Qajeelfamoota Bu’uuraa Asmaa’a wa Sifaata-Kutaa 4

Offline dubbisuf

Qajeelfama Bu’uuraa 5ffaa: Sifaanni Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) bakka lamatti qoodamu: Subuutiyyah fi Salbiyyah
Sifaata subuutiyyah jechuun sifaata (amaloota) gugguutuu Rabbiin kitaaba Isaa keessatti yookiin arraba Ergamaa Isaa (SAW) irratti mirkaneessedha. Sifaanni kunniin gara hundaan guutuu kan ta’anii fi hanqinna wayitu kan of keessaa hin qabneedha. Kanneen akka jireenyaa, beekumsa, dandeetti, Arshii ol olta’uu, gara samii gadii aantutti bu’uu, Fuula, harka lamaanii fi kan biroo. Ragaa shari’aa fi sammuutiin akkaata Isaaf maluun sifaata kanniin Rabbiif mirkaneessun waajiba (dirqama).

Ragaa shari’aa keessaa jecha Rabbii olta’aa dhiyeessun ni danda’ama:

“Yaa warra amantan! Rabbitti, Ergamaa Isaatti, kitaaba Ergamaa Isaa irratti buusettii fi kitaaba san dura buusetti amanaa. Namni Rabbitti, Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti fi Guyyaa Aakhiraatti kafare, dhugumatti jallinna fagoo jallatee jira.” Suuratu An-Nisaa 4:136

Rabbiitti amanuun sifaata Isaatti amanuu of keessatti hammata.
Kitaaba Ergamaa Isaa irratti buusetti amanuun sifaata Rabbii isa keessatti dhufee guututti amanuu of keessaa qaba.
Ergamaa Isaatti amanuun wanta Ergamaan Rabbiin irraa beeksiseetti amanuu of keessaa qaba.

Ragaan sammuu immoo:
Rabbiin sifaata ofii kan beeksisee waan ta’eef, hunda caalaa sifaata ofii kan beekudha; hunda caalaa dhugaa kan dubbatuu fi haasawaanis hundarra kan caaludha. Kanaafu, akkuma Inni beeksiseetti shakkii tokko malee mirkaneessun dirqama. Odeefannoo keessatti shakkiin kan uumama sababoota sadii keessaa tokkooni: wallaalummaa, kijiba, odeefannoo san sirnaan ibsuu dadhabuu. Hanqinni sadan kunniin Rabbiif gonkumaa kan hin malleedha. Rabbiin waan hundaa beekadha, gonkumaa wallaalummaan, dagachuu fi dogongoruun Isa hin qunnamu. Inni eenyun caalaa dhugaa kan dubbatuudha. Hunda caalaa dubbii Ofii kan ibsuudha. Kanaafu, akkuma Inni beeksisetti odeefannoo Isarraa dhufee fudhachuun dirqama.

Wanti Nabiyyiin Rabbiin irraa beeksisees akkuma kana. Sababni isaas, Nabiyyiin namoota hundaa caalaa waa’ee Gooftaa isaa kan beekudha. Hunda caalaa dhugaa kan dubbatuudha, hunda caalaa dhugaadhaan namoota gorsa, namoota hunda caalaas dubbii ibsa. Kanaafu, akkuma inni beeksisetti fudhachuun ni barbaachisa.

Sifaata salbiyyah jechuun wanta Rabbiin (subhaanahu) kitaaba Isaa yookiin arraba Ergamaa Isaa irratti Ofirraa dhabamsiiseedha. Sifaanni salbiyyah hundi Rabbiif sifaata hir’uu ykn hanquu ta’aniidha. Kanneen akka du’uu,  rafuu, wallaalummaa, dagachuu, dadhabbii fi kkf sifaata (amaloota) hir’uu ta’aniidha. Faallaa isaanii mirkaneessu waliin sifaata hir’uu kanniin Rabbiin irraa dhabamsiisuun dirqama. Kana jechuun faallaan sifaata hir’uu guutuu akka ta’an amanuun sifaanni hir’uun kunniin Rabbiif akka hin malle mirkaneessu fi amanuudha. Fakkeenyaf, faallaan du’uu jireenya. Jireenyi sifata guutuu Rabbiif maluudha. Duuti immoo sifata hir’uu Rabbiif hin malleedha.

Qajeelfama Bu’uuraa 6ffaa: Wanti Rabbiin Ofirraa dhabamsiisee faallaan isaa guutuudha
Qajeelfamni bu’uuraa kuni qajeelfama bu’uura 5ffaa keessatti sifaata salbiyyah irraa kan itti fufeedha. Dubbistoonni gariin “Dhabamsiisuun” maali jechuun dhama’u danda’u.  “Dhabamsiisuu” jechuun “sifni (amalli) kuni isaaf hin malu ykn inni amala akkanaa hin qabu” jechuun mirkaneessudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala sifaata hir’uu kan ofirraa dhabamsiisuuf, dhabamsiisuu qofaaf osoo hin ta’in, faallan sifaata hir’uu kanaa guutuu akka ta’e ibsuufi. Yoo wanta guutummaa agarsiisuu of keessaa hin qabaatin dhabamsiisuun qofti guutuu hin ta’u.  Sababni isaas, dhabamsiisuun wanta hin jirre ta’a.  Wanti hin jirre immoo homaayyu miti.  

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti karaa adda addaatin amaloota hir’uu ofirraa dhabamsiisa. Amaloonni hir’uu kunniin faallaan isaanii guutuudha. Akka fakkeenyaatti mee Aayaata muraasa mee haa ilaallu:
﴾ وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱلۡحَيِّ ٱلَّذِي لَا يَمُوتُ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِهِۦۚ﴿

“[Yeroo hundaa] Jiraataa gonkumaa hin duune irratti hirkadhu. Faaruu Isaatiniis Isa [faarsii] qulqulleessi.” suuratu Al-Furqaan 25:58
Jireenyi Isaa guutuu waan ta’eef du’a ofirraa dhabamsiise. Faallaan du’aa jireenya.

Gooftaan kee eenyunillee hin zollomu (hin miidhu)” (Suuratu Al-Kahf 18:49)
Adlin (Haqummaan) Isaa guutuu waan ta’eef zulmii (miidhaa) ofirraa dhabamsiise

Rabbiin samii keessattii fi dachii keessatti wanti Isa dadhabsiisuu tokkollee hin jiru. Dhugumatti Inni Beekaa, Danda’aa ta’eera.” Suuratu Al-Faaxir 35:44
Beekumsi fi Dandeettin Isaa guutuu waan ta’eef dadhabbinna ofirraa dhabamsiise. Sababni dadhabbinnaa takkaa sababoota wanta san ittiin hojjatan wallaalu takkaa immoo dandeetti dhabuudha. Beekumsi fi Dandeettin Rabbii guutuu waan ta’eef samii fi dachii keessatti wanti Isa dadhabsiisu tokkollee hin jiru.

Ammas suurah biraa keessatti akkana jedha:

Dhugumatti samii fi dachii akkasumas wantoota isaan lamaan jidduu jiran guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbiin homaatu Nu hin tuqne.” Suuratu Qaaf 50:38
Dandeetti fi Humni Isaa guutuu waan ta’eef dadhabbinna ofirraa dhabamsiise.

Ammas Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaa fi niiti qabaachu ofirraa dhabamsiisa:

19:35

“Rabbiif ilma taasifachuun hin malu. Inni qulqullaa’e. Dhimma tokko yoo murteesse, “Ta’i” isaan jechuu qofa, wanti sunis yoosu ta’a.” Suuratu Mariyam 19:35

Durummaan Isaa guutuu waan ta’eef ilma qabaachun Isaaf hin malu. Namni ilma kan barbaaduuf dadhabaa waan ta’ee fi gara hundaan dureessa waan hin taanefi. Yeroo dullummaa akka isaa gargaaru fi sanyiin isaa itti fuftuuf ilmatti hajama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta hundarraa dureessa waan ta’eef homattu hin hajamu. Dureessa jechuun kan homattu hin hajamnedha. Inni yeroo hundaa dandeetti guutuu waan qabuuf gonkumaa hin dadhabu. Kanaafu, ilmatti hin hajamu. Ammas, Inni Tokkicha sanyii hin qabneedha. Yeroo hundaa Jiraataa hin duunedha. Kanaafu, gonkumaa ilmatti hin hajamu.
Kanarraa ka’uun sifaanni salbiyyah (hanquu) faallaan isaanii guutuu akka ta’an ni beekna. 

Hubachiisa: Sifaanni subuutiyyah sifaata guutuu fi faaruu waan ta’aniif Qur’aanaa fi sunnah keessatti garmalee baay’eedha. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala sifaata hanquu caalaa sifaata guutuu baay’isee dubbate. Yeroo baay’ee sifaanni hanquun haala sadii armaan gadii keessatti dubbatamu:

1ffaa-Guutummaa Isaa ibsuuf
Akka fakkeenyaatti Qur’aana keessatti:
Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru.”  (Suuratu Ash-Shuura 42:11)
“Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.” (Suuratu Al-Ikhlaas 114:4)

2ffaa– Wanta kijibdoonni odeessan diiguu fi kijiba akka ta’e mirkaneessuf. Akka fakkeenyaatti Qur’aana keessatti ni jedha:

19:92

Rahmaan ilma godhachuun gonkumaa Isaaf hin malu” Suuratu Mariyam 19:92

3ffaa-Dhimma addaatiin wanta wal qabatee ilaalchise yaada sobaa deemsiisuuf:
Qur’aana keessatti:

38:27

Samii, dachii fi wantoota giddu lamaan isaanii jiran taphaaf hin uumne. Sun hubannoo warra kafaraniiti. Warra kafaraniif ibidda irraa laga hamaa ta’etu isaanif jira.” Suuratu saad 38:27

Warroonni kafaran samiin, dachii fi wantoonni isaan lamaan jidduu jiran taphumaaf ykn faayda tokko malee akka uumaman godhanii yaadu. Sababni isaas, addunyaa tana malee Guyyaa Qiyaamaa lamuu kaafamun hin jiru jedhanii waan amananiif. Kuni Rabbii ogeessa fi beekaa ta’eef gonkumaa hin malu. Kanaafu, samii, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiran taphaaf kan uume osoo hin ta’in, namoonni beekumsi fi dandeettiin Isaa guutuu akka ta’ee akka beekaniifi. Ergasi Isa qofa akka gabbaraniifi. Guyyaa Qiyaamaa immoo jazaa isaaniif kafala.

Qajeelfama Bu’uuraa 7ffaa: Sifaanni subuutiyyah (guutuu ta’an) bakka lamatti qoodamu: Zaatiyyah fi Fi’iliyyah
1ffaa-Sifaanni Zaatiyyah- sifaata Zaata Rabbii Olta’aa irraa gonkumaa addaan hin baanedha. Yookiin Sifaata Zaata Isaatiin wal-qabataniidha. Kanneen akka beekumsa, dandeetti, dhageetti, arguu, jabeenya, ogummaa (hikmaa), olta’uu, guddinna, Fuula, Harka lamaan, Ija lamaan. Sifaanni kunniin sifaata Rabbii Olta’aa amaloota makhluuqaatin wal hin fakkaannedha. Qur’aanaa keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa harka lama akka qabuu ni mirkaneessa. (Ilaali suuratu Al-Maa’idah 5:64) Garuu harki Isaa akka harka uumamtootati miti. Sababni isaas, “Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru.”  (Suuratu Ash-Shuura 42:11) Inni Harka lama addaa Isaaf malu qaba. (Waa’ee kanaa bal’innaan kitaabban ahli Sunnah irraa sharih aqiidatu Xahaawiyyah fi Sharihu aqiidatu al-waasixiyyah ilaalun ni danda’ama.)

2ffaa- Sifaatu Fi’iliyyah– sifaata fedhii Isaatiin wal-qabataniidha. Yoo fedhe ni hojjata, yoo hin fedhin hin hojjatu. Kanneen akka Guyyaa Qiyaamaa dhufuu, gara samii gadi aantutti bu’uu, dallanuu, jaallachu.

Garaagarummaan sifaata Zaatiyyah fi Fi’illah jidduu jiru: Sifaanni Zaatiyyah sifaata fedhiin wal hin qabanneedha. Sifaanni Fi’iliyyah immoo fedhii Isaatiin kan wal-qabataniidha. Garaagarummaan isaanii ifa: Jireenyi sifata Zaatiyyaati, fedhiin kan wal hin qabanneedha. Zaanni Rabbii jireenya irraa gonkumaa adda hin bahu. “Inni yoo fedhe jiraatadha” hin jettu. Akkasumas, yoo fedhe ni beeka, ykn yommuu fedhetti abbaa jabeenyati” hin jedhamu. Sifaanni kuni hundi sifaata Zaata Isaatiif barbaachisaniidha.

Sifaanni fi’iliyyah sifaata filannoo ykn hojiwwan filannoo jedhamuunis ni waamamu. Kunniin fedhii Isaatiin kanneen wal qabataniidha. Fakkeenyaf, bu’uu (nuzuul). Akkana jechuu ni dandeessa: “Yeroo fedhetti Rabbiin ni bu’a.”[1]

Guduunfaa
☝Walumaagalatti sifaanni bakka lama gurguddaatti qoodamu:
1ffaa-Sifaata Subuutiyyah– kuni sifaata guutuu Rabbiin mirkaneessedha. Kanneen akka jireenyaa, beekumsa, dandeetti, ogummaa (hikmaa), araaramu, rahmata, Arshii ol olta’uu, guddinna, durummaa, Tokkichummaa, uumuu fi kanneen biroo.
✏2ffaa-sifaata salbiyyah-kunniin sifaata hanquu ta’an Rabbiin ofirraa dhabamsiisedha. Kanneen akka du’uu, rafuu, muguu, dadhabuu, ilma qabaachu, tapha, wallaalummaa, dagachuu, dogongoruu fi kanneen biroo. Amaloonni kunniin hundi Rabbiif hin malan.
✏“Dhabamsiisuu” jechuun “sifni (amalli) kuni isaaf hin malu ykn inni amala akkanaa hin qabu” jechuun mirkaneessudha.
✏ Alhamdulillah yommuu jennu sifaata subuutiyyan (guutuun) hundi kan Isaa waan ta’eef, “Faarun hundi kan Rabbiiti” jechaa jirra. Subhaanallah yommuu jennu sifaanni salbiyyah Isaaf kan hin mallee waan ta’aniif “Rabbiin sifaata hanquu ykn hir’uu irraa qulqullaa’e” jechaa jirra. Kanaafu, sifaata subuutiyyah “Alhamdulillah” jechuun mirkaneessina. Sifaata salbiyyah immoo subhaanallah jechuun dhabamsiisna.
☝Sifaanni hir’uun Rabbiin ofirraa dhabamsiise faallaan isaanii guutuudha. Kanaafi, sifaanni Isaa hundii guutuu akka ta’an ibsuuf sifaanni hir’uun Isaaf akka hin malle beeksise. Haqummaan (Adliin) Isaa guutuu waan ta’eef zulmii ofirraa dhabamsiise. Jireenyi Isaa guutuu waan taateef du’uu, rafuu fi muguu ofirraa dhabamsiise.
☝ Inni Dureessa homattu hin hajamne, Yeroo hundaa Jiraataa, Waan hundaa irratti Danda’aa, Tokkicha fakkaataa hin qabne waan ta’eef ilmi akka Isaaf hin malle irra deddeebi’uun mirkaneesse. Mee itti xinxalli, ilma godhachuun sifaata (amaloota) kana hunda faallessa: Durummaa, yeroo hundaa jiraachuu, waan hundaa irratti danda’aa ta’uu, Tokkicha fakkaata hin qabne ta’uu. Namni hiyyeessa waan ta’eef ilma barbaada. Yeroo hundaa waan hin jiraanneef sanyiin isaa akka itti fuftuuf ilma argachuu kajeela. Dadhabaa waan ta’eef yeroo dullummaa akka isa gargaaruf ilmatti hajama. Ilmi yoo dhalate abbaa fakkaata. Rabbiin hanqinna kanniin hundarra qulqulluudha. Namoonni “Gooftaan ilma qaba” jedhan hanqinna kana hundaan Isa ibsaa jiru. Subhaanallahi ammaa yasifuun (wanta isaan ittiin Isa ibsan irra Rabbiin qulqullaa’e)!!!


Kitaabban wabii
[1] Ta’aliiq alaa Al-Qawaa’idul Muslaa-  fuula 69-78
Sifaatu ilaahiyyati -fuula 57-66

Qajeelfama Bu'uuraa Asmaa'a wa Sifaata-Kutaa 5
Qajeelfamoota Bu'uuraa Asmaa'a wa Sifaata-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply