Qajeelfamoota Bu’uuraa Asmaa’a wa Sifaata-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Bismillah
Faaruu fi galanni Rabbii Tokkicha Arshii ol olta’iinsa Isaaf maluu olta’eef haa ta’u. Dachii fi samii keessatti wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Maqaaleen babbareedoo fi amaloonni gugguutuun hundi kan Isaati. Zaatanis ta’e amalaan eenyullee Isa hin fakaatu. Inni Tokkicha fakkaataa fi dorgomaa hin qabneedha. Dachii, samii fi wantoota isaan keessa jiran hunda dandeetti fi eeggumsa Isaatiin eega. Inni Guddinna Isaaf malu guddate. Sammuun itti yaadun zaata Isaa bira gahuu hin danda’u. Guddinna Isaa irraa kan ka’e, ijji namaas addunyaa tana keessatti Isa arguu hin dandeessu. Isa wassafu (ibsu) irraa namni dadhabaadha. Dhugumatti karaan Rabbii Guddaa ittiin beekan maqaalee fi sifaata Inni ittiin of waamee fi ibsee qorachuu fi qo’achuuni. Maqaalee fi sifaata kanniin ilaalun dura mee qajeelfamoota bu’uuraa barbaachiso ta’an haa ilaallu. Qajeelfamoota bu’uuraa kanniin kitaabban aalimman bebbeekamoo kanneen akka Sheykul Islaama ibn Taymiyah, Ibn Al-Qayyiimi fi Ibn Useymiin irraa kan fudhatamaniidha.

Qajeelfama Bu’uuraa 1ffaa- Maqaaleen Rabbii hundii husnaadha, sifaanni Isaa hundii guutuudha

1.1 Maqaaleen Rabbii hundi husnaa dha
Husnaa jechuun wanta baay’ee gaarii fiixee ol’aana irra gahee fi sanii ol wanti gaariin kan hin jirreedha. Maqaaleen Rabbii hundi husnaadha. Kana jechuun garmalee fi garmalee gaarii kan ta’anii fi maqaalee Isaa caalaa maqaan bareenni kan hin jirreedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Rabbiif maqaalee baay’ee gaarii (husnaa) ta’antu jira, kanaafu isaaniin Isa kadhaa.” Suuratu Al-A’araaf 7:180

Maqaaleen Isaa hundi husnaa (baay’ee gaarii) kan ta’aniif sababa wantoota maqaan waamaman hundarra kabajamaa kan ta’e Rabbiin waan agarsiisanii fi sifaata (amaloota) guutuu waan of keessaa qabaniifi[1].

Yommuu “Ar-Rahmaan” jennu, jechi tuni gara Rabbii maqaa kanaan waamamu agarsiisti. Ammas, sifata (amala) rahmata bal’aa fi guddaa agarsiisti. Akkasumas, rahmata ittiin rahmata godhuu agarsiisti. Osoo rahmata ittiin gochuu baate silaa maqaan kuni faayda hin qabu ture. Kanaafi, maqaaleen Rabbii husnaa (hundarra baay’ee gaarii) ta’an. Sababni isaas, wanta maqaan waamaman hundarra kabajamaa fi Guddaa ta’e agarsiisu. Ammas, sifaata (amaloota) ol’aanoo fi guutuu ta’aan waan of keessaa qabaniifi. Maqaaleen Isaa gara Zaata fi sifaata Isaa akeeku. Garuu maqaaleen Isaan ala jiran akkanaa miti. Nama tokkoon Abdullah (Gabricha Rabbii) jenne moggaasu dandeenya. Garuu inni namoota hundarra nama of tuulu fi Rabbiin hin beekne ta’uu danda’a. kana waliinu maqaan isaa Abdullah dha. Ammas, nama tokko Muhammad jennee waamu dandeenya. “Muhammad” jechun nama namoonni faarsa baay’ee faarsaniidha. Garuu namni Muhammad jenne moggaafne kuni amala ittiin faarfamu homaatu kan hin qabne ta’uu danda’a. Haa ta’uu malee, Maqaalee Rabbii keessatti kuni hundi hin ta’u. Maqaaleen Isaa sifaata (amaloota) guutuu of keessaa qabu[2].

Fakkeenyaaf: “Al-Hayy (yeroo hundaa Jiraataa)” maqaalee Rabbii keessaa tokko. Maqaan “Al-hayy” jedhu jireenya guutuu dhabamaan hin durfamnee fi baduun hin qunnamne of keessaa qaba. Garuu jireenyi uumamtoota jireenya hanquu taatedha. Uumamtoonni lubbuu qaban duraan kan hin jirre turan. Kanaafu jireenyi isaanii dhabamaan tan durfamteedha. Ammas yeroo murtaa’e booda ni du’u ykn ni badu. Kanaafu, baduun jireenya isaanii ni qunnama. Garuu, Rabbiin yeroo hundaa jiraataa (Al-Hayy) waan ta’eef dhabamu fi baduun gonkumaa Isa hin qunnamu. Jireenyi Isaa guutuu hanqinna homaatu of keessaa hin qabneedha. Rabbiin ni jedha:

“Yeroo hundaa Jiraataa gonkumaa hin duune irratti hirkadhu. Faaruu Isaatiniis Isa [faarsii] qulqulleessi. Badii gabroota Isaa keessa beekuu keessatti Isumatu gahaadha.” suuratu Al-Furqaan 25:58

Fakkeenya lammaffaa: Al-Aliim (Beekaa) maqaalee Rabbii keessaa tokko. Maqaan “Al-Aliim” jedhu beekumsa guutuu wallaalummaan hin durfamnee fi dagachuun hin qunnamne of keessatti hammata. Rabbiin yeroo hunda keessatti waan hundaa beekaadha. Wallaalummaa fi dagachuun gonkuma Isa hin qunnamu. Gaafii fi deebii Muusaa fi Fira’awni taasisan keessatti, Nabii Muusaan (aleyh salaam) akkana akka jedhe Qur’aanni nuuf hima:

20:52

Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira galmee keessa jira. Gooftaan kiyya hin dogongorus, hin irraanfatus.” jedhe. (Suuratu Xaahaa 20:52)

Fira’awni akkana jechuun Muusaa gaafate: “Haalli ummata darbanii akkam ta’aa?”

Kana jechuun ummanni darban akkuma keenyaa kan kafarani fi zulmii raawwatan turan. Kanaafu haalli isaan irra gahan akkam ta’aa? Muusaaniis deebii armaan olii deebiseef: “Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira galmee keessa jira.” Kana jechuun Rabbiin keeyri fi sharrii irraa hojii isaanii hunda lakkaa’ee fi galmee keessatti katabee jira. Galmeen kuni Lawhal Mahfuuz. Guyyaa Qiyaamaa hojii isaanitiif jazaa ni kafalaaf. Rabbiin waan hundaa beekumsaan marsee jira. “Gooftaan kiyya hin dogongorus, hin irraanfatus” kana jechuun guddaas ta’i xiqqaan wanti isa jalaa miliquu tokkollee hin jiru. Homaa hin dagatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa beekumsi Isaa guutuu akka ta’e ibsa. Inni homaa hin irraanfatu. Toltuun Isaa baay’atte, Inni olta’e, qulqullaa’e. Beekumsa uumamtootaa wantoonni lama ni qunnama: 1ffaa- wantoota hunda guutumaan guututti beeku dhiisu. Namni hanga fedhe beekumsa haa qabaatu, wantoota dachi fi samii keessa jiran hunda beeku hin danda’u. 2ffaa-Beekumsa booda dagachuu-namni beekumsa erga argate boodayyu dagachuun beekumsa san ni dhaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala kanniin hunda irra of qulqulleesse.[3] Inni wantoota samii fi dachii keessa jiran hunda takka takkaan kan beeku fi homaa Kan hin daganneedha. Ni jedha Qur’aana keessatti:

64:4

“Inni wantoota samii fi dachii keessa jiran hunda ni beeka. Wanta dhoksitanii fi wanta ifa baastanis ni beeka. Rabbiin Beekaa wanta qoma keessa jiruuti.” Suuratu At-Taghaabun 64:4

Rabbiin wantoota samii fi dachii keessatti mul’atanii fi hin mul’anne, dhokatanii fi ifa bahan hunda beeka.  Akkasumas, wanta isin qalbii keessan keessatis ta’i, iddoo namni biraa hin agarreetti dhoksitan hunda beeka. Ammas, arrabaan dubbachuu fi hojiin hojjachuun wanta ifa baastan hunda beeka. “Rabbiin Beekaa wanta qoma keessa jiruuti.” Kana jechuun icciti bareedaa fi fokkuu, niyyaa gaarii fi badaa qoma (laphee) keessa jiru hunda beeka.

Rabbiin wanta namni sammuu isaa keessatti yaadu fi qoma isaa keessatti dhoksuu hunda kan beeku erga ta’e, namni aaqilli (qaruuten) keessa isaa amala badaa fi salphinna irraa eeguuf garmalee xiyyeefannoo guddaa itti kenna.

1.2. Sifaanni (Amaloonni) Rabbii hundi Guutuudha, hanqinni homaatu keessa hin jiru[4]
Amaloonni Rabbii hundi guutuu hir’inna homaatu of keessaa hin qabneedha. Kanneen akka Jireenyaa (Al-Hayaat), Beekumsaa (Al-Ilm), Dandeetti, dhageetti, argituu, rahmataa, jabeenyaa, ogummaa (hikmaa), olta’iinsaa, guddinnaa fi kan biroo hundi sifaata (amaloota) guutuu ta’aniidha. Shari’aan, sammuu fi fixraan kana ni agarsiisu.  

Shari’aa irraa sifaanni Rabbii guutuu ta’u kan agarsiisan ragaalee baay’ee Qur’aana fi hadiisa irraa eerun ni danda’ama. Isaan keessaa aayah takka haa ilaallu:

16:60

Isaan Aakhiratti hin amanneef amala gadheetu jiru. Rabbiif immoo sifaata ol ta’aatu jira. Inni Injifataa, Ogeessa.” Suuratu An-Nahl 16:60
Kana jechuun warroota Aakhiratti hin amanneef amaloota hanquu, hir’uu fi fafee ta’antu jira. Kanneen akka kufrii, wallaalummaa fi salphinna. Rabbiif immoo amaloota guutuu hanqinna wayitu hin qabnetu jira. Gara hundaan amalootaa guutuu kan qabu Isa qofa

Sammuunis sifaanni Rabbii guutuu akka ta’e ni agarsiisa. Sammuudhaan yoo itti yaadan, wanti jiru hundi amala mataa isaa qaba. Takkaa amala guutuu takkaa immoo amala hanquu qaba. Amala hanquu qabaachuun Gooftaa haqaan gabbaramuuf gonkumaa hin malu. Kanaafi, Rabbiin wantoota Isaan alatti gabbaraman gabbarriin isaaniif godhamu baaxila (soba) akka ta’e ifa baasa. Sababni isaas, wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman kunniin hanqinnaa fi dadhabinnaan waan ibsamaniif. Rabbiin olta’aan ni jedha:

46:5

Nama Rabbiin ala waan hanga Guyyaa Qiyaamaatti homaa isaaf hin awwaannee fi isaan (warri kadhataman) kadhaa isaanii irraa dagatoo ta’an gabbaru caalaa jallataan eenyu?” Suuratu al-Ahqaaf 46:5

Namni wanta Rabbiin ala jiru gabbaru, hanga Guyyaa Qiyaamatti wanti inni gabbaru kuni isaaf deebii hin deebisu. Warri kadhataman kunniin kadhaa warra isaan kadhatu hin dhagahan. Fakkeenyaf, namoonni gara qabrii deemun namoota du’an kadhatan, namoonni du’an kunniin kadhaa isaaniitiif deebii hin deebisan. Akkasumas, jalaa hin dhagahan. Kanaafu, nama Rabbii Guddaa kadhaa namaatiif deebii deebisuu fi rakkoo namaa beeku dhiise, wanta isa hin dhageenne kadhatu caalaa namni jallataan jiraa?

Aayah tana keessatti wantoonni Rabbiin alatti gabbaraman (waaqefataman) hanqinna lamaan ibsaman. 1ffaa-kadhaa namootaatiif deebii kennuu hin danda’an. 2ffaa- kadhaa namoota waan hin dhageenyef wanta namoonni jedhan quba hin qaban. Kanaafu, beekumsa hin qaban.

Nabii Ibraahim abbaa isaatiin akkana akka jedhe Qur’aanni nuuf hima:

19:42

Yeroo inni abbaa isaatiin, “Yaa abbaa koo! Maaliif wanta hin dhageenye, hin arginee fi homaa sirraa deebisu hin dandeenye gabbartaa?” jedhe [yaadadhu].” Suuratu Mariyam 19:42

Namni akkamitti wanta hin dhageenye, hin argine fi miidhaaa isarraa hin deebisne akka gooftaati gabbaraa (waaqefataa)? Taabonni isaan gabbaran kunniin waan hin dhageenyef, hin argineef amala hanquu qabu. Rabbiin immoo wantoota hundaa waan dhagahuuf, waan arguu fi miidhaa namarraa deebisuu waan danda’uuf amaloota guutuu qaba. Kanaafu, gabbarriin (ibaadan) Isa qofaaf ta’uu qaba.

Ragaalee amaloota guutuu Rabbii agarsiisanitti yommuu deebinu, akkuma mul’atu uumamtoonni gariin amaloota gaarii qabu. Amaloonni kunniin Rabbii olta’aa irraayi. Amaloota kanniin Kan kenne Rabbiin erga ta’e, amaloota guutuun hunda caalaa kan ibsamu qabu Isa. Ofii guutuu waan ta’eef nama fedhe guutuu godha.

Amaloonni Rabbii guutuu ta’uu wantoota agarsiisan keessaa kan biraa fixraadha. Fixraah jechuun uumama qulqulluu uumamtoonni irratti uumamaniidha. Nafseen qulqulluun Rabbiin jaallachuu fi Isa ol guddiisuu irratti tan uumamtedha. Sila nafseen ni jaallatti, ni guddisti sifaanni Isaa guutuu ta’uu kan beekte malee?

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sifaata guutuu kanneen akka yeroo hundaa jiraachu, beekumsa, arguu, dhagahuu fi kan birootiin of wassafee (ibsee) jira. Ammas sifaata hanquu kanneen akka du’uu, muguu, rafuu, dagachuu, dogongoruu fi kan kana fakkaatan irraa of qulqulleesse jira. Kanaafu, maqaalee (asmaa’a) hundarra gaarii ta’an kan qabuu fi sifaata guutuu hanqinna wayitu hin qabneen kan ibsamu Rabbii Tokkicha. Maqaaleen Isaa hundi husnaa (baay’ee gaarii)dha. Sifaanni (amaloonni) Isaa hundi gugguutudha.

Gooftaan kee Gooftaan injifannaa waan isaan jedhaniin irraa qulqullaa’e. Nageenyis ergamtoota irra haa jiraatu. Faaruun hundi kan Allaah Gooftaa aalama hundaa ta’eeti.” Suuratu As-Saaffaat 37:180-182

Gooftaan kee Gooftaa abbaa humnaa fi jabeenyaa ta’e wanta daangaa darbitoonni Isaan jedhan irraa qulqullaa’e. Daangaa darbitoonni “ilma qaba” jedhan, Rabbiin ilma qabaachu irraa qulqullaa’e. Ammas sifaata (amaloota) hanquu isaan jedhan hundarra qulqullaa’e. Rabbiin amaloota hanquu irraa erga qulqullaa’e amaloota guutuun Kan ibsamuudha. Kanaafu, amaloota guutuu waan qabuuf kan dhugaan Faarfamu Rabbii Gooftaa aalama hundaa ta’eedha. Aalama jechuun wantoota uumaman hunda.


Kitaabban wabii
[1] Sharih al-aqiidatil Tadmuriyyah– Ibn Useymiin fuula 43, Al-Qawaa’idul Muslaa fi asmaa’illah wa sifaat– Ibn Useeymiin-fuula 9
[2] Sharih al-aqiidatil Tadmuriyyah- Ibn Useymiin-fuula 44
[3] Tafsiiru Sa’dii-fuula 590, Tafsiiru ibn Kasiir 5/292
[4] Al-Qawaa’idul Muslaa fii asmaa’illah wa sifaat- Ibn Useeymiin-fuula 27-28, Ta’aliiq alaa Al-Qawaa’idul Muslaa-fuula 59

Qajeelfamoota Bu'uuraa Asmaa'a wa Sifaata-Kutaa 3
Qajeelfamoota Bu'uuraa Asmaa'a Wa Sifaata-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply