna isaanii keessatti isaan dhiifna.” (Suuratu Al-An’aam 6:110)

Ergasii gahuumsi isaa Jahannami[5].
Kanaafu, karaa Ergamaatii fi wanta Muslimoonni irratti wali galan (Ijmaa’a) hordofuun wanta adabbii jalaa nama baasudha.

Guduunfaa
✏Dubbiin (Kalaamni) bakka lamatti qoodama.
1ffaa-Al-Khabar (Odeefannoo)- kuni wanta dhugaa ykn sobaa jechuuni dandeenyudha. Odeefannoon Rabbiin irraa dhufe hundi dhugaadha, gonkumaa sobni itti hin seenu. Odeefannoon Isarraa dhufe kanneen akka maqaalee fi amaloota Isaa, waa’ee Guyyaa Qiyaamaa fi seenaa namoota darbaniidha.
2ffaa-Al-Inshaa’a- Kuni wanta dhugaas sobaas jechuu hin dandeenyedha. Gosti dubbii kuni “ajaju, dhoowwu fi hayyamuu” of keessaa qaba.
✏Amanti keessatti maddi gosoota dubbii kanaa Qur’aanaa fi hadisoota Nabiyyii irraa dhufaniidha.
✏Namni waan gheeybi (ijaan hin mul’anne) sammuu isaa qofaan beeku waan hin dandeenyef odeefanno isa barbaachisa. Odeefannoon kunis Rabbii waan hundaa beeku irraa kan dhufe ta’uu qaba.
✏Nuti addunyaa tana keessatti Rabbiin ijaan arguu waan hin dandeenyef waa’ee ofii ilaalchise wanta beeksiseetti ni amanna, wanta hin beekne immoo dubbachuu irraa of qabna.
✏ Rasuula (SAW) hordofuu fi isa faallessu dhiisun wanta milkaa’innatti nama geessu fi jallinnaa fi adabbii irraa nama baraarudha.


Kitaabban Wabii:
**Al-Usuulu min ilmil usuul-Sheykhu Muhammad bin Saalih Useymiin, fuula 17-19, English Translation: Foundation of the Knowledge-fuula 21
[1] Sifaatu ilaahiyyati-fuula 3-4
[2] Faa’idatul jaliilatu fiil qawaa’idil asmaa’il husnaa-(fuula 6)
[3] Tafsiir Ibn Kasiir 4/27
[4] Tafsiiru Sa’adii-fuula 323
[5] Tafsiiru Sa’diyy-fuula 219

Qajeelfamoota Bu'uuraa Asmaa'a Wa Sifaata-Kutaa 1
Tawhiida-
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply