Qajeelfamoota Bu’uuraa Asmaa’a Wa Sifaata-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Bismillah Rahmaani Rahiim
Faaruu fi galanni Rabbii Guddaa maqaalee babbareedoon waamamuu fi amaloota gugguutuun ibsamuuf haa ta’uu. Amaloonni guutuun hanquu hin qabne hundi kan Isaati. Amaloota hanquu hunda irraa qulqulluudha. Namni Gooftaa ofii maqaalee fi amaloota Isaatiin beekee, gammachuu fi nageenya dhiyootti hixatee argata. Maqaalee fi Sifaata Rabbal aalamiina sirritti baruuf jalqaba irratti bu’uurri akka nu barbaachisu yeroo darbe ilaalle turre. Bu’uuraalee kanninitti seenuun dura mee hiika maqaalee fi sifaata haa ilaallu. Namni hiika jechaa yoo beeke, ergaa jecha sanii sirritti hubata.

Maqaan maal akka ta’e hundi keenya ni beekna. Maqaa jechuun kan wanti tokko ittiin waamamuudha. Amma mee caalatti waa’ee sifaata haa ilaallu. Hayyoonni sifaata (amaloota) Rabbii akkana jechuun hiiku:

Sifaata jechuun Zaata Rabbitiin kan dhaabbatee fi wanta biraa irraa Isa kan adda baasudha. [Sifaanni kunniinis] Qur’aanaa fi hadiisa keessatti kan dhufaniidha.[1]

Zaata jechuun haqiiqaa wanta tokkoo fi nafsee isaa[2]. Ingliffaan “Self” jechuun hiika[3]. Zaata namaa yommuu jennu qaama isaa guutuu fi nafsee isaati. Zaata Rabbii immoo ibsuu hin dandeenyu. Sababni isaas, nuti Rabbiin subhaanahu wa ta’aala addunyaa tana keessatti hin arginu. Zaatni Isaa akkana jenne gonkumaa dubbachuu hin dandeenyu. Qur’aana keessatti, “Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.”  (Suuratu Ash-Shuura 42:11) “Kana jechuun uumamtoota Isaa irraa wanti Rabbii olta’aa fakkaatu tokkollee hin jiru. Zaata Isaatiin, maqaalee Isaatiin, amaloota Isaatiinii fi hojii Isaatiin wanti Isaan wal fakkaatu tokkollee hin jiru.” 

“Sifaata jechuun Zaata Rabbitiin kan dhaabbatee…”
Hima kana ibsuun dura mee wanta idaafah jedhamu haa ilaallu.

Akka seer-luga Arabiffaatti Idaafah jechuun maqaa tokko maqaa biratti maxxansuun ykn dabaluun qabeenyummaa akka agarsiisu ykn ergaa addaa akka dabarsu gochuudha. Fakkeenyaf, maqaaleen Allaah fi Rasuul yommuu walitti dabalaman, “Rasuulullah” ta’u.  Gara Afaan keenyaatti yommuu deebisnu, maqaalee “Rabbii” fi “Ergamaa” yommuu walitti finnu, “Ergamaa Rabbii” ta’a. As keessatti, maqaan jalqabaa mudaafa (possessed (qabaatamaa)), maqaan lammataa immoo mudaafa ileyh (Possessor (Qabaataa)) ta’a[4]. Fakkeenyaf, Kitaaba Ahmad yoo jenne, “Kitaaba” kan jedhu qabaatamaadha. Kana jechuun kitaabni qabeenya Ahmadi. Ahmad immoo qabaatadha. Kana jechuun Ahmad abbaa kitaabati.

Kana irratti hundaa’un wanti Maqaa Rabbii (Allaah)tiin walitti hidhamu bakka lamatti qoodamu:
1ffaa-Idaafatu Mulk- Walitti daballi qabeenyummaa
2ffaa– Idaafatu Wasaf- Walitti daballi amalaa

Walitti daballi qabeenyummaa jechuun wanti mataa isaatiin dhaabbatu tokko maqaa Rabbiitti dabalamuun qabeenyummaa agarsiisudha. Fakkeenyaf, maqaalee Beyt fi Allaah jedhan yommuu walitti daballu Beytullah ta’a. Afaan Oromootiin: Maqaalee manaa fi Rabbii yommuu walitti daballu “Mana Rabbii” ta’a. Asitti mana Rabbii yommuu jennu mana Rabbiin keessa galu jechuu osoo hin ta’in manni kuni qabeenya Rabbiiti jechuu keenya. Rabbiin qulqullaa’e olta’ee (Subhaanahu wa ta’aalaa)! Mee Qur’aana irraa fakkeenya akkanaa haa ilaallu:

91:13

Ergamaan Rabbiis isaaniin ni jedhe, “Gaala Rabbiitii fi dhugaatii ishii [eeggadhaa]!” (Suuratu Shams 91:13)
Asitti maqaan gaala fi maqaan Rabbii walitti dabalamuun qabeenyummaa agarsiisan. “Gaala Rabbii” kan jechuun gaalli tuni tan Rabbiiti. Rabbiitu ishii uume. Ammas Qur’aana keessatti:

“[Rabbiin] wanta uumee hundaa kan tolchee fi uumama namaas suphee irraa kan jalqabeedha. Ergasii sanyii isaa bishaan dadhabaa baafamee irraa godhe. Sana boodas isa wal-qixxeessee ruuhii Isaa isa keessatti afuufe. Dhageetti, argaa fi qalbii isiniif taasise. Xiqquma galateefattu. ” Suuratu As-Sajdah 32:7-8
Asitti Ruuhi Isaa jechuun Ruuhii Rabbiin uumee jechuudha.

Idaafatu Wasaf– Walitti daballi amalaa- kana jechuun wanta wanta biraatiin dhaabbatuu fi wanta saniif amala ta’uu, adda ofii bakka itti dhaabbatu kan hin qabneedha. Fakkeenyaf, beekumsi, dandeettin wanta biraa irratti maxxanaa malee adda ofii kophaa dhaabbachuu hin danda’u. Beekumsi akka manaa fi gaalaa adda dhaabbachuu danda’aa?

Mee kanas Qur’aana irraa fakkeenya fudhannee haa ilaallu:

9:6

Mushrikoota irraa namni tokko yoo eeggumsa kee barbaade, hanga inni Dubbii (Kalaama) Rabbii dhagahuutti eeggumsa isaaf godhi. Sana booda iddoo nagaha itti ta’utti isa geessi. Kun waan isaan ummata hin beekne ta’aniifi.” Suuratu Tawbah 6:9

Asitti Dubbii (Kalaama) Rabbii bakka jedhutti dubbiin sifata (amala) Rabbiiti.  

Garaagarummaan walitti daballi qabeenyummaa fi walitti daballi amalaa jidduu jiru: walitti daballiin qabeenyaa mataa isaatiin kan dhaabbatudha. Fkn, mana Rabbii, gaala Rabbii yommuu jennu, manaa fi gaalli mataa isaanitiin kan dhaabbataniidha. Walitti daballin amalaa immoo mataa ofitiin dhaabbachuu kan hin dandeenye garuu wanta biraa irratti maxxanuun wanta saniif amala ta’uudha. Fkn, Beekumsa Rabbii, Dandeetti Rabbii. Asitti beekumsaa fi dandeettin adda dhaabbachu hin danda’an. Kanaafu beekumsaa fi dandeettin Rabbiif amala ta’u. Gosoonni idaafah lamaan isaanitu maqaa irratti maxxanan dursanii dhufu. Fakkeenya armaan olii keessatti mana, gaala, beekumsa fi dandeetti kan jedhan maqaa Rabbii dursanii jalqaba irratti dhufan.

Kanaafu kana erga hubanne, “Sifaata jechuun Zaata Rabbitiin kan dhaabbatee…” jechuun Rabbiin sifaata Isaatiin wassafama (ibsama); sifaanni Isaa Isarraa adda bahuun kophaa hin dhaabbatan.

wanta biraa irraa Isa kan adda baasudha.
As keessatti hojii sifaata akeeka.Rabbiin guddaan olta’e sifaata baay’een of ibsuun gabroota biratti of beeksisee jira. Sifaanni kunniin Khaaliqa wantoota Isaan ala jiran irraa adda kan baasanii fi guutummaa Rabbii ifa godhaniidha. Gabroonni sifaata (amaloota) Isaatiin Rabbin beeku.

“[Sifaanni kunniinis] Qur’aanaa fi hadiisa keessatti kan dhufaniidha.”
Waa’ee sifaataa Rabbii ilaalchisee Qur’aanaa fi hadiisota sahiih ta’an keessatti wanta dhufe qofarratti dhaabbachu qabna. Sifaata Rabbii irraa wanta Qur’aanaa fi hadiisni mirkaneesse qofa mirkaneessina. Imaamu Ahmad akkana jedha: “Eenyullee Rabbiin ibsuu hin danda’u wanta Inni ittiin of ibsee ykn ergamaan Isaa ittiin Isa ibse malee. Qur’aanaa fi hadiisni irra hin darbaman.”

Kana jechuun Rabbiin kan itti ibsan (wassafan) sifaata Inni ittiin of ibseen ykn ergamaan Isaa ittiin Isa ibsee qofaani. Sifaanni kunniin Qur’aanaa fi hadiisa keessatti dhufanii jiru. Qur’aanaa fi hadiisan ala bahuun hin danda’amu.

Qur’aanaa fi hadiisni karaalee sadiin sifaata Rabbii mirkaneessu:
Karaa 1ffaa-Sifaata ifatti dubbachuun

Qur’aana irraa
﴾فَلِلَّهِ ٱلۡعِزَّةُ جَمِيعًاۚ ﴿
“Jabeenyi hundi kan Rabbiiti.”
Suuratu Faaxir 35:10
Asitti jabeenyi sifaata (amaloota) Rabbii keessaa tokko.

﴾أَنَّ ٱلۡقُوَّةَ لِلَّهِ جَمِيعٗا ﴿
“Humni hundi kan Rabbiiti.
” Suuratu Al-Baqarah 2:165
Asitti humni sifaata Rabbii keessaa tokko

﴾وَرَبُّكَ ٱلۡغَنِيُّ ذُو ٱلرَّحۡمَةِۚ ﴿
“Gooftaan kee Dureessa Abbaa rahmataati
.” Suuratu Al-An’aam 6:133
Asitti rahmanni sifaata Rabbii keessaa tokko

Qur’aana keessa aayata akkanaa baay’ee arganna. Akkasumas, hadiisota keesssattis ni arganna.

Karaa 2ffaa- Maqaaleen sifaata of keessatti hammachuu
Aqiidaa Ahli Sunnah wal jama’aa keessatti dhimmoota mirkanaa’an keessaa tokko maqaaleen Rabbii gaggaariin sifaata of keessatti hammachuudha. Maqaaleen hundi amaloota Rabbii of keessaa qabu:
Fakkeenyaf Rabbiin Qur’aana keessatti, Al-Aziiz, Al-Khaaliq, Ar-Rahiim jechuun Of waame jira.

Asitti: Maqaan Al-Aziiz (Injifataa) jedhu amala jabeenya of keessaa qaba.
Al-Khaaliq (Uumaan) amala uumu of keessaa qaba. Rabbiin Uumaa wanta hundaa waan ta’eef uumun amala Isaati.
Ar-Rahiim amala (sifata) rahmataa of keessaa qaba. Rabbiin ar-Rahiim waan ta’ef rahmata namaaf gochuun amala Isaati.

Maqaaleen Rabbii sifaata Isaa irraa kan bahaniidha.

Karaa 3ffaa- Hojii yookiin sifaata san wanta agarsiisu ifatti dubbachuu
Qur’aana keessatti akkana jedha:

﴾ وَكَلَّمَ ٱللَّهُ مُوسَىٰ تَكۡلِيمٗا ﴿
“Rabbiin haasofsiisa [kallatti] Muusaa haasofsiise
” Suuratu An-Nisaa 4:164
Asitti Rabbiin haasawuu ykn dubbachuu agarsiisa. Kanaafu, haasofti ykn dubbiin sifaata (amaloota) Isaa keessaa tokko.
Dhugumatti Rabbiin waan fedhe murteessa.” Suuratu Al-Maa’ida 5:1
Asitti fedhiin sifaata Isaa keessaa tokko.

4:93

Namni osoo beeku mu’mina ajjeese, jazaan isaa achi keessatti kan hafu ta’e Jahannami. Rabbiinis isa irratti dallanee isas abaare jira. Adabbi guddaas isaaf qopheesse.” Suuratu An-Nisaa 4:93
Asitti dallansun sifaata Rabbii keessaa tokko.

5:119

Rabbiin ni jedha, “Kuni Guyyaa warra dhugaa (saadiqiin) dhugaan isaanii [isaan] fayyaduudha. Isaaniif Jannattoota jala isaanii laggeen yaa’antu jira, yeroo hundaa achi keessa jiraatu. Rabbiin isaan irraa jaallateera. Isaaniis Isarraa jaallataniiru. Suni Milkaa’inna guddaadha.” Suuratu Al-Maa’ida 5:119
Asitti jaallachun sifaata Rabbii keessaa tokko.

Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbiidha, Kan samii fi dachii guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti [olta’iinsa Isaaf maluu] ol ta’eedha.” Suuratu Al-A’araaf 7:54
Asitti Arshii ol olta’uun (Istiwaan) sifaata Rabbii keessaa tokko.

Waa’ee sifaata hanga kana yoo barre, In sha Allaah kutaa itti aanu keessatti bu’uuraalee asmaa’a fi wa sifaata ni ilaalla.

Hubachiisa: Wanti asi olitti barreesse wanta ofirraa fuudhee as godhe osoo hin ta’in, Qur’aana fi hadiisa irratti hundaa’un wanta hayyoonni beekkamoon kan akka sheykul Islaam ibn Taymiyaan lafa godhaniidha. Hanga danda’amuun gara Afaan Oromootti hiikuf yaale jira. Hanqinna hundaaf Rabbiin araarama kadha. Dhugumatti wanta armaan olitti eerre sirritti hubachuun shubuhaat baay’ee namarraa oofa. Namoonni hundi hubanna wal-qixaa waan hin qabneef tarii wantoota armaan olitti eerre hunda hubachuu dhiisu danda’u. Dubbistoonni sirritti hin hubatin yoo jiraattan, kitaaba barreefamni kuni irraa fudhatame, nama beekumsa amantii fi Arabiffaa qabu akka isiniif ibsu osoo gaafattani irra gaariidha. Kitaaba kana linkii kana irraa buusu dandeessu: Fuula 12-18 fi 25-29 https://ia800809.us.archive.org/12/items/FP54554/54554.pdf

Guduunfaa
☝Sifaanni Rabbii kan Inni ittiin of wassafe (ibsee) fi Isarraa adda bahuun kophaa dhaabbachuu kan hin dandeenyedha. Fkn, Beekumsi, dandeettin, jabeenyi, jaallachuun, dallansuun, dubbachuun, arguun, dhagahuun, rahmanni, uumun, fedhuun, araaramuun fi kan biroo Qur’aana fi hadiisa keessatti dhufan sifaata Rabbiiti.
☝Maqaaleen maqaa Rabbii irratti maxxanan gosa lama.
1ffaa-Idaafatu mulk- walitti daballi qabeenyumma. Kuni qabeenya agarsiisa. Kana jechuun wanti kuni kan Rabbii ta’uu fi Rabbiin wanta kana uumu agarsiisa. Kuni yeroo baay’ee wanti kuni kabaja qabaachu agarsiisa. Fkn, Beytullah (Mana Rabbii). Kana jechuun manni kan Rabbiiti. Manneen jiran keessaa manni kuni kabajamaadha. Masjiinni Haramaa Makkaan keessatti argamu Beytullah jedhama. Sababni isaas, Masjinni kuni dachii irratti mana hundarra kabajamaa ta’eedha.
2ffaa-Idaafatu wasaf-walitti daballi amalaa- Kuni maqaa Rabbiitiin walitti dabalamuun amala Rabbii agarsiisa. Beekumsa Rabbii yommuu jedhu beekumsi amala Rabbiiti.
☝Garaagarummaan idaafah lamaan kanniin jidduu jiru: walitti daballiin qabeenyummaa wanta Rabbiin uumee fi adda ofii dhaabbachuu kan danda’uudha. Gaala Rabbii, mana Rabbii yommuu jedhu gaalaa fi manni wanta uumamanii fi adda dhaabbachu kan danda’aniidha. Walitti daballiin amalaa immoo kophaa dhaabbachu kan hin dandeenye fi Rabbiif amala kan ta’eedha. Amalli kuni wanta uumame miti. Kana irra, amala Rabbii yeroo hundaa Isa waliin turuudha. Beekumsa Rabbii, Dandeetti Rabbii. Beekumsaa fi Dandeettin amaloota Isaati.

☝Qur’aana fi hadiisa keessatti karaalee sadiin sifaanni (amaloonni) mirkanaa’anii jiru:
Karaa 1ffaa-Sifaata ifatti dubbachuun
Karaa 2ffaa- Maqaaleen sifaata of keessatti hammachuu 
Karaa 3ffaa- Hojii yookiin sifaata san wanta agarsiisu ifatti dubbachuu 


Kitaabban wabii
[1] Sifaatu ilaahiyyati-fuula 12-18, 25-29
[2] Sharihu Risaalat Tadmuriyyah-fuula 153,
[3] https://www.almaany.com/ar/dict/ar-en/%D8%B0%D8%A7%D8%AA/
[4] Learning Arabic Language of the Quran fuula 95-96

Qajeelfamoota Bu'uuraa Asmaa'a wa Sifaata-Kutaa 2
Qajeelfamoota Bu’uuraa Asmaa’a wa Sifaata-Seensa
Offline dubbisuf

Leave a Reply