Qajeelfamoota Bu’uuraa Asmaa’a wa Sifaata-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Qajeelfama Bu’uuraa 2ffaa-Maqaaleen sifaata of keessaa qabu
Aqiidaa Ahlu Sunnah wal jama’aa keessatti dhimmoota mirkanaa’an keessaa tokko maqaaleen Rabbii gaggaariin sifaata of keessatti hammachuudha. Maqaaleen hundi amaloota Rabbii of keessaa qabu. Akkuma beekamu amala jechuun wanta wanti tokko ittiin ibsamuudha. Fakkeenyaaf, namni tokko beekumsa yoo qabaate hayyuu ykn beekaa jennaan. Asitti hayyuun maqaadha. Namni kuni beekumsa qabaachun amala isaati. Ammas, nama rahmata namaaf godhu yoo nu qunname, inni nama rahmataati jenna. Rahmata qabaachun isaa kuni amala isaati.

Maqaaleen Rabbi (Subhaanahu wa ta’aalaa) a’aalama (agarsiistu) qofa osoo hin ta’in hiika fi amala of danda’e of keessaa qabu. A’alaama yommuu jennu maqaa dhuunfaa gara wanta tokko agarsiisudha. Maqaaleen Rabbii a’alaamas sifaatas. Maqaaleen Rabbii a’alaama yommuu jennu maqaaleen Isaa hundi gara Rabbii Tokkichaa akeeku. Fakkeenyaaf, Al-Hayy, Ar-Rahmaan, Al-Aliim, Al-Khaaliq, Al-Ghafuur, As-Salaam, As-Samii’u fi kan biroo gara Rabbii tokkicha akeeku. Hundi isaanitu maqaalee Isaati. Maqaaleen Rabbii sifaata yommuu jennu immoo maqaaleen Isaa hundi amaloota fi hiika mataa isaanii qabu. Fakkeenyaf, hiikni Al-Hayy fi Al-Aliim tokkoo miti. Al-Hayy- Jiraataa yommuu ta’uu, Al-Aliim immoo Beekaadha. Al-Hayy sifata (amala) jireenyaa of keessaa qaba. Al-Aliim amala beekumsaa of keessaa qaba.  

Maqaaleen Rabbii a’alaama fi sifaataa kan jenneef Qur’aanni waan agarsiisuufi:
﴾وَهُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ ﴿
Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha.” Suuratu Al-Ahqaaf 46:8

﴾وَرَبُّكَ ٱلۡغَفُورُ ذُو ٱلرَّحۡمَةِۖ ﴿
“Gooftaan keetis akkaan araaramaa, abbaa rahmataati.”
Suuratu Al-Kahf 18:58

Aayan lammataa Ar-Rahiim kan rahmataan ibsamu akka ta’e agarsiisti. Akka lugaatittiis yoo deemne, maqaan amala of keessaa qaba. Akka lugaatti, Kuni Beekaadha hin jedhamu beekumsa kan qabu yoo ta’e malee. Ammas, kuni dhagahaadha hin jedhamu dhageetti kan qabu yoo ta’e malee. Argaadha hin jedhamu argitu kan qabu yoo ta’e malee[1]. Namni jaamaan “argaadhaa (inni ni arga)” ni jedhamaa? Kanaafu, maqaaleen Rabbii hundi amaloota of keessaa qabu.[2] Rabbiin beekumsa waan qabuuf Beekaa (Al-Aliim) jechuun of waame. Uumamtootaf rahmata waan godhuuf Ar-Rahiim dha. Waan namootaaf araaramuuf Al-Ghafuur (Araaramaa) dha. Waan hundaa irratti dandeetti waan qabuuf Al-Qadiir (Danda’aa) dha. Waan hundaa waan uumuuf Inni Khaaliqa. Wantoota hundaa waan arguuf Al-Basiir (Argaa) dha. Sagalee hundaa waan dhagahuuf As-Samii’u (Dhagahaa) dha. Arshii ol olta’iinsa Isaaf maluu waan olta’ee fi sifaanni Isaa hundii guutuu fi ol’aanoo waan ta’aniif Inni Al-Aliyyu (Olta’aa) dha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

42:4

“Wanti samiwwan keessaa fi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaati. Inni Olta’aa, Guddaadha (Al-Aliyyu-l-Aziim)” Suuratu As-shuuraa 42:4

Qajeelfama Bu’uuraa 3ffaa-Asmaa’a wa sifaata Tawqiifiiyyah
Kana jechuun maqaalee fi sifaanni Rabbii hundi Qur’aana fi hadiisa sahiih ta’an irratti kan dhaabbatanii fi hundaa’aniidha. Maqaalee fi sifaata Isaa ilaalchise wanta Qur’aanaa fi hadiisa keessatti dhufe qofa irratti dhaabbachuun dirqama. Itti dabaluunis, irraa hir’isuunis hin ta’u. Imaamu Ahmad akkana jedha: “Eenyullee Rabbiin ibsuu hin danda’u wanta Inni ittiin of ibsee ykn Ergamaan Isaa ittiin Isa ibse malee. Qur’aanaa fi hadiisni irra hin darbaman.”

Kana jechuun Rabbiin kan itti ibsan (wassafan) sifaata Inni ittiin of ibseen ykn ergamaan Isaa ittiin Isa ibsee qofaani. Sifaanni kunniin Qur’aanaa fi hadiisa keessatti dhufanii jiru. Qur’aanaa fi hadiisan ala bahuun hin danda’amu. Sababni isaas, sammuun namaa maqaalee fi sifaata Rabbiif malu hunda bira gahee hubachuu hin danda’u. Rabbiin waan akkana jedheef wanta Qur’aanaa fi hadiisa keessatti dhufe irratti dhaabbachuun dirqama:

17:36

Waan beekumsaa isaa hin qabnees hin hordofin. Dhugumatti, dhageettin, argituu fi qalbiin, kuni hundinuu isa irraa gaafatamaa ta’eera.” Suuratu Al-Israa 17:36

Waan beekumsaa isaa hin qabnees hin hordofin.” Kana jechuun wanta hin beeknee fi si hin galchine hin hordofin, duuka hin bu’in. Kana irra, wanta dubbattuu fi hojjattu hunda mirkaneeffadhu. Wanti dubbattuu fi hojjattu hundi osoo sirratti hin qabamin ykn siif hin qabamiin akkanumatti waan badu sitti hin fakkaatin. “Dhugumatti, dhageettin, argituu fi qalbiin, kuni hundinuu isa irraa gaafatamaa ta’eera.” Kana jechuun dhageettin, argituu fi qalbiin wanta hojjataniif tokkoon tokkoon ni gaafatamu. Qalbiin wanta itti yaadde fi itti amante irraa ni gaafatamti, dhageettin wanta dhagahee irraa, argituun wanta argitee irraa ni gaafatamu[3].

Mushrikni (namni Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu (waaqefatu)) yaada haqaa fi sirrii ta’uu isaa hin beekne hordofa. Wanti inni Rabbiin alatti gabbaruu faayda isaaf fiduu ykn miidhaa isarraa deebisuu isaa hin beeku. Cal’iseetumaan, abbooti ykn maatii isaa akkeessa. Haala kanaan wanta beekumsa itti hin qabne hordofa.[4]

Haaluma kanaan, namni maqaalee fi sifaata Rabbiin ittiin of hin waamne fi hin ibsineen Isa waamu fi ibsu, wanta beekumsa itti hin qabne hordofaa jira. Akkasumas, namni maqaalee fi sifaata Rabbiin ittiin of waamee fi ibse, “Lakki, kuni Rabbiif hin malu” jechuun maqaalee fi sifaata Qur’aana fi hadiisa keessatti mirkanaa’an hin fudhanne, wanta beekumsa irratti hin qabne hordofaa jira. Kanaafu, wanta amaneef, wanta dubbatee fi hojjateef ni gaafatama. Kanaafi, Yahuudonni amaloota hanquun yommuu Rabbii guddaa ibsan, abaarsi fi adabbiin cimaan isaaniif ta’e.

“Dhugumatti Rabbiin jecha warra, “Rabbiin hiyyeessa, nuti dureeyyidha.” jedhanii dhagahee jira. Waan isaan jedhanii fi ajjeechaa isaan Nabiyyoota irratti haqaan ala raawwatan ni barreessina. “Adabbii [ibidda] gubaas dhandhamaa” isaaniin jenna. Suni sababa waan harki keessan dabarfatee fi Rabbiinis gabroota kan hin miine ta’uu isaatiini.” Suuratu Aali-Imraan 3:181-182

“Suni sababa waan harki keessan dabarfatee fi Rabbiinis gabroota kan hin miine ta’uu isaatiini.” Kana jechuun azaaba (adabbii) cimaan isinitti bu’e suni sababa isin addunyaa keessatti wanta badaa hojjattanii fi dubbattaniifi. Ammas, sababa Rabbiin gabroota Isaa kan hin miine ta’eefi. Rabbiin gonkuma isin hin miine. Garuu sababa waan badaa dubbattanii fi hojjattaniif adabbii ibiddaa garmalee nama gubuu kana dhandhamtu. Wanti garmaleen badaan isin dubbattan, Rabbiin irratti jecha fokkuu dubbachudha. Wanti badaan isin hojjattan, nabiyyoota haqa malee ajjeesudha.

Kanaafu, Rabbiin kan waamanii fi ibsan maqaalee fi sifaata Qur’aana fi hadiisa keessatti dhufaniini. Qur’aanaa fi hadiisan ala bahuun wanta hin taane Isa irratti dubbachuun yakka guddaa adabbi cimaatti nama geessudha.

Qajeelfama Bu’uuraa 4ffaa: Sifaanni asmaa’a (maqaalee) caalaa bal’aadha
Sifaanni (amaloonni) Rabbii maqaalee Isaa caalaa bal’aadha. Sababni isaas, sifaata Isaa keessaa kan hojii Rabbiitiin wal qabatantu jiru. Akkuma dubbii Isaa hojiin Isaas daangaa fi dhuma hin qabu. Maqaaleen Isaa hundi sifaata (amaloota) kan of keessaa qabaniidha. Garuu sifaanni hundi maqaa Rabbii ta’uu hin danda’an. Kana jechuun sifaata ykn hojii Isaa hunda irraa maqaan Rabbii hin baafamu. Fakkeenyaf, Rabbiin kaafirota fi faasiqota irratti ni dallana. Dallansun sifata Isaati. Asitti maqaan “dallansu (ghadaba)” irraa baafamuun, Rabbiin Ghadbaan (Dallanaa) dha hin jedhamu[5]. Ammas, sifaata Rabbii keessaa dhufaati, qabuu fi kan birooti. Akkuma Rabbiin Qur’aana keessatti jedhe:

89:22

“[Yeroo] Gooftaan kee dhufee fi malaykoonnis hiriira hiriiran”  Suuratu Al-Fajr 89:22

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota jidduutti murteessuf Guyyaa Qiyaamaa ni dhufa.

﴾كَدَأْبِ آلِ فِرْعَوْنَ وَالَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ ۚ كَذَّبُوا بِآيَاتِنَا فَأَخَذَهُمُ اللَّهُ بِذُنُوبِهِمْ ۗ وَاللَّهُ شَدِيدُ الْعِقَابِ ﴿

“[Aadaan isaanii] akka aadaa namoota Fira’awnaa fi warra isaan dura turaniiti. Keeyyattoota Keenya ni kijibsiisan, Rabbiinis badii isaanitiin isaan qabe. Rabbiinis abbaa adabbii cimaati.” Suuratu Aali-Imraan 3:11

 Sifaata kanniin akkuma Qur’aana keessatti dhufanitti Rabbiin ittiin wassafna (ibsinaa) malee maqaa gochuun ittiin Isa hin waamnu. Akkana jechuu hin dandeenyu: maqaa Rabbii keessaa, Al-Jaa’i (Dhufaa), Al-Aakhiz (Qabaa) fi kkf[6].


Kitaabban wabii
[1] Ta’aliiq alaa Al-Qawaa’idul Muslaa- – fuula 25
[2] Sifaatu ilaahiyyati -fuula 17
[3] Tafsiiru Qurxubii-13/80,  Tafsiiru Sa’diyy-532
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur 9/619, Abdurahmaan Hasan Habanka
[5] Ta’aliiq alaa Al-Qawaa’idul Muslaa- fuula 41
[6] Madda olii-66-67

Qajeelfamoota Bu'uuraa Asmaa'a wa Sifaata-Kutaa 4
Qajeelfamoota Bu'uuraa Asmaa'a wa Sifaata-Kutaa 2
Offline dubbisuf
Kana Raabsi

Leave a Reply